Turullee Dhugatu Mo'ata
11.5K subscribers
529 photos
141 videos
118 files
431 links
Sobni miseensa guddaa qabaatuun yeroo dheerefatun ni malaa, garuu dhugaa hinjifatuu ammoo gonkumaa hin danda'u.
Download Telegram
#Rabbiin_faayaa_Iimaanaa kan Firdoosiin ittiin dhaaltan isin haa uffisuu.

#Godina_Arsii_Lixaa  #Magaalaa_Nageellee_Arsii, #Ganda_Basaquu_Ilaalaatti, Sagantaa guddaa Guyyaa 03/02/2024  amantiilee jiran hunda affeeruun gegeeffamaa oole irratti, worroonni Islaamumman ala jiran affeeramanii, kan Rabbiin laaffiseef haqa qabatee, ka hin fedhu jedhu dheefaaf karaa qabatuun, worroonni duraan ofi dhaadan hundi, dhadhaa ibidda bu'e nurraa ta'anii jiruu, nullee diin keennaan mataa ol nuqabachiiftan jirtuu jechuun gammachuu, uffata kennaa argitan kana manatti naaf fidanii jiruu. Hundi nama qalbiin nagaha si qabduu, Rabbiin isaan irraa haa jaalatu jedhii, du'aa'ii itti naaf roobsi. Hunda hawaasa keenna kan  haqa qabatee, geessuu dadhabaaf woliin dhama'aa jiru, Rabbiin tola isaatiin nuuf haa dammaqsuu. Amiiiin.

https://t.me/Xaaliburidallah
#Harbaa_Qeerransaa

#Godina_Arsii_Lixaa, Magaalaa #Harbaa_Qeerransaa, ganda burqaa #Aaliimmaanii (kan akka Shek #Habiib_Leencaa) fi Haafizoota kitaaba Rabbii tan taatetti, guyyaa kaleessaa 01/06/2016tti sagantaan guddaan, #Seeraa_Rabbiitii fi #sunnaa_ergamaa_Rabbii qabachuu jedhuun karoorfame, haala bareedaan gegeeffamaa oole jira. Hawaasa keenna Rabbiin eddoo jirutti diinii fi duniyaan isaan nuuf haa qananiisuu. Amiiiin.

https://t.me/Xaaliburidallah
#Yuunivarsitii_Madda_Walabuu.

Akkanatuu isiniin mala, hojii akkanaattu isin irraa toaa.
#Daacheen_seena_qabduu, yoomuu seenaa ofii haarawoomsuu hin dadhabduu.
#Barattoonni_Yuunivarsiitii #Madda_Walabuu, sagantaa da'waa fi leenjii guyyaa kaleessaa (02/06/2016) Salaata Magriibaa booda eegalan guyyaa har'aa guutuu leenjii haalaa namatti toluu fi hedduu nama gammachiisun itti fufanii ooluun (03/06/2016) , salaata Ishaa'ii booda nagahaan goolabuun, carraa bara kana Yuunivarsiitiin biroo hin arganne argachuu danda'anii jiruu.  Akkanatuu sirraa tolaa fi dubbii akkanaattu siin malaan akkana kaa kunoo. Rabbiin qananii ganda lameeniitiin isaan haa qananiisuu. Amiiiin.

https://t.me/Xaaliburidallah
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
#Namni_Rabbiin_hin_beekne, #waan_haasawuu_hin_beekuu‼️
#Abdoon_Murtaddiin, wanti fakkeessuu guutuun gatii baasuufii didnaan, Nabiyyii Rabbii kan ofii Waaqaa jedhee lallabaa ture, amma garagalchee ittiin waan liqimsu yoo argadhe, inni waan fedhee haa ta'u jechuu eegalee jiraa. #Sammuun_Rabbii #tokkicha_hin_beekne, waan dubbaatuu qabduu fi dhiiftuu hin beektuu. Tuun tanaa tuun ganaa. Inshaa Allah

https://t.me/Xaaliburidallah
#Ulfinni_duniyaa_fi #aakeratille_sanyii_keessan haa dhaqabdu.
Guyyaa har'aa "የኢየሱስ እውነተኛ የተሰወረ ማንነት" kitaaba jedhu, #magaalaa #Diillaa irratti, eddoo keessummaan kabajaa Ustaaz #Shu'eeybii (Finfinnee irraa), Ustaaz #Muhaammad (Shaashamannee irraa) fi Ustaaz #Xaahir (Bulee Horaa irraa) argamanitti eebbisiifnee, faaruun kan Rabbiitii nagaha gallee jirraa. Alhamdulillaah
#Hawaasa_Muslimaa #Diillaa (keessattuu Dargaggoota), ustaazonni kiyyiin qaaliin maqaan keessan dhahame, galata keessan Rabbiin Firdoosiin haa taasisuu.
"የኢየሱስ እውነተኛ የተሰወረ ማንነት" የተሰኘው መጽሃፍ የክብር እንግዶች ኡስታዝ #ሹኤይቢ (ከፊንፊኔ)፣ ኡስታዝ #ሙሀመድ (ከሻሸመኔ) እና ኡስታዝ #ጧሂር (ከቡሌ ሆራ) በተገኙበት ዛሬ ተመርቋል። ምስጋና ለአላህ ይገባው።  አልሀምዱሊላህ
#የዲላ_ሙስሊም_ማህበረሰብ (በተለይ ወጣቶች) እና ስማችሁ ከዚህ በላይ የተጠቀሰ ውድ ዑስታዞቼ አላህ ምንደችሁን በገነት ይክፈላችሁ።

https://t.me/Xaaliburidallah