Caffee Oromia
13.9K subscribers
5.31K photos
268 videos
14 files
568 links
โ˜Ž๏ธ +113726218
๐Ÿ“ง Caffeeoromia@gmail.com
FB : CAFFEEOROMIA
Website:Www.caffeeoromiyaa.org
Download Telegram
Aadaan walgargaarsaa, kan qabanirraa waliif qooduun waliin jiraachuu karaa itti fufiinsa qabuun raawwatamuu akka qabu harโ€™a kan barannu osoo hin taane duudhaafi barsiifata Oromoo kaleessaati.

Aadaafi duudhaan kun sirnoomee akka lafa qabatuuf beekamtiin seeraa kennamee Labsiin Tajaajila Lammummaa Caffee Oromiyaan labsamee hojiirra akka oolu taasifame jedhan I/G/Waajjira Caffee Oromiyaa Kab. Obbo Indaashaw Birhaanuu.

Guyyaan Gaarummaa / Tajaajila Lammummaa hooggansaafi hojjettoota Waajjira Caffee Oromiyaa waliin yaadatamee ooleera.
****
๐—ข๐—ฑ๐—ฒ๐—ฒ๐—ณ๐—ณ๐—ฎ๐—ป๐—ป๐—ผ๐—ผ ๐——๐—ฎ๐—ฏ๐—ฎ๐—น๐—ฎ๐˜๐—ฎ๐—ฎ ๐—”๐—ฟ๐—ด๐—ฎ๐—ฐ๐—ต๐˜‚๐˜‚๐—ณ!
๐‘พ๐’†๐’†๐’ƒ๐’”๐’‚๐’‚๐’š๐’Š๐’•๐’Š๐’Š: www.caffeeoromiyaa.org
๐‘ญ๐’‚๐’„๐’†๐’ƒ๐’๐’๐’Œ: https://www.facebook.com/CaffeeO
๐‘ป๐’†๐’๐’†๐’ˆ๐’“๐’‚๐’‚๐’Ž๐’‚: Https://t.me/CaffeeOromia
๐’€๐’๐’–๐’•๐’–๐’ƒ๐’†: www.youtube.com/@caffeeoromiyaa
๐“๐ฐ๐ข๐ญ๐ญ๐ž๐ซ: https://twitter.com/CaffeeOromiyaa
๐‡๐จ๐ซ๐๐จ๐Ÿ๐š๐š!
Siidaan dhaloota har'aa, agarsiiftuun badhaadhinaa; irree tokkummaa saboota, sablammootaafi ummattoota Itoophiyaatiin ni milkaa'a.

Hidhaan Haaromsaa Guddichi Itoophiyaa mallattoo tokkummaa saboota, sablammootaafi uummattoota Itoophiyaafi ashaaraan dhaloota har'aa kutannoo hooggansa jijjiiramaan dhiibbaa alaafi keessaa dandamatee marsaa 4ffaaf guutiinsi bishaanii raawwateera.

Baga Guyyaa Injifannoo kanaan isin gahe!
Baga Gammaddan!
***
๐—ข๐—ฑ๐—ฒ๐—ฒ๐—ณ๐—ณ๐—ฎ๐—ป๐—ป๐—ผ๐—ผ ๐——๐—ฎ๐—ฏ๐—ฎ๐—น๐—ฎ๐˜๐—ฎ๐—ฎ ๐—”๐—ฟ๐—ด๐—ฎ๐—ฐ๐—ต๐˜‚๐˜‚๐—ณ!
๐‘พ๐’†๐’†๐’ƒ๐’”๐’‚๐’‚๐’š๐’Š๐’•๐’Š๐’Š: www.caffeeoromiyaa.org
๐‘ญ๐’‚๐’„๐’†๐’ƒ๐’๐’๐’Œ: https://www.facebook.com/CaffeeO
๐‘ป๐’†๐’๐’†๐’ˆ๐’“๐’‚๐’‚๐’Ž๐’‚: Https://t.me/CaffeeOromia
๐’€๐’๐’–๐’•๐’–๐’ƒ๐’†: www.youtube.com/@caffeeoromiyaa
๐“๐ฐ๐ข๐ญ๐ญ๐ž๐ซ: https://twitter.com/CaffeeOromiyaa
๐‡๐จ๐ซ๐๐จ๐Ÿ๐š๐š!
๐‘ธ๐’‚๐’‚๐’Ž๐’Ž๐’†๐’† 5 - ๐™‚๐™ช๐™ฎ๐™ฎ๐™–๐™– ๐˜ฟ๐™๐™–๐™ก๐™ค๐™ค๐™ฉ๐™–๐™–
๐ˆ๐ญ๐จ๐จ๐ฉ๐ก๐ข๐ฒ๐š๐š, ๐๐ข๐ฒ๐ฒ๐š ๐ˆ๐๐š'๐š๐ฆ๐š ๐ƒ๐ก๐š๐ฅ๐จ๐จ๐ญ๐š๐š!
***
๐—ข๐—ฑ๐—ฒ๐—ฒ๐—ณ๐—ณ๐—ฎ๐—ป๐—ป๐—ผ๐—ผ ๐——๐—ฎ๐—ฏ๐—ฎ๐—น๐—ฎ๐˜๐—ฎ๐—ฎ ๐—”๐—ฟ๐—ด๐—ฎ๐—ฐ๐—ต๐˜‚๐˜‚๐—ณ!
๐‘พ๐’†๐’†๐’ƒ๐’”๐’‚๐’‚๐’š๐’Š๐’•๐’Š๐’Š: www.caffeeoromiyaa.org
๐‘ญ๐’‚๐’„๐’†๐’ƒ๐’๐’๐’Œ: https://www.facebook.com/CaffeeO
๐‘ป๐’†๐’๐’†๐’ˆ๐’“๐’‚๐’‚๐’Ž๐’‚: Https://t.me/CaffeeOromia
๐’€๐’๐’–๐’•๐’–๐’ƒ๐’†: www.youtube.com/@caffeeoromiyaa
๐“๐ฐ๐ข๐ญ๐ญ๐ž๐ซ: https://twitter.com/CaffeeOromiyaa
๐‡๐จ๐ซ๐๐จ๐Ÿ๐š๐š!
๐‘ธ๐’‚๐’‚๐’Ž๐’Ž๐’†๐’† 6 - ๐‘ฎ๐’–๐’š๐’š๐’‚๐’‚ ๐‘พ๐’‚๐’๐’๐’๐’Ž๐’‚๐’‚
๐๐ข๐ฒ๐ฒ๐š ๐’๐š๐›๐๐š๐ง๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š๐ง ๐ˆ๐ฃ๐š๐š๐ซ๐š๐ฆ๐ญ๐ž!
****
๐—ข๐—ฑ๐—ฒ๐—ฒ๐—ณ๐—ณ๐—ฎ๐—ป๐—ป๐—ผ๐—ผ ๐——๐—ฎ๐—ฏ๐—ฎ๐—น๐—ฎ๐˜๐—ฎ๐—ฎ ๐—”๐—ฟ๐—ด๐—ฎ๐—ฐ๐—ต๐˜‚๐˜‚๐—ณ!
๐‘พ๐’†๐’†๐’ƒ๐’”๐’‚๐’‚๐’š๐’Š๐’•๐’Š๐’Š: www.caffeeoromiyaa.org
๐‘ญ๐’‚๐’„๐’†๐’ƒ๐’๐’๐’Œ: https://www.facebook.com/CaffeeO
๐‘ป๐’†๐’๐’†๐’ˆ๐’“๐’‚๐’‚๐’Ž๐’‚: Https://t.me/CaffeeOromia
๐’€๐’๐’–๐’•๐’–๐’ƒ๐’†: www.youtube.com/@caffeeoromiyaa
๐“๐ฐ๐ข๐ญ๐ญ๐ž๐ซ: https://twitter.com/CaffeeOromiyaa
๐‡๐จ๐ซ๐๐จ๐Ÿ๐š๐š!
๐”๐ฆ๐ฆ๐š๐ง๐ง๐ข ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ๐Ÿ๐ข ๐ˆ๐ญ๐จ๐จ๐ฉ๐ก๐ข๐ฒ๐š๐š ๐ก๐ฎ๐ง๐๐ข ๐๐š๐ซ๐š ๐‡๐š๐š๐ซ๐š๐š ๐Ÿ๐ŸŽ๐Ÿ๐Ÿ” ๐๐š๐ ๐š ๐๐š๐ ๐š๐š๐ง ๐†๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š๐ง!"
Seera uumaafi uumamaan dirqamanii, baatiiwwan dabareen wal jijjiiraa cehuumsa birraa dhugoomsu. Ganni waktiin roobaa wayita bahuuf jedhutti, dacheen magariisaan badhaatee birraa simachuuf yeroo itti qophooftu, Qaammeen baatii addaa, riqicha jijjiiramaa taโ€™uun, gannaafi faaya barii birraa gidduun mulโ€™attee as baati.

Guyyoonni Qaammee, taateewwan gurguddoo bara keessa ceene kan nu yaadachiisan; mulโ€™ata, hawwiifi abdii bara itti aanuuf qabnu qabannee, waktii haaraa mallattoo quufaafi ceโ€™uumsaan beekamu birraa akka bakkalcha barii goobanee as bahu simanna.

Bacaqiin gannaas qooree, roobnis qaqalโ€™atee, uumamni booqaa birraa arguuf, ililiin birraas daraaree asheetuun dachee faaya addaan badhaasa.

Carraaqqata jiruufi jireenyaati; dukkanni ifaan, doofummaan barnootaan, jibbi jaalalaan, garaagarummaan waloomaan, hammeenyummaan dhiifamaafi gaarummaa dalaguun bakka wal buusee bara haaraa simachuuf qophii irratti argama. Ummata keenyaa waliin, gurmuu tokkummaa tokko jalatti hiriiruun, waan karoorsine waliin raawwannee, imala badhaadhina Oromiyaafi biyyaa mirkaneessuuf hojii qabatamaa keessa jirra.

Galmoota cehuumsa naannoofi biyyaa dhugoomsan qabannee, hojii bara darbe hojjechaa turreen, gaaffiiwwan misoomaaf xiyyeeffannoo addaa kennuun, hojiiwwan nageenyaafi ijaarsa sirnaa, cehuumsa diinagdeefi hariiroo diiplomaasii keenya cimsuuf hojjetamaa turan, utubaalee gurguddoo mulโ€™ata biyyaafi naannoo keenyaa dhugoomsan taโ€™anii argamu.

Keessaahuu, ijaarsa sirna dimokiraasii dagaagsuu, bulchiinsa gaarii mirkaneessuun, dhiibbaa jijjiirama qilleensaa dandamannee misooma ariifataafi walitti fufiinsa qabu galmeessuuf inisheetiivota addaa addaa jiruufi jireenya hawaasaa jijjiiruu danda'an bocuun hojiin bara darbe itti milkoofne, bara kanaaf ammoo, muuxannoo taโ€™ee buโ€™aa caalmaaf kan nu onnachiisuufi qormaatilee imala keenya keessatti nu qunnamaniif dawaa taโ€™ee tajaajila.

Dantaa dhuunfaafi garee muraasaa kan sabaa fakkeessuun, dheebuu aangoof qaban qaxxaamuraan milkeessuuf, abjuu maseene qabatanii gamaa gamanaa sabaafi amantaa dahoo godhachuun kan sochoโ€™an gareewwan finxaaleyyii, dhugaa waloo waliin qabnu cinaatti dhiisanii, hawaasa nagaafi tasgabbii dhorkuun daandii furmaataa kan isaanitti fakkaatee, ergama diigumsa biyyaa qabatanii sochii taasisaa jiran qolannee, obbolummaa dagaagsinee, walqixxummaafi tokkummaan biyya waloo ijaaraa jirra.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa, karoora addaa dameewwan misoomaa hunda irratti qabatee jiru dhugoomsuuf xiiqiin hojjechuu irratti argama. Safartuun milkaaโ€™ina hojii keenyaas, saffisa ittiin hojjennu dabaluun, kalaqaafi tekinoloojii fayyadamnee, baayโ€™inaafi qulqullinaan oomishuun jiruufi jireenya ummata keenyaa boqonnaa itti haaraatti ceessisuuf, bara haaraa kanatti humnaafi tooftaa haaraan karaa qindoomina qabuun hojjennee warra waan karoorse waliin raawwatee, injifannoos waliin dhandhamatu taโ€™uuf bakka jirrutti qooda keenya gumaachuutu nurraa eegama.

Caffeen Oromiyaas, galmoonni misoomaa roga maraan qabaman akka milkaaโ€™aniif, bara darbe hordoffiifi to'annoo hirmaannaa hawaasaan deeggaramuun taasisaa tureen buโ€™aan argame olaanaadha. Itti gaafatamummaa Heeraafi ummataan kennameef giddu gala godhachuun jijjiiramni buโ€™uuraa gama diinagdeen, hawaasummaafi siyaasaan, akkasumas, misoomni haqa qabeessaafi ariifataan naannicha keessatti akka dhugoomuuf fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf xiyyeeffannoo kennee hojjechuun waadaa ummata isaaf gale bahachuu irratti argama.

Ummanni keenyas, akkuma kaleessaa hirmaannaa isaa daangaa hin qabneen mootummaa isaa cinaa dhaabbatee utubuu akka qabu carraa kanaan ibsa.

Dhumarrattis, harโ€™a jala bultii bara haaraa guyyaa โ€˜Waloomaaโ€™ irratti argamna. Tokkummaan keenya, faajjii injifannoofi birmadummaa keenyaa waan taโ€™eef, waliin taanee waan karoorsine hunda raawwachuun warra baranaa, bara dhuftu injifannoon warra deebiโ€™ee wal argu akka taanu ibsaa, carraa kanaan, ummata naannoofi biyya keenyaan BAGA BARA HAARAA 2016n NAGAAN WALIIN NU GAHE jechaa barri haaraa dhufu kan nagaa, gammachuu, injifannoofi badhaadhinaa akka nuuf ta'u hawwiin qabu ibsa.
Sa'aadaa Abdurahmaan
Afyaa'ii Caffee Oromiyaa
Qaammee 06/2015
Manneen Maree Ummataa sadarkaan jiran, gurmaaโ€™ina qaamolee mootummaa sadeen keessaa tokko. Dimokiraasii dagaagsuu, bulchiinsa gaarii mirkaneessuun misooma ariifachiisaafi ummanni irraa fayyadamu dhugoomsuu keessatti qoodni qaamni kun qabu olaanaadha.
Sirni walhordofuufi to'achuu cimaan qaamolee mootummaa gidduutti yoo jiraate fayyadamummaan ummataa ni mirkanaaโ€™a. Kanaaf, Manneen Maree Aanaa, Magaalaafi Gandaas qaama ummatatti dhiyaachuun hojii bakka buโ€™ummaa hojjechaa jirtan waan taโ€™eef, sadarkaa gaaffiifi fedhiin misoomaa ummata keenyaa irra qaqqabee jiruun qaama ergama isaa qixa sirriin bahachuu dandaโ€™u ijaaruufi cimsuun barbaachisaadha.
Waggoota lamaan dabarsinetti, Manneen Maree keessatti jijjiirama qabatamaa fiduuf karoorfannee hordoffiifi deeggarsa barbaachisaa taโ€™e taasisaa turreerra. Keessaahuu, hojiin qaama kanaan hojjetamu hubannoofi beekumsa irratti karaa hundaaโ€™een raawwatamuu waan qabuuf, humna namaa ergama kana fudhatee raawwachuu dandaโ€™u gahoomsuu irratti xiyyeeffachuun hojjetamaa ture.
Gurmaaโ€™inaafi hojimaata kaleessa ture irra deebiin sakattaโ€™uun, buโ€™aa caalmaafi jijjiirama buโ€™uuraa galmeessuuf kan onnachiisu waan taโ€™eef, gaaffii yeroo dheeraa Manneen Maree Aanaalee, Magaalotaafi Gandootaan walqabatee kaโ€™aa ture deebisuuf, Caasaafi Dambiin Keessoo Gurmaaโ€™ina, Adeemsa Hojiifi Naamusa Miseensota Mana Maree Aanaa, Magaalaafi Gandaa qoratamaa ture xumuuramee akka hojiirra ooluuf gadi buโ€™ee jira.
Manneen Maree sadarkaan jirtanis, hojiin gara fuulduraatti isin eeggatu guddaa taโ€™uu hubattanii itti gaafatamummaa ulfaataa Heeraafi Ummataan isinitti kenname gahuumsa olanaaan bahachuun amanaa ummanni keessan isinitti kennateefi isinis waadaa ummata keessaniif galtan xiiqiifi kutannoo olaanaan hojjechuutu isinirraa eegama.
Kanaaf, karoorri akka mootummaatti qabannee hojjechaa jirru, hundaaโ€™ol, qindoominaafi tumsa waloo qaamolee mootummaafi hirmaannaa ummataa waan gaafatuuf, bakka buโ€™oonni ummataas qooda olaanaa qabaachuu keessan hubattanii itti gaafatamummaa dachaa qabdan sirnaan bahachuutu isirraa jiraata.
Barri haaraan jalqabnes, bara itti hojjennee jijjiirama qabatamaa galmeessuun cehuumsa biyyaafi naannoo keenyaa itti dhugoomsinu nuuf haa taโ€™u carraa kanaan hawwiin qabu ibsa.