Turullee Dhugatu Mo'ata
11K subscribers
514 photos
129 videos
110 files
414 links
Sobni miseensa guddaa qabaatuun yeroo dheerefatun ni malaa, garuu dhugaa hinjifatuu ammoo gonkumaa hin danda'u.
Download Telegram
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #28ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Hojii #manaa
👇👇👇

Ragaa #Yohannis 12:47-48 dubbisuun, gaafii itti aanee dhufuuf, deebii sirrii ta'e filadhuu deebisi.
🍇🍇🍇🍇🍇🍇

#Yohannis 12:47-48
Namni dubbii koo dhaga'ee yoo eeguu dhaabaate, #ani #isatti #hin #faradu; ani biyya lafaa oolchuudhaaf malee, #itti #faraduudhaaf #hin #dhufne. Nama ana tuffatee, dubbii koo fudhachuu diddetti #kan #faradu #jira; dubbii ani dubbadhetu guyyaa isa dhumaatti isatti farada.
ዓለምን ላድን እንጂ #በዓለም #ልፈርድ #አልመጣሁምና ቃሌን ሰምቶ የማይጠብቀው ቢኖር #የምፈርድበት #እኔ #አይደለሁም። የሚጥለኝ ቃሌንም የማይቀበለው እርሱ #የሚፈርድበት #አለው፤ እኔ የተናገርሁት ቃል እርሱ በመጨረሻው ቀን ይፈርድበታል።

Gafii 👇👇👇
Akka ragaa #Yohannis 12:47-48 keessatti dubbatametti, hima kamtuu sirriidha?
A. Yesuus namni dubbii koo dhaga'ee yoo eeguu dhaabaate, ani isatti ni faradaa jedhe.
B. Yesuus ani biyya lafaa oolchuudhaaf malee, itti faraduudhaaf hin dhufnee jedhe.
C.Yesuus nama ana tuffatee, dubbii koo fudhachuu diddetti kan itti faradu anaa jedhe.
D. Yesuus ani aangoo waan qabuuf, aangoo kiyyatu guyyaa isa dhumaatti nama dubbii koo fudhachuu diddetti faradaa jedhe.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Worroonni Amantii Kiristaanaa mee waan sammuu keessaa qabdanii fi raga kana wol bira qabaa laalaa.

hawaasni keenna ammoo, worroota Amantii Islaamummaatiin ala jiran, ka dhugaa kitaabuma isaanii keessatti argamtu hubatuu dadhaban, ragaawwan asii olii kana biraan gahaa, haqa jiru hubachiisaa.

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaa #Yohannis 12:47-48 irraa argannu;

1ffaa- Yesuus gaheen isaa ergaa Rabbii qofa geessuu waan ta'eef, nama dubbii isaa dhagahee fudhachuu didellee ka itti faradu isa akka hin taane (#Rabbiin akka ta'e) ifatti mirkaneesse (#namni dubbii koo dhaga'ee yoo eeguu dhaabaate, #ani #isatti #hin #faradu yeroo jedhu). Kana jechuun gabaabinnaan, ka ajaja Nabiyyii Rabbii fudhatee tokkichummaa Rabbii ragee fi ka fedhii lubbuu fi Sheeyxaana faanaa bahee, Yesuusiin waaqa yookaa ilma Waaqaa jedhu ka itti faradu Rabbiin qofa akka ta'e nuuf ibsa.

2ffaa- Yesuus karaa dhugaatii fi karaa jallinnaa adda baasee barsiisuu qofaaf akka Rabbiin isa ergate adda baasee dubbate (#biyya #lafaa #oolchuudhaaf malee, #itti #faraduudhaaf #hin #dhufne yeroo jedhu). Kun ammoo maal mirkaneessa yoo jedhame? Yesuus aangoo ati amante jedhee jireenna bara baraa namaa kennuu yookaa ati karaa dhugaa irraa gorte jedhee nama tokko qixaaxuu akka hin qabne mirkaneessa. Kana jechuun, aangoo nama Rabbiin isa filatee ergaa Rabbii geessu malee qaama aangoo qabaatee nama irratti murtee sirrii yookaa sirrii miti jedhee kennu akka hin taane hubannaa jechuudha.

3ffaa- Waan Yesuus dubbate nama fudhachuu dide kan itti faradu, dubbii inni dubbatu jechuun, seera Rabbii kan inni ajaja Rabbiitiin fidee ummata sanitti dubbate santu, guyyaa Qiyaamaa isaanitti ragaa bahaa jechuudha (#dubbii #ani #dubbadhetu #guyyaa #isa #dhumaatti isatti #farada yeroo jedhu).

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Gaafii fi yaada baruumsa kana irratti qabdan kamuu, eddoo #'leave a comment' jedhu tuquun bareessuu hin dagatinaa.
Namoonni miseensa asiin dura hin ta'in, baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa 👇

https://t.me/Xaalibu6504