Biiroo Barnootaa Oromiyaa ኦሮሚያ ትምህርት ቢሮ
33.2K subscribers
110 photos
39 files
95 links
Biiroo Barnoota Oromiyaa is strongly working on improvement of quality education in Oromia Regional State and all over the country

This channel is created to help students with what we can and what we have!
Download Telegram
#Irreechi bara 2016 , Fulbaana 26 fi 27 , Hora Finfinnee fi Bishooftuutti kan kabajamu ta'uu Abbootiin Gadaa beeksisan💪

👇👇
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1

👇Join👇
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_8_fi_12
#LIKE #SHARE
​​Sirna Barnootaa Haaraa Hojiirra Oolchuuf Kutannoon Barsiisaa Hundaa Ol Murteessaadha Jedhame.
----------------
BBO- Fulbaana 6/2016 Leenjiin Leenjistootaa Sirna Barnootaa Haaraa Manneen Barnoota Sad. 2ffaa guyyaa lamaaf irratti mari'atamaa ture har'a xumurameera.
Leenjii kenname irratti hirmaattotni garee gareen qoodamanii marii taasisaa kan turan yoo ta'u, marii kana keessatti Sirna Barnootaa Haaraa hojiirra oolchuun dhaloota gahumsa qabu oomishuu keessatti kutannoon barsiisaa hundaa ol murteessaa ta'uu ibsaniiru.
Barsiisaan dhaloota egeree gahumsa itti horuun hawaasa qaroome arguuf of kennee kutannoon yoo hojjate malee galma barbaadame gahuun rakkisaa ta'a, kan jedhan hirmaattotni mootummaanis kitaaba barataa hattatamaan dhaqqabsiisuu akka qabu himaniiru.
Yaadni waliigalaa hirmaattotaa irraa ka'es;
-Kitaaba barataa yeroon maxxansiisanii dhiheessuu irratti qaamni hundi xiyyeeffannoo kennee irratti hirmaachuu akka qabu,
-Leenjiin kun sadarkaan caasaa gara gadiifis haluma walfakkaatuun kennamuu akka qabu marii gareen gaggeeffame keessatti akka ijootti qabxii ka'e ta'uu,
- Gahumsa barsiisotaa irrattis ciminaan hojjatamuu qaba, keessattuu barnoota sadarkaa 2ffaa Afaan barnootni qophaa'een(Ingiliffaan) barsiisuu irratti hanqinni waan jiruuf irratti hojjatamuu akka qabu,
-Barnoota Sadarkaa 1ffaa keessatti barsiisotni Afaan Oromootiin barreessuu irratti rakkatan waan hedduu ta'aniif keessattuu barsiisota kutaa 1- 4 barsiisan kanneen Afaan Oromootiin barreessuu rakkatan irratti hojjachhuu qabna kan jedhan hirmaattotni, rakkoo kana hiikuuf leenjiin walirra hin cinne keenuufii akka qabaniif hordoffii barbaachisaa ta'e gochuun akka isaan irraa eegamu akka yaada walii galaatti kaasaniiru.

Leenjitootni guyyaa lamaaf leenji'an kunnin guyyaa boruu 07/01/2016 irraa jalqabanii hanga 12/01/2016 hanga mana barnootaa gadi buusuu akka qaban qajeelfamni kennameefiira.
Meeshaan itti leenjisanis qajeelfamoota Imaammata Barnootaa Haaraa, maanuwaalii Imaammataa, kitaaba mala ittiin barsiisanii, maanuwaalii karoora boqonnaa(Unit Plan), viidiyoo haala sirna barnootaa haaraa ittiin barsiisaniifi barreeffamoota 'Softcopy' adda addaa akka ittiin leenjisan kennameefii jira.

Dhumarratti, akka Biiroo Barnootaa Oromiyaatti guyyaa 07-12/01/2016 Torban Barnootaa kabajamuu qaban I/A hoggantuu Biiroo Barnootaa Oromiyaa adde Magartuu Mahaammadiin ifa taasifamee jira.
Guyyootni Kunniinis;
07/01/2016, #Guyyaa_Safuu
08/01/2016, #Guyyaa_Saayinsiifi_Teeknoloojii
09/01/2016, #Guyyaa_Barreessuu_Dubbisuu, Lakkoofsa QoyyabachuufiHerreguu,
10/01/2016,
#Guyyaa\Tajaajila Lammummaa,
11/01/2016, #Guyyaa_Daa'imman Hundi Gara Mana Barnootaatti Deebi'an
12/01/2016, #Guyyaa_Madaqsina Sirna Barnootaa Haaraa jedhaman Biiroo Barnootaa Oromiyaa irraa kaasee hanga manneen barnootaatti haala ho'aa ta'een akka kabajaman ergaan darbeera.
Haaluma wal fakkaatuun guyyaa manneen barnootaa banaman 14/01/2016 irraa eegalee torban 6f kan turu #Duulli_Dubbisuu_Barreessuu_Lakkoofsota_qoyyabachuufi_Herreguu dandeessisuu barattoota kutaa 1-4 jiraniif taasifamu kan itti fufu ta'uu qaba kan jedhan adde Magartuun, dhumarratti, Hojii qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojjannus ta'ee, leenjii Sirna Barnootaa Haaraa irratti guyyaa lamasf ture kana galmaan gahuuf kutannoon dursa sadarkaa jirru irraa jalqabamuu waan qabuuf galtanii akka hojiirra oolchitan jechuun leenjiin xumuramuu ibsaniiru.
#Hubachiisa:- Manneen Barnootaa Kan Adeemsa Baruufi Barsiisuu kan eegalan/Banaman #Fulbaana_14/2016, Ganama Sa'aatii 2:00 irraa ta'a.

👇👇
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
👇Join👇
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_8_fi_12
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_8_fi_12
#LIKE #SHARE
Biiroon Barnootaa Oromiyaa Hiikkaa Google( Google Transilate) Afaan Oromoo Irratti hojjatamaa jiruuf gahee ofii akka bahu beeksise.
-------------------
BBO- Fulbaana 9/2016 Biiroon Barnootaa Oromiyaa(BBO) Waldaa Afaan Afrikaa/Afan Africa Association(3A)/jedhamuu waliin Hiikkaa Google Afaan Oromoo irratti hayyoota Afaan Oromoo qabnutti fayyadamuun Afaan Oromoo sadarkaa addunyaatti afaanota bal'inaan dubbatamaafi tajaailaaf oolan taasisuuf gahee keenya ni baana kan jedhan I/A hogganaa BBO obbo Girmaa Baayisaa, ogeeyyota barnootaa kollejjoota Barnootaa keessa barsiisan, barsiisota manneen Barnootaa Sad. 2ffaa keessatti Afaan Oromoo Barsiisaniifi ogeeyyota biiroo keenyaatti fayyadamuun Afaan Oromoo Hiikkaa Google irratti waalta'aafi qulqullina akka qabaatu ni hojjanna jedhaniiru.
Afaan Oromoo afaanota addunyaa irratti argaman 133 keessa hiikkaa (Google Transilate) heyyama  argatan keessaa tokko ta'uun ni beekama.
Afaan Oromoo heyyama Hiikka Google Afaan Oromoo akka lakk. Awurooppaatti bara 2020 kan argate yoo ta'u, yeroo ammaa immoo Afaan Oromoo Google irratti waalta'aa ta'ee addunyaan qulqullinaan akka itti fayyadamuu dandeessu gochuuf Biiroon Barnootaa Oromiyaa gumaacha gochuu qaba kan jedhan immoo obbo Abdiisaa Baancaa Jaarraa yoo ta'an, obbo Abdiisaan, Afaan Oromoo Hiikkaa Google Afaan Oromoo heyyams akka argatu, Afaan Saba bal'aan dubbatamu kun afaan Google/Afaan Addunyaa/, afaan saayinsiifi teeknooloojii akka ta'u waggoota saddeetiif bu'aa bahii hedduu ce'ee galmaan gahuu danda'an yoo ta'an, ammaa achi garuu, Afaan Oromoo waalta'iinsaafi qulqullinaan hiikkaa google irratti hunda caalaa filatamaa akka ta'u  hayyootaafi ogeessota Afaan Oromootiin deeggaramuu waan qabuuf BBO'n galmaan akka gahu amantaan qaba jedhaniiru.
Daayirektara olaanaa Waldaa Afaan Afrikaa/Afan Africa Association/ obbo Abdiisaa Baancaa Jaarraa, faayidaa akkana jechuun dubbatan; Afaan eenyummaa, aadaa, duudhaafi safuu ummata tokkoo sadarkaa addunyaatti kan ibsu waan ta'eef Oromoon martuu gahee isaa bahuu qaba jedhaniiru.
Hogganaa Waldaa kanaa kan ta'an Prof. Tashoomaa Soorsomaa hojii waldaa Afaan Afrikaa hojjataa jiru kun, dhimma ummatni keenya addunyaa keessa jiraachuu danda'uufi danda'uu dhabuu waan ta'eef ummata keenyaafi dhaloota egeree seenaa boonsaa dhaalchisuu qabna jedhaniiru.
Afaanota addunyaa irratti dubbatan 7000 keessaa Afaan Oromoo dabalatee 133 qofti hiikkaa google irratti kan galmaa'an yoo ta'u, afaanotni 3000 ol ta'an yeroo gabaabaa keessatti akka baduu danda'u qorannoon adda addaa ni agarsiisu. Biyya keenya keessattis afaanotni 40 ol ta'an baduu akka danda'an ni agarsiisa.
Addunyaan yeroo ammaa hiikkaa Googe tti fayyadamuun viidiyoon, oodiyoon, text'n tajaajila waliif kennaa waan jirtuuf afaan hiikka Google hin qabne baduun isaa hin shakkisiisu jedhameera.
Kanaafuu, Afaan Oromoo waaltessuufi qulqullinaan addunyaaf gumaachuun dhimma  Oromummaa waan ta'eef gahee keenya  haa baanu jedhameera.
Afaan Oromoo hiikkaa google(Google Transilate)tti fayyadamuun gara afaan 132tti hiikuu ykn afaanota google irratti galmaa'an irraa gara Afaan Oromootti hiikuun waggoota sadiin dura eegalamuun ni yaadatama.

🔎#Telegram
👇👇
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
👇Join👇
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_8_fi_12
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_8_fi_12
#LIKE #SHARE

💬Yaadaaf Qeeqa💬
@BiirooBarnoota0romiyaabot
BEEKSISA HATATTAMAA!
Waamicha #Galmee_Barattoota_Haaraa_Bara_2016_Kutaa_9ffaatti Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaafi Waldaa Misooma Oromiyaa Bultii Addaa Sad.2ffaa Ramaddii Argattan Hundaaf.
------
Barattoonni qormaata seensaa fudhattanii gara kutaa 9ffaatti dabartanifi ramadamtan Guyyaan galmee Fulbaana 23 fi 24/2016 waan geggeeffamuuf waantoota armaan gaditti eeraman qabachuun mana barumsaa ramadamtanitti argamtanii akka galmooftan isin hubachiifna.

Wantoota Barattootni Qabatanii Argamuu Qaban:
1. Ragaa tiraaniskiriiptii kutaa 7ffaa fi 8ffaa oriijinaala kooppii tokko waliin;
2. Ragaa Qormaata Naannoo kutaa 8ffaa oriijinaala kooppii tokko waliin;
3. Waraqaa qulqullinaa mana barumsaa duraan turan irraa;
4. Dosee (kilaaseerii) tokko;
5. Uffata halkanii (Uffata Qorraa, ansoolaa, uffata boraatii)
6. Hidhannoo(uffata) ispoortii guutuu;
7. Kophee kutaa ciisichaa (isliipparii);
8. Suuraa abbaa 3x4 kan barataa 6 fi kan maatii/ wabii 2;
9. Baruulee fi meeshaalee barnootaa biroo barbaachisoo ta'n;
10. Maatii/ wabii barataa galmeessisu;
11. Kaffaltii baasii qooddannaa (cost share) qarshii 3,000.00 herrega baankii mana barumsaatti galchuun nagahee qabattanii dhiyaachuun galmee raawwattanii barnoota keessan akka eegaltan Biiroon Barnootaa Oromiyaa waamicha isinii taasisa.
#Hubachiisa:- Lakkoofsa herrega Baankii Manneen Barnootaa irraa kan isiniif kennamu ta'uu ni beeksifna.
#Barattootni_Keenya; Baga Gara #Mooraa_Qaxaleewwan_Oromiyaatti Nagaan Dhuftan!
Bara Barnootaa Gaarii Isiniif Haa Ta'u!

🔎#Telegram
👇👇
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
👇Join👇
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_8_fi_12
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_8_fi_12
#LIKE #SHARE

💬Yaadaaf Qeeqa💬
@BiirooBarnoota0romiyaabot
BARATTOOTA QABXIIN JALAA GADI BU'E MARAAF

ANI HIN KUFNE NAN KA'E MALEE JEDHIIN.

🍀Ilaalchi kee olka’iinsa kee murteessa. Yaada gaarii fudhadhuu akkamitti gara milkaa'inaatti akka si ceesisu ilaali.

🍀Duubatti deebi’iinsi hundi carraa barachuu fi guddachuudha. Ofitti amantaa qabaadhu gara fuulduraatti tarkaanfachuu itti fufi.
▬▬▬▬▬▬▬▬
✪ Ergaa kana akkuma dubbiftee xumurteen #share godhi!

➛ Firiin/qabxiin barattoota kutaa 12ffaa akka gadhiifamee jiru waan yaadatamuu dha. Barattoonnis firii isaanii ilaaluu irratti argamu.

✧ Amma garuu wanti ani siif barreessuu barbaadu firii argattetti gammaduu akka qabdu dha. Firiin kee gaarii yoo ta’es, gadi bu’aa yoo ta’es itti gammaddee jireenya kee si fuuldura jiru itti yaaduu qabda.

✧ Qabxiin koo gadi bu’aa ta’e jettee hin gaddin! Sammuu kees hin dhiphisin!

Milkaa’ina karaa fi kallattii tokko qofaan yaaduun gufuu jireenyaa akka ta’ee fi nama mul’ataa fi kaayyoo guddinaa qabu irraa akka hin eegamne seenaa Toomas A. Edisan irraa barachuu ni dandeenya. Amma ati ilaalcha kee jijjiirtee ilaalcha dhalootaayyuu jijjiiruun si irra jiraata malee yeroon kuni yeroo mala wallaaltee jajjabaachuun si barbaachisu miti.

Ati nama cimaa akka taatee fi kennaan namoota hundumaa irraa adda ta'e tokkoo fi si qofaan galma gahamuu danda'u si keessa akka jiru nan beeka; atis amanuu qabda!

✧ Toomaas A. Edsan barsiisaan isaa xalayaa harmee isaatti gaafa barreessu, “mucaan kee barnootatti baay’ee dadhabaadha; kanaafuu mana barnoota kana akka hin dhufne, mana keetti isa barsiisi!” yommuu jedhuun, harmeen isaa immoo akkas jettee mucaa isheetti himte, “mucaa koo sammuun kee baay’ee guddaa waan ta’eef barnoota addaa si barbaachisa. Har’aa kaaftee mana barnootaa sanatti barachuun siif hin malu” jechuun kitaaba adda addaa bitteefii, ogummaa mataa isaatiin akka hojjetu taasisuun ampuulii ifa kennu yeroo jalqabaatiif addunyaaf gumaachuu danda’eera.

➛ Eeyyeen ati nama cimaa dha. Abdiin hin dhabin! Jechoota namaatiin humni kee hin laafin! Milkaa’inni harka kee keessa jira. Ni dandeessa. Akka dandeessu amani! Karooraa fi mul’ata keetti milkaa’uu akka dandeessu garaa guutuu yoo amante waan haaraa hojjechuu dandeessa! Baay'een isin jaaladha. Ergaa kana waliif dabarsaa!

Waan Dubbiftaniif Galatoomaa!🙏
Share woliif godhaa
Channelii kana Join godhaa

Telegiraamii - https://t.me/Qubee_Aplus_Education   irratti kan argamu
Marsariitii - www.moe.gov.et irratti

📚 E- LIBRARY 📚 - https://t.me/Qubee_Aplus_Education

🔎#Telegram
Share woliif godhaa

Join👇
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_8_fi_12
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1

ɢᴀʟᴀᴛᴏᴏᴍᴀᴀ!
BEEKSISA
12/06/2016

Hoggansa Barnootaa , Barsiisota , Maatii Barattoofi Barattoota kutaa 6ffaafi 8ffaa Oromiyaa hundaaf.
Akkam Jirtan?

#Qormmaata_Kutaa_6ffaafi_8ffaa_bara_barnootaa_2016_kennamu ilaalchisee gamanummaa qophiin akka taasiftan isin beeksifna.

#A- Bara Barnootaa 2016 akka Naannoo Oromiyaatti,
#Barattootni_kutaa_6ffaa;
Dhiirri - 386,703,
Dubartiin - 345,540,
waliigala barattootni kutaa 6ffaa 732,243 yeroo duraatiif qoruumsa Naannoo ni fudhatu.
Biiroon Barnoota Oromiyaa hir'ina dhiyeessii kitaabaafi muuxannoo dhabuu barattootni qormaatichaarratti qaban yaada keessa galchuu, bara kanaaf akka shaakalaaf(ka'umsaaf) ta'u bara duraa kanaaf qofa Qoruumsi Naannoo Kutaa 6ffaa Gosa Barnoota Shan qofa akka ta’uufi qabiyyeen isaas kutaa 6ffaa keessaa qofa kan qophaa'u ta’uu isin beeksisina .

#Gosa_Barnootaa_Qormaatn_Kutaa_6ffaa_keessaa_qophaa'u;
1.Afaan Dhalootaa
2. Afaan Ingilizii
3.Herrega
4.Saayinsii Naannoo
5. (Barnoota Gadaafi Safuu )
#Yeroon_Qoruumsaa immoo,  #Caamsaa 26-30/2016 ta’a.

#B- Barattoota #Kutaa_8ffaa_Bara_Barnootaa 2016 Qormaata Naannoo Fudhatan Ilaalchisee;
Barattootni Qormaata Fudhatan
- Dhiirri  347,313
- Dubartiin  323,963
Waliigala  barattooni 671,276 qoruumsa naannoo bara 2016 ni fudhatu jedhamee eegama.
Qoruumsi kutaa 8ffaatis qabiyeen isaa kan kutaa 8ffaa keessaa qofa kan qophaa'u yoo ta'u ,
#Yeroon_qorumsaa 
#Waxabajjii 3-7/2016 ta’a .

#Gosa_Barnootaa_Qorumsi Kutaa_8ffaa keessaa_qophaa'us;
1.Afaan Dhalootaa
2.Afaan Lammaffaa
3.Afaan Ingilizii
4.Herrega
5.Saayinsii Hawaasaa
6.Saayinsii Waliigalaa
7.Barnoota gosoota  hunda galaa (Gadaa fi Lammummaa ) ta'uu gamanumaa isin beeksifna.
Maatiin, Barsiistoniifi hoggansi barnootaa kana beektanii barattoota keenya akka qopheessitan dursinee isin hu bachiisaa, barattootnis haaluma kanaan qoohii akka gootan
Isin hubachiifna.

Biiroo Barnootaa Oromiyaa.
Guraandhala 12/2016
FINFINNEE
#Share
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
Biiroo Barnootaa Oromiyaa ኦሮሚያ ትምህርት ቢሮ
Photo
Dhaabbanni Namoota Namootaaf (Menschen fùr Menschen) jedhamu mana barumsaa Ifa Boruu sad.2ffaa Ijaaruuf Dhakaan Bu'uuraa Kaa'un hojii jalqabsiiseera.
###############
BBO, Gurraandhala, 14/2016 Dhaabannbi namoota namootaaf (Mention for Mention) jedhamu mana barumsaa Ifa Boruu Sad.2ffaa godina Arsii aanaa Digaluuf Xiijjootti Ijaaruuf Dhakaan Bu'uuraa kaa'un hojii jalqabsiiseera.
Ijaarsa mana barumsaa kana kan jalqabsiisan Ministira Ministeera Barnootaa Itiyoophiyaa Prof. Birhaanuu Naggaafi Hoogganaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa #Dr. Tolaa Bariisoo, Bulchaa godina Arsii Obbo Ibraahim Kadiir kan kaa'an yammuu ta'u, hooggantoonni biroos irratti argamanii jiru.

Prof. Birhaanuu Naggaa dhakaa bu'uuraa kaa'anii booda dhaamsa hawaasa naannoof dabarsaniiru. Dhaloota nu biyyaaf qopheessuu qabnu jijjiirama akka addunyaatti guyya guyyaan tahu waliin tarkaanfachuu danda'u horachuuf manneen barnootaa haalli mijataa ta'eefi istaandaardii isaa eeggate ijaaruu, faasiliitii hunda kan guuttateefi tekinoloojii addunyaa ittiin walqunnamnu mijeessuu qabna jechuun dubbatan.
Kanaaf dhaloonni horatamuu qabu beekumsaafi dandeettiin kan gahoome, biyya kan jaalatu, guddina biyyaa ariifachiisuu danda'u horachuuf manneen barnootaa keenya kallattii haaraan dizzaayinii haaraa ummata Itoophiyaa madaaluu danada'u manneen barnootaa modeela qopheessiinee hojjetaa jirra jedhan #Prof Birhaanuun. Itti dabaluunis kanaan booda manni barumsaa tokko lafa qonnaa hektaara tokkoofi isaa ol kan qabaatu ta'a. Inni biraa barattoonni keenya osoo beela'anii barachuu waan hin qabneef sagantaa nyaata manneen barnootaa keessatti ni mijeessina . ammallee hojjetamaa jira. Manni barumsaa bakka ispoortiin itti hojjetamu qabaachuu qaba, barattoonni qaamaanis sammuunis jabaatanii akka guddataniif bakki ispoortii qophaa'uu qaba.
Maatiin barattootaas hariiroo isaanii mana barumsaa waliin jiru cimsuun ijoollee isaaniif hordoffii taasisuu akka qabanis dubbataniiru. Gama biraan ammoo milkaa'inni dhufuu danda'u karaa barsiisotaan waan ta'eef barsiisota Keenyaaf kabajaa kennuu qabna. barsiisonni keenya akka miidhamtan ni beekna. garuu jabaachuu qabdu. kabajaa keessan duraaniis deebisuu qabdu jechuin dhaamsa isaanii dabarsaniiru.

#Hoogganaan BBO Dr. #Tolaa Bariisoo sagantaa jalqabsiisa pirojektii kanaa irratti haasawa taasisaniin Biiroon Barnootaa dhaloota beekumsaafi dandeettiin gahoome horachuuf inisheetivoota gara garaa qopheessuun hawaasaafi qaamolee gara garaa waliin ta'uun hojiin qabatamaan jijjiirama fiduu danda'u hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
#Biiroon barnootaa hojii barnootaa milkeessuuf hojii bal'aa hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Haata'u malee hojiin kun qaama tokko ykn seektara tokko qofaan hojjetamee kan galma gahu waan hintaaneef dhaabbileen misoomaa gara garaa, abbootiin qabeenyaa, hawaasni bal'aan tumsa kanaan dura gochaa ture ammallee cimsee akka itti fufu dhaamsa dabarsaniiru.
Akkasumas godinni Arsii atileetota akka addunyaatti mohachuun biyyaaf waan guddaa gumaachaniifi namoota baratanii biyya isaanii safarkaa gara garaatti tajaajilaa jiran bay'inaan godina beekamtuu ta'uu haasawa isaanii keessatti erga kaasanii booda ijaarsa mana barumsaa kanaaf yeroo jedhame keessatti xumuramee tajaajilaaf akka oolutti hawaasni naannoo deeggarsaafi hordoffii walirraa hincinne akka taasisan ergaa isaanii dabarsaniiru.

#Bulchaan godina Arsii Obbo Ibraahim Kadiirs gama isaaniin ergaa dabarsaniin barnoonni bu'uura diinagdee biyya tokkooti, barnoonni mahaandisoota, hakiimota bal'inaan horachuuf bu'uura. kanaaf lammiin barnoota qulqullina qabu lammiif dhiyeessuun murteessaa waan ta'eef dhaabbanni Namoota Namootaaf (Mention for Mention) galateeffataniiru.
godinni arsii inisheetivoota gara garaa deeggarsa abbootii qabeenyaafi hawaasa bal'aan hojjetamaa jira. As keessaa inni guddaan tokko hojii barnootaati. Rakkoo qulqullina barnootaa hiikuuf koree gumii gara garaa manneen barnootaa keessatti hundeessuun hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

FINFINNEE
#Share
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
#Beeksisa_Hatattamaa!
------ ---------
Galmeen Barattoota Kutaa 12ffaa Bara 2016 Qormaata Biyyoolessaa Fudhatanii Xumuramuuf Guyyaa 8 Qofa Kan Hafe Ta'uu Beeksisuu Ilaala.
---------------------
BBO- Guraandhala 19/2016 Barattootni kutaa 12ffaa bara 2016 qormaata biyyoolessaa fudhatan 'Sarvarii' irratti 'online'n galmeen eegalamuun ni beekama.
Haata'u malee, hanga ammaatti barattootni galmaa'an lakkoofsi isaanii baay'ee xiqqaa ta'uun isaa sodaachisaa ta'aa dhufeera.
Sababni isaas guyyaan galmee xumuramuuf guyyaa 8 qofa kan hafe yoo ta'u, 'Sarvarii'n galmeen irratti gaggeeffamu guyyaa xumura galmee san ni cufama.
Sarvariin galmeen irratti gaggeeffamu kun guyyaa sanatti akka cufamu duraan dursamee waan sirreeffameef(adjust) waan ta'eef guyyaa xumuraa booda galmee hin fudhatu.

Kanaafuu, #Guyyoota_Sanbataafi_Dilbataa dabalatee galmeen barattoota kutaa 12ffaa barattoota irratti rakkoo otuu hin uumin akka xumuramu dhaamsa dabarsaa, barattootni keenya waggaa 12f barnoota isaanii irratti ifaajaa har'a gahan #carraan_isaanii_akka_jala_hin_gufanne #hatattamaan_galmaa'anii_akka_xumuran haa ta'u.

#Carraa_Barattoota_Keenyaa_Irratti_Murteessuu_Qaamni_Danda'u;
1- Hogganaa Mana Barnootaa,
2- Gumii Tiraansiformeeshiinii Barnootaa Aanaafi Gandaa
3- Hogganaa Waajjira Barnootaa Aanaa,
4- Bulchaa Bulchiinsa Aanaafi Ganda Manni Barnootaa keessatti argamu,
5- Gamtaa Maatiifi Barsiisaa hundaa'ol #murteessaafi_itti_gaafatamummaa_kan_qabdan ta'uu #isin_beeksifna.

#Hubachiisa:- #Maatiin_Barattootaafi #Barattootnis dhimma kana hordofuun dhiibbaa akka uumtan gamanumaa isin beeksifna.
--- BBO ---
#Share godhaa! #Qaama_dhimmi_ilaallatu_hunda_bira_haa_gahu!
Odeeffannoo Haaraa Yero yeroon Akka isin bira Gahu !!!!
Linkii Telegram channel Biiroo Barnoota Oromiyaa kana Share' join godhaa.

@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
Biiroo Barnootaa Oromiyaa ኦሮሚያ ትምህርት ቢሮ
Photo
Hooggansi BBO Hojii Bobbaa Suupparviizyiniin Hojjetame Gamaggme

Ogeessonni barnootaa BBO bobbaa suupparviizyinii hojii barnootaaf guutummaa Oromiyaa irratti miseensota Waldaa Barsiisotaa Oromiyaa waliin torban lamaaf ; Guraadhala 2 hanga 17, 2016tti ba'anii deebi'an.

Kilaastara 4 jalatti hoogganamuun gareen bobba'e kun tibbana hojii suupparviizyinii qaaccessaa ture har'a bakka hooggansi BBOfi daayirektaroonni hundi jiranitti gabaasa isaa dhiyeessee jira.
Hojiilee gurguddoon 'checklist' dhaan leenjiin irratti kennamee fudhatamee gadi bu'amee:

1. Hojiin Gumii Tiraamsifoormeeshenii Barnootaa Oromiyaa(GTBO) ammam lafa akka qabate madaaluu ( koreen GTBfi koree teekinikaa GTB hundeeffamuu, GMBBn irra deebiin ijaaramuu, hawaasa mariisisuu, ramaddii hooggansaa MBtti ilaaluu)
2. Rifoormiin hooggansa barnootaa lafa qabachuu
3. Tajaajila Midhaan Nyaataa (kan barataafi barsiisaa)
4. Ijaarsaalee (Bu'uura Boruu, Pirojektii OneWaSH, MB mijataa taasisuu, M/Jireenya barsiisotaa baadiyyaa ijaaruufi lafa M/Jireenyaa Barsiisotaa magalaalee)
5. Qisaasama yeroo barnootaafi hojii bakka buusuu
6.Qabxii Barataa Fooyyessuufi Qophii qormaataa fi 'tutorial' kutaa 6ffaa,8ffaa, 12ffaa
7. Raabsaa kitaabaafi ragaa
8. Qajeelfama maqsa Kuufama barsiisotaafi ragaa tarkaanfilee fudhatamanii
9. Ragaa barsiisaafi hooggansa barnootaa 'data-base' galchuu
10. Hojii galii MBfi aadaa qusannaa hawaasa MB baankiitti fayyadamuu
11. Leenjii Barsiisotaafi Hooggansa Barnootaan walqabatee ragaa hirmaannaafi milkaa'inaa
12. Hojii barnoota ga'eessotaafi adeemsa isaa madaaluu, qaamaan bakkatti argamanii ragaa fudhachuu
13. Rifoormiifi hojii Kolleejjii Barnootaa Barsiisotaa

Gabaasni kun hooggantoota kilaastara afuraniin qindaawee duraa duubaan dhiyaatee jira.
Gabaasa tokkoo-tokkoo kilaastara irratti hundaa'uun gaaffiin mana keessaa irratti dhiyaatee deebiin/ibsi warra bobba'ee deebi'een itti kennamee jira.

Haala kanaan Ciminaalee, Hanqinaaleefi Qabxiin Xiyyeeffannoo akka armaan gadiitti tarreeffamanii jiru.

Cimina
- Qormaata istaandardawaa kutaa 6ffaa, 8ffaa, 12ffaa BBO irraatti ba'uufi aanaalee irratti qophaa'an kennuun barataa qopheessuu
- Kenniinsa tutooriyaalii ga'umsa barsiisaaf hijjetamaa jiru
- Hirmaannaa Leenjii Barsiisotaafi hooggansa MB
- Ijaarsa M/Jireenyaa barsiisotaa baadiyyaa
- Fooyya'iinsa istaandardii MBf hojii ijaarsaa jalqabame
- Hojii tuutooriyaaliifi bakka buusii yeroo barnootaa qisasa'ee
- Qajeelfama hojii barnootaa sirreessuuf gadi bu'e hojirra oolaa jiraachuu
-Kuufama barsisotaafi lafa fagoo irraa
deddeebii hambisuuf hojii hojjetame
- GTBOn hojiin barnoota hoogganuu jalqabuu

Hanqinaalee
- MB Bu'uura Boruu bakka hedduutti mooraa of-danda'e qabaachuu dhabuu
- Barnootni Ga'eessotaa harcaatii qabaachuu
- Kemiikaala yeroon maqsuu dhabuu
- Tajaajilli midhaan nyaatna bakka hundatti qixawaa ta'uu dhabuu ykn ciccituu
- Hanqina ramaddii baajataa MBf
- Rifoormii Diiniifi I/A Diinii Kolleejjii Barnootaa Barsiisitaa irratti harcaatiin jiraachuu
- Qindoominni Caasaa Barnootaafi Buusaa Gonofaa kenna tajaajila Midhan Nyaataa irratti laafaa ta'uu
- Hanqina barsiisotaa akaakuu barnoota Ingiliffaa, Herregaa, Amaariffaa, Qonnaafi Ikonoomiksii

Xiyyeeffannoo
-Gaaasa sobaa
-Nyaanni MB harcaatii qabaachuu
- MMB mijataa taasisuu/ Istaandardii MB fooyyessuu
- Faasiilitii ICT MB guutuu
- Rifoormii hooggansaafi ogeeyyiif xiyyeeffannoo kennuu dhabuu
-suuppariizyiniin daree hanqina qabachuu
- Galii MB fooyyessuufi lafa MB seeraan itti fayyadamuu
- Magaalaa irratti Lafa Ijaarsa Mana Jireenyaa Barsiisotaaf kennuuf Qajeelfamni Kenna Lafaa Magaalaa Dhorku jiraachuu

Dr. Tolaa Bariisoo, Hoogganaan BBO, waltajjicha goolabuun dura gareen gadi bobba'e qabatamaan lafa irratti kan argan irraa muuxannoowwan gaggaarii arganiifi milkaa'ina GTBOf galtee ta'uu danda'an akka ibsaniif carraa kennan. Haala kanaan qophii tajaajila midhaan nyaataa keessatti hirmaannaan Waldaalee Maayikiroo bakka hedduutti milkawaa ta'uu ibsan.

#Share godhaa!
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
Biiroo Barnootaa Oromiyaa ኦሮሚያ ትምህርት ቢሮ
Hooggansi BBO Hojii Bobbaa Suupparviizyiniin Hojjetame Gamaggme Ogeessonni barnootaa BBO bobbaa suupparviizyinii hojii barnootaaf guutummaa Oromiyaa irratti miseensota Waldaa Barsiisotaa Oromiyaa waliin torban lamaaf ; Guraadhala 2 hanga 17, 2016tti ba'anii…
MB Bu'uura Boruu keessatti hawaasni TV bitanii dhiyeessuun barataa hawwachuu, lafa MB seeraafi bu'a qabeessa taasisuu keessatti fakkeenyi hedduunis dhiyaate jira. Xiyyeeffannoon qaamni bulchiinsa godinaalee, Bul. Magaalaaleefi aanaalee hojii misooma barnootaa keessatti jijjiirama fiduu isaa kaasan. Hojiin suupparviizyinii BBO irraa yeroo gara yerootti MB tuquu jijjiirama gaarii fidaa jiraachuu isaa dhugaa ba'anii jiru. Kanaafuu jedhan gareen suupparviizyinii kun , sagantichi idilaawuu akka qabu ibsan.
Bul. Magaalaafi godinaaleen tiraaktera qonnaa MBf dhiyeessuun galii MB fooyyessee keessatti galtee guddaa ta'uu ibsan.
Kilaastaroota hojii bobbaa suupparviizyinii isaanii moosaajiin ( software) fayyadamuun battalumatti madaaluun sadarkeessuun danda'amee jira.
Itti-fufuun Dr. Tolaan kallattii dhimmoota armaan gadii irratti ka'anii jiru.
- Dhimma lafa mana jireenyaa barsiisaa xalayaan/qajeelfamni kara Kilaastara Magaala akka gadi bu'uuf hojjechuu
- kitaabni hundi barataa harka ga'uu mirkaneeffachuu
- Leenjiin caasaa Buusaa Gonofaafi barnootaaf dhimma tajaajila midhaan nyaataa MB irratti kennuu
- GTB karoorsuu irratti leenjii kennuu, viidiyoon fayyadamuun ni danda'ama
- Barataa qormaataaf qopheessuu irratti kilaastaraan karoorfamee akka hojjetamu (competency based test)
- Qisaasama Daree Barnootaa haala addaan hordofuun fala ittiin maqsuu danda'amu qorachuu
- Barnoota Ga'eessotaa fooyyessuuf hooggansibkilaastaraa qoratee fala kaa'uu
- Ramaddiifi leenjii hooggansaafi ogeessaa yeroon xumuruun hojii misooma barnootaatti galuu, kanaaf hooggansi kilaastaraa xiyyeeffannoo kennuu
- Kuufama barsiisaa sirreessufi tarkaanfii barbaachisu fudhachuuf xiyyeeffannoon akka kennamu
- Muuxannoo gaggaariin walitti gurmaa'ee akka qophaa'uufi muuxannoo dabarsuuf ragaan akka qophaa'u.

# Hojii BBO 'systematize' akka godhamuuf 'document'(qajeelfamoota hanga MBtti hijii irra oolu) akka qopheessu ( kanaaf koreen/'taskforce' namoota 7 qabu hundaa'e). Qabiyyee qajeelfamaa kana irratti Dr. Tolaan qabiyyee 'chapter' meeqaafi yaadota achi keessatti galan tarreessuun kallattii ka'an.
Kanaan waltajjii guyyaa guutuu xumurame.

#Share godhaa!
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
Galmeen Barattoota Kutaa 12ffaa Bara 2016 #Torban_Kana_Keessa_Xumurama Jedhame.
----------------
BBO- 25/06/2016 Barattootni kutaa 12ffaa bara 2016 Qormaata Biyyoolessaa fudhachuu danda'an galmeen isaanii Guyyaa 30/06/2016 kan xumuramu ta'uu I/A hogganaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Galaanaa W/mikaa'el ibsaniiru.

#Galmeen_kun_Guraandhala #30/2016 #booda_karaa_kamiinuu waan_hindanda'amneef, hoggontootni manneen barnootaa, barattootni, barsiisotni manneen barnootaafi maatiin barattootaa xiyyeeffannoo itti kennuun guyyaa kaa'ame dura akka xumruu qaban kan dhaaman Dr. Galaanan, #Sarvarii barattootni 'online' irratti galmaa'an guyyaa 30/06/2016 booda siistamni waan cufuuf galmee fudhachuu hin danda'u.
Kanaafuu, barataan #Sarvarii_kanarratti_hin_galmaa'in #Qormaata_Biyyoolessaa bara 2016 #fudhachuu_hin_danda'u, carraan barataa kan bara 2016 jala gubata. Galmeen Sarvarii irratti gaggeeffamu akka biyyoolessaatti(Itoophiyaatti) waan ta'eef duubatti deebisuun hin danda'amu.
Kanaafuu, Qaamni dhimmi barattoota keenyaa ilaallatu hundi, #Gumiin_Tiraansiformeeshinii_Barnootaa_Oromiyaa( #GTBO) sadarkaa sadarkaan jirtan, #dura_bu'aan_MB, #Barattootni, #Maatiin_Barattootaa, #Barsiisotni, #Supparvaayizarootni Barnootaafi kan biroo barataa tokkollee ta'u/taatu, dogoggora galmeetiin carraan qormaata fudhachuu akka isaan hin dabarre miira itti gaafatamummaatin hojjachuu akka qaban Dr. Galaanaan dhaamsa dabarsaniiru.

#Sababa_Dogoggor_Galmeetii_Carraan_Barataa_tokkollee_waggaa_tokkoof_gubachuu_hinqabu!
#Dogoggora_Uumuun_Ittigaafatamummaa_fida!

#Share godhaa!
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1    
Dorgommii Shaampiyoonaa Manneen Barnootaan Bulchiinsi Magaalaa Shaggar Shaampiyoonaa ta'e


Dorgommiin Shaampiyoona Ispoortii Manneen Barnootaa Oromiyaa 5ffaan Bulchiinsa Magaalaa Baatuutti guyyoota 12'f gaggeeffamaa ture guyyaa kaleessaa xumurame.

Shaampiyoona kana irratti godinaaleen 10fi Bulchiinsa Magaalotaa 16, gosoota ispoortii adda addaa hirmaachaa turan.

Haaluma kanaan Bulchiinsi Magaalaa Shaggar, meedaaliyaawwan 11fi Waancaa 3 argachuun shaampiyoona ispoortii manneen barnootaa Oromiyaa 5ffaa bara 2016 ta'uun ibsame.

Sirni cufiinsa idorgommichaarratti Hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoon haasawaa taasisaniin, manneen barnootaa bakka ispoortessitoonni ciccimoon itti horataman ta'uu ibsuun, ispoortiinis sammuufi qaama namaa waan ga'oomsuuf yeroo dorgommii qofa shaakaluu osoo hin taanee bifa idilaa'een hojjetamuu qaba jedhan.

#Share godhaa!
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
Dhaabbanni "Boeing Community Investment Fund (BCIF) jedhamu Namoota Balaa Xiyaara Booyingi 737 Maaksi 8 Lubbuun Isaanii Darbeef Yaadannoo, Hawaasa Naannoo Balaan Itti Uumameef Immoo MB 2fi Dhaabbilee Tajaajila Hawwaasummaa biroo Ijaaruun Eebbsiisaniiru.
----------
BBO - Guraandhala 28/2016 Xiyaarri qabeenya Itiyoophiyaa ta'e, 'Boeing 737 Max 8' lakkoofisa balal'uu 'ET 302' jedhamu Bitootessa 1/ 2011 Magaalaa Finfinnee. Buufata Xiyaaraa Idil Addunyaa Boolee irraa imaltoota biyyoota 35 baay'inni isaanii 157 ta'e qabachuun gara Keeniyaa balal'aa ture Godina Shawaa Bahaa Aanaa Gumbichuu Ganda TulluuFarra keessatti kufuun lubbuun imaltoota hundaa darbuun ni yaadatama.

Kanuma bu'uur gochuun Dhaabbatni 'Boeing Community Investment Fund' jedhamu, maatii imaltootaa 18n hundeeffame, maallaqa deeggarsa dhaabbata Booyingi irraa argatan dhuunfaan fudhachuu dhiisuun, Yaadannoo Maatii Isaaniitiif akka ijaaramu. . Yaadannoon kunis haawasa naannoo balaan xiyaaraa gahe san keessa jiraataniif tajaajila kennuu danda'u Manneen Barnootaa 2, Bishaan dhugaatii jiddu galeessa kuusaa tokkorraa kan madduufi hujummoon kan tamsa'u bakka 9, kilinika 1, riqicha 4 akka ijaaramuuf gochuun maatii isaaniitiif Yaadannoo, hawaasa naannawa san jiraataniif immoo tajaajila kennuufi rakkoo hawaasaa kan furuu danda'u ijaarsisuun guyyaa har'aa eebbisiisaniiru.

Eebba Piroojektoota Misoomaa kanarratti argamuun kan eebbaan banan, hogganaa Mana Amantaa Katoolikii, Qulqulluu Kaardinaala Abuna Birahaaneyessuusfi Biiroo Barnootaa Oromiyaa irraa I/A hogganaa Biirichaa Dr. Galaanaa W/Mikaa'el, akkasumas biiroo Fayyaafi Bishaaniifi Inarjii irraa bakka bu'ootni bakka argamanitti piroojektootni eebbifamuun tajaajilaaf hawaasaaf eebban banamaniiru.
Gargaarsifi yaadannoon kun maallaqa maatii namoota 18 balaa xiyaaraatiin boqotan irraa argameen yoo ta'u, imaltootni lubbuun isaanii darbe 18 suuraan isaanii manneen barnootaa keessatti maxxafamee argama.
Mana Barnootaa Sad. 1ffaa Tulluu Farraafi Mana Barnootaa Sad. 1ffaa Godeettii istaandardii Biiroon Barnootaa Oromiyaa kaa'een kan ijaarman yoo ta'u, bishaan dhugaatiifi ibsaa Soolaariin hojjatu galeefii kan jiru ta'uun beekameera.

Hawaasni Naannoo Balaan xiyaaraa gahe kanatti argaman yaada kennaniin, dhaabbatni gargaarsaa kun rakkoo hawaasa keenyaa adda duree ta'e adda baasuun gargaaruu isaatiif maatilee namoota 18 lubbuun isaanii balaa xiyaaraatiin darbe  jajjabina akka argatan hawwuun kan galateeffatan yoo ta'u,  namoota balaa kanaan lubbuun isaanii darbeef immoo, Lubbuun Isaanii Jennatatti Akka Qananiitu hawwina jedhaniiru.

Piroojektoota kanneen akka hojjatan itti gaafatamummaan kan kenname Dhaabbata Mana Amantaa Kaatolikii Itiyoophiyaatiif yoo ta'u, dhaabbatichis imaanaa itti kenname qulqullinaan bahachuu isaa gabaasa keessatti ibsaniiru.
Dabalataanis, Piroojektichi walumaa galatti baasii qarshii miliyoona 125 ol kan fixe ta'uu ibsaniiru.


#Share godhaa!
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1    
BEEKSISA QAXARRII BARSIISOTAA

Biiroon Barnootaa Oromiyaa Barsiisota Afaan Chaayinaafi Afaan Faransaay barsiisan Manneen barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sad.2ffaa Yaaballoofi Najjoof kontiraataan qaxaruu waan barbaaduuf, namoonni Afaanota kunneen  barsiisuu feetan ulaagaa armaan gadii dubbisuun galmaa'uu akka dandeessan beeksisa.

#Share godhaa!
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1    
Barsiisaa Yuuniversiitii kan ta'e Pirofeeserri beekamaan tokko qorannoo isaa dhiyoo kana gaggeesseen waan haaraa nama ajaa'ibu kana nuuf qabatee dhufe. Qorannoon isaa kunis qubee fi lakkoofsa fayyadamuun ture. Kaayyoon isaas furtuu milkaa'inaa barbaaduu ture.

Qubee Afaan Oromoo A-Z fudhadhaa! Kana booda akka armaan gadiitti gita qubee tarreeffattaniin lakkoofsa 1-26 tarreeffadhaa!
A-1        I-9             Q-17      Y-25
B-2       J-10           R-18       Z-26
C-3        K-11          S-19
D-4        L-12          T-20
E-5        M-13         U-21
F-6        N-14         V-22
G-7        O-15         W-23
H-8        P-16          X-24

Akka armaan olii kanatti erga tarreeffattanii booda Furtuu Milkaa'inaa 100% dhufuu kan nuuf danda'u barbaaduu eegale. Maaliidha laata 100% dhufuu kan danda'u? Waliin haa barbaannukaa pirofeesera faana taanee.

HARD WORK - Jabaatanii hojjechuu:
H+A+R+D+W+O+R+K
8+1+18+4+23+15+18+11=98%

KNOWLEDGE - Beekumsa:
K+N+O+W+L+E+D+G+E
11+14+15+23+125+4+7+5=96%

LOVE - Jaalala:
L+O+V+E
12+15+22+5=54%

LUCK - Carraa
L+U+C+K
12+21+3+11=47%

Jabaatanii hojjechuun, beekumsi, jaalalli, carraan, tokkoyyuu parsantii dhibba (100%) kan dhufe hin jiru.

Maaliidharee parsantii dhibba furtuu milkaa'inaa kan ta'u qarshiidhaa? mee waliin haa ilaallu.

MONEY - M+O+N+E+Y
13+15+14+5+25=72% qarshiis miti

LEADERSHIP - Gaggeessummaa dhaaree?
L+E+A+D+E+R+S+H+I+P
12+5+1+4+5+18+19+8+9+16 = 97% kanas miti!

ATTITUDE - Ilaalcha immoo ta'innaaree
A+T+T+I+T+U+D+E
1+20+20+9+20+21+4+5=100%👏👏👍

Furtuun milkaa'inaa 100% dhufuu kan danda'u ilaalcha keenya ta'uu isaa mirkaneesse.

Ofii keef, namootaaf, addunyaaf ilaalchi ati qabdu gammachuu siif kenna. Ilaalcha kee hanga hin jijjiirretti gammachuu fi milkaa'uu akka hin dandeenye mirkaneesse. Kanaaf Ilaalchi furtuu milkaa'inaa keeti jechuudha! Ajaa'ibaam!!

#SHARE #SHARE #SHARE #SHARE


@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1

ɢᴀʟᴀᴛᴏᴏᴍᴀᴀ!
#Kutaa_12ffaa #Update

#MoE


Bu'aan qormaata kutaa 12ffaa bara 2016 Wiixata dhufu ykn Qaammee 4 bara 2016 akka gadhiifamu Ministeerri Barnootaa beeksise.

#Share

Odeeffannoo barnootaa haaraa fi dhugaa argachuuf!
 
        👇👇👇
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
Bu'aan qormaata akkuma gadhiifameen marsariitii armaan gadii irratti ni ilaaluu dandeessu.

Your results will be available on the following website as soon as it is released.

Karaa Website

1. eaes.et
2. eaes.gov.et
3. eaes.edu.et
4. result.neaea.gov.et

Karaa Ergaa Gabaabaa

6284

Karaa Telegram Bot

@EAESbot

Namni tokko yoo xiqqaate nama 5f share gochuu qaba.

#SHARE #SHARE #SHARE #SHARE


@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1

ɢᴀʟᴀᴛᴏᴏᴍᴀᴀ!