Ethiopian Press Agency/ Afaan Oromoo/
15.7K subscribers
15.5K photos
44 videos
3 files
1.89K links
Download Telegram
“Qamoleen qabsoo hidhannoo keessa jiran gaaffii qaban mariin furachuuf of qopheessuu qabu” -Obbo Leencoo Lataa
*****************
Gaazexaa Bariisaa
Qaamoleen qabsoo hidhannoo keessa jiran gaaffii siyaasaa qaban marii biyyaalessaatiin furachuuf of qopheessuu akka qaban gameessi siyaasaa Obbo Leencoo Lataa ibsan. Goolabamuu taateewwan waraana Itoophiyaa kaabaatii as mul’ataa kan isaan yaaddesse ta’uus ibsaniiru.
Obbo Leencoon ibsa Roobii darbe Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jehdanitti, qaamoleen qabsoo hidhannoo adeemsisaa jiran waldhabdee siyaasaa marii biyyaalessaatiin furachuuf qophaa’uu qabu. Waldhabbiin siyaasaa mariidhaan goolabamuu baannaan egereen biyyattii.....
https://press.et/.../qamoleen-qabsoo-hidhannoo-keessa.../
“Milkaa’ina hojii komishinichaatiif barsiisni araaraa cimee ittifufa’’ -Paastar Tsaadiquu Abdoo
********************
Gaazexaa Bariisaa
Hojii Koomishinii Marii Biyyaalessaatiin eegalame akka milkaa’uuf barsiisa ijaa ba’uurraa fagaachuun araaraa cimsanii akka barsiisan Tokkummaan Waldoota Kiristaana Warra Wangeela Itoophiyaa ibsan.
Pirezidantiin Tokkummaa Waldoota Kirstaanaa Warra Wangeelaa Itoophiyaa Paastar Tsaadiquu Abdoo tibba darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, hojii komishinii marii biyyaalessaan hojjetamaa jiru milkeessuuf barsiisa ijaa ba’uurraa fagaachuun jaalalaa, tokkummaafifi araaraa buusuu cimsanii barsiisaa jiru. Marichis dhimmoota waldhabdeef sababa ta’an furuuf shoora olaanaa qaba.
Akka ibsa isaaniitti, Koomishinichi akka biyyaatti dhimmoota waliigalteerra hin ga’amne walitti sassaabuun mariin akka furaman irratti hojjechaa jira. Muuxannoon mariin waldhabdeef furmaata barbaaduun biyyoota adda addaa keessatti....
https://press.et/.../milkaaina-hojii-komishinichaatiif.../
Manni Abbichuu nageenyaafi misooma toora xiyyeeffannaa taasifachuun milkaa’eera
*******************
Gaazexaa Bariisaa
Magaalaa Shaggar, Kutaa Magaalaa Mana Abbichuu irra jireessaa bosonaa uwwifamuu, sulula Mogoritti dhiyaachuufi daandiin naannoo Amaaraa geessu keessa qaxxaamuruun walqabatee bakkeewwan sodaa nageenyaa qaban keessaa isa tokko ture.
Gama biraatiin ammoo pirojektii guddichaa “Caakkaa pirojekti” jedhamuufi Buufata Qorannoo Hawwaa dabalatee dhaabbilee guguddoon kutaa magaalichaatti argamuunsaanii carraa hojii uumuufi galii maddisiisuurratti kutaa magaalattii carraqabeessa taasisa.
Nageenya mirkaneessuu cinatti rakkoo bulchiinsa gaarii maqsuun galii sassaabuurratti hojii fakkeenyummaa qabu kutaan magaalichaa barana hojjete ilaalchisee Bulchaan Kutaa Magaalaa Mana Abbichuu Obbo Abrhaam Biraanuu Kamisa darbe Gaazexaa Bariisaa.....
https://press.et/.../manni-abbichuu-nageenyaafi-misooma.../
Qeellam Wallaggaatti hojiin nageenya mirkaneessuu bu’aa abdachiisaa argamsiisaa jira
********************
Gaazexaa Bariisaa
Godina Qeellam Wallaggaatti hojiileen nageenya mirkaneessuuf hojjetamaa jiran bu’aa abdachiisaa argamsiisaa jiraachuu Waajjirri Bulchiinsafi Nageenya godinichaa beeksise.
Ittigaafatamaan waajjirichaa Obbo Tasammaa Waariyoo Kamisa darbe Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, waggoota sadii dura humni Shanee aanaalee godinichaa hedduu keessatti seelii diriirfatee uummata saamaa, nama nagayaa ajjeesaa, shororkeessaa, gidiraa dhala namaarratti raawwachuu hin malle ummataratti raawwachaa ture......
https://press.et/.../qeellam-wallaggaatti-hojiin.../
Gaazexaa Bariisaa maxxansa har'aa!!
Gaazexaa Bariisaa Caamsaaa 3 bara 2016 maxxanfame
https://press.et/.../bariisaa-sanbataa-caamsaa-3-bara-2016/
- Telegram
Ethiopian Press Agency/Afaan Oromoo
ykn liinkii
https://t.me/EthiopianPressAgency_AfaanOromoo
- Marsariitii
https://www.press.et/afanoromo/
#Sagantaa qormaata biyyaalessaa sadarkaa 2ffaa baranaa
***
Gaazexaa Bariisaa
Tajaajilli Madaallii Barnootaafi Qormaatilee sagantaa qormaata sadarkaa 2ffaa bara 2016 ifoomse.

Qormaatichi intarneetiifi waraqaan kan kennamu yoo ta'u, naannoo Tigraayiin ala sagantaan naannolee hundaafi bulchiinsa magaalotaa ifoomeera.
Teletoonii har’a adeemsifameen qarshii miliyoona 154.5 walittiqabameera📞
#Labsii_nageenyaa_Naqamteerraa labsame
*****
Gaazexaa Bariisaa
Ummata bira dhaqaniis ta’e gara waajjirasaaniitti affeeranii mariisisuun, yaadota biyya ceessisan, maddisiisuun harkaafi sammuu qulqulluudhaan hojiirra oolchuun, biyya qarree diigamaarra turte baraaruun, hawaasa seenessa qeenxeetiin burjaajii adda addaa keessa ture yaadasaa jijjiiruun, dallaa jibbiinsaa diiganii riqicha jaalalaa falaasama Ida’amuutiin tokkummaa sabdaneessummaa labsuufi hojiin agarsiisuun kan beekaman.

Saba guddaa, Oromoo keessaa bahanii duudhaa Oromummaatiin afaansaa dubbachaa, ittiin barreessaafi mariisisaa waltajjiilee argatan hundatti nagaa lallabuun kan beekamaniifi kanaanis badhaasa noobeelii nageenyaa kan fudhatan.
👇
https://press.et/oromifa/2024/05/11/labsii-nageenyaa-naqamteerraa-labsame/
Abbaan qabeenyaa Obbo Fayisal Abbaa Maccaa (Godina Jimmaarraa) qarshii kuma 200 Itoophiyaa qulqulluuf arjooman.
Pirezidaantii Ittaanaan MNO Obbo Awwaluu Abdii waamicha Ministira Muummee #Daandii_Qulqulluu_Jireenya_Fayyaa jechuun teletoonii karaa dijitaalaa taasisan fudhachuun gumaacha taasisanii jiru.
Naannoo Itoophiyaa Jiddugaleessaatti inisheetivoonni haaraan bocamanii bocamanii hojii keessa jiru
(Biiroo Qonnaa Naannichaa)