ICCIITII MILKAA'INAA( የስኬት ምስጢር )
3.25K subscribers
36 photos
1 video
1 file
99 links
Download Telegram
#Bakki yaadde sun eessa?

#Bakka yaadde sana jechuun galma jireenyakeetii jechuudha. #Jireenya kee keessatti milkaa'ina feete bira ga'uudhaaf tarkaanfiin ati jalqaba fudhachuu qabdu galmakee adda baastee beekuudha.
@bedadina
#Bakka #Yaadde Sana!

#Bakki yaadde sun #eessa?

#Bakka yaadde sana jechuun galma jireenya keetii jechuudha Jireenya kee keessatti milkaa'ina feete bira ga'uudhaaf tarkaanfin ati jalqaba fudhachuu qabdu galmakee adda baastee beekuudha. #Galma jireenyakee erga adda baaftee beektee booda, galmakee milkeessuuf qophii gochuudha. #Milkaa'ina gonfachuudhaaf galma ofii adda baasanii beekuun bu'uura ta'us galma ofii beekuun qofti ga'aa miti. #Galma jireenya kee beekte jechuun ni milkoofte yookaan bakka yaadde sana geesse jechuu miti. #Bakka deemuu feetu erga beektee booda bakka sana akkamiin akka deemtee ga'uu dandeessu sammuu kee keessatti beekuun barbaachisaadha. #Namni daandii dheeraa imalu tokko jalqaba bakka deemu sirritti adda baafata. #Bakka deemu erga adda baafatee boodas, bakka sana akkamiin akka deemu karoorfata. #Atis galma jireenya kee erga adda baafattee booda galma kee biras akkamiin akka geessu karoorfachuu qabda. #Namootni baay'een milkaa'ina jireenya isaaniif galma ni baafatu. Garuu galma isaanii kana bira utuu hin ga'in hafu. Maaliif? Sababnisaa hawaasa keessa jiraatan yookaan nama waliin jiraatan ilaalanii fakkaachuuf yookaan akka ebaluu ta'uuf galma waan baafataniif. Kana jechuun baay'een keenya galma keenya maatii yookaan hawaasa keessa jiraannurraa arganna.Galmi sirrii garuu keessa keetii madduu qaba. #Namootni waan barataniif hin baratin! Maaliif akka barattu galma dhuunfaa kee sammuu kee keessatti ilaalaa baradhu! #Namootni daldalaniif hin daldalin! Hojii daldalaan eessa ga'uu akka feetu ilaalaa daldali! Walumaagalatti, waan hojjettuuf galma qabaadhu malee namni biraan hojii ati hojjechaa jirtuun waan milkaa'eef yookaan maatiin kee akka atí hojicha hojjettu waan barbaaduuf hin hojjetin! Kunis kan ta'u galmi kee keessa keetii kan madde yoo ta'edha. #Galmikee keessa keetii madde taanaan galmakeef jaalala dhugaa qabaatta. #Milkaa'uudhaaf galma keef jaalala dhugaa qabaachuu qabda. Galma keef jaalala dhugaa qabaachuun jireenyi bitaa akka sitti hin galleef si fayyada. #Fakkeenyaaf maatiin kee daldaltee maallaqa hedduu akka horattu fedhu ta'a. #Atimmoo ogeessa muuziqaa beekamaa/tuu ta'uu feeta ta'a. Sababoota akkanaaf kanneen biroon baay'een keenya yeroo hedduu dhiibbaa maatii fi hawaasaan waan ta'uu hin feene ta'uuf carraaqna. Kanarraan kan ka'es yaadaafi qalbiin keenya bittinnaa'ee gara itti gorru wallaaluun jireenya bitaa gale jiraanna. #Jalqabuma ogguu galmakee baafattu nama dhaggeeffachuu dhiistee keessa kee yoo dhaggeeffatte garuu gufuun akkanaa si hin mudatu. #Galmi kee dhugumaan keessa keetii kan madde taanaan namootni yaadota akkamii dhi'eessaniyyuu galma keerraa boodatti deebi'uuf tasumaa shakkiin keessa keetti hin uumamu. Galma baafatte kamiiniyyuu milkeessuu ni dandeessa. Garuu ogguu galma kee baafattu maal gochuu akka dandeessuufi hin dandeenye sirriitti xiinxalii baafadhu! Akkana goonaan humna dhokataa keessakee jiru kan bakka feete sana si geessu waan argattuuf gammachuun tarkaanfii eegalta. #Galma kee yeroo baafattu waantota armaan gadii ilaalcha keessa galchi!

#itti fufa...

#Maddi Kitaaba Saayikolojii Bakka yaadde sana jedhu(#Warquu #Guddinaatiin)

#Join and #Share godhaa!!!!
👇👇👇👇👇👇👇👇👇
https://t.me/Bedadina
@=>#Ganameeffadhuu Ka'i

👉@=>#Bakka Yaadde Ga'i
👉@=>#Ifa Tulluurraa Ta'i @=>#Dubaaf Fulduraan
Ifi.
@=>#Amantitti Jabaadhu @=>#Ogummaa Qabaadhu
@=>#Waaqayyoon
Sodhadhu.
@=>#Mo'icha Argadhu. @=>#Hamtuun Sin Argiin @=>#Gaariin Sin Darbin.
@=>#Kan Dhalate Siif
Haa Guddatu.
@=>#Yoo Loltu Mirgaan
Gali.
@=>#Yoo Barattu Qabxii
Argadhu
@=>#Mo'i Malee Hin
Mo'amin.
@=>#Argadhu Malee Hin
Dhabiin
@=>#bakka Yaaddes Hin
Hanqatiin.

<=><=>
Eebba Kana Hiriyyoota
kee Keessaa Kan Baay'ee Jaallattu Yoo Xiqqaate Nama 5 niif Share Godhi.
Anis Isaan Keessa Tokko Yoon Ta'e Anaafis Deebisii Ergii !
https://t.me/Bedadina
#Kutannoo

#Injifachuuf utuu hin kutatiin waraanaatti seenuun balaa fida.

#Dharraa yookiin hawwiin waa hojjechuu keessa keenya jiru motoorii makiinaa wajjin wal fakkaata. Kutannoon immoo ibidda garaa keessaa dharraaf humna kennuudha. Humni humna irra caalu addunyaa kana irra jiru dhiibbaa tokko malee waa hojjechuf fedhii ati (will power) qabduudha. #Bakka kutannoon jiru mo'ichi/injifannoon mirkanaa'aadha.

#Jireenya keessatti kan argannu waan hawwinu utuu hin ta'in argachuuf kutannee waan hojjenneedha. #Hundumti keenya hawwii qabna. Hawwiin keenya lakkoofsi isaa hanga hin qabu. Garuu waan hawwine kana argachuuf kutannoodhaan kan hojjetu yookiin kan carraaqu nama meeqaa? Dhugaa isaa dubbachuuf lakkoofsi keenya xiqqoodha. Kaan keenya waan hawwine sana argachuuf ifaajjii isaa yaaddofnee hamleen keenya bushaa'ee jira. Kutannoo jechuun gonkumaa harka kennuu dhabuudha. Kutannoo jechuun ifaajjii kiyya addaan hin kutu jechuudha.

#Hubadhu: Sangaan coomaa waan ta'ef isa qallicha hin mo'u. Humna isaan qabantu murteessa. Waan tokko xinnoodhuma tuttuqxee seenaa hojjechuu hin dandeessu.

#Waan hundumaa keessatti milkaa'inni aarsaa qabatamaan namni tokko baasuuf kutate irratti hundaa'a. Fedhii qabduf aarsaa baasuuf qophaa'aa miti taanaan kan si'eeggatu kufaatiidha. #Akka kompaasii kallattii agarsiiftuu kutataa ta'i. Ati kallattii feeteetti marfattus fixeen kompaasiittii garuma kaabaa agarsiiftu. #Waanti fedhee isa danqullee akkuma kompaasii kallattii agarsiiftu kana namni kutataan galma isaa ga'uf carraaqqii isaa addaan hin kutu.

#Kutannoo qabda taanaan bakka hawwite ooltee bultee ni geessa!

#Atis Injifachuu ni dandeessa!(#Damma #Daamuu)
#Galattoomaa 🙏🙏🙏

#Join and #Share

👉@Saayikoloojii.👉 @Bedadina