ICCIITII MILKAA'INAA( የስኬት ምስጢር )
3.55K subscribers
39 photos
1 video
1 file
108 links
Download Telegram
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
Hiyyeessotaa fi dureessota!

Poor dad kana jala phd cirtificate baatee hiyyeessa akkamitti ta'e,Richi dad kana jala immoo kutaa 8 qofa baratee duroomeera...akkamitti?

Barnoonni callaatti yoo hin jijjiiramne kaanserii sammuu namatti ta'a,warreen akkasii akka isaan hin jijjiiramne kan godhu confort zone(haala keessa jiran haala mijataadha jedhanii of amansiisuu isaaniidha)kanaaf kallattii kamiin iyyuu waanta biraa yaaduu fi hojjechuun kufaatii itti fakkaata,jireenyi isaanii miindaa ji'aa isaanii qofaan daangeffamaa jechuudha,Kanaaf yeroo kam beekumsa utuu qabanii garba ta'anii jiraachuuf saaxilamu,yeroo hunda maallaqni isaan argatan isaan waan hin geenyeef wantota gurguddaa karoorsuu hin danda'an,kanneen wantoota guguddoo fedhan immoo hatuu,matta'aa fudhachuu fi k.k.f n hawwaasaa fi waaqaan wal dhabanii jireenya gammachuu hin qabne jiraatu.

Kana hunda kan isaanitti fide of ilaaluu dadhabuu isaaniiti,utuu dhuguma dandeettii isaanii beekanii akkas garba ta'anii hiyyummaa jala hin jiraatan ture. Yoona uffata meeqa jijjiirrachuuf guyyaatti 3 foon nyaattee dhugaatiin garaa of ruurressaa ooluun jireenya sitti fakkaata ta'a,of hin gowwomsin lafa kanarratti kan ati uumamteef hojjechaa ooltee biddeen nyaattee buluuf miti,namni hundi akeekaa fi kaayyoo waaqayyo isa uumeef qaba,gara addunyaa kanaa gaafa dhuftu iccitii addunyaa kanaaf furmaata ta'u waaqayyo si keessa kaa'eeraa jechuudha,ati garuu isa hubattee ofiifis dhalootaafis furmaata ta'uu irra biiroo namaa keessa ruuqamtee waa'ee qaala'insa jireenyaa mataa cabaa oolta.

Qarshiin duroomuun siif hawwaa jira sitti hin fakkaatin,qarshii danuu qabaatee mandarakee keessa raata'aan meeqatu jira,Wanti an siif hawwu inni guddaan mul'ata qabaachuu keedha,yeroo tokko tokko nama danuutti gaa'ila dhaabanii daa'imman barsiifatanii hojii qabsiisuun mul'ata itti fakkaata,Mul'anni maaliree.....akkamiin mul'ata kee beektee irratti hojjechuu dandeessa? Birmadummaa dinagdee akkamiin goonfachuu dandeessa?

Kanan dubbisee irraa.
#Hammuma baay’ee dubbiftuu fi Barattu,Baay’ee #argatta!
#Fakkiin armaan oliis kanuma nu barsiisa!
#Kiristoos Fannoo irratti Fannifamee jaalala isa dhumaa nu agarsiise.
#Kunoo har'ammoo du'a mo'atee warra du'an gidduudhaa ka'eera!!!
#Ayyaana Gaarii!!
#ክርስቶስ በመስቀል ላይ ተሰቅሎ የፍቅርን ጥግ አሳየን።
እንሆ ዛሬ ደግሞ ሞትን ድል አድርጎ ከሙታን መሃል ተነስቷል።
መልካም የትንሳኤ በዓል።
#Wishing you a Happy Easter
May your home be filled with joy, your heart with love & peace for u & ur family.
@Bedadina
#Waanta Dhaloota #Fayyadu Dhalootaaf Kennuu Dhabuun(Dhiisuun) Dhaloota #Saamuudha!!!

#Gaafa duutu qabeenyi si wajjin awwaalamu tokkollee akka hin jirre mirkaneeffadhu. Wantota gati-jabeeyyii keessa kee jiran mara gadi baastee ittiin hojjechuu kee irraa kan ka'e qullaa ta'ii du'i. Namni ati saamte tokko illee hin jiraatin. #Jireenyi lakka'amu egaa kan akkanaati. Guutuu ta'anii dhalatanii duwwaa ta'anii du'uu! #Dammaqi! Ka'i! Socho'i! Karoorsi! Tarsiimoo sirrii lafa kaa'i! Irratti hojjedhu! Addunyaa suphee siin jettuuf warqee ta'uu kee mirkaneessi!
#Barri kun bara itti warqummaan kee mul'atu; bara itti mul'anni keessa kee jiru ba'ee ifatti argamu ta'uu qaba. Eyyee! Siinan jedha! Warqee suphee uffattee jirtuu nana suphee kee urgufadhu! #Gatii ofiif kenni!

#Walgeenyi Tulluu Milkaa'inaa irratti!!

👇👇👇👇👇#Join🙏🙏🙏

@Bedadina
👉#Abjuu kee #Du'a Irraa Eegi!

#Abjuu kee du'a irraa eeguu qabda. Wantoonni abjuu dhaloota ajjeesan baay'eedha.
Isaan keessaa muraasni:-
#Abdii kutannaa
#Gabaabsanii yaaduu
#Sirna addunyaa fi imala karaa addunyaa adda baafachuu dhabuu.
#Of gowwoomsuu
#Jijjiiramaaaf qaama biroo eeguu.
#Yeroo ofii seeraan fayyadamuu dhabuu
#Of tuffachuu
#Hiyyummaa Kunuunsuu
#Itti Gaafatamummaa sirriitti hubachuu dhabuu
#Mul'ata dhabuu
👉Mul'anni hin bitamu. Mul'anni bifa hin filatu #Kutannoo fi #Obsaan galma gahuu gaafata malee!!!

#Walgeenyi Tulluu Milkaa'inaa Irratti!!
Galatoomaa🙏🙏🙏
https://t.me/Bedadina
Forwarded from vhxfzhhjbbhFhhgddhhsaa
#Ani Kanan Jedhu!

#Ati hanga Yoomitti Warra Milkaa'aniif harka Reebaa fi hidhii xuuxaa jiraatta?
#Ati maaf hin milkooftu?

#Siif yoomi kan Harki Reebamu moo milkiitu siif hin malle moo jireenyatu carraadha jettee amantee fudhattee Rafaa jirta?
Anaan Natti hin fakkaatu Carraan Hojii keessa jira jedheen amana.
#Lotoriiyyuu yoo ati guyyaasaa eegdee kutte malee waan carraa ta'e qofaaf manatti siif hin dhufu. Kan kutte sanas hanga guyyaansaa gahutti obsaan eeguu qabda. Kana jechuun Carraan kun hojii ofkeessaa qaba jechuudha. Maallaqa baastee kutta malee tola miti akkasumas waan kutte kana qulqullinaan hanga guyyaansaa gahutti olkeessee ilaallachuu qabda.
#Ani Barnoota Sadarkaa olaanaa ykn Yuunivarsiitii irraa akkan baheen hangan waanan ittiin baradheen hojii argadhutti hojii guyyaa(#የቀን ሥራ) 'n hojjechaa ture. Ati kaayyoof jecha Digirii baattee hojii guyyaa hojjetteettaa ykn ni hojjettaa? Har'a garuu achi hin jiru borummoo as hin jiru. Dhiifama yeroo kanatti seenaa koo odeessuuf miti gaaftokko garuu bifa barruutiinuu qopheessuun koo hin oolu waanti irraa baratamu baay'een waan jiruuf ammaaf waa'ee kutannoofan kaase.
#Ciminni kee maali naan jettee yoo na gaafatte '' #Ani kutannoo olaanaan qaba, Waan namni biraan natti fe'uuf deemu hunda hin baadhu, Lakki jechuus hin sodaadhu keessaa calaleen fudhadha. Hiriyoota koonis Akkasuman jedha Waanuma isinitti fe'ame hin fudhatinaan jedhaan, Ajaja gaggeessitoota ykn hooggantoota kooyyuu hunda hin fudhadhu, nan morma maaliif akkan mormu garuu nan beeka''.
#Walumaagalatti Namoonni Milkaa'oon Addunyaa kana irra jiran hundi #Milkaa'ina gadameessa haadha isaanii keessaa fudhatanii miti kan dhalatan. Yaalanii, kufanii ka'anii osoo abdii hin kutatin kutannoon halkaniif guyyaa hojjetanii milkaa'an. Haala kanaan hojjennaan #Atis Milkaa'uu dandeessa!
#Milkaa'i
#Ani Abarraa Naggasaati Waan dubbiftaniif Galatoomaa🙏🙏🙏
Forwarded from vhxfzhhjbbhFhhgddhhsaa
#Sagalee Abarraa Irraa
Forwarded from vhxfzhhjbbhFhhgddhhsaa
Sagalee Abarraa irraa
Forwarded from vhxfzhhjbbhFhhgddhhsaa
#Yeroon jireenya kee keessatti waan hundumaaf itti gaafatamummaa fudhattu, yeroo jireenya kee keessatti waan kamiyyuu jijjiiruuf humna itti argattudha!
#Sammuun Kee Maagineetiidha!

#Waa'ee Milkaa'inaa Fi Eebbaa yoo yaadde Milkaa'inumaaf Eebba ofitti harkisa.
Waa'ee Rakkinaa yoo yaadde Rakkinuma ofitti harkisa.
#Kanaaf Yeroo hundumaa Waanuma gaarii yaadi, waanuma yaadde argatta waan ta'eef!!!!
Yaada qajeelaa Fi ifaa ta'e qabaadhu🙏🙏🙏
Forwarded from vhxfzhhjbbhFhhgddhhsaa
#Nama furmaataa ta'i!

#Guddachuu yoo barbaadde nama furmaataa ta'i. Maalaqni gara furmaanni jirutti dhangala'a. Humaa waanan hojjedhun dhabe yoo jette bahii bitaaf mirga kee ilaali, waanti hir'ate maal maaltu jira? #Namoota maal isaan barbaachisa? #Hojiin lafa kanarra jiru hundi furmaataaf uumame. Manni Yaalaa, manni barnootaa, manni nyaataa, manni uffata hodhaa, kophee qulqulleessaan rakkoo namootaaf furmaata waan ta'aniif namoonni gara isaanii deemanii maallaqa ofii dhangalaasu. Akka carraa ta'ee biyyi keenya dhimmoota furmaata hin arganne hedduu waan qabduuf furmaata haa taanu!
Sana booda Ofirra dabarree namoota biraafillee taana!

#Kamisa qulqulluu akka isiniif ta'un hawwa!
#Galatoomaa🙏🙏🙏
#Amma murteessi!

#Waa'ee kaleessaa yaaduu dhiisi! Amma murteessi! Murtoon tokko jireenya kee bara baraan jijjiiruu dandaʼa! Saatii kana irraa eegaluun waanan danda'u hunda nan raawwadha(godha) jedhii murteessi!

Nama kutannoo hin qabne namni barbaadu hin jiru! Kutannoo hin qabdu taanaan ofiifis warra jaallattuufis humaa gochuu hin dandeessu. Namni duubatti deebi'u ni qisaasama! Wantoonni ati barbaaddu hundi sodaa kee duuba ta'uu isaa beekuun murannoo qabaachuu qabda!

Duubatti deebitee homaa jijjiiruu hin dandeessu; Amma yoo jalqabde garuu xumura kee miidhagsuu dandeessa; Nama fooyya'aa ta'uu qabda! Ammuma murteeffadhu Waanuma murteeffatte keessa jiraatta waan ta'eef!

#Galgala gaarii isiniif hawwa!!!!
#Galatoomaa
#Sammuun Kee Maagineetiidha!

#Waa'ee Milkaa'inaa Fi Eebbaa yoo yaadde Milkaa'inumaaf Eebba ofitti harkisa.
Waa'ee Rakkinaa yoo yaadde Rakkinuma ofitti harkisa.
#Kanaaf Yeroo hundumaa Waanuma gaarii yaadi, waanuma yaadde argatta waan ta'eef!!!!
Yaada qajeelaa Fi ifaa ta'e qabaadhu🙏🙏🙏

#Join @Bedadina

#Yoo xiqqaate namoota 10f #share godhaa!!!

#Barnoota Ajaa'ibaatu Afaan keenyaan Darba!
#Xiyyeeffannaan Kee si murteessa!!!

#Jireenya Kee Kan jijjiiru Muuxannoo jireenya keetii osoo hin taane waanta ati irratti #xiyyeeffatteedha!
Yeroo hundumaa bakka xiyyeeffannoon Keenya jirutti humna Keenya dhangalaafna. #Waan gaarii arguuf hawwine, milkeessuuf waan yaannu, hamma yaannuu Fi dhamaanu mo'anna. #Xiyyeeffannoon Keenya garuu gufuuwwan jiran, mo'amuu Fi akka hin dandeenye dursinee yaaduu irra yoo ta'e, shakkii Tokko malee ni kufna.
#Kanaaf Firii ykn bu'aa Keenya jijjiiruu yoo barbaanne xiyyeeffannoo Keenya haa sirreessinu!!!

#Waan dubbiftaniif #Galatoomaa👏👏👏

#Hiriyoota keessaniinis Gahaa!!

#Join and #share
👇👇👇👇👇👇
https://t.me/Bedadina