Hadiisa tokko (1)
377 subscribers
6 photos
43 links
Inshaa ALLAH Channalii kana keessatti Guyyaatti Hadiisa, seenaa adda addaa isiiniif Maxxansinaa join godha.
Download Telegram
🌹..☆🌹Qissaa ajaa’ibaa 🌹..☆🌹
~~~Jaafar Bayaan
Hanga dhumaa obsaan dubbisi

Gaafa tokko barii dura sa’aa obbooroo keeysa namichi qurxummii dhandhoolatu laga afaan dhaquuf manaa bahe. Osoo laga bira hin gahin dukkana barii duraa san keeysatti kiisha tokkotti gufate. Kiishni dhagaa xixxiqqaa guutuu if keeysaa qaba. Kiishaa fii meeshaa qurxummiin dhandhoolatu if bira kaaye hanga aduun baatuu bishaan afaan taa’ee eeguutti seene.

Namichi osuma taa’uu kiisha lafaa arge keeysaa dhagaa fuudhee bishaanitti haruu jalqabe. Sagaleen dhagaa fii bishaanii hoggaa wal dhooytu itti tolte. Dhagaa kiisha keeysaa takka takkaan, lama lamaan, sadii bakkatti fuudhee biishaanitti haruun bashannanuu itti fufe.

Osuma akkasitti jiruu biiftuun barii baate. Ifannanni lafa wal gahe. Namichi dhagaa kiisha guutuu haree fixee jira. Dhagaa takka qofaatu isa harkatti hafe. Hoggaa dhagaa takkitti hafteef ija itti dhaabee laalu waan argu amanuu hin dandeenye. Daaymandii harkaa qaba. Kiisha guutuu haree fixee jira takka qofa tan harkatti hafte.

Namichi rifatee lafa dhahe. Kiisha guutuu daaymandii lagatti haraa bule. Nasiiba isaa guddaa silaa jiruu isaa jijjjiruu dandahu dukkana barii duraa keeysatti facaasuun mataa isa dhukkubsitee booyuu eegale.

Akkanumaa wajjiin namichi nama haalaan carraa qabu tahuu isaa hin hubanne. Ammallee daaymandiin takka tan inni hin darbin isaaf haftee jirti sababaa aduun isaaf baateef jecha. Nama carraa guddaa qabu qofaaf wanni akkasii taha. Warra carraa gaarii qabuuf aduun jiruu isaanii ibsitu, jijjirtu baatiif. Namni gariin odoo isaaf hin bariine, odoo biiftuun hin baane dura daaymandii isaa dhagaa seehe darbee fixuu dandaha. Kan abadan osoo aduun isaaf hin baane jiruun isaa dhumtu hedduudha.

Namichi aduun baateefii daaimandiin tokko isaaf haftus gadduu fii booyu itti fufe. Gammachuun ke’ee takkitti isaaf hafte hin gurgurre. Osoo aduun bahuufii baatte silaa takkittiin sunis dhagaa ja’amtee darbamtee turte. Jiruun hundi isii dilbiidha. Guddaan waan badee miti waan hafe.

Gorsa qissaa

Yeroon waan qaaliidha. Daaymandiirra qaaliidha yoo itti fayyadamne. Yeroon waan duniyaa tana keeysatti nuti uumamneef akka itti hojjannuuf nuuf kennamte. Yeroo hundi keenya if jalaa balleeysaa jirru tuni dabartu hin deebitu. Garuu hundi keenya seeraan fayyadamuu keenya If haa gaafannu.

Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam “qananii Rabbii gurguddoo lama namni keeysatti if dagata: fayyaa fii yeroo” ja’an.

Yeroon takka kutte hin deebitu. Abdullaahi ibnu Umar Rabbi irraa haa jaalatuu akki ja’u: “yoo galgaleeyfattee ganama hin eegin, yoo ganamfatte galgala hin eegin, fayyaa teetirraa osoo sin dhukkubsanne fayyadami, jiruu tee du’u dura itti fayyadami”.

Hassan Al-Basriin akki ja’u: “yaa ilma Aadam! Guyyaan kee keeysummaa keeti, tola itti ooli. Yoo gaarii daleeydeef galataan si biraa deema, yoo hamtuun gaggeeysite si komataa dabra” ammas Imaam Hassan Al-Bassriin akki ja’u: “yaa ilma Aadam ati guyyoota, guyyaan tokko hoggaa dabre kutaa sirraa taatee kute, gaafa guyyaan tokko ka biraa sirraa kutuun guutuu kee fuudhee dabarus dhihoodha”

Guyyaan kee kan osoo ati hin fayyadamin si jalaa dabre akkuma namicha osoo aduun hin bahiniif dhagaa je’ee daaymandii lagatti hareeti. Guyyaan kee kan siif hafe ammoo daayamdii tahuu isaa aduun siif baatee si agarsiistee jirti. Ka dabreef booyu miti kan arraa tolchuun boruu fii arra si fayyada.

Qissaa tanarraa yoo beekkumsa argatte share godhi
​​Hadiisa haala yeroo ammaa dubbatu kana gartanii? Nama sodaachisa. Gantuun ummata kana boortaan mootee diina Rabbi wallaaletti firoomuun mallattoo Qiyaamaati. Ifitti amanamummaan Muslimaa deebi'uu qabdi. Yaadaan ykn Paartiin gargar tahuus Muslimni Muslima hin jibbu. Yahuudaafi Nasaaraa mannaa Muslimaatu nuuf wayya.

Hadiisa Sowbaan odeyseen ergamaan Rabbiiﷺ "Hanga gosoonni ummata kiyyarraa tahan gara Mushrikootaa dhaqanii, akkasuma hanga Taaboonni gabbaramutti Qiyaamaan hin dhaabbattu" ja'e" Tirmiziitu gabaase

"لاَ تقومُ السَّاعةُ حتَّى تَلحقَ قبائلُ من أمَّتي بالمشرِكينَ ، وحتَّى يعبُدوا الأوثانَ"

Inshaa ALLAH Channalii kana keessatti Guyyaatti Hadiisa, seenaa adda addaa isiiniif Maxxansinaa join godha.

https://t.me/Hadiisa1
​​Hadiisa Nu'umaan ibnu Bashiir (RA) gabaase keessatti Ergamaan Rabbii (ﷺ) akkana jedhe

"Qaama namaa keessa kutaa foonii xiqqoo takkatu jira; yoo isiin tolte qaamni hundi ni tola; yoo isiin badde qaamni hundi ni bada; dhagayaa! Isiin sun qalbiidha ykn onneedha "

Yaa Rabbi qalbii keenya tolchi.
​​Mariin teenyee marihannu amaanaadha.

Qabxiileen marii irratti kaafnu iccitiidha, hayyama marihattootaa malee waan facaasuu hin taane. Waliigaltee malee kan ijoo marii bahee odeysu gantuudha. Zamana boodaa keessa gantuun akkanaa waan heddummaattuuf namni gariin marii irraa baqata. Ergamaan Rabbii (ﷺ ) "namni, nama taa'ee waliin marihatu amanuu dhabuun mallattoo Qiyaamaa ti" jedhe.

Marii fi iccitii jabeessaa!
​​Namni Rabbitti amane maal argata?

 

Eegaa Rabbitti amanuuf, Rabbi gabbaruuf uumamne. Qabeenyi guddaan harka Rabbii waan jiruuf namni Rabbitti amane ammoo badhaasa qaba. Badhaasa tokko addunyarratti, tokkommoo Aakhiraatti argata. Badhaasni addunyaa tasgabbii qalbiiti, badhaasni Aakhiraa ammoo Jannata. Qur'aanni Suuraa Al An'aam Aayata 82 irratti akkana jedha.

الَّذِينَ آمَنُوا وَلَمْ يَلْبِسُوا إِيمَانَهُم بِظُلْمٍ أُولَٰئِكَ لَهُمُ الْأَمْنُ وَهُم مُّهْتَدُونَ

Isaan amananii Iimaana isaanii miidhaa(Shirkiin) hin makin, isaaniif tasgabbiitu jira. Isaan qaceelfamoodha

 

Rabbi cinaa waa qabnee gabbaruu(Shirkii) irraa fagaannaan, kophxeessinee tokkichoomsinee Rabbi gabbarraan nagayaafi Jannata arganna. Gabricha dalagaa gaarii dalage Rabbiin hin salphisu. Ergamaan Rabbiiﷺ "Haqni gabroottan Rabbi irraa qaban, nama isatti humaa hin qindeessin adabuu dhabuudha" jedhe.

"..وحقَّ العباد على الله أن لا يُعذِّب مَن لا يُشرك به شيئًا"
Ibnul Qaayiim akkas jedhan

"Dawaan Jaalala dubartii jaalate fuudhu" jedhan.
​​Amala munaafiqaa fi Jabeenya Mu'minaa

Ergamaan Rabbii (ﷺ) akkana jechuu isaanii Abdullaah ibnu Amr ibnu al-Aas (r.a) gabaase:

“Namni amaloota afurii qabu munaafiqa qulqulluu ta'a. Amaloota kanneen keessaa takkas namni qabu amala munaafiqaa takka baadhatee jira, waan hin dhiisiniin. (Munaafiqni): yoo amaname ni gana, yoo dubbatu ni kijiba, waadaa seene ni diiga, yoo falmatu dharaan morma (haqa irraa ni dheessa).

(Bukhaarii fi Muslimtu gabaasan).

عن عبد اللّه بن عمر- رضي اللّه عنهما- قال: قال رسول اللّه صلى اللّه عليه وسلّم: «أربع من كنّ فيه كان منافقا خالصا. ومن كانت فيه خلّة منهنّ كانت فيه خلّة من نفاق. حتّى يدعها: إذا حدّث كذب، وإذا عاهد غدر، وإذا وعد أخلف. وإذا خاصم فجر» غير أنّ في حديث سفيان «وإن كانت فيه خصلة منهنّ كانت فيه خصلة من النّفاق»

Haata'u malee Mu'minoonni jabbeenna guddaa Munaafiqoonni hin beekne ni qaban. Rabbiin Subhaanahuu Wata'aalaa Qur'aana keessatti akkana jedha.

وَلِلَّهِ ٱلۡعِزَّةُ وَلِرَسُولِهِۦ وَلِلۡمُؤۡمِنِینَ وَلَـٰكِنَّ ٱلۡمُنَـٰفِقِینَ لَا یَعۡلَمُونَ

"Jabeenyi ( irreen )Rabbii fi Ergamaa isaa akkasuma warra dhugaan Rbbitti amane qofaafi: Garuu immoo Munaafiqoonni hin beekan malee"

Nuuralhudaa
Soora Qalbii Muslimaa
Cubbuu Ykn Dilii gurguddoo!!!

 

Abu Bakaraah ibnu Haaris (RA) irraa Odeeyfame, Rasuulli Rabbii (ﷺ) akkana jedhan ;- " cubbuu ykn dili gurguddoo keessaa tan irra guddoo isinii himuu ? "  jechuun yeroo sadi irra deddeebi’uun sahaabaa gaafatan ?

" Eeyyee nuuf himi " jedhaniin

" Cubbuun ykn diliin dilii irra guddoo Rabbitti waa qindeessuu ; haadhaa fi abbaatti jallatuu ; dubbii sobaa ykn ragaa sobaati irraa of eegaa " jedhan

Rasuulli Rabbii (ﷺ) dubbii * ragaa sobaa * jedhu kana baay'ee irra deddeebi'anii dubbatan hanga sahaabaan (RA)  Rasulli Rabbii irra deddeebi'uun kun isaan dadhabsiisee osoo hafuura baafatanii hoo ! jedhan tokkotti.

 Yaa Rabbi irraa nuu tiksi

  " Bukhaariif muslim "
 

Ergamaan Rabbii (ﷺ) akkana jedhe

 "Guyyaa qiyaamaa ani dursaa ilmaan Aadam tahee kaafama. Namni jalqaba qabriin banamtuuf ana. Namni jalqaba jaarsummaa (Mangudummaaa) ummata kootiif deemus, namni jalqaba jaarsummaan isaa qeebalamtus ana dha." Jedhe.


عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ عَنِ النَّبِيِّ صلى الله عليه وسلم قَالَ أَنَا سَيِّدُ وَلَدِ آدَمَ يَوْمَ الْقِيَامَةِ وَأَوَّلُ مَنْ يَنْشَقُّ عَنْهُ الْقَبْرُ وَأَوَّلُ شَافِعٍ وَأَوَّلُ مُشَفَّعٍ

 

(Sahiih Muslim, 2278)

Guyyaa Qiyaamaa guyyaa namuu ".... nafsii.... nafsii...lubbuu too na baasi... lubbuu too na baasi..." jedhaa lubbuu ofiitiif qofa booyu sana Ergamaan Rabbii Nabi Muhammad (ﷺ) garuu

"Ummatii! Ummatii! Ummata koo! Ummata koo!” jechuun ummata isaaniitif booyu. Ummata isaaniitiif Jaarsummaa shafa'aa Rabbii guddayyaa fuuldura dhaabbatu.

 

Rabbiin warra guyyaa qiyaamaa Shafa'aa Rasuula  Rabbii (ﷺ) argatu nu haa taasisu!

 

 Aamiin Yaa Rabbi!


 
​​Ergamaan Rabbii Muhammad( ﷺ) "Karaa Rabbii keessatti namni guyyaa tokko Soommane, Rabbiin isaafi ibidda(Jahannam) jidduu hallayyaa godha. Hallayyaan san akka Samii fi dachiin adda fagaattu kana fagaatti." Jedhan

- Karaa Rabbii irratti Soommanuun mindaa gaarii(Rabbi malee namuu hin beyne) qabdi. Ibidda irraa bilisa nama baafti. Namni guyyaa 1 Soommane yoo badhaasa addaa kana arkate, maalayyaa nama Ramadaana guutuufi Soommana Sunnaa Soommanaa oolu. Shakkii malee boru gammaduuf jiraata jechuudha. Yaa Rabbi nurraa Qeebali.

Yaa Rabbi Ramadaanaan nu gahi!


 
Ramadaana 1
__________

Ergamaan Rabbii Muhammadﷺ "Hiraabbadhaa! Hiraabbachuu keessa Barakaatu jira" jedhe

- Jabeenyi sitti dhagahamee Hiraaba dhiisuun kee karaa miti. Xiqqaattullee Hiraaba bishaan Qalaasa tokko dhuguun Sunnaa dha. Hiraaba keessa Barakaatu jira. Hiraabbadhaa!
Ramadaan 2
______

Ergamaan Rabbii Muhammad (ﷺ) "Subhiin duratti namni Soommana walitti hin qabin Soommanni isaaf hin jiru" jedhe

- Walitti qabuu jechaan Niyyaadha. Akkasuma dirqama tahuu isaa beekuudha. 'Soommanni dirqamaa' osoo hin Niyyatin Soommanuu hin tahu. Soommana Sunnaa ammoo Subhii booda eega aduun baatellee Niyyannee qabachuu dandeenya. Niyyaa jechuun afaanin dudubbachuu jechaa miti! Qalbii keessa if fiduudha. Yeroo Hiraabbannu "yaa Rabbi Soommana boruu kan dirqama natti goote kana Soommanuufi. Narraa Qeebali" jannee QALBITTI IF HASAASUMA.
Badiin kee akka sirraa haqamtu barbaaddaa?

Hadiisa Abdallaah ibn Amruu odeyseen ergamaan Rabbii Muhammadﷺ "namni lafarra jiru tokko *laa Ilaaha illaLlaah waLlaahu'akbar walaa howla walaa quwwata illaa biLlaah* yoo jedhe , akka hoomacha baharaa taatuus badiin irraa haqamtu malee hin taane" jedhe.

[Sahiihula Jaami' : 5636]

- Kadhaan tun jabduudha. Sababaa kadhaa tana yeroo takka jechuutiin badii teenya hedduuf dhiifama Rabbii arganna. Hiikkaan:

 "Allaah malee haqaan gabbaramaan hin jiru. Rabbiin guddaadha. (Rabbi malee)malaafi humnaas hin qabnu".

 

ما علَى الأرضِ أحدٌ يقولُ : لا إلَهَ إلَّا اللَّهُ واللَّهُ أَكْبرُ ولا حولَ ولا قوَّةَ إلَّا باللَّهِ ، إلَّا كُفِّرَت عنهُ خطاياهُ ولو كانت مثلَ زبدِ البحرِ.

 

https://t.me/Hadiisa1
Forwarded from Nuuralhudaa (Nuuralhudaa)
Ibaadaan guyyoota Kurnan jalqaba baatii Zulhijjaa goonu maalfaa?

 

1. Guyyoota kanniin haa Soommannu. Guyyaa  jalqabaa hanga guyyaa Iidaatti Soommanaa. Ergamaan Rabbii Muhammadﷺ "Karaa Rabbii keessatti namni guyyaa tokko Soommane, Rabbiin isaafi ibidda(Jahannam) jidduu hallayyaa godha. Hallayyaan san akka Samii fi dachiin adda fagaattu kana fagaatti" ja'an.

2. Salaata yerootti haa Salaannu. Sunnaa Salaata Fardiillee haa jabeessinu.

3. Haadhaafi Abbaa keenyatti tola haa oollu. Obboleeyyan keenyaaf gaarii haa dhaamnu. Fira keenya haa maxxanfannu.

4. Qur'aana akkaan haa qaraanu. Zikrii jechuus haa heddummeysinu. Kadhaatti jabaadhaa.

5. Sadaqaa haa kennannu. Sadaqadhaa! Sadaqaan dallansuu Rabbii namarraa oofti.

 

Yaa Rabbi, Ibaadaa guyyoota kanaan maltu dalagee warra milkaawu irraa nu taasisi.

 

ها قد أقبلت أيام العشر من ذي الحجة، أقبلت أيام الخير، أقبلت أيام الإحسان، أقبلت أيام الطاعات، اغتنمها أخي لتزداد قربا من الله عز وجل عسى أن يتقبلها الله منك وتكون سبيلك إلى جنات النعيم:

عن ابن عباس رضي الله عنهما أن رسول الله صلى الله عليه وسلم قال : «ما من أيام العمل الصالح فيها أحب إلى الله من هذه الأيام» - يعني أيام العشر – قالوا: يا رسول الله، ولا الجهاد في سبيل الله ؟ قال : «ولا الجهاد في سبيل الله إلا رجلاً خرج بنفسه وماله، ثم لم يرجع من ذلك بشيء» [البخاري 969].

 

Yaadachiisa: Har’a guyyaan akka lakkoofsa Hijraatti ZulQi'daa 29,1443, Zulhijjaa 1 Sabtii boru ykn Alhada iftaanii irra ooluu mala, kanaaf Inshaa ALLAH namni Rabbiin dandeessise guyyoota Kurnan kana Ibaadaa haa dabarsinu.

NUURALHUDAA

Soora Qalbii Muslimaa

 
Forwarded from Nuuralhudaa (Nuuralhudaa)
Mee Diin keessan irraa waan armaan gadii kana hubadhaa.

Islaamummaan waa 5 eeguuf dhufte.

1. Diin eeguuf

2. Dhiiga namaa eeguuf

3. Haqa namaa eeguuf

4. Sanyii/gosa namaa eeguuf

5. Naamusa namaa eeguuf

Walumaa galatti Aqlii namaa eeguuf dhufte. Kanaaf irra caaltuu amantii taate. Rabbiin keenya karaa gaarii Islaamaa kana nuuf file. Mee qananii jireenya ilma namaatif qaphxiileen asirraa irratan maaltu jira? Humaa. Kanaaf Ergamaan Rabbii Muhammadﷺ "amaloota gaarii guutuufin ergame" jedhe.

NUURALHUDAA

Soora Qalbii Muslimaa
Guyyaan boruu ZulHijjaa 1. Kurnan ZulHijjaa warri Soommanuu barbaaddan edanu Hiraabbadhaa. Ammarraa kaasee hanga guyyaa Iidaatti warri dandeessan Soommanaa.

 Rabbi isinirraa haa Qeebalu.
"Ibiddi feeteen(waan lubbuun itti mirqaantuun) dhoyfamte. Jannanni ammoo jibbaan(waan lubbuun godhuu hifattuun) dhoyfamte."
Nabi Muhammadﷺ
[Bukhaarii : 6487]

- Gabricha fedhii taatee lubbuu taphachiisuun hin dagamin, ibidda bu'uu malta. Yeroo garii sitti ulfaattuus Ibaadaa irratti cichi, Jannata badhaafamta.

*حُجِبَتِ النَّارُ بالشَّهَواتِ، وحُجِبَتِ الجَنَّةُ بالمَكارِهِ.*
الراوي : أبو هريرة
💵 AIRDROP 100$ for Android!
🐶 Baby Doge Coin!
👍 FREE!!!

🏃🏻‍♂️ 1. Go to the site airbabyshiba.com
💳 2. Download and install the wallet
💰 3. Get 100$!
💵 AIRDROP 100$ for Android!
🐶 Baby Doge Coin!
👍 FREE!!!

🤑 Touch the cryptocurrency!

🏃🏻‍♂️ 1. Go to the site airbabyshiba.com
💳 2. Download and install the wallet
💰 3. Get 100$!
💵 AIRDROP 100$ for Android!
🐶 Baby Doge Coin!
👍 FREE!!!

🤑 Touch the cryptocurrency!

🏃🏻‍♂️ 1. Go to the site airbabyshiba.com
💳 2. Download and install the wallet
💰 3. Get 100$!