Hadiisa tokko (1)
370 subscribers
6 photos
43 links
Inshaa ALLAH Channalii kana keessatti Guyyaatti Hadiisa, seenaa adda addaa isiiniif Maxxansinaa join godha.
Download Telegram
​​JARJARTEE HIN MURTEESSIN

Abu Ibtisam irraa

Mootii Impaayera Usmaaniyyaa (Otomaan) kan ta’e Sulxaan Muraad 5ffaan, yeroo heddu halkaniin of dhoysee magaalaa keessa babbahuudhaan naannoo isaa too’ata. Gaafa tokko kaadimtoota isaa yaamuudhaan “nama na wajjiin gad bahu naaf qopheessaa” jedhee ajaje. Kana booda namoota isa eegan wajjiin karaa magaalattii irra deddeemuu jalqabe. Osoma deemu nama karaarra ciise tokkotti dhufe. Sulxaanichi namicha kaasuu barbaade. Garuu jalaa awwaachuu hin dandeenye. Namichi karaarra ciise kun du’ee jira. Namni naannoo san jiru tokkolleen isaaf hin cinqamne. Hunduu cal’isee bira kuta.

Sulxaanichi namoota karaa irra jiran ofitti waame. Namoonni eenyummaa Sulxanichaa beekuu hin dandeenye. Kana booda; “Namichi kun maal ta’ee du’e? Namni isa kaasu maa dhabame? Maatiin isaa hoo eessa jiran?” jedhee gaafate.

Namoonnis “Namni kun nama farshoo dhuguun beekamu. Akkasumas nama Zinaan magaalaa tana ijibbaachise” jedhanii deebisaniif. Sulxaanichis “Maal inni kun ummata Muhammad ﷺ mitii? Akkamitti akkanitti isa gattu. Amma na gargaaraatii mana isaa geessina” jedhee itti dubbate.
Namoonnis isa gargaaranii fuudhanii mana maatii isaatiin gahan. Namoonnis akkuma reeffa namichaa ol galchaniin mana dhiisanii kutan. Haati warraa isaa akkuma reeffa isaa argiteen booyuu jalqabde. Booyicha isii keessattis “ Rabbi sitti haa araaramu! Yaa hiriyyaa Rabbii! Akka ati nama gaarii taate ragaa siif baha” jettee dubbate.

Sulxaanichi ajaa’iba itti tahe. “Hay sila namoonni machaayaa fi nama zinaan beekamu jedhaa osoo isa himan akkamitti nama gaariidha jettee haasofta? Jedhee gaafate.Isiinis hafuura dheeraa baafatee, “Eeyyan namoonni akka akkas jedhan nin beeka. Abbaan warraa kiyya halkan cufa gara mana dhugaatii deemuun, dhugaatii nama macheessu haga humni isaa dandahuun bitee gara manaa fida. Erga gara manaa fideen booda boolla keessatti jigsa. Kana booda “ har’a Muslimoota heddu haraama dalaguu irraa isaan tikse jedha’. Kana booda gara mana dubartoota zinaa dalaganii dhaqee Mallaqa wahii kenneefii; zinaa dhiisanii balbala akka cufan godha. Egasii gara manaa deebi’ee ‘ har’a dargaggoota heddu zinaa dalaguu irraa isaan tikse’ jedha” jettee Sulxaanichatti himte.

Namoonni isaa Farshoo bituu fi gara dubartootaa deemu waan arganiif akka inni machaayaa taheefi Zinaan jiraatutti isa yaadan. Kanaaf akkas jedhanii haasawan. guyya tokko “ Gaafa duute bar, namuu sirraa dheessaa. Namni si awwaalu hin jiraatu” jedheen. Innis seeqachaa “ Abshiir, Sulxaanichi nu bulchuu fi namoonni Rabbitti dhugaan amanan na awwaalan” naan jedhe jetteen.
Sulxaanichis ifirra gad taa’ee booye. “ Dhugaa isaati. Ani Sulxaan Muraad. In shaa Allaah boru isa dhiqnee, irratti salaannee awwaalla” jedhee biraa deeme. Akkuma jedhame namoonni heddu awwaala isaa irratti argamanii isa awwaalan.

Ilma namaa osoo sirritti hin hubatin, waanuma namarraa dhageenyeen, ykn ammoo waanuma Zaahira argineen inni akkana jennee dubbanna. Wanti kun garuu rakkoo guddaa keessa nu galcha. Garuu Waan onnee isaanii keessatti dhoffatanii jiran arguu hin dandeenyu.
Rabbi Qur’aana keessatti akkana jedha

“Yaa Warra Amantan! Shakkii irraa fagaadhaa. Shakkiin gariin dilii dha. Walis hin basaasinaa. Walis hin hamatinaa. Tokkoon keessan foon obboleessa keessanii kan du’ee nyaachuu ni fedhaa? San ni jibbitan. Rabbiin sodaadhaa. Rabbiin akkaan tawbaa qeebalaa, rahmata godhaa dha.
Suuratul Hujuraat 49:12
Hadiisa 4ffaa
Abaahureeyraan Rasuula irraa odeesse
Rasuulli ﷺ Akki jedhan

"Gabrichi Rabbii tokko dubbii maalummaa isii addaan hin baafanne takka dubbatee jahannam keessa hanga bahaaf dhiini Adda fagaattiugadi fagaata "

(Bukaari fi muslimtu gabaase )
Jechoota Umar bin Al-Khaxxaabirraa:

1. Yoom as ilmaan namaa haati bilisa dhalte gabroofachuu jalqabdan! (Jecha kana Amr bin Al-Aasiin je’e)

2. Namni waan hamaa ifirraa hin beeyne keeysa bu’uun isaa dhihoodha.

3. Mootummaan/aangoon nama garalaafaa dadhabaa ykn laafaa hin tahin, nama jabaa gabroomsaa hin tahiniif haqa.

4. Ani nama ija nama qabuu miti garuu acbarbaariin ija na hin qabdu.
Hadiisa 5ffaa
Abaahureeyraan Rasuula irraa odeesse
Rasuulli ﷺ Akki jedhan
"Rabbiin guddate ol tahee ni hinaafa hinaaffaan isaa Wonti inni dhoorge dalagamuudha "
​​Taphataan Kubbaa Miilaa beekaman Garee Arseenaal Ozil Mesut dararaa muslimoota Wiigar irratti raawwatamaa jiru fi Dubbatu dhabuu Muslimoota Addunyaa komate


Hidda dhaloota Turkiyaa fi Lammumma Jarman kan qabu taphataan Kubbaa miilaa beekaman Ozil Mesut, dararaa mootummaan Chaayinaa muslimoota Wiigar irratti raawwaata jiru balaleefatuun dhimmicha irratti muslimooni Adduunyaa maaliif callisuu filatan jechuun komate.

Ozil Mesut barreeyfama fula Instagram isaa irratti maxxanseen
“Chaayinaatti Qur’aanni gubama jira, Masjidoonni cufamaa jiru, Barsiisni diin Islaamii fi manneen barnoota Islaamaa( Madrasaaleen ugguramanii jiru, Ulamaa’onni fi barsiisonni amantaa tokko tokkoon ajjeeffama jiru, kun hundi raawwatamus Muslimoonni Addunyaa immoo callisuu filatan” jechuun komii isaa ibsaate.



Oziil Garee kubbaa Miilaa Ingiliiz Arsenaliif kan taphattu yoo ta’u, Arsenaal gama isaatiin Komiin Ozil kan garee kana bakka hin buune tahuu ibse.



Mootummaan Chaayinaa muslimoota Wiigar miliyoona tokko oli tahan, manneen hidhaa dhoksaatti galche dararaa jiraatuu, dhaabileen mirga namoommaa falmaan gabaasaa turun ni yaadatama, hata’uu malee mootumman Chaayinaa Finxaleessummaa Amantaa balleessuuf leenjiin keennamu jira malee, dararaan raawwatame hin jiru Jechuun waakkatu jira.

Balaalefanaan Oziil Mootummaa Chaayinaatii fi Deggartoota Mootummaa Chaayinaa Dallansiise jira.
​​Eenyuutu iccitii jireenyaa beekuu barbaada?

#Nuuralhudaa

Eegaa hunda keenya! Mala jireenyaa gaarii beekuu feena mitii?

Ergamaan Rabbii Muhammadﷺ Hadiisa kana qofa keessatti gorsa jabaa adunyaafi aakhirattiis nu fayyadu dhaaman. Mee koottaa irraa haa fayyadamnu.

قال رسولﷺ : «أَحَبُّ النَّاسِ إِلَى اللَّهِ أَنْفَعُهُمْ لِلنَّاسِ، وَأَحَبُّ الأَعْمَالِ إِلَى اللَّهِ سُرُورٌ تُدْخِلُهُ عَلَى مُسْلِمٍ، أَوْ تَكْشِفُ عَنْهُ كُرْبَةً، أَوْ تَطْرُدُ عَنْهُ جُوعًا، أَوْ تَقْضِي عَنْهُ دَيْنًا، وَلأَنْ أَمْشِيَ مَعَ أَخٍ لِي فِي حَاجَةٍ، أَحَبُّ إِلَيَّ مِنْ أَنْ أَعْتَكِفَ فِي هَذَا الْمَسْجِدِ(يَعْنِي مَسْجِدَ الْمَدِينَةِ) شَهْرًا، وَمَنْ كَفَّ غَضَبَهُ سَتَرَ اللَّهُ عَوْرَتَهُ، وَمَنْ كَتَمَ غَيْظَهُ، وَلَوْ شَاءَ أَنْ يُمْضِيَهُ أَمْضَاهُ، مَلأَ اللَّهُ قَلْبَهُ يَوْمَ الْقِيَامَةِ رِضًا، وَمَنْ مَشَى مَعَ أَخِيهِ فِي حَاجَةٍ حَتَّى يُثْبِتَهَا، أَثْبَتَ اللَّهُ قَدَمَيْهِ يَوْمَ تَزُولُ الأَقْدَامُ، وَإِنَّ سُوءَ الْخُلُقِ يُفْسِدُ الْعَمَلَ، كَمَا يُفْسِدُ الْخَلُّ الْعَسَلَ»

Rabbi biratti irra jaalatamaan keessan nama tola namaaf oole. Rabbi biratti irra jaalatamtuun hojii ammoo bohaartii Muslimni waliif godhu(obboleessi kee akka gammadu godhuudha).
Rakkoo obboleessa keetii hiikuun, nyaachiftee beela irraa fageysuunii fi haajaa isa baasuunis hojii jaalatamtuudha. Rakkoosaa hiikuuf obboleysa kiyyaa waliin deemuutu Masjida(Madiinaa) kana keessa galee baatii guutuu Ibaadaa godhuurra na jaalachiisa. Nama aara isaa liqimse, Rabbiin salphina isaati dhoysaaf. Akkasuma nama osoo aara bahuu dandahuu if qabee dallansuu isaa uggure, guyyaa Qiyaamaa Rabbiin qalbii isaa jaalala guuta. Hanga tasgabbaawee sabatutti haajaa guutuufiif nama obboleysa isaa waliin deeme, (boru guyyaa Qiyaamaa)gaafa faanti hollattee deemtu, Rabbiin faanta isaa sabbachiisaaf.

Amalli hamaan hojii gaarii balleysa! Akkuma Khal deyma balleysu san}
Abbaa worraa kiyya jibbee maal Naaf woyya ?
Gaafiin akkanaas Fatwaa barbaachaaf dhiyaatuu isaati !!
Dhugaadha wolfuudhuuf wolii galuu fi woljaalatuun murteessaadha garuu erga wolitti dabalamanii yoo jarri lamaanuu haqarra jiraatan jaalalli dirqamee dhufa Rabbiinis baallama seenee jira
وَجَعَلَ بَيْنَكُمْ مَوَدَّةً وَرَحْمَةً
"Jidduu isaanii jaalalaa fi Rahmata godhee jira " (Al Ruum 21)
Jaalala fedhii fi faa'idaa qofaatii mitii beeki Rahmata wolii yaaduu wolii rifatuutu jidduu jaraa jira
Yoo dur bareedaaf jaalatee fuudhe yoo daalachattes hin jibbu inumaa jaalalli Rahmata dabalatee argamaaf
Akkasuma yoo dur qabeenyaaf jaalatte gaafa hiyyoomes Jaalalli Rahmanni hin badu
Kun yoom ta'a ?
Gaafa jarri lamaanuu haqa Rabbii beekanii haqa wolii eegan

Ragaan maali ?
Akkas Jedhan Rasuulli SAW "Namni Lama kan islaamummaa keessatti woljaalate adda hin bayu tokkoon jaraa yoo dilii muldhise malee " (Sahiihuljaami'i 5603)

Worri duruu Rabbiin hin beeyne faa'idaaf wolitti dhufa sandhabu adda kuta

Qalbiin Namaa waa fedhuun waa hifatuun jiruu keessatti wol komatuun wol aarsuun hin dhabamu
Ammoo Ilmi Namaa uffataa miti akka moofuun hin jijjiiramu

Woliin jiraatuuf dirqama jaalalli Akka daymaa yeroo hunda jiraachuu miti
Sun hanqatus jiruun itti fufuu qaba

Gurbaa tokko kan yeroo hunda hiikkaa baay'isu Umar ibnul khaxxaab maaf hiikta jedhee gaafate
Gurbaan Jaartii tiyya hin jaaladhu jedheen Umar: manni hundi jaalaluma qofaan jaarame sitti fakkaataa jedheen

Waan tokko kan Amma muldhatu
Namni ala laaluu eegale mana tuffatuun hin hafu kanarra santu caala sanirra santu caala jennaan fedhiin nafsee daangaa hin qabu

(Abu Ja'afar)
​​Hadiisa Abuu Hureyraan odeyseen ergamaan Rabbiiﷺ "namni Ramadaana Iimaanaan, akkasuma(yaada tolee Rabbi irratti) lakkaawwachaa Soommane, badii isaa ta dabarte ni dhiisaaf" ja'e. Bukhaariitu gabaase.

- Kun caaloommina Ramadaanni qabu ibsa. Guddoon nuti barbaannu badiin teenya nuuf dhiifamuudha. Eeganaa jaalala Rabbii arkannee Jannata seenuudha. Ramadaanni kanarratti akkaan nu gargaara.
"Dadhabaan, nama lubbuusaa hogganuu(bilisoomsuu) dadhabe."
Umar ibn al-KhaxxaabRabbi isarraa haa jaalatu

قال عمر بن الخطاب رضي الله عنه:
العاجز من عجز عن سياسة نفسه.
Hadiisa 2ffaa
Abaahureeyraan Rasuula ﷺ irraa odeesee
"Gurbaan tokko Rasuulatti ﷺ dhufee Yaa ergamaa Rabbii eennuun Saahibummaa isaa cimsadha (eennutti tola oola) jedhee gaafate Rasuulli ﷺ Haadhatee jedhaniin achi boodahoo jedheen Haadhatee jedhaniin achi boodahoo jedheen Haadhatee jedhaniin 4ffaa irratti Abbaakee jedhaniin "

(Bukaari fi muslimtu gabaase)

Inshaa ALLAH Channalii kana keessatti Guyyaatti Hadiisa, seenaa adda addaa isiiniif Maxxansinaa join godha.
https://t.me/Hadiisa1
​​​​Hormaata guddisuufi wajji jireenya hawaasaa qulqulleessuuf joollummaan fuudhuun ykn fuusisuun baramuu qaba. Santu seera! 'Maalummaa bultii waan hin beyneef warri joollummaan bultii jaare adda baha' yaadni ja'u dogongora. Akka warra buleetis tahuu baatan, buleeyyiin gorsi laatameefii jireenya isaanii ni eeggatan. Xiqqeenyaan warra walitti dhufee bubbulee arrii filate hedduu garre. Fuudhaafi heerumni kabajaafi humna nutti hora. Madda jaalalaati, milkii nutti dhangalaasa. Dubraa dardarri keenya Qeerroon karaa Sunnaa kana jabeessaa.
​​​​"Mareehoo Mareehoo. Waaqa uumaa waaqa uumamaa, gurraacha garaan garbaa, Tokkicha maqaa dhibbaa, Leemmoo garaa taliilaa, Waaqa saglan Booranaa torban Bareentumaa, Waaqa ciicoo gurraattii, Waaqa bokkuu gurraachaa, Waaqa shanan gadaa Oromoo, Waaqa shanan odaa Oromoo, waan dukkana gannaa keessaa ifa birraatti nu baasteef galata galchina"

Akka Muslimaatti 'Kadhaa' asi olii tanarraa maal fayyadamna? Humaa. Waggatti marga qabannee Irreessaaf malkaatti bahuu irraahoo maal fayyadamna? Humaa. Tana warra itti amaneef dhiisne. Nuti akkaafi bakka Rabbiin nurraa jaalatu qofa dhaabbannee kadhanna. Muslimni waan 'kadhaa' tana caalu qaba. Qur'aana qaba! Salaata qaba! Zikrii collee ergamaa Rabbii Muhammadﷺ irraa nu geesse qabna. Muslimni Rabbii isaa, karaa Rabbiin ajaje qofaan gabbara. Daangaa keessaa bahee bifaafi aangoo Rabbii qoqqotee soba maqaa dhahee hin kadhatu.

Akka Rabbiin nu ajaje qofatti Rabbi gabbarra. Hawwii fi xiiqiin teenya amantii nuuf hin taatu. Diin keenya guutuudha, humaa as booda wanni itti idaanu hin jiru. Waan wallaalaan Rabbiin yaamu irraa nuti qulqulluudha. Akka yaada keenyaa, akka aadaa teenyaattii miti kan Rabbi gabbarru. Gariin keenya waan hin malle Rabbiin ja'a. Qur'aanaafi Hadiisa qofa keessa waan jiruun Rabbi gabbarree galateeffanna. Rabbitti hin sobinaa. Rabbiin soba salphisee, dhugaa ammoo moosisuuf jiraata. Warra haqa dabse adabaatu eeggata. Mee waan Rabbiin Suuratul al Anbiyaa', Aayata 18 irratti dubbate kana qalbisaa.

بَلْ نَقْذِفُ بِالْحَقِّ عَلَى الْبَاطِلِ فَيَدْمَغُهُ فَإِذَا هُوَ زَاهِقٌ ۚ وَلَكُمُ الْوَيْلُ مِمَّا تَصِفُونَ
Lakkii! Soba salphifnee dhugaa irratti darbina(ol taasifna). Dhugaan soba sammuu dhoosee balleessa. Sobni ni dhabama. Waan sobaa Rabbiin jettaniif isiniifis badiitu(adabaatu) murteeffame

Chanaalii Hadiisa 1 Subscribe godhuun hordoofaa


Inshaa ALLAH Channalii kana keessatti Guyyaatti Hadiisa, seenaa adda addaa isiiniif Maxxansinaa join godha.
https://t.me/Hadiisa1
​​Tun Qabrii Amiira Kuweet dheengadda du'eeti. Aangoofi qabeenya guddaa san keessaa baafamee arra asitti awwaalame. Nus bakka jirruu baafamnee awwaalamuuf teenya. Guyyaa kanaaf qophaawaa.
​​"Jalqaba, nama qalbii qabu barbaanna, hayyuu sammuun fageessitee yaaddu. Dhugaadha! Dirreen lolaa goototaan bareeddi. Ammoo diina gosa adda addaa hedduun wal qunnamuuf jiraanna. Gaafa garii diina injifachuuf ableen(meeshaan) qofti ni geessi. Gaafa garii ammoo walii galteen sobdanii lola jabaa as deemuuf itti qophaawuu qabdan. Yeroo hunda tooftaa wal fakkaattuun yoo lola seentan diinni maalumma keessan sirritti hubata. Waan isin godhuuf kaatan gaafa beeke ammoo salphaatti isin injifata. Kanaafuu akka Leencaatti gootota taataniis sammuu teessanitti fayyadamtanii tooftaa lolaa baruu qabdan, kun dirqama keessani.

Yeeyyii fi Waraabeessi diinota Leencaati. Takkaa isaanii Leenca moohu dhageessanii? Osoo walii galanii tokkoomanii Leenca cabsuuf bahanii garuu Leenci maal mudata isinitti fakkaata?. Yaa gootota kiyya, gootummaan Leenca hunda keessa jirti. Garuu warri sammuun bilchaate muraasa. Leenci sammuutti hin fayyadamne kophaa bahee Yeeyyii fi Waraabeessaan caasoo wal qaba. Humna qabuun hanga tokko ifirraa ittisuus madaawee jireenya ulfaataa jiraata. Inuu du'uu mala. Garuu Leenci sammuu qabu, yeroo takkatti Yeeyyii fi Waraabeessaan wal hin lolu. Dura diinoonni isaa akka wal dhaban godha, waan isaan wal nyaachisu dalagaaf. Waan dalagameef tanatti gahuuf gaafa Yeeyyii fi Waraabeessi wal lolanii laaffatan, eeganaa ammaas haarayatti Leenci hillima hamaa biroo qopheessaaf. Akkasitti yeroo eeggatee jara lachuu balleessa. Akkanatti Leenci diina isaa xiqqeessa. Gaafa yeroon geyse, diina isaa birootis akkasumatti kolaasa.

Meeshaa caalaa sammuutti dhimma bahaa. Tooftaan isin harkaa dhumuu hin qabdu. Yoo diinni keessan mala 100 qabaate, isin hayyummaa teessaniin mala 1000 qabaadhaa. Amma waan qabsaawaan godhuu qabu narraa hubattanii? Malaafi jabeenya akka Yeeyyii, gootummaafi sammuu akka Leencaa, akkasuma saffisa akka Qeeransaa qabaachuu qabdan."

Ertugrul Suleymaan Shaah
​​​​Hadiisa Nu'umaan ibnu Bashiir (RA) gabaase keessatti Ergamaan Rabbii (ﷺ) akkana jedhe
"Qaama namaa keessa kutaa foonii xiqqoo takkatu jira; yoo isiin tolte qaamni hundi ni tola; yoo isiin badde qaamni hundi ni bada; dhagayaa! Isiin sun qalbiidha ykn onneedha "
Yaa Rabbi qalbii keenya tolchi