ICCIITII MILKAA'INAA( የስኬት ምስጢር )
3.23K subscribers
34 photos
1 video
1 file
96 links
Download Telegram
#Ati Nama Addaat!

#Of ceepha'uudhaan jireenyi kee hin jijjiiramu, inumaayyuu sitti cimee dogoggora biraa dabaluu ta'a carraan kee kanaaf of hin ceepha'in (hin komatiin)!
#Guyyaan kee akka Miidhaguu fi gammachuun akka ooltu yoo barbaadde Qormaatota hanga har'aa dabarsite yaadadhu, Osoo si ta'uu baatee yeroo ulfaataa sana eenyutu darba?
#Kanaaf Yaa #qomoo koo ati nama ajaa'ibaati!!!

#Join and #share
👇👇👇👇👇👇
https://t.me/Bedadina
https://t.me/Saayikoloojii
https://t.me/Dujabewa
Live stream finished (4 minutes)
#HARKA HIN KENNIN!
#Kutannoo Qabaadhu namni ejjennoo mataa isaa hin qabne bishaan #Gabateerraatii garuma hundatti raafamaa!
#Kaayyoo Qabaadhu namni kaayyoo hin qabne #Simbirroo Baallee(koochoo) hin qabne wajjin tokkuma. Bakkuma itti kufee gangalata malee lafa dhaqu hin qabu. Inumaayyuu bakkuma kufe sanatti inni kaayyoof fiigu irra ejjetee ajjeesa, Kanaaf #Kaayyoo mataa kee qabaadhu!
#Galma(Goal) Qabaadhu!
Namni galma hin qabne Farda luugama hin qabneen tokkuma, garuma argatetti gulufa. Namni galma qabu galma isaa hin hanqatu. Jireenya Tasumaa hin jiraatiniitii eessa akka deemtu beeki!
Gaafa sana ni Milkoofta namootaafis Fakkeenya guddaa taata Jabaadhu #Harka hin Kennin!
#Join👇👇👇👇👇👇
https://t.me/Bedadina
https://t.me/Saayikoloojii
#Bakka #Yaadde Sana!

#Bakki yaadde sun #eessa?

#Bakka yaadde sana jechuun galma jireenya keetii jechuudha Jireenya kee keessatti milkaa'ina feete bira ga'uudhaaf tarkaanfin ati jalqaba fudhachuu qabdu galmakee adda baastee beekuudha. #Galma jireenyakee erga adda baaftee beektee booda, galmakee milkeessuuf qophii gochuudha. #Milkaa'ina gonfachuudhaaf galma ofii adda baasanii beekuun bu'uura ta'us galma ofii beekuun qofti ga'aa miti. #Galma jireenya kee beekte jechuun ni milkoofte yookaan bakka yaadde sana geesse jechuu miti. #Bakka deemuu feetu erga beektee booda bakka sana akkamiin akka deemtee ga'uu dandeessu sammuu kee keessatti beekuun barbaachisaadha. #Namni daandii dheeraa imalu tokko jalqaba bakka deemu sirritti adda baafata. #Bakka deemu erga adda baafatee boodas, bakka sana akkamiin akka deemu karoorfata. #Atis galma jireenya kee erga adda baafattee booda galma kee biras akkamiin akka geessu karoorfachuu qabda. #Namootni baay'een milkaa'ina jireenya isaaniif galma ni baafatu. Garuu galma isaanii kana bira utuu hin ga'in hafu. Maaliif? Sababnisaa hawaasa keessa jiraatan yookaan nama waliin jiraatan ilaalanii fakkaachuuf yookaan akka ebaluu ta'uuf galma waan baafataniif. Kana jechuun baay'een keenya galma keenya maatii yookaan hawaasa keessa jiraannurraa arganna.Galmi sirrii garuu keessa keetii madduu qaba. #Namootni waan barataniif hin baratin! Maaliif akka barattu galma dhuunfaa kee sammuu kee keessatti ilaalaa baradhu! #Namootni daldalaniif hin daldalin! Hojii daldalaan eessa ga'uu akka feetu ilaalaa daldali! Walumaagalatti, waan hojjettuuf galma qabaadhu malee namni biraan hojii ati hojjechaa jirtuun waan milkaa'eef yookaan maatiin kee akka atí hojicha hojjettu waan barbaaduuf hin hojjetin! Kunis kan ta'u galmi kee keessa keetii kan madde yoo ta'edha. #Galmikee keessa keetii madde taanaan galmakeef jaalala dhugaa qabaatta. #Milkaa'uudhaaf galma keef jaalala dhugaa qabaachuu qabda. Galma keef jaalala dhugaa qabaachuun jireenyi bitaa akka sitti hin galleef si fayyada. #Fakkeenyaaf maatiin kee daldaltee maallaqa hedduu akka horattu fedhu ta'a. #Atimmoo ogeessa muuziqaa beekamaa/tuu ta'uu feeta ta'a. Sababoota akkanaaf kanneen biroon baay'een keenya yeroo hedduu dhiibbaa maatii fi hawaasaan waan ta'uu hin feene ta'uuf carraaqna. Kanarraan kan ka'es yaadaafi qalbiin keenya bittinnaa'ee gara itti gorru wallaaluun jireenya bitaa gale jiraanna. #Jalqabuma ogguu galmakee baafattu nama dhaggeeffachuu dhiistee keessa kee yoo dhaggeeffatte garuu gufuun akkanaa si hin mudatu. #Galmi kee dhugumaan keessa keetii kan madde taanaan namootni yaadota akkamii dhi'eessaniyyuu galma keerraa boodatti deebi'uuf tasumaa shakkiin keessa keetti hin uumamu. Galma baafatte kamiiniyyuu milkeessuu ni dandeessa. Garuu ogguu galma kee baafattu maal gochuu akka dandeessuufi hin dandeenye sirriitti xiinxalii baafadhu! Akkana goonaan humna dhokataa keessakee jiru kan bakka feete sana si geessu waan argattuuf gammachuun tarkaanfii eegalta. #Galma kee yeroo baafattu waantota armaan gadii ilaalcha keessa galchi!

#itti fufa...

#Maddi Kitaaba Saayikolojii Bakka yaadde sana jedhu(#Warquu #Guddinaatiin)

#Join and #Share godhaa!!!!
👇👇👇👇👇👇👇👇👇
https://t.me/Bedadina
Channel name was changed to «Icciitii Milkaa'inaa( የስኬት ምስጢር )»
#Hin danda'u hin jedhiin!!!

#Ati nama fakkeenya Waaqayyoon Uumamtedha waanti ati gochuu hin dandeenye tasumayyuu hin jiru.
Bifa Waaqayyoon uumamuun kee Qofti Ibsituu akka ati waan hundumaa dandeessuuti. Yoo xiqqaate karaan ani ittiin hin dandeenye natti hin mul’atu jedhi yeroo sana Uumaan kees si wajjini. Yeroosaatti hundumtuu ni mul’ata!

#Join and #Share
👇👇👇👇👇👇👇👇👇
https://t.me/Bedadina

https://youtu.be/3WQRK-U9HUg
#Ofii kee Ofdhuunfadhu!

#Akkamitti?

#Gamoo dhuunfaa kee qabaachuu caalaa Eenyummaa siin dhuunfatame qabaachuutu caala!
#Carraan ati amma qabdu kan guddinaati malee kan badiinsaa miti!
#Hin danda'u hin Jedhiin tasumaa!!!
#Join the following channels
👇👇👇👇👇👇👇👇
https://t.me/Bedadina
https://t.me/Saayikoloojii
#Ati #Bineensotarraa #Addadha!


#Dhalli namaa Sammuu yaadu waan qabuuf qofa bineensota biroorraa adda hin ta'u.

#Dandeettiifi akkaataan yaaduu isaanii kan namootaa waliin wal caalus, Bineensonnis waan nyaataniifi dhuganiif inuma yaadu. Waanti dhala namaa bineensota biroorraa adda taasisu maaliree? Waanti guddaan dhala namaa bineensota biroorraa adda taasisu #Fedhii Milkaa'inaati. Fedhii #milkaa'inaa jechuun fedhii mul'ata jireenya egeree milkeessuu qabaachuu jechuudha. Bineensonni fedhii milkaa'inaa hin qaban. Jaldeessi tokko galma jireenyasaa kan borii hin qabu. Har'uma waan argate nyaatee jiraata malee bor sadarkaa guddaa tokkorran ga'a jedhee hin karoorfatu. Bineensotni biroonis akkanuma. Garaagarummaa guddaan Dhala Namaafi Bineensota gidduu jiru isa kanaadha.

https://t.me/Bedadina
https://t.me/Saayikoloojii
Abjuun waanta ciiftee hirriba keessatti argitu osoo hin taane Abjuun waanta Hirriba keessaa si Dammaksuudha!
https://t.me/Bedadina
#Yeroo #Filatamaa!


#Karaa milkaa’inaaf yeroon filatamaan yoomi?
Baay’een keenya har’a boru jechuun yeroo milkaa'ina keenyaa dheeressina.
#Yeroo hunda ni karoorsina, gara qabatamaatti seenuun hojjechuuf yeroon filatame ykn sirriin hin jiru.Yoo jiraates har'umadha.
#Kanaaf Milkaa’uuf karaa kee har'uma jalqabi.

#Guyyaa Milkii fi Eebbifamaa isiniif haa ta’u !!!

https://t.me/Bedadina
#"Tokkorraan Kuma horanii #Mukarraan Muka koranii" jedha Oromoon!!!

#Tokko jedhii har’uma #Eegali!!
https://t.me/Bedadina
#Nama #Cimaa #Ta'i

#Namni Cimaan Ofiisaa Qofaaf hin jiraatu. Namoonni si eegan heddutu jiru, ofii kee qofaaf jiraatta taanaan garuu Biddeenni tokkoofi manni kutaan tokko gahaa ture, kana milkeessuuf aarsaa guddaa kanfaluu sin barbaachisu. #Namni waan guddaa barbaadummoo hojii xiqqoollee boruuf hin olkaa'u.
Siree keerraa ka'i, Ispoortii hojjedhu, qaama kee dhiqadhu, Kitaaba garagalchi ykn Hojii kee eegali.
#Yaa qomoo koo dhamaatii kee har'aatu walitti qabamee boru nama guddaa si taasisa waan ta'eef Dammaqii hojjedhu!!!

#Share and #Join
👇👇👇👇👇👇👇👇👇
https://t.me/Bedadina
Icciitiin milkaa’inaa biraan hin jiru. Icciitiin isaa ofqopheessuu, Cimanii hojjechuu fi kufaatii irraa barachuudha!!!
#Join for more
👇👇👇👇👇👇👇
https://t.me/Bedadina