Ethiopian Press Agency/ Afaan Oromoo/
19.6K subscribers
16.5K photos
64 videos
3 files
2.06K links
Download Telegram
Yuunivarsiitiin Arsii Doktar Qaasim Kimoof Pirofeesarummaa guutuu kenne
****
Gaazexaa Bariisaa
Pirofeesar Qaasim Kimoo  gumaacha addaa damee isaaf taasiseen, akkasumas barsiisa, maxxansa, dhimma dhaabbileefi tajaajila hawaasaa bu’aqabeessaf of kennuusaatiin beekamtii argateera.

Yuunivarsiiticha
Ibsa Ejjennoo Mootummaa Naannoo Oromiyaa irraa kenname.

Nagaa Nagaa Nagaa!!!

Ummanni naannoo keenyaa, rakkoon nageenyaa yeroo dheeraaf isaa rakkisaa ture, karaa nagaa akka goolabamu yeroo garaa garaa hiriira nagaa gurguddoo gochuun waamicha dhiyeessera. Mootummaan Naannoo Oromiyaa waamicha kana kan kabaju, cimsee deeggaruufi kan owwaatuuf yoo ta’u, akkuma yeroo maraa, waldhabdee naannicha keessatti deemaa jiruuf furmaanni dorgomaa hin qabne marii karaa nagaa taasifamu ta’uu cimsee amana.

Mootummaan harka jalqabbii waldhabdee kanaa irraa kaasee nagaaf diriirsaa ture hardhas kan hin dachaasne yoota’u, ejjennoo  daandiin qaama kamuu injifataa taasisu marii nagaati jechuun tarkaanfachiisus hin laaffisne. Kunis nageenyaafi misooma ummataaf kan dursa kennuufi mararfannaa hawaasaaf qaburraa kaa’eti. Kutannoo waamicha karaa nagaa itti fufiinsa qabu taasisuu cinatti, gufuu daldaltoonni siyaasaa kaa’an tarkaanfachuun marii nagaa marsaa lamaaf biyya Taanzaaniyaatti adeemsifame mijeessuufi hirmaachuun mirkaneessee jira. Fedhii guddaan mariiwwan kunneen waliigalteen xumuree, nageenya ummataa mirkaneessuufi irree gamtoomeen misooma naannichaa finiinsuuf qabu milkaa’uu dhabuun taatee gadda guddaadhaan yaadatamudha.

Haata’u malee, hidhattoonni kumaatamaan lakkaa’aman meeshaa waraanaa lafa kaa’anii karaa nagaa galuun, kutannoo mootummaan rakkoo kana karaa nagaa furuuf qabuuf ragaa baahuu irratti argamu. Akkuma yeroo maraa, Mootummaan Naannoo Oromiyaa hidhattoota waamicha nagaa fudhachuun galaniif kabajaaf dinqisiifannaa olaanaa kan qabu ta’uu asumaan mirkaneessuun barbaadna.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa, hiriirri ummataa waldhabdeen naannicha keessa jiru karaa nagaa akka furmaata argatu kutaalee Oromiyaa garaa garaatti adeemsifame fedhii cimaa ummanni nagaafi tasgabbiin akka deebi’u qaburraa kan madde ta’uu guutummaan kan fudhatuudha. Yeroo gara garaattis ummanni keenya Farda luugamee, Waanjoo baatee, buuqqee duudaa qabatee, Callee harkanee, kallachaa baasee nagaa gaafateera; kadhateera.

Wanti nama gaddisiisu garuu, gareen daldaltoota siyaasaa adeemsa marii nagaa danquun dararaa ummataa madda galii godhatee ture, waamicha dhugaa ummanni gadadoon isaa akka dhuma argatuuf taasise irratti olola gaggeessuun, qoosaa egeree saba irratti taasisuu bare itti fufeera. Ololli garichi burjaajii ummataa ittiin dabaluuf oofu kana qofa miti; dhiheenya kanas humnoonni nageenyaa mootummaa, gocha maallaqaaf nama ukkamsuu, galma qabsoo humnoota hidhatanii ta’e keessatti hirmaachuu tamsaasuun olola bu’uura hin qabne hafarsaa turee jira.

Garichi olola akka kanaa kan adeemsisu, fudhatamummaafi aarsaa amma lubbuutti humnoonni nageenyaa keenya misoomafi nagaa ummataaf kanfalaa jiru xureessuun, itti fufiinsaan jeequmsa madda galii godhachuuf karoorsuuni. Maqa balleessiin akka kanaa wareegama qaalii, nagaa ummataa bakkatti deebisuuf humni nageenyaa keenya kaffalu waakkachuurraa kan maddu yoo ta'u, itti gaafatamummaa seenaas kan hordofsiisudha. Dabalataanis, Mootummaan naamusni akka kabajamuufi nagaan namootaa akka eegamu, gocha humnoota nageenyaa isaa itti dhiyeenyaan kan hordofu yoo ta’u, rakkoolee naamusaa xixxiqqaa illee kan hin obsine ta’uu mirkaneessuu barbaada.

Haat'u malee, gareen faayidaa ummata keenyaa hunda dhidhimsuu amaleeffate kun gaaffii nagaa, ummanni hiriira bahuun gaafate dhimma mootummaan harka keessaa qabu fakkeessee salphisuuf yeroo yaalu muldhateera. Gochi kun fedhiifi dhiibbaan ummataa humnoota hidhatanii socho’an biratti akka hin dhagaahamne taasisuuf kan raawwatamedha. Bakka nagaan bu’etti, bakka walqoodinsi hafetti, bakka gidiraan ummataa dhaabbatetti, ajandaan mararfataafi dhimmamaa ummataa of-fakkeessee hafarsuun “sabboonummaa" ittiin goonfatu, akkasumas bu’aa dinagdee argatu waan dhabuuf, gaafffii marii nagaa akka har’aa kana xiqqeessufi danquun isaa kan barame. Adeemsi kun umamaafi amala garee "sabboonummaa fakkeessaa itti jiraatuufi odeessee bulaa kanaati.
Hundaa’ol, hiriira nagaa ummatni fedhii isaatiin nageenya dheebochuu irraa ka’ee bahu, akka qaamaa mootummaan qindaa’eetti muldhisuuf yaaluun dhugaa irraa kan fagaateefi madaa ummataa mukaan horfuu akka ta'etti kan yaadamudha.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa, ejjannoo isaa furmaanni karaa nagaa hunda caala jedhu cimsee kan itti fufu ta’uu ibsaa, gaaffii ummanni keenya, rakkoon nageenyaa naannoo Oromiyaa mudate marii nagaan akka hiikamu, hiriira bahuun dhiyeesse kan kabajuufi fudhatu yoo ta'u waldhabdee kana marii nagaan fixuuf daandii dheeraa kamuu kan imaluufi marii hidhattoota waliin taasifamu kamiifuu qophii ta’uu carraa kanaan irra deebiin mirkaneessuun barbaada.

Waamicha Ummataatti Qoosuun Itti Gaafatamummaa Seenaa Hordofsiisa!
Sadaasa 6/2017
Finfinnee
Ji’a Onkoloolessaatti buna alatti ergamerra doolaarri miliyoona 155 argame
-Ji’oota afur keessatti doolaarri miliyoona 674.55 argameera
**********************
Gaazexaa Bariisaa

Bara bajata 2017 ji’a Onkoloolessaatti buna toonii kuma 35fi 171 gabaa alaatti erguun galii doolaara miliyoona 155.53 argamuu Abbaan Taayitaa Shaayiifi Bunaa beeksise.

Raawwiinsaa kan bara bajata darbee ji’a Onkoloolessaa waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu hangaafi galiin dabaluu ibsameera.

Bara bajaticha ji’oota arfan darbanittis buna toonii kuma 98fi 999.38 alatti erguun, galiin doolaara miliyoona 531.04 argamsiisuuf karoorfamee, buna toonii kuma 150fi 346.57 erguun galii doolaara miliyoona 674.55 argameera.

Raawwiinsaa kan bara darbee yeroo walfakkaataa waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu galiin doolaara miliyoona 226.89 caalmaa agarsiisuu abbaan taayitichaa beeksiseera.
Sadaasa 6 Bara 2017
#Shaggaritti_seektaroonni hundi borii kaasee Sanbata tajaajila kennuu eegalu
****
Gaazexaa Bariisaa
Finfinnee: Waajjiraaleen mootummaa Magaalaa Shaggar hundi boru, Sadaasa 7 bara 2017 irraa kaasee tajaajila sanbataa hanga sa'aatii 6:30tti  kennuu akka eegalan Waajjirri Pabliik Sarviisii Bulchiinsa Magaalaa Shaggar ibse.

Seektaroonni filatamoon ammoo hamma halkan sa'aatii 4:00tti dursanii tajaajila kennaa jiru.

Ittigaafatamaan waajjirichaa Obbo Cammaraa Shibbiruu ibsa har'a waajjirasaaniitti Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka ibsanitti, magaalichi kenniinsa tajaajilaa maanneen hojii mootummaa sadarkaa olaanaatti fiduuf yeroo yerootti yaaliiwwan garagaraa taasisaa kan jiru yoo tahu, kanneen keessaa humni namaa sadarkaa hunda jiru cimee hawaasi ittiquufiinsa tajaajilaa akka argatu taasisuun isa ijoodha.

Kunis mootummaafi ummata gidduutti riqicha cimaa kan uumu waan ta'eef dhimmicharratt hojiileen addaddaa hojjetamaa turuu kaasanii, bu'uuruma kanaan kenni tajaajilaa ammallee hanqina waan qabuuf waajjiraaleen yeroo dabalanii tajaajiluu akka qaban murtaa'uu ibsu.

Haaluma kanaan borirraa eegalee seektaroonni hundi guyyaa walakkaa kan tajaajilan ta'uu himanii, seektaroonni kanneen akka lafaa, geejibaafi tajaajilamtoota hedduu qaban garuu dursanii guyyaa guutuu hanga halkan sa'atii 4:00tti tajaajila kennaa turuufi ammallee akkanumaan kan ittifufan ta'uu ibsaniiru.
Saamraawiit Girmaatiin
Sadaasa 6 bara 2017
Akkam bultan‼️
Gaazexaa Bariisaa maxxansa har'aa‼️
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 7 Bara 2017 maxxanfame
https://press.et/.../bariisaa-sanbataa-sadaasa-7-bara-2017/
- Telegram
Ethiopian Press Agency/Afaan Oromoo
ykn liinkii
https://t.me/EthiopianPressAgency_AfaanOromoo
- Marsariitii
https://www.press.et/afanoromo/
Qajeeltoo kennanii fudhachuun fedhii ulaa galaanaa milkeessuu
*****************
Gaazexaa Bariisaa
Fedhii biyyaalessaa milkeessuuf Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) Yaa’ii idilee 3ffaa bara hojii 4ffaa waggaa 6ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarratti qajeeltoo kennanii fudhachuu fala ta’uu ibsaniiru.
Ibsasaanii keessattis seenaa ulaa galaanaa qabaachuu qofa utuu hintaane ulaan galaanaa Itoophiyaaf waa hunda ta’uu hubachiisaniiru.
Yaada kana irraa ka’uun Itoophiyaan ulaa galaanaa Zayilaa, Barbaraa Sumaalee Laandi, Jibuutii, gama Ertiraan Aduulisiiifi Asab argachuu qabdi.
Kanaafis, Itoophiyaan biyya guddoofi kuufama guddaa qabdu ta’uu akka sababaatti kaasaniiru.
Akkuma hidha laga Abbayyaa waliin dubbachuun furuun danda’ame dhimma ulaa galaanaarrattis irradeebi’uun badhaadhina hundaa hammataa mirkaneessuun nidanda’ama.
Mootummaansaanii misooma waloof wantota…
Guutummaasaaf liinkii gadii cuqaasaa
https://press.et/.../qajeeltoo-kennanii-fudhachuun.../
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 7 Bara 2017
Ji’oota sadan darbanitti namooti miliyoona 2.9 dhibee busaatiin qabaman
👉Saaphanni siree miliyoona 2.2 yoo raabsamu, dhiyeessii qorichaaf qarshii miliyoonni 8.6 baasii ta’eera
*****************
Gaazexaa Bariisaa
Ji’oota sadan darbanitti namootni miliyoona 2.9 ta’an dhibee busaan qabamuu Ministeerri Fayyaa beeksise. Baay’ina ummata biyyattii keessaa %69 bakka tatamsa’ina dhibee busaatiif mijataa ta’e keessa akka jiraatu ibsameera.
Ministeera Fayyaatti hogganaan sabqunnamtiifi kominikeeshinii fayyaa Doktar Taganee Raggaasaa ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, ji’oota sadan darbanitti namoota dhibee busaatiin shakkamanii sakatta’iinsi taasifame miliyoona 6.6 keessaa namootni miliyoona 2.9 dhibichaan qabamaniiru.
Yeroo ammaa baay’eensaanii tajaajila wal’aansaa argatanii fayyaa jiru. Kaan ammoo yaalamaa jiru.
Akka ibsasaaniitti, dhibeen busaa waggaatti ganni ba’ee yeroo roobni addaan citu (Fulbaanaa-Muddee)fi tibba arfaasaa (Ebla, Caamsaafi Waxabajjii) dabalatee bakkawwan tokkotti kuufamuu bishaaniin walqabatee yeroo ittibabal’atuudha.
Akka ragaan mul’isutti hanga ji’a Muddeetti…
Guutummaasaaf liinkii gadii cuqaasaa
https://press.et/.../jioota-sadan-darbanitti-namooti.../
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 7 Bara 2017
Addunyaan fuulasaa gaarummaa gara Itoophiyaatti deebisaa jira
*****************
Gaazexaa Bariisaa
Itoophiyaan biyya beelaan akka fakkeenyaatti eeramtuufi waggoota muraasa rakkoo nageenyaatiin dura walqabatee dhagaan badiisaa itti guuramaa ture taatus osoo rakkoof hinjilbeenfatin jabaattee hojjechuusheen har’a seenaan jijjiiramee gara faara tolaadhaan ilaalamuutti saffisaan imalaa jirti.
Tibbana Finfinneen wayita waltajjiiwwan idiladdunyaa hedduu keessummeessuuf ko’oommattutti keessaas alaas waamichi Itoophiyaaf taasifamaa ture daran ajaa’ibsiisaa ture.
Addunyaa biratti faara tolaan ilaalamanii keessummoota addunyaa simachuun bu’aa rogawwan maraa qaburratti Gaazexaan Bariisaa hayyoota Siyaasaa haasofsiiseera.
Gameessi Siyaasaa Doktar Mulugeetaa Dabbabaa akka jedhanitti, jijjiiramni dhufaa jiru osoo warra keessaatti hinfakkaatiin addunyaa raajeffachiisaa jira.
Ammaan tana garuu biyyi daandii guddinaafi imala sirriirra jiraachuu jijjiiramoota mul’ataa jiran hundi akka amanu dirqisiisaa jira.
Mammaaksi, “Kaleessa guddaa turre, guddaas ni taana” jedhu hafee akka, “Nuti har’a guddaadha, bor guddina caalutti ceena” akka…
Guutummaasaaf liinkii gadii cuqaasaa
https://press.et/.../addunyaan-fuulasaa-gaarummaa-gara.../
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 7 Bara 2017
“Fiigichi olaanaan Itoophiyaa fiigicha olaanaa addunyaa ta’uuf jira”
- Kumaalaa Atileet Hayilee Gabrasillaasee
**
Gaazexaa Bariisaa
Fiigichi olaanaa (The Great Run) magaalota Ameerikaatti jalqabamus biyyoota Awuroppaa, Eeshiyaafi Ameerikaa Kibbaatti adeemsifamuu edda jalqabee oolee buleera. Waggoota muraasaa as ammoo Afrikaatti jalqabameera.

Fiigichi kun biyyoota Awuroppaa keessumattuu Ingilaandi, Jarman, Xaaliyaanii, Eeshiyaatti ammoo Chaayinaafi Jaappaan, Ameerikaa Kibbaatti Biraazil, Arjentiinaafi Chiiliitti waggaa waggaadhaan akka adeemsifamu ragaaleen ni eeru. Afrikaattis waggoota muraasaa as biyya teenya Itoophiyaatti bara 1993 irraa kaasee adeemsifamaa jira.
👇
https://press.et/oromifa/2024/11/16/fiigichi-olaanaa-itoophiyaa-fiigicha-olaanaa-addunyaa-tauuf-jira-kumaalaa-atileet-hayilee-gabrasillaasee/