Turullee Dhugatu Mo'ata
11K subscribers
514 photos
129 videos
110 files
414 links
Sobni miseensa guddaa qabaatuun yeroo dheerefatun ni malaa, garuu dhugaa hinjifatuu ammoo gonkumaa hin danda'u.
Download Telegram
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #7ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Hojii #manaa
👇👇👇

Ragaa Wangeela Yohannis 7: 28 dubbisuun, gaafii itti aanee dhufuuf, deebii sirrii ta'e filadhuu deebisi.
🍇🍇🍇🍇🍇🍇

Yohannis 7: 28
" Isa irratti #Yesus utuu mana qulqullummaa keessatti barsiisuu sagalee isaa ol fudhatee, "Dhuguma ana beektu, #nama eessaa akkan ta'es in beektu. #Ofiin #hin #dhufne, #inni #ana #erge #jira; inni amanamaa dha, #isin immoo isa #hin #beektan."

Gaafii 👇👇👇
Akka Wangeela Yohannis 7: 28 keessatti dubbatametti, hima kamtuu sirriidha?
A. Yesuus nama ta’uu fi eddoon inni irraa dhufellee beekkama ta'uu (namni osoma beeku akka waan wollaale Yesuusiin Waaqa jechuuf akka toluuf samii bu'e jedhee akka olola haasawaa jiran).
B. Yesuus Waaqatu erge malee ofiin akka hin dhufin ibsamee jiraachu.
C.Hedduun ilma namaa Waaqa gabbarama dhugaa ta'e akka hin beekne (fkn Yesuusiin Waaqa worri jedhu hundi worroota Rabbiin hin beekne ta'uu ibsa).
D. Hunduu sirriidha.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Hedduun worri ufiif nama biroo jeequu (Yesus Gooftaa jedhee) maalumma Yesuus qajeelatti hin beekuu. Gabaabinnaan, akka dubbii Wangeela kanaatti qabxii ijoo sadi(3) hubanna;

1ffaa- Yesuus Israa'el keessatti dhalatee, Israa'el qofaaf ergamuun ilma nama kamiifuu ifa ta'uu, garuu hundi worroonni Kiristaanaa akka waan wollaalee, haqa fudhachuu diduuf Yesuus waaqaa irraa dhufe jechuu isaanii.

2ffaa- Yesuus akka Waaqni ergee fi kan ufiin hin dhufne ta'uu osoo ifatti beekan, worroonni haqa Rabbii dhoksuu barate, Yesuus ergamaa Waaqaati jechuu diddaaf haqa kana dhoksaa akka jiran.

3ffaa- Worroonni Waaqa hin beekne hedduun ilma namaa keessa akka jiran, mallattoon isaanii ammoo ilma namaatii fi Nabiyyii Rabbii kan ta'e Yesuusiin Waaqa jechuu isaanii hubannaa jechuudha.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Worroota #Amanti Kiristaanaatiif;
1 #Tasaloniiqee 5:21
" Garuu waan hundumaa qoraa, #isa #gaarii #jabeessaatii #qabadhaa! "
1ኛ ወደ ተሰሎንቄ ሰዎች 5:21 ሁሉን ፈትኑ #መልካሙንም #ያዙ👆👆👆dhaamsa jedhu isinii dhaamaa.

hawaasni keenna ammoo, "#sababa #keetiin #namni "tokko "qajeeluun, #gaala #diddiimaa #karaa #Rabbii #keessatti #kennatu #siif #caala, ka Nabiyyiin Rabbii (nagahaa fi Rahmanni Rabbii isaan irratti haa jiraatu), jedhanii Aliyyiif dhaaman siif dhaama. Sheer taasisuun sin kafalchiisu, lammiiwwan keenna beektu hundaa ergii, toltuu guyyaa boruutti si fayyaddu guduunfadhu.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Gaafii fi yaada baruumsa kana irratti qabdan kamuu, eddoo #'leave a comment' jedhu tuquun bareessuu hin dagatinaa.
Namoonni miseensa asiin dura hin ta'in, baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii  asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa 👇

https://t.me/Xaaliburidallah
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #28ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Hojii #manaa
👇👇👇

Ragaa #Yohannis 12:47-48 dubbisuun, gaafii itti aanee dhufuuf, deebii sirrii ta'e filadhuu deebisi.
🍇🍇🍇🍇🍇🍇

#Yohannis 12:47-48
Namni dubbii koo dhaga'ee yoo eeguu dhaabaate, #ani #isatti #hin #faradu; ani biyya lafaa oolchuudhaaf malee, #itti #faraduudhaaf #hin #dhufne. Nama ana tuffatee, dubbii koo fudhachuu diddetti #kan #faradu #jira; dubbii ani dubbadhetu guyyaa isa dhumaatti isatti farada.
ዓለምን ላድን እንጂ #በዓለም #ልፈርድ #አልመጣሁምና ቃሌን ሰምቶ የማይጠብቀው ቢኖር #የምፈርድበት #እኔ #አይደለሁም። የሚጥለኝ ቃሌንም የማይቀበለው እርሱ #የሚፈርድበት #አለው፤ እኔ የተናገርሁት ቃል እርሱ በመጨረሻው ቀን ይፈርድበታል።

Gafii 👇👇👇
Akka ragaa #Yohannis 12:47-48 keessatti dubbatametti, hima kamtuu sirriidha?
A. Yesuus namni dubbii koo dhaga'ee yoo eeguu dhaabaate, ani isatti ni faradaa jedhe.
B. Yesuus ani biyya lafaa oolchuudhaaf malee, itti faraduudhaaf hin dhufnee jedhe.
C.Yesuus nama ana tuffatee, dubbii koo fudhachuu diddetti kan itti faradu anaa jedhe.
D. Yesuus ani aangoo waan qabuuf, aangoo kiyyatu guyyaa isa dhumaatti nama dubbii koo fudhachuu diddetti faradaa jedhe.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Worroonni Amantii Kiristaanaa mee waan sammuu keessaa qabdanii fi raga kana wol bira qabaa laalaa.

hawaasni keenna ammoo, worroota Amantii Islaamummaatiin ala jiran, ka dhugaa kitaabuma isaanii keessatti argamtu hubatuu dadhaban, ragaawwan asii olii kana biraan gahaa, haqa jiru hubachiisaa.

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaa #Yohannis 12:47-48 irraa argannu;

1ffaa- Yesuus gaheen isaa ergaa Rabbii qofa geessuu waan ta'eef, nama dubbii isaa dhagahee fudhachuu didellee ka itti faradu isa akka hin taane (#Rabbiin akka ta'e) ifatti mirkaneesse (#namni dubbii koo dhaga'ee yoo eeguu dhaabaate, #ani #isatti #hin #faradu yeroo jedhu). Kana jechuun gabaabinnaan, ka ajaja Nabiyyii Rabbii fudhatee tokkichummaa Rabbii ragee fi ka fedhii lubbuu fi Sheeyxaana faanaa bahee, Yesuusiin waaqa yookaa ilma Waaqaa jedhu ka itti faradu Rabbiin qofa akka ta'e nuuf ibsa.

2ffaa- Yesuus karaa dhugaatii fi karaa jallinnaa adda baasee barsiisuu qofaaf akka Rabbiin isa ergate adda baasee dubbate (#biyya #lafaa #oolchuudhaaf malee, #itti #faraduudhaaf #hin #dhufne yeroo jedhu). Kun ammoo maal mirkaneessa yoo jedhame? Yesuus aangoo ati amante jedhee jireenna bara baraa namaa kennuu yookaa ati karaa dhugaa irraa gorte jedhee nama tokko qixaaxuu akka hin qabne mirkaneessa. Kana jechuun, aangoo nama Rabbiin isa filatee ergaa Rabbii geessu malee qaama aangoo qabaatee nama irratti murtee sirrii yookaa sirrii miti jedhee kennu akka hin taane hubannaa jechuudha.

3ffaa- Waan Yesuus dubbate nama fudhachuu dide kan itti faradu, dubbii inni dubbatu jechuun, seera Rabbii kan inni ajaja Rabbiitiin fidee ummata sanitti dubbate santu, guyyaa Qiyaamaa isaanitti ragaa bahaa jechuudha (#dubbii #ani #dubbadhetu #guyyaa #isa #dhumaatti isatti #farada yeroo jedhu).

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Gaafii fi yaada baruumsa kana irratti qabdan kamuu, eddoo #'leave a comment' jedhu tuquun bareessuu hin dagatinaa.
Namoonni miseensa asiin dura hin ta'in, baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa 👇

https://t.me/Xaalibu6504
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #36ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Gilgaala: Hubannoo duraan sammuu keessaa qabnuu fi ragaawwan dubbisnu wol bira qabuun, kallattii dhugaa ittiin madaallu:

Yesuus hojii mataa isaa yookaa waan karoora isaatiin baafate hojjataa ture moo, waan Rabbiin itti isa ajaje qofa hojjataa ture laata beektuu? Hima kamtuu, Yesuus akka hojii karoora mataa isaatiin baase akka hojjataa ture agarsiisa?

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

A. #Yohannis 8:29 “Inni #ana #erge #anaa #wajjin #jira; #ani yeroo #hundumaa kan #isa #gammachiisu waan #ani #hojjedhuuf, #inni #kophaatti #ana #hin #dhiifne" isaaniin jedhe.” #የዮሐንስ ወንጌል 8:29 #የላከኝም #ከእኔ #ጋር ነው፤ እኔ ደስ የሚያሰኘውን ዘወትር አደርጋለሁና #አብ #ብቻዬን #አይተወኝም አላቸው።

B. #Yohannis 5:36 “Isa Yohannis cuuphaan dhugaa ba'e irra caalaa kan dhugaa anaaf ba'u qaba; #hojiin #abbaan #koo akkan raawwadhuuf dabarsee #anatti #kenne baay'eedha; hojiin ani hojjedhu kunis #abbaan #akka #ana #erge dhugaa anaaf in ba'a.” #የዮሐንስ #ወንጌል 5:36 እኔ ግን ከዮሐንስ ምስክር የሚበልጥ ምስክር አለኝ፤ #አብ ልፈጽመው #የሰጠኝ #ሥራ፥ ይህ የማደርገው ሥራ፥ #አብ #እንደ #ላከኝ ስለ እኔ ይመሰክራልና።

C. #Yohannis 10:37 ❝Egaa #ani #hojii #abbaa #koo hin hojjedhu yoon ta'e, anatti hin amaninaa.❞ #የዮሐንስ #ወንጌል 10:37 እኔ #የአባቴን #ሥራ ባላደርግ አትመኑኝ፤

D. Deebiin hin jiru.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaawwan asii olii irraa argannu:

1ffaa- Yesuus dandeettii fi aangoo isaatiin tankaarfii takkaa socho'uu waan hin dandeenneef, Rabbiin hojii fi sochii isaa kamuu keessatti isa wojjiin jiraachuu (tumsa isaa akka ta'e) ifatti ragaa bahe (“#Inni #ana #erge #anaa #wajjin #jira; .... #inni #kophaatti #ana #hin #dhiifne" yeroo jedhu)

2ffaa. Yesuus yeroo kamuu hojiin inni hojjatu waan ofii fedhee fi isa gammachiisu osoo hin taane, ka Rabbiin isa filatee isa ergate gammachiisu qofa akka ta'e mirkaneesse (“#ani yeroo #hundumaa kan #isa #gammachiisu waan #ani #hojjedhuuf" yeroo jedhu).

3ffaa- Hojiin Yesuus hojjatu kamuu, akkuma karoora fi fedhii Yesuus hin taane, akkasumas Yesuus Waaqaa osoo hin taane, #ergamaa #Rabbiin #isa #ergate akka ta'e, ragaa isaaf akka bahu dubbate (#hojiin #abbaan #koo akkan raawwadhuuf dabarsee #anatti #kenne baay'eedha; hojiin ani hojjedhu kunis #abbaan #akka #ana #erge dhugaa anaaf in ba'a.” yeroo jedhu).

4ffaa- Namni tokko gaafni Yesuusitti amanuu qabu, gaafa inni hojii Waaqaa (ajaja Rabbii) qofa raawwate akka ta'e fi gaafa inni ergaa Rabbii hin geessine taate akka isatti amanuu hin qabne, ifatti barsiisaa akka ture (❝Egaa #ani #hojii #abbaa #koo hin hojjedhu yoon ta'e, #anatti #hin #amaninaa.❞ yeroo jedhu)

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Worroota #Amanti Kiristaanaatiif;
1 #Tasaloniiqee 5:21
" Garuu waan hundumaa qoraa, #isa #gaarii #jabeessaatii #qabadhaa! "
1ኛ ወደ ተሰሎንቄ ሰዎች 5:21 ሁሉን ፈትኑ #መልካሙንም #ያዙ👆👆👆dhaamsa jedhu isinii dhaamaa.

hawaasni keenna ammoo, "#sababa #keetiin #namni "tokko "qajeeluun, #gaala #diddiimaa #karaa #Rabbii #keessatti #kennatu #siif #caala, ka Nabiyyiin Rabbii (nagahaa fi Rahmanni Rabbii isaan irratti haa jiraatu), jedhanii Aliyyiif dhaaman siif dhaama. Sheer taasisuun sin kafalchiisu, lammiiwwan keenna beektu hundaa ergii, toltuu guyyaa boruutti si fayyaddu guduunfadhu.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Gaafii fi yaada baruumsa kana irratti qabdan kamuu, eddoo #'leave a comment' jedhu tuquun bareessuu hin dagatinaa.
Namoonni miseensa asiin dura hin ta'in, baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa 👇

https://t.me/Xaaliburidallah