Caffee Oromia
13.3K subscribers
5.31K photos
268 videos
14 files
568 links
โ˜Ž๏ธ +113726218
๐Ÿ“ง Caffeeoromia@gmail.com
FB : CAFFEEOROMIA
Website:Www.caffeeoromiyaa.org
Download Telegram
Injifannoon Bitootessa 24โ€™n argame, imala jijjiiramaafi cehumsa biyya dhugoomse. Afyaaโ€™ii Caffee Oromiyaa Kab. Aadde Saโ€™aadaa Abdurahmaan
****
Sadarkaa Magaalaa Shaggaritti Guyyaan Injifannoo Bitootessa 24 Istaadiyoomii Kutaa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhiitti kabajame.

Sirna kabaja guyyaa kanaa irratti kan argaman Afyaa'iin Caffee Oromiyaa Kab. Aadde Sa'aadaa Abdurahmaan, Bitootessi 24 Aadaa siyaasaa ture jijjiiruun dirree siyaasaa bal'isuun bilisummaan miidiyaalee akka mirkanaa'uufi dhaabbilee ciccimoo dhiibbaa siyaasaa irraa bilisa ta'an akka ijaaramaniif bu'uura guddaa kan kaaโ€™edha jedhan.

Imaammata dinagdee yaadama sirrii irraa maddeen dinagdee damdaneessaafi itti fufiinsa qabu ijaaruun seenaa hiyyummaa jijjiiruun danda'ameera.

Sadarkaa I/I/A Pirezidaantii MNOtti, Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Dr. Tashoomaa Addunyaa gama isaaniin, Bitooteesi 24 guyyaa injifannoo itti galmeessine qofa osoo hin taane, guyyaa itti injifannoo galmeessine bulchuu itti eegalledhas jedhan.
๐Ÿ‘55โค18
Afyaa'iin Caffee Oromiyaa Kab. Aadde Sa'aadaa Abdurahmaan jila isaanii waliin, Mana Maree Magaalaa Finfinneetti argamuun hojiilee riifoormii adda addaa tajaajila Mana Marichaan kennamu fooyyessuuf hojjetamaa jiran irratti mari'achuun, hojiiwwan hojjetamaa jiranis daawwataniiru.

Afyaa'iin Mana Maree Magaalaa Finfinnee Kab. Aadde Buzeenaa Alqaadir, Kab. Afyaa'ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa'aadaa Abdurahmaaniifi jila isaanii Waajjira isaaniitti simachuun hojiilee adeemsa seera baasuu, sirna hordoffiifi to'annoo, hojii bakka bu'ummaa ummataa gaggeeffamuufi hojiilee riifoormii adda addaa hojjetamaa jiru ilaalchisee muuxannoo qaban qooduun, gurmaa'inaaleefi sochiiwwan waliigalaa akka Mana Marichaatti hojjetamaa jiranis daawwachiisaniiru.
๐Ÿ‘53โค21
๐Œ๐จ๐จ๐ญ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š๐ง ๐ญ๐š๐ฃ๐š๐š๐ฃ๐ข๐ฅ๐š ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐ญ๐š๐š๐Ÿ ๐ค๐ž๐ง๐ง๐ฎ ๐ข๐ญ๐ญ๐ข ๐ช๐ฎ๐ฎ๐Ÿ๐ข๐ข๐ง๐ฌ๐š ๐ฆ๐š๐š๐ฆ๐ข๐ฅ๐ฅ๐ข ๐š๐ซ๐ ๐š๐ญ๐ž๐ž๐ง ๐ฆ๐š๐๐š๐š๐ฅ๐š.
****
โค20๐Ÿ‘14๐Ÿ’ฏ2
Koreen Dhaabbii Dhimma Misooma Baadiyyaa Caffee Oromiyaa haala kenniinsa tajaajila sekteroota Godina Iluu Abbaa Booraa ilaaluu eegale.

Dura Taa'aan Koree Dhaabbii  Dhimma Misooma Baadiyyaa Caffee Oromiyaa Kab. Obbo Diriirsaa Waaqumaa ummanni tajaajila haqa qabeessร afi si'ataa yoo argate hirmaannaa misooma keessatti qabu dabaluun galmoota misooma dinagdee damdaneessaa fiduuf qabaman qabatamaan milkeessuu keessatti gahee isaa akka bahatuuf kan dandeessisudha jedhan.

Mootummaanis  tajaajila ummataaf kennu itti quufiinsa maamilaan madaala. Kanaaf,  tajaajila haqa qabeessaafi ammayya'e kennuun  galmoota imala badhaadhinaa dhugoomsuuf hojjechuun barbaachisaa ta'uu Kab. Obbo Diriirsaan ibsaniiru.

Koreen kun, Godinichatti hordoffiifi to'annoo gaggeessuu eegaleen haala kenniinsa tajaajila  Waajjira Fayyaa, raawwii  hirmaannaa ummataa galiifi Gumaata Buusaa Gonofaa, hojiiwwan Yuuniyeenii Waldaa Hojii Gamtaa Soorgabbaa hojjetamaa jiran keessaa Warshaa nyaata horii, Mana kuusaa  Bunaafi raawwii karoora kurmaana 3ffaa bara 2017  Ejensii Waldaa Hojii Gamtaa Godinichaa ilaaleen raawwiin milkaa'inoota agarsiisan cimanii akka itti fufaniifi  dhiyeessiin calla guddiftuu Godina dhaqqabe ariitiin qonnaan bulaa bira  akka gahuufi deebii liqii calla guddiftuu xiyyeeffannoo kan barbaadu ta'uu kallattii kaa'eera.
๐Ÿ‘177โค72๐Ÿ‘Ž26๐Ÿ”ฅ9๐Ÿค”3