Biiroo Barnootaa Oromiyaa ኦሮሚያ ትምህርት ቢሮ
33.4K subscribers
111 photos
39 files
99 links
Biiroo Barnoota Oromiyaa is strongly working on improvement of quality education in Oromia Regional State and all over the country

This channel is created to help students with what we can and what we have!
Download Telegram
Qoonsilli #Faransaay kitaabota afaan Faransaayiitin qophaa’an 900 ol manneen barnoota bultii addaatiif kenne

Itoophiyatti Qoonsilli #Faransaay kitaabota afaan Faransaayiitiin qophaa'an 968 manneen barnootaa bultii addaa fi manneen barnoota afaan Faransaay barsiisaniif kenne.

Qoonsilichi kitaabota kanneen Biiroo Barnoota #Oromiyaatiif (#BBO) dabarsee laate.

The French Embassy provided reference books to the Oromia Education Bureau.
-----
OEB, Ethiopia- January 29/2024
The French Embassy in Addis Ababa, Ethiopia, supported the Oromia Education Bureau with 968 reference books. It is known that the book will help the French language students of nine special boarding schools in Oromia. The books were handed over by Mariorie Paeourie-Khellef, Cooperation Attache for Education, and on behalf of the Oromia Education Bureau, Deputy Head of the Bureau Dr. Gelana Wolde Michael and Director of Special Boarding Schools Ato Seum Kebede attended the ceremony and received donated books.

@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Kitaabileen barnootaa sadarkaa 2ffaa miliyoona 20 ta'u ji’oota lamaan booda maxxansisaa xumuramee raabsama.


Kitaabileen barnootaa sadarkaa 2ffaa miliyoona 20 ta'u ji’oota lamaan booda maxxansisaa xumuramee raabsaaf akka qaqqabu Ministirri Barnootaa Piroofeessar Biraanuu Naggaa dubbatan.

Karoorri baranaa barataan sadarkaa 2ffaa yoo xiqqate kitaaba tokko lamatti akka gahuuf jedhamee hojjetamaa jiraachuu himan, qaqqabamnisaa akka humna naannooleefi akka dursi kennameefitti murtaa’a jedhan.

Barnoota sadarkaa lammaffaaf kitaaba tokko barattoota lamaaf kan jedhu kan barbaachiseef baasiinsaa doolaara miliyoona 40 waan ta’eefi, kitaabilee maxxansiisuuf humni biyyaa waan hin dandeenyeefi jedhan ministirichi.

Dhaabbanni caalbaasicha mo’ate Komishinii Invastimantii Itoophiyaa waliin ta’uun damee maxxansa Itoophiyaarratti hirmaachuuf waliigalamuu ibsan.

Odeeffannoo Haaraa Yero yeroon Akka isin bira Gahu !!!!
Linkii Telegram channel Biiroo Barnoota Oromiyaa kana Share' join godhaa.

@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
Rakkoo Qulqullina Barnootaan Jiru Furuuf Xiyyeeffannoon Hojjetamaa Jira.
=========
Kufaatii barnootaa akka Oromiyaatti mudate hundee irraa furuun dhaloota biyya irra darbee sadarkaa addunyaatti dorgomuu danda'u horachuuf mootummaan inisheetiviwwan adda addaa bocuun hojjechaa jira. Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaas hanqina gama qulqullina barnootaan jiru irratti qorannoo taasisuun sagantaa gumii balballoomiin   Hogganaa Biiroo Barnoota Oromiyaa Dr.Tolaa Bariisoofi Gamtaa Maatii barataa Obbo Kadiir Ismoo waliin marii taasisee jira.

Dr.Tolaa Bariisoon rakkoon qulqullina barnootaa keessa  jirru rakkoo waggaa dheeraa waan ta'eef isa kana furuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Akka biyyaattis sirni barnootaa bara 1986 ba'e hojii irra kan ture yoo ta'u inni immoo beekumsa qofa malee beekumsa xabboofi oogummaa kan hin qabne waan ta'eef sirni barnootaa haaraa ba'uu ibsanii jiru.

Akka Oromiyaattis manneen barnootaa kuma 31tu jira jedhan. Manneen barnootaa hedduunis standardii gadi ta'uu isaanii ibsanii jiru. Kan sadarkaa 1ffaa fooyyessuuf hirmaannaa hawaasaan hojjetamaa jiraachuu himaniiru. Hirmaannaa hawaasaanis manneen barnootaa bu'uura boruu kuma 14fi 700 hanga ammaatti ijaaramuunis ibsameera.

Barattoota akka Oromiyaatti jiran miliyoona 11.5  keessaa barattoota miliyoona 7.5 nyaachisuuf karoorfamee ciccitinsa qabaatus barattoota miliyoona 5.4 nyaachisaa jiraachuus Dr.Tolaan ibsanii jiru. Hojii kanaanis magaalaa Shaggariifi Adaamaatti fakkeenyummaa gaariin jira jedhameera.

Hanqina kitaabaan walqabatees manneen barnootaa sadarkaa 1ffaaf kitaabilee miliyoona 26 keessaa miliyoona 15 qofti dhiyaachuufi kan sadarkaa 2ffaa miliyoona 15 keessaa miliyoonni 6 qofti dhiyaachuu ibsuun rakkoo kana furuufis hojjetamaa jira jedhan.

Rakkoo hawaasummaa gama barsiisaan jiru furuufis manneen jireenyaa barsiisotaaf ijaaramaa kan jiruufi bara kana manneen jireenyaa kumni 4 ijaaramuu ibsaniiru. Kana malees barsiisonni lafa mana jireenyaa magaalaa irraa kan argatan yoo ta'u, hanga ammaatti barsiisota kuma 32f lafti mana jireenyaa kennamuun ibsamee jira.Akka Oromiyaatti barsiisotni kuma 300 ol waan jiraniif yeroo gabaabaa keessatti rakkoo hunda furuun akka hin dandaa'amne ibsanii jiru.

Obbo Kadiir Ismoonis hojii biiroo barnootaa milkeessuuf gamtaan maatii barattoofi boordiin barnootaafi leenjii cimanii hojjechuu qabu jechuun ibsaniiru.

Dr.Tolaanis hojii kutannoo guddaan hawaasni qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojjechaa jiraniif galateeffatanii ammas lammii ga'umsa qabu horachuuf qaamni hundi qulqullina barnootaa irratti akka hojjechuu qabu waamicha taasisanii jiru.

Odeeffannoo Haaraa Yero yeroon Akka isin bira Gahu !!!!
Linkii Telegram channel Biiroo Barnoota Oromiyaa kana Share' join godhaa.

@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
Sagantaan barnoota gannaa addaan cite yeroo dhiyootti furmaata argata jedhe Ministeerri Barnootaa


Sagantaan barnoota gannaa addaan cite “yeroo dhiyootti furmaata kan argatu” ta’uu ministeerri barnootaa beeksise.

Barattoonni eebbifamuuf waggaa xumuraarra turan barnootasaanii bara kana keessa akka xumuran ni taasifama.

Sagantaan barnoota gannaa akka addaan citu murteen ministeerichi dabarse jireenyasaanirratti dhiibbaa uumuu barattoonni sagantichaa himan.

Odeeffannoo Haaraa Yero yeroon Akka isin bira Gahu !!!!
Linkii Telegram channel Biiroo Barnoota Oromiyaa kana Share' join godhaa.

@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
#Kutaa_12ffaa

Tajaajilli Madaallii fi Qormaata Barnootaa guyyaa har'aa Gurraandhala 7/2016 galmee dorgomtoota Qormaata Ragaa Xumura Barnoota Sadarkaa Lammaffaa Itiyoophiyaa (kutaa 12) bara 2016 ilaalchisee galma walga'ii waajjirichaa irratti ibsa miidiyaaleef kenneera.

Ibsi daayreektarri olaanaa tajaajilichaa obbo Tafarraa Fayyisaa kennaniin, dorgomtoonni qormaata xumuraa mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Itiyoophiyaa bara 2016 (kutaa 12ffaa) qormaataaf taa’uu isaanii dura ulaagaa galmee guutuu akka qaban irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u yeroo murtaawaa kenname keessatti galmaa'uu akka qaban ibsaniiru.

Akka ibsa Daarektara Olaanaa kanaatti galmeen kun Gurraandhala 3-30, 2016tti karaa toora Interneetiitiin kan raawwatamu ta’a.

Qooda fudhattoonni sadarkaa sadarkaan jiran dhimmoota irratti xiyyeeffatamuu qaban akka armaan gadiitti cimsanii ibsaniiru.

1. Yeroo murtaa’e keessatti Gurraandhala 3-30, 2016 qofatti galmaa’uu akka qaban.

2. Dogoggora kamuu, kan akka saalaa, maqaa, suuraa, Muummee barnootaa fi rakkoolee kana fakkaatan akka hin uumamneef of eeggannoon raawwachuu.

3. Gurraandhala 30/2016 booda galmeen fudhatama akka hin arganne beekuu danda’uu.

4.Galmeen barattoota idilee fi galgalaa mana barumsaa itti baratanitti kan raawwatamu ta'uu beekuu.

5. Galmeen barattoota Dhuunfaa , sagantaa barnoota fageenyaa/interneetii/ waajjira barnootaa aanichaa fi godinaatiin akka raawwatamu ibsaniiru.

Dhumarrattis Daarektarri Olaanaan waamicha tajaajila kanaa fudhachuuf miidiyaaleen galateeffachuun galmeen qormaata bara 2016 yeroo fi haala qulqullina qabuun akka raawwatamu dhaamsa dabarsaniiru.

Tajaajila madaallii barnootaa fi qormaataa

Odeeffannoo Haaraa Yero yeroon Akka isin bira Gahu !!!!
Linkii Telegram channel Biiroo Barnoota Oromiyaa kana Share' join godhaa.

@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
​Gaaffii Miseensotni Caffee Oromiyaa Dhimma Barnootaa Irratti Kaasaniif Hogganaan Biiroo Barnootaa Deebii Laataniiru.
----------------------
BBO- 10/06/2016 Yaa'ii Idilee 6ffaa waggaa 3ffaa bara hojii Caffee 6’ffaa irratti Biiroo Barnootaa Oromiyaatiif gaaffii ka'aniif hoogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Tolaa Bariisoo deebii laataniiru.
Gaaffileen/yaadotni miseensota Caffeetiin ka'an 5 yoo ta'an tartiibaan akka armaan gadiitti dhihaataniiru.

1-Biiroon Barnootaa Oromiyaa Manneen Barnootaa Sad. 2ffaa babal'isuu irratti maal yaadaa jira? kan jedhu yoo ta'u,
Deebiin Dr. Tolaa: Biiroon keenyaafi Mootummaan Naannoo Oromiyaa waggaa tokkoofi lamaan darban keessa manneen barnootaa Ifa Boruu Sad. 2ffaa 100fi Manneen Barnootaa Bultii Addaa 7 ijaaruu ibsuun akka mootummaafi biiroo keenyaatti, bara 2016/17 tti haaraa ijaaruu otuu hin taane, manneen barnootaa jiraniif ulaagaalee barbaachisaa ta'e guutuu irratti hojjataa jirra jedhaniiru.

2-Yaadni lammaffaan miseensa Caffeetiin ka'e,
" Investimeentii Barnoota irratti taasifamuufi bu'aa wal biratti qabnee yoo ilaalluu maal fakkaata," kan jedhu yoo ta'u,
- Dr. Tolaanis, bu'aan barnootaa kan yeroo gabaabaan safaramu yoo ta'uu baatullee, bu'uura irraa hojiin hojjatamaa jiru abdii guddaa kan nama keessatti uume ta'uu himaniiru.
Manneen barnootaa Bu'uura Boruu keessatti daa'imman baratan dubbusuu, lakkoofsa adda baasanii dubbisuu irratti bu'aan argame gammachiisaa ta'uu dubbataniiru.

3- Qormaataan walqabatee gaaffii ka'e ilaalchisee
Qormaata kutaa 6ffaa, 8ffaafi 12ffaa ilaalchisee qormaatni kan kilaastaraan qophaa'e ta'uu ibsuun, kunis barattootni keenya kutaa 12ffaa irratti qabxii gadi aanaa maaliif galmeessisan kan jedhu qorannoo gaggeeffameen, barattootni keenya qarmaata wal fakkaataafi istaandardaawaa ta'e waan hin qoratamneef kan jedhu qorannoon waan agarsiisaniif kan fooyyessuuf ta'uufi yaada hir'ina teeknooloojiitiin walqabate ibsaniiru.

4-Yaadni afraffaa irratti ka'e immoo, Biiroon Barnootaa Oromiyaa manneen barnootaa ijaaruu(hardware)malee, barnoota kennamu(Softeware)irratti hojjataa hinjiru jedhama,
jedhamee yaada ka'eef. Dr. Tolaa Bariisoo, deebii isaanitiin akka armaan gadiitti ibsaniiru.
-Carraa barnootaa ilmaan Oromoo hundaa akka wal gahuu manneen barnootaa babal'isuun(ijaaruun) keenya dhugaadha. kun 'hardware' ta'uusaati akka kabajamoo miseensa Caffeetti. 'Softeware' beekumsa, ogummaafi ilaalcha irratti maal hojjataa jirtu kan jedhu yoo ta'u,
Hoogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa, Dr. Tolaa Bariisoo deebii kennaniin,
- Biiroon Barnootaa Manneen Barnootaa qofa ijaaruu otuu hin taane;
#Sirna barnootaa jijjiiruun.
#Leenjii hoggantoota manneen barnootaa,
#Leenjii barsiisotaa
-Manneen Barnootaa Bu'uura Boruu,
- Gosa barnootaatiin barsiisota MB Sad.2ffas leenjisuu,
#Supparvaayizaroota barnootaa leenjisuu,
- Hawaasni keenya qulqullinni barnootaa rakkoo keessa akka jiru ajandaa hawaasaa, maatii barattootaa, mootummaafi miseensota Caffee kanaaf taasisuun dandeenyeerra.
Kuni hunduu, ijaarsa MB qofa otuu hintaane ijaarsa sammuu daa'imman keenyaa irratti hojjachaa jiraachuu kan agarsiisu yoo ta'u,
'Softeware' irratti hojjachaa jiraachuun biiroo keenyaafi mootummaa keenyaa ol-aanaa kan ta'e, barattootni keenya duudhaa ganamaatti akka deebi'an aadaa, duudhaa, safuu Ummata keenyaa akka beekan, sirna barnootaa keenya keessatti #Barnoota Gadaafi #BarnootaSafuu akka hammatamu taasisuun sammuu barattoota keenya irratti akka hojjatamu taasifamee jira jedhaniiru.

5-Waa'ee hanqina kitaaba barataa ilaalchisee gaaffii ka'e ilaalchisee;
Hanqinni kitaabaa kan uumame hanqina sharafa biyya alaa irraa kan ka'e, meeshaalee maxxansaaf tajaajilan irratti hanqinni kan qunname waan ta'eef hanga humni keenya hayyameen saffisaan hojjachuun rakkoo kitaaba barataa akka hiikuuf hojjatan Dr. Tolaa Bariisoo miseensota Caffee Oromiyaatiif ibsaniiru.
Nyaata barattootaaf dhihaatu waliin wal-qabatee gaaffii dhihaateef immoo, Dhaabbata Buusaa Gonfaa waliin qindoominaan hojjachuun harcaatiin uumame akka furamuu danda'u Dr. Tolaa Bariisoo ibsaniiru.

@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
BEEKSISA
12/06/2016

Hoggansa Barnootaa , Barsiisota , Maatii Barattoofi Barattoota kutaa 6ffaafi 8ffaa Oromiyaa hundaaf.
Akkam Jirtan?

#Qormmaata_Kutaa_6ffaafi_8ffaa_bara_barnootaa_2016_kennamu ilaalchisee gamanummaa qophiin akka taasiftan isin beeksifna.

#A- Bara Barnootaa 2016 akka Naannoo Oromiyaatti,
#Barattootni_kutaa_6ffaa;
Dhiirri - 386,703,
Dubartiin - 345,540,
waliigala barattootni kutaa 6ffaa 732,243 yeroo duraatiif qoruumsa Naannoo ni fudhatu.
Biiroon Barnoota Oromiyaa hir'ina dhiyeessii kitaabaafi muuxannoo dhabuu barattootni qormaatichaarratti qaban yaada keessa galchuu, bara kanaaf akka shaakalaaf(ka'umsaaf) ta'u bara duraa kanaaf qofa Qoruumsi Naannoo Kutaa 6ffaa Gosa Barnoota Shan qofa akka ta’uufi qabiyyeen isaas kutaa 6ffaa keessaa qofa kan qophaa'u ta’uu isin beeksisina .

#Gosa_Barnootaa_Qormaatn_Kutaa_6ffaa_keessaa_qophaa'u;
1.Afaan Dhalootaa
2. Afaan Ingilizii
3.Herrega
4.Saayinsii Naannoo
5. (Barnoota Gadaafi Safuu )
#Yeroon_Qoruumsaa immoo,  #Caamsaa 26-30/2016 ta’a.

#B- Barattoota #Kutaa_8ffaa_Bara_Barnootaa 2016 Qormaata Naannoo Fudhatan Ilaalchisee;
Barattootni Qormaata Fudhatan
- Dhiirri  347,313
- Dubartiin  323,963
Waliigala  barattooni 671,276 qoruumsa naannoo bara 2016 ni fudhatu jedhamee eegama.
Qoruumsi kutaa 8ffaatis qabiyeen isaa kan kutaa 8ffaa keessaa qofa kan qophaa'u yoo ta'u ,
#Yeroon_qorumsaa 
#Waxabajjii 3-7/2016 ta’a .

#Gosa_Barnootaa_Qorumsi Kutaa_8ffaa keessaa_qophaa'us;
1.Afaan Dhalootaa
2.Afaan Lammaffaa
3.Afaan Ingilizii
4.Herrega
5.Saayinsii Hawaasaa
6.Saayinsii Waliigalaa
7.Barnoota gosoota  hunda galaa (Gadaa fi Lammummaa ) ta'uu gamanumaa isin beeksifna.
Maatiin, Barsiistoniifi hoggansi barnootaa kana beektanii barattoota keenya akka qopheessitan dursinee isin hu bachiisaa, barattootnis haaluma kanaan qoohii akka gootan
Isin hubachiifna.

Biiroo Barnootaa Oromiyaa.
Guraandhala 12/2016
FINFINNEE
#Share
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
Biiroo Barnootaa Oromiyaa ኦሮሚያ ትምህርት ቢሮ
Photo
Dhaabbanni Namoota Namootaaf (Menschen fùr Menschen) jedhamu mana barumsaa Ifa Boruu sad.2ffaa Ijaaruuf Dhakaan Bu'uuraa Kaa'un hojii jalqabsiiseera.
###############
BBO, Gurraandhala, 14/2016 Dhaabannbi namoota namootaaf (Mention for Mention) jedhamu mana barumsaa Ifa Boruu Sad.2ffaa godina Arsii aanaa Digaluuf Xiijjootti Ijaaruuf Dhakaan Bu'uuraa kaa'un hojii jalqabsiiseera.
Ijaarsa mana barumsaa kana kan jalqabsiisan Ministira Ministeera Barnootaa Itiyoophiyaa Prof. Birhaanuu Naggaafi Hoogganaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa #Dr. Tolaa Bariisoo, Bulchaa godina Arsii Obbo Ibraahim Kadiir kan kaa'an yammuu ta'u, hooggantoonni biroos irratti argamanii jiru.

Prof. Birhaanuu Naggaa dhakaa bu'uuraa kaa'anii booda dhaamsa hawaasa naannoof dabarsaniiru. Dhaloota nu biyyaaf qopheessuu qabnu jijjiirama akka addunyaatti guyya guyyaan tahu waliin tarkaanfachuu danda'u horachuuf manneen barnootaa haalli mijataa ta'eefi istaandaardii isaa eeggate ijaaruu, faasiliitii hunda kan guuttateefi tekinoloojii addunyaa ittiin walqunnamnu mijeessuu qabna jechuun dubbatan.
Kanaaf dhaloonni horatamuu qabu beekumsaafi dandeettiin kan gahoome, biyya kan jaalatu, guddina biyyaa ariifachiisuu danda'u horachuuf manneen barnootaa keenya kallattii haaraan dizzaayinii haaraa ummata Itoophiyaa madaaluu danada'u manneen barnootaa modeela qopheessiinee hojjetaa jirra jedhan #Prof Birhaanuun. Itti dabaluunis kanaan booda manni barumsaa tokko lafa qonnaa hektaara tokkoofi isaa ol kan qabaatu ta'a. Inni biraa barattoonni keenya osoo beela'anii barachuu waan hin qabneef sagantaa nyaata manneen barnootaa keessatti ni mijeessina . ammallee hojjetamaa jira. Manni barumsaa bakka ispoortiin itti hojjetamu qabaachuu qaba, barattoonni qaamaanis sammuunis jabaatanii akka guddataniif bakki ispoortii qophaa'uu qaba.
Maatiin barattootaas hariiroo isaanii mana barumsaa waliin jiru cimsuun ijoollee isaaniif hordoffii taasisuu akka qabanis dubbataniiru. Gama biraan ammoo milkaa'inni dhufuu danda'u karaa barsiisotaan waan ta'eef barsiisota Keenyaaf kabajaa kennuu qabna. barsiisonni keenya akka miidhamtan ni beekna. garuu jabaachuu qabdu. kabajaa keessan duraaniis deebisuu qabdu jechuin dhaamsa isaanii dabarsaniiru.

#Hoogganaan BBO Dr. #Tolaa Bariisoo sagantaa jalqabsiisa pirojektii kanaa irratti haasawa taasisaniin Biiroon Barnootaa dhaloota beekumsaafi dandeettiin gahoome horachuuf inisheetivoota gara garaa qopheessuun hawaasaafi qaamolee gara garaa waliin ta'uun hojiin qabatamaan jijjiirama fiduu danda'u hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
#Biiroon barnootaa hojii barnootaa milkeessuuf hojii bal'aa hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Haata'u malee hojiin kun qaama tokko ykn seektara tokko qofaan hojjetamee kan galma gahu waan hintaaneef dhaabbileen misoomaa gara garaa, abbootiin qabeenyaa, hawaasni bal'aan tumsa kanaan dura gochaa ture ammallee cimsee akka itti fufu dhaamsa dabarsaniiru.
Akkasumas godinni Arsii atileetota akka addunyaatti mohachuun biyyaaf waan guddaa gumaachaniifi namoota baratanii biyya isaanii safarkaa gara garaatti tajaajilaa jiran bay'inaan godina beekamtuu ta'uu haasawa isaanii keessatti erga kaasanii booda ijaarsa mana barumsaa kanaaf yeroo jedhame keessatti xumuramee tajaajilaaf akka oolutti hawaasni naannoo deeggarsaafi hordoffii walirraa hincinne akka taasisan ergaa isaanii dabarsaniiru.

#Bulchaan godina Arsii Obbo Ibraahim Kadiirs gama isaaniin ergaa dabarsaniin barnoonni bu'uura diinagdee biyya tokkooti, barnoonni mahaandisoota, hakiimota bal'inaan horachuuf bu'uura. kanaaf lammiin barnoota qulqullina qabu lammiif dhiyeessuun murteessaa waan ta'eef dhaabbanni Namoota Namootaaf (Mention for Mention) galateeffataniiru.
godinni arsii inisheetivoota gara garaa deeggarsa abbootii qabeenyaafi hawaasa bal'aan hojjetamaa jira. As keessaa inni guddaan tokko hojii barnootaati. Rakkoo qulqullina barnootaa hiikuuf koree gumii gara garaa manneen barnootaa keessatti hundeessuun hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

FINFINNEE
#Share
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
Biiroo Barnootaa Oromiyaa ኦሮሚያ ትምህርት ቢሮ
Photo
Itti Gaafatamaan dhaabbata Meenshin For Meenshin Obbo Yilmaa Taayyee akka dubbatanitti hojii misooma barnootaa deeggaruu keessatti dirqama isaanii bahataa kan jiran yammuu ta'u hanga ammaatti manneen #barnootaa_296_ijaaranii_jiru.
Ammas kallattii mootummaan kaa'e deeggaruuf akka Naannoo Oromiyaatti #maneenn_barnootaa_Ifa_Boruu sad.2ffaa 3 ijaaruuf murteessanii jiru. Isa keessaas aanaa Diigaloofi Xiijjootti kan ijaaramu kana yeroo gabaabaa keessatti xumuruun tajaajilaaf akka oolchan waadaa galanii jiru.

Dhumarrattis hojiin misooma barnootaa naannoo keenyaa qixa barbaadamuun akka fiixa bahuuf #Hoogganana_Biiroo_Barnootaa Dr.Tolaa Bariisoofi #manaajimantiin_isaanii rakkoo barnoota keessa jiru bu'uurarraa furuuf qorannoo gaggeessuun, yaada furmaataa mootummaaf dhiyeessuufi hawaasa mariisisuun, abbummaan akka itti hirmaatu gochuun bu'aa cululuqaan galmaa'aa waan jiruuf, kun cimee akka itti fufuu BBO waamicha isaa dabarsa.

Odeeffannoo Haaraa Yero yeroon Akka isin bira Gahu !!!!
Linkii Telegram channel Biiroo Barnoota Oromiyaa kana Share' join godhaa.

@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1