ICCIITII MILKAA'INAA( የስኬት ምስጢር )
3.3K subscribers
39 photos
1 video
1 file
108 links
Download Telegram
#Bakki yaadde sun eessa?

#Bakka yaadde sana jechuun galma jireenyakeetii jechuudha. #Jireenya kee keessatti milkaa'ina feete bira ga'uudhaaf tarkaanfiin ati jalqaba fudhachuu qabdu galmakee adda baastee beekuudha.
@bedadina
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
Namoota fedhii dandeettii
Mul'ataa fi abjuu qabdaniif!

Dhaabbata #sammuu nama qaroomsu ykn [Mind setting]/ Personal Development Itoophiyaa keessatti hundeeffamee daandii milkaa’inaa carraa baay'ee guddaa dhaloota Mul'ata gaarii qabu, fayyaa qabeessaa fi sooreessa ta'e uumuuf company hundeeffame dha.

Qaamaa mootummaa irraa beekamtii seeraaf Eeyyama kan  qabu waajjira guddaa Finfinnee naannoo Booleetii kan qabu fi damee kutaa bulchiinsa magaala Finfinnee keessaa qaba.

Dhaabbata kan keessatti miseensaa tatee leenji/baranoota fudhate jireenya kee Jireenya Mul'ataa Jireenya Fayyaa .Jireenya ,Maatii Jireenya Hawaasummaa Jireenya ,Hafuuraa Jireenya Maallaqaa, Jireenya Beekumsaa  irratti leenji fudhata Namani tokko sammuu Isa fayyadamuu akkamiin akka of jijjiiruu danda’uu fi madda gaalii argachuu qabu irratti hojataa

Daandii Milkaa’inaaf adeemsa Abjuun jiraachuu Waa'ee kaayyoo dhuunfaa keeti, dandeetii kee, mul'ata kee beekuun galmaa ga'uu ni dandeessa. "Adunyaa irratti namoonni hiyeessa ta'an warra mul'ataafi abjuu hin qabaneedha. Akkamiin abjuuf mul'ata keenyaa kan fayadamaane jireenya kee jijiruu dandeessaa. 

Namoonni hojiin Business kana waliin hojjechuu barabaadan baga gammadan hojii commission ti.qarshii xiqqoo dhan jalqabamee commission hedduu ykn qarshii hedduu carraa ittiin argachuun danda'amu dha. #Sadarkaa barumsaa hin gaafatu.

#Namoota hundaa ilalaata kan daldalu, kan hojatuu, kan baratuu hojii barabaadu fi sadarkaa baranoota kamiyyuu ni danda'amaa hojii baay'ee salphaa ta'ee fi karaa salphaa ta'een jijjiirama guddaa kan galmeessisu dha networking marketing waan ta'eef

Akkasumas #sammuu keenya kana akkamitti akka fayyadamuu dandeenyu jireenya dhuunfaa keenya akka jijiruu dandenyuu nu barsiisaa

#Franchise office biyyoota ambaa kanneen akka:- #kanaadaa, #Israa'eel, #USA, #Sudan keessatti damee bannee hojjechaa jira.

#Daandii Milkaa’inaaf adeemsa Abjuun jiraachuu, Waa'ee kaayyoo dhuunfaa ofii beekuu, dandeettii ofii beekuu, mul'ata ofii beekuun galma ga'uun ni danda'ama. "Addunyaa irratti namoonni hiyyeessa ykn harka qalleessa ta'an warra mul'ataa fi abjuu hin qabneedha.

#Dhaabbata kana keessatti Leenjii/barnoota abjuu jireenya kan itti milkoofnu baranna.Jireenya ofii keetii erga jijjiiruu eegaltee namoota biraa akka miseensa dhaabbata kana ta'an gochuufii jireenya isaanii jijjiiruu danda'aan carraa kennita.

#Namni gamna ta'e #Karoora osoo hin baafatin waan tokko hin jalqabu. Karoora ifa ta'e baafachuun #hoogganaa fi #gaggeessaa jireenya keeti akka taatuun siif hawwa.Karoora gochaa Karaa dheeran tarkaanfii tokko irraa jalqabaa. #Jireenya karoora qabu akka jiraattuuf barnoota/Leenjii Kara adda addaa argachuun dirqama.

Meentaal Baank process fi kutaa sammuu keenya dhoksaa /Subconscious mind/ fayyadamuun kan hojjetu yoo ta'u milkaa'inni kan mirkanaa'ee dha. #MeentaalBaankiin adeemsa mataa isaa danda'ee kan qabuufii haala ittin jijjiiramni argamudha, kanafuu  #Saganteessuudhaan akkamitti karoora keenya galmaan akka geenyu nu gargaara.

Barnoota kana Karaa sadii argachuu dandeessu:-

1ffaa. Online Website dhaabbata irraa
2ffaa. Barruulee fi CD irraa
3ffaa. Qaamaan/In Person

Leenjiin: #AfaanOromoo, #Amariffaa, #Ingliffaa, #Tigiriffaan waan jiruuf kan dandeessaniin barnoota  isaa fudhachuu dandeessu.

#Hubachisa:Taarii #shakkuu dandeessu dhugaa dha kanafuu fedhi yoo qabatee qamaan Ibsa/orientation gaha erga fudhate boodaa dhugaati jijiramana jireenya koo irratti ni fida, garshii/gaalii itti argachuu nan danda'aa, jeettee #ofkeeti yoo murteessite #qofa waliin hojjechuu dandenyaa obbolleessa/Obbolettii.

Yeroof namoota #Finfinnee fi #nannawwaa Finfinnee jiran qamaan argamuun ibsa gaha fudhatanii of murteessu qabdu odeeffannoo dabalataaf #inbox na dubbisaa.

Hojii #NetworkingMarketing waan ta'eef hojii bira hojachaa, bakka barabaadan teessani,yeroo kamiyyuu hojachuu ni danda'amaa. Dhaabbata #Qacarrii osoo hin taane dhaabbata of #miseensaa tatee keessatti hojatee of jijirtuu dha. Kanafuu hubannoof nama kamiyyuu keessatti hojatee abbaa dhaabbata ta'u ni danda'amaa.

Waliin #hojjanna

Waliin #jijiramanaa
#Xiyyeeffannaan Kee si murteessa!!!

#Jireenya Kee Kan jijjiiru Muuxannoo jireenya keetii osoo hin taane waanta ati irratti #xiyyeeffatteedha!
Yeroo hundumaa bakka xiyyeeffannoon Keenya jirutti humna Keenya dhangalaafna. #Waan gaarii arguuf hawwine, milkeessuuf waan yaannu, hamma yaannuu Fi dhamaanu mo'anna. #Xiyyeeffannoon Keenya garuu gufuuwwan jiran, mo'amuu Fi akka hin dandeenye dursinee yaaduu irra yoo ta'e, shakkii Tokko malee ni kufna.
#Kanaaf Firii ykn bu'aa Keenya jijjiiruu yoo barbaanne xiyyeeffannoo Keenya haa sirreessinu!!!

#Waan dubbiftaniif #Galatoomaa👏👏👏

#Hiriyoota keessaniinis Gahaa!!

#Join and #share
👇👇👇👇👇👇
https://t.me/Bedadina
#Xiyyeeffannaan Kee si murteessa!!!

#Jireenya Kee Kan jijjiiru Muuxannoo jireenya keetii osoo hin taane waanta ati irratti #xiyyeeffatteedha!
Yeroo hundumaa bakka xiyyeeffannoon Keenya jirutti humna Keenya dhangalaafna. #Waan gaarii arguuf hawwine, milkeessuuf waan yaannu, hamma yaannuu Fi dhamaanu mo'anna. #Xiyyeeffannoon Keenya garuu gufuuwwan jiran, mo'amuu Fi akka hin dandeenye dursinee yaaduu irra yoo ta'e, shakkii Tokko malee ni kufna.
#Kanaaf Firii ykn bu'aa Keenya jijjiiruu yoo barbaanne xiyyeeffannoo Keenya haa sirreessinu!!!

#Waan dubbiftaniif #Galatoomaa👏👏👏

#Hiriyoota keessaniinis Gahaa!!

#Join and #share
👇👇👇👇👇👇
https://t.me/Bedadina
#Ammuma Eegali/Jalqabi!

Barreessaan guddaan tokko akkana jedhe, "Akkamitti kitaaba ajaa'ibaa akkasii barreessite'' jedhamee gaafatamnaan "Yeroo tokkotti jecha tokko barreessaa ture " jedhe barreessaan kun osoo hin shakkiin. #Imalli dheeraan tarkaanfii tokko tokkoon jalqaba.

#Jireenya kee keessatti hawwii guddaa akka qabduu fi yaada waan hedduu jijjiiruu akka qabdu mirkanaa'adha. Garuu yaaduun qofti gahaa miti. #Ka'ii waan yaadde hojjechuu jalqabi. Wanti fedhe galma gahuu kan danda'u yoo murteeffatte fi jalqabde qofaadha!

#Guyyaa Gaariin isiniif hawwa!!!🙏🙏🙏
https://t.me/Bedadina
#Galataa fi gammachuu!

#Umuriin keenya gabaabaadha. Wantoota yeroo kanatti si #dhiphisaa jiran natti himi,yoon siin jedhe waan baay'ee akka tarreessitu nan beeka. Wanti nama ajaa'ibu garuu, umriin siif kenname wantoota si gammachiisan dhandhamachuuf illee gahaa miti!

#Maarree umurii kee gammachuuf illee gahaa hin taane kana gaddaafi yaaddoon qisaaseessita? #Waan tokko tokko akka qabduyyuu erga harka kee keessaa bahee hubatta. Hiriyaa koo amma kan si madaalu galataa fi gammachuu qofa!
#Gammadaa ta'i

#Jireenya gammachuun siif hawwa🙏🙏🙏


#Yaadaa fi yoo qabaattan karaa kanaan nuun gahuu dandeessu!


@Yeroosan_bot
😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭


#Dr. Kabajaa Alii Birraa weellisaa, qindeessaa, walaleessaa fi sabboonaa Oromooti. Aliin Fulbaana 29, 1950 magaalaa Dirre Dhawaa naannoo Lagaharree jedhamutti dhalate.

#Jireenyaa Ijoollummaa Isaa

#Aliin kan dhalate Dirre Dhawaa keessatti. Abbaa fi haati isaa Aliin dhalatee waggaa sadi’itti addaan bahan. Aliin sana booda abbaa isaa biratti guddate. Yeroo ijoollummaa isaa mana barumsaa Arabiffaa galee Afaan Arabaa barateera. Sana boodas mana barumsaa galee amma kutaa 6tti barate.
Yeroo ijoollummaa isaa karaa irratti daldala adda addaa hojjatee of gargaaraa ture. Wayita umuriin isaa 13 ta’u, hawwisoo Afran Qalloo kan aadaa Oromoo guddisuuf dhoksaadhan hojjachaa turetti makame. Sirbi inni jalqaba waltajjiirratti sirbe “Birraa dha bari’e” kan jedhamu ture. Kanarraa ka’ee maqaa Alii Birraa jedhamu argate. Mootummaan Hayila Sillaassee hawwisoo kana bara 1965tti cufee miseensota hawwisoo kanaas gartokkee mana hidhaatti naqe. Aliinis baqatee gara Finfinneetti gale.

#Jireenya Isaa Finfinneetti

Aliin erga Finfinneetti galee booda hojii sirbaa adda addaa hojjachuu jalqabe. Yeroo kana Aliin sabboonaa Oromoo Ahimad Taqii wajjin wal bare. Ahimad Taqiis Alidhaaf akka ittiin sirbuuf jedhee gitaara biteef. Beekkamtummaan Aliis magaalaa Finfinnee keessatti saffisaan dabale. Aliin Afaan Oromoon biratti Afaan AmaaraaAfaan ArabaaAfaan Hararii fi Afaan Sumaaleetiin sirbuu danda’a ture. Kunimmoo namoota adda addaa biratti akka jajamuu fi jaalatamu godhe. Namoota isa jaalatan keessaa tokko Iyyu’eel Yohaannis kan jedhamu dura bu’aa Kibur Zabanyaa kan ture tokko ture. Innis Aliin Kibur Zabanyaatti akka makamu godhe; achittis weellistoota beekkamoo kan akka Mahaammud AhimadXilaahun Gassasaa, fi Buzunash Baqqalaafaatti makame.
Kibur Zabanyaa keessa yeroo turetti, carraa gara naanoo adda addaa deemee itti dandeettii isaa agarsiisu argate. Gara Sudaanis deemee wellistoota bebbeekkamoo akka Mahaammad Waardiifaa wajjin sirbe. Yeroo Finfinnee jiru, waltajjii gurguddaa akka Haagar Fiqirii fi Raas Tiyaatiriifaatti sirba ture. Boodarra abbaa isaa wajjin mariyatee Finfinnee gad lakkisee deeme. Bara 1970n keessa, yeroo Warraaqsi Itoophiyaa jalqabu, Ahimad Taqii baha Itoophiyaa keessatti loltuu mootummaatin odoo loluu du’e. Aliinis baayyee gaddee akkas jedhee sirbe
Yaa Hundee Bareedaa
Yaa Fiixee Miidhagaa
(Hundeen maqaa kan bira Ahimad Taqii ture)
Aliin hojii isaa weellisummaa fi qindeessumma itti fufe. Albamii isaa kan jalqabaas bara 1971 baase, kunis albamii sirba Afaan Oromoo kan jalqaba ture seenaa sirba Oromoo keessatti. Achii booda sirba jaallatamoo akka “Hin Yaadin”, “Asabalee”, “Ammalelee” fi “Gammachu” godhate. Albamiin isaa sirboota Afaan Sudaan kan akka “Al-Habiib Ween” fi sirba Hararii kan akka “Yidenqal” of keessaa qaba.

#Biyya Alaatti

Leellistuun Alii Birraa, Imbaasii Iswiidin kan Finfinnee jiru keessatti Itti-aantuu Sekreeterii (vice-secretary) kan turte, Alii gaa’ilaaf gaafatte. Aliinis gaaffii kana fudhatee bara 1985tti ishii fuudhe, maqaan ishii Birgittaa Astroom jedhama. Birgittaan kan dhalatte Istookoolmi Iswiidin keessatti (Adoolessa 21, 1942 – Fulbaana 13, 2009). Bara 1986tti, haati manaa Alii Sawud Arabiyaatti jijjirramate, Aliinis ishee faana Sawud Arabiyaatti gale. Haa ta’u malee, Sawud Arabiyaan Aliitti itti hin tolle. Kanaaf gara Iswiidinitti ce’ee achi waggaa lama jiraate. Bara 1988, Aartis Akkaadaamii Loos Aanjeles (Los Angeles Arts Academy)tti barachuuf gara USA deeme. Bara 1990tti erga eebbifameen booda bara 1992tti albamii lama Itoophiyaan alatti kan jalqabaa gad lakkise. Kunis addunyarratti akka beekkamu godhe. Aliin konsertii baayyee biyyoota adda addaa keessatti geggeesseera. Kana keessaa bara 20005tti ayyaana waggaa haaraa Itoophiyaa irraatti Sharaaten Addis kaasuun ni danda’ama.
Bara 2009tti, Aliin dhukkuba Kaanserii marrimaanii akka yaallamaa jiru yoo dubbatamu, garuu sirba akka itti fufuun hojjatu yoo dubbatu albamiin isaa kan dhiyoo baase garuu kan dhuma ta’uu hin hafu jedhama.
#JIREENYUMA FILATTE #JIRAATTA

👉Namni tokko illee jireenya siif filachuu hin danda" u. Ofuma keetii filatta, of uma keeti itti jiraatta. Har"a murteeffadhu. Zoonii haala qillensa mijata siif qabu tolfadhu. Zoonii hiika jireenyaa si jalaa dhoksite keessaa dafii ba'i. #Gaafa biyya lafaa kana irra jiraattu wanta ittiin yaadatamuu dandeessu hojjedhuu darbi malee du'een yaadatama hin jedhiin. Waa' eedhuma kee waan gaarii yaaduuf dhama'i. #Addunyaan kun yoom illee waa'ee kee akka ati waan gaarii yaadduuf carraa siif hin kennituuti.
#Ofitti deebi'i. Of keessaa baddee of barbaachaaf maaliif gatii kaffalta. Ofitti deebi'ii ofii kee fudhadhu. #Waa'ee kee sirriitti yeroo fudhadhuutii itti yaadi. Hojiin hojjetamu alaa osoo hin taane,suma keessa jira. #Miini dheedhiin gabaa addunyaaf dhiyaatu suma keessa jira.
"#Never Believe In #Never" jedhama #Hin danda'amu jecha jedhutti hin amaniin. #Filannoo sirriin gatii nama kaffalchiisu iyyuu galma ni ga" a. #Maal gochuun danda'aree hin jedhiin: Maal fa'aan gochuu danda'a jedhi malee. #Jireenya filatanii jiraatu malee jiraachuuf hin filatani.

@Saayikoloojii
@Bedadina
@Dujabewa
#Gara Tulluutti(olka'insaatti)!

  #Namni Gamoo dheeraa ijaaruuf yaadu bu'uura isaa gadi fageessee qotuu qaba. Nutis Jireenya keenya keessatti waan guddaa hojjechuuf yoo yaadnu akkuma gamoo oldhaabuuf lafa gadi fageessinee qotuun dirqama ta'ee fi lafti ammuma gadi fagaataa deemu qotuun isaas #cimaa akka deemu,

  #Jireenya keenya keessattis kufnee qormaanni yeroo nu mudatu,waanta heddu yaallee yeroo dafee nuuf milkaa'uu didu yeroo nutti jabaatu  bu'uura cimaa ol ba'ee dhaabatuufi  dogoggora keenya irraa barannee gammachuu fi galataan Jiraachuuf akka ofqopheessaa jirru haa yaadnu!

#Galatoomaa!!! #Yeroo gaariin isiniif hawwa

@Saayikoloojii
@Bedadina
@Dujabewa
#Jireenya kee Jijjiiruu ni Barbaaddaa?

#Namoonni hedduun yeroo baay’ee waa’ee jijjiirama jireenyaa ni haasa'u, garuu jijjiirama haasa'an kanaaf tarkaanfii tokkollee yeroo taasisan hin mul'atan.

#Jijjiiramamni jireenyaa #gochaan(Action) dhufa. Gochaan(#Action) ala jijjiiramni argamu hin jiru.

#Armaan gaditti hiikaa gochaa Fi gufuulee gochaa ilaalla turtiin keessan nu wajjin haa ta'u!

@Saayikoloojii
@Bedadina
#Kutannoo

#Injifachuuf utuu hin kutatiin waraanaatti seenuun balaa fida.

#Dharraa yookiin hawwiin waa hojjechuu keessa keenya jiru motoorii makiinaa wajjin wal fakkaata. Kutannoon immoo ibidda garaa keessaa dharraaf humna kennuudha. Humni humna irra caalu addunyaa kana irra jiru dhiibbaa tokko malee waa hojjechuf fedhii ati (will power) qabduudha. #Bakka kutannoon jiru mo'ichi/injifannoon mirkanaa'aadha.

#Jireenya keessatti kan argannu waan hawwinu utuu hin ta'in argachuuf kutannee waan hojjenneedha. #Hundumti keenya hawwii qabna. Hawwiin keenya lakkoofsi isaa hanga hin qabu. Garuu waan hawwine kana argachuuf kutannoodhaan kan hojjetu yookiin kan carraaqu nama meeqaa? Dhugaa isaa dubbachuuf lakkoofsi keenya xiqqoodha. Kaan keenya waan hawwine sana argachuuf ifaajjii isaa yaaddofnee hamleen keenya bushaa'ee jira. Kutannoo jechuun gonkumaa harka kennuu dhabuudha. Kutannoo jechuun ifaajjii kiyya addaan hin kutu jechuudha.

#Hubadhu: Sangaan coomaa waan ta'ef isa qallicha hin mo'u. Humna isaan qabantu murteessa. Waan tokko xinnoodhuma tuttuqxee seenaa hojjechuu hin dandeessu.

#Waan hundumaa keessatti milkaa'inni aarsaa qabatamaan namni tokko baasuuf kutate irratti hundaa'a. Fedhii qabduf aarsaa baasuuf qophaa'aa miti taanaan kan si'eeggatu kufaatiidha. #Akka kompaasii kallattii agarsiiftuu kutataa ta'i. Ati kallattii feeteetti marfattus fixeen kompaasiittii garuma kaabaa agarsiiftu. #Waanti fedhee isa danqullee akkuma kompaasii kallattii agarsiiftu kana namni kutataan galma isaa ga'uf carraaqqii isaa addaan hin kutu.

#Kutannoo qabda taanaan bakka hawwite ooltee bultee ni geessa!

#Atis Injifachuu ni dandeessa!(#Damma #Daamuu)
#Galattoomaa 🙏🙏🙏

#Join and #Share

👉@Saayikoloojii.👉 @Bedadina
#Gatii kaffali!

#Jireenya barbaadde jiraachuuf jalqaba gatii itti kaffaluu danda’uu qabda; #Akkuma meeshaa itti hin kaffalamiin fudhachuu hin dandeenye, milkaa'inni ati itti hin kaffalle kan kee ta'uu hin danda'u!

@Bedadina @Saayikoloojii
Forwarded from Kitaabota Saayikoloojii Irraa
#Jireenya Kee Har'aa

#Jireenya kee isa har'aa irra dhaabbattee waantota afur murteessuu ni dandeessa.

1. #Guutummaatti abdii kutattee waan hojjechaa jirtu dhiisuu, jireenyi kun na gaha jechuudha.
2. #Baqachuu, booda deebi'uu, daftee kallattii jijjiiruu, gadi buutee jiraachuu yeroo filattu jechuudha.
3. #Yeroodhaaf boqonnaa fudhachuu, karaa kan biroo yaaluudhaaf murteessuu, fiigicha isa jalqabde dhaabdee kan biroo yaaluu jalqabuu, deemsa kee fi gocha kee hanga ammaatti taasisaa turte irra deebitee ilaaluu.
4. #Haala kam keessattillee gara fuula duraa ija jabinaan deemuu, tulluu mul'ata koo irra ba'ee of arguun qaba jettee murteessuu. Waadaan ani keessa kootti ofiif gale rakkinoota kana hundumaa caalee ni darba jechuudha.

#Kan murteeffatte situ beeka. Kan koo isa #4ffaa dha. #Murtoon kee eenyummaa keeti.

@Saayikoloojii
Forwarded from Kitaabota Saayikoloojii Irraa (Harka hin Kennu Never Give Up)
#Jiraachaa jirta!

#Lafa kanarra haalota ulfaatoo heddutu jiru, qormaata heddutu jira, atis ijoollummaa kee irraa eegaltee haalota ulfaatoo heddu dabarsiteetta. Garuu ammas jiraataa jirta. Inni kaleessa si dabarse har'as si dabarsa abshir.

#Deel Kaarniigeen akkas jedha, ''#Eenyullee saree du'e akka hin rukunne beeki'' jedha.  #Jireenya keenya keessatti dhiibbaan nu mudatee rakkoon nutti tuulamaa yoo jiraate jiraachaa jirra jechuudha.  #Rakkoon garuu dhiibbaa fi wanti nama yaaddessu hin jiru yoo ta'edha!(#Comfort zone)

#Yeroo bareedaa isiniif hawwina!
👇
👉See more