Biiroo Barnootaa Oromiyaa ኦሮሚያ ትምህርት ቢሮ
33.2K subscribers
110 photos
39 files
95 links
Biiroo Barnoota Oromiyaa is strongly working on improvement of quality education in Oromia Regional State and all over the country

This channel is created to help students with what we can and what we have!
Download Telegram
Biiroo Barnootaa Oromiyaa ኦሮሚያ ትምህርት ቢሮ
Photo
Leenjiin Dandeettiifi Gahumsa Barsiisotaa Cimsu Kennamaa Jira
Onkoloolessa, 9/2016
®®®®®®®®®®®®®®
Leenjiin dandeettiifi gahumsa barsiisotaa olguddisuuf kennamaa jiru, barsiisota manneen barnootaa sad.2ffaa Appilaayidii barsiisan, barsiisota manneen barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sad.2ffaa 9n keessatti barsiisanfi Barsiisota Koolleejjii Barnoota Barsiisotaaf guyyaa har'aa kennamuu eegaleera.
#Leenjichi gosa barnootaa Herregaa, Fiiziksii, Keemistirii, Baayoloojii, Hooggansa Daree Barnootaa, Karoora barnootaafi Hooggansa daree barnootaarratti Hayyoota Yuunivarsiitiin kan kennamu ta'a.
Biiroo Barnootaa Oromiyaatti Dursaan Garee Leenjii Barsiisotaafi Hooggansa Barnootaa Obbo Nagaasaa Nagaraa kaayyoofi barbaachisummaa leenjichaa barsiisota leenji'aniif ifoomsuun jalqabsiisanii jiru.

Kaayyoon Leenjichaa;
1. #Barsiisota Appilaayidiin eebbifaman hojii barsiisummaatti bobbaasuun dura haala karoora barannoon daree itti qophaa'uu danda'u,  #Akkaataa dareen barnootaa itti hoogganamuu danda'u, #Akkaataa daree keessatti Barattoota itti iyyaafachuu danda'an,
2.#Gahumsa Barsiisonni beekumsa qabiyyee barnootaarratti qaban cimsuun qabxiin barattootaa akka dabalu gochuufi Qulqullina barnootaa Fooyyessuuf,
3.#Leenjii kennamaa jiru irraa barnoota argatanii caalaatti akka gabbisaniifi bu'aa akka galmeessan gochuufi jechuun Obbo Nagaasaan ibsanii jiru.
Akkasumas Leenjiin Kennamu Kun Barsiisota Sad.2ffaaf
1. Gosa Barnootaa Fiiziksii kutaa 9-12
2. Gosa Barnootaa Keemistirii kutaa 9-12
3. Gosa Barnootaa Baayoloojii kutaa 9-12
4. Gosa Barnootaa Herreegaa kutaa 9-12
Yammuu ta'u;
Barsiisota Kolleejjii Barnoota Barsiisotaaf Ammoo
#Karoora karoorsuufi ittiin hoogganamuu,
#Hooggansa daree barnootaa irratti
#Haala iyyaafannoo daree barnootaarratti Hayyoota Yuunivarsiitiin kennamaa jira.
Akka waliigalaatti barsiisonni lenjii kana fudhatan barsiisota gahumsa qaban horachuu, ogummaa barsiisummaa cimsatanii barattoota isaanii akka gahoomsaniifi qulqullinni barnootaa akka mirkanaa'u gochuu keessatti shoora guddaa kan taphatu ta'uu.
Akkasumas qabxiin barattootaa akka fooyya'uufis kan gargaaru ta'uu ibsameera.
Leenjiin kun guyyoota 3'f kan itti fufu ta'a.

🔎#Telegram
Share woliif godhaa

Join👇
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_8_fi_12
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1

ɢᴀʟᴀᴛᴏᴏᴍᴀᴀ!
​Gaaffii Miseensotni Caffee Oromiyaa Dhimma Barnootaa Irratti Kaasaniif Hogganaan Biiroo Barnootaa Deebii Laataniiru.
----------------------
BBO- 10/06/2016 Yaa'ii Idilee 6ffaa waggaa 3ffaa bara hojii Caffee 6’ffaa irratti Biiroo Barnootaa Oromiyaatiif gaaffii ka'aniif hoogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Tolaa Bariisoo deebii laataniiru.
Gaaffileen/yaadotni miseensota Caffeetiin ka'an 5 yoo ta'an tartiibaan akka armaan gadiitti dhihaataniiru.

1-Biiroon Barnootaa Oromiyaa Manneen Barnootaa Sad. 2ffaa babal'isuu irratti maal yaadaa jira? kan jedhu yoo ta'u,
Deebiin Dr. Tolaa: Biiroon keenyaafi Mootummaan Naannoo Oromiyaa waggaa tokkoofi lamaan darban keessa manneen barnootaa Ifa Boruu Sad. 2ffaa 100fi Manneen Barnootaa Bultii Addaa 7 ijaaruu ibsuun akka mootummaafi biiroo keenyaatti, bara 2016/17 tti haaraa ijaaruu otuu hin taane, manneen barnootaa jiraniif ulaagaalee barbaachisaa ta'e guutuu irratti hojjataa jirra jedhaniiru.

2-Yaadni lammaffaan miseensa Caffeetiin ka'e,
" Investimeentii Barnoota irratti taasifamuufi bu'aa wal biratti qabnee yoo ilaalluu maal fakkaata," kan jedhu yoo ta'u,
- Dr. Tolaanis, bu'aan barnootaa kan yeroo gabaabaan safaramu yoo ta'uu baatullee, bu'uura irraa hojiin hojjatamaa jiru abdii guddaa kan nama keessatti uume ta'uu himaniiru.
Manneen barnootaa Bu'uura Boruu keessatti daa'imman baratan dubbusuu, lakkoofsa adda baasanii dubbisuu irratti bu'aan argame gammachiisaa ta'uu dubbataniiru.

3- Qormaataan walqabatee gaaffii ka'e ilaalchisee
Qormaata kutaa 6ffaa, 8ffaafi 12ffaa ilaalchisee qormaatni kan kilaastaraan qophaa'e ta'uu ibsuun, kunis barattootni keenya kutaa 12ffaa irratti qabxii gadi aanaa maaliif galmeessisan kan jedhu qorannoo gaggeeffameen, barattootni keenya qarmaata wal fakkaataafi istaandardaawaa ta'e waan hin qoratamneef kan jedhu qorannoon waan agarsiisaniif kan fooyyessuuf ta'uufi yaada hir'ina teeknooloojiitiin walqabate ibsaniiru.

4-Yaadni afraffaa irratti ka'e immoo, Biiroon Barnootaa Oromiyaa manneen barnootaa ijaaruu(hardware)malee, barnoota kennamu(Softeware)irratti hojjataa hinjiru jedhama,
jedhamee yaada ka'eef. Dr. Tolaa Bariisoo, deebii isaanitiin akka armaan gadiitti ibsaniiru.
-Carraa barnootaa ilmaan Oromoo hundaa akka wal gahuu manneen barnootaa babal'isuun(ijaaruun) keenya dhugaadha. kun 'hardware' ta'uusaati akka kabajamoo miseensa Caffeetti. 'Softeware' beekumsa, ogummaafi ilaalcha irratti maal hojjataa jirtu kan jedhu yoo ta'u,
Hoogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa, Dr. Tolaa Bariisoo deebii kennaniin,
- Biiroon Barnootaa Manneen Barnootaa qofa ijaaruu otuu hin taane;
#Sirna barnootaa jijjiiruun.
#Leenjii hoggantoota manneen barnootaa,
#Leenjii barsiisotaa
-Manneen Barnootaa Bu'uura Boruu,
- Gosa barnootaatiin barsiisota MB Sad.2ffas leenjisuu,
#Supparvaayizaroota barnootaa leenjisuu,
- Hawaasni keenya qulqullinni barnootaa rakkoo keessa akka jiru ajandaa hawaasaa, maatii barattootaa, mootummaafi miseensota Caffee kanaaf taasisuun dandeenyeerra.
Kuni hunduu, ijaarsa MB qofa otuu hintaane ijaarsa sammuu daa'imman keenyaa irratti hojjachaa jiraachuu kan agarsiisu yoo ta'u,
'Softeware' irratti hojjachaa jiraachuun biiroo keenyaafi mootummaa keenyaa ol-aanaa kan ta'e, barattootni keenya duudhaa ganamaatti akka deebi'an aadaa, duudhaa, safuu Ummata keenyaa akka beekan, sirna barnootaa keenya keessatti #Barnoota Gadaafi #BarnootaSafuu akka hammatamu taasisuun sammuu barattoota keenya irratti akka hojjatamu taasifamee jira jedhaniiru.

5-Waa'ee hanqina kitaaba barataa ilaalchisee gaaffii ka'e ilaalchisee;
Hanqinni kitaabaa kan uumame hanqina sharafa biyya alaa irraa kan ka'e, meeshaalee maxxansaaf tajaajilan irratti hanqinni kan qunname waan ta'eef hanga humni keenya hayyameen saffisaan hojjachuun rakkoo kitaaba barataa akka hiikuuf hojjatan Dr. Tolaa Bariisoo miseensota Caffee Oromiyaatiif ibsaniiru.
Nyaata barattootaaf dhihaatu waliin wal-qabatee gaaffii dhihaateef immoo, Dhaabbata Buusaa Gonfaa waliin qindoominaan hojjachuun harcaatiin uumame akka furamuu danda'u Dr. Tolaa Bariisoo ibsaniiru.

@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1