ICCIITII MILKAA'INAA( የስኬት ምስጢር )
3.29K subscribers
39 photos
1 video
1 file
106 links
Download Telegram
#Kutannoo

#Injifachuuf utuu hin kutatiin waraanaatti seenuun balaa fida.

#Dharraa yookiin hawwiin waa hojjechuu keessa keenya jiru motoorii makiinaa wajjin wal fakkaata. Kutannoon immoo ibidda garaa keessaa dharraaf humna kennuudha. Humni humna irra caalu addunyaa kana irra jiru dhiibbaa tokko malee waa hojjechuf fedhii ati (will power) qabduudha. #Bakka kutannoon jiru mo'ichi/injifannoon mirkanaa'aadha.

#Jireenya keessatti kan argannu waan hawwinu utuu hin ta'in argachuuf kutannee waan hojjenneedha. #Hundumti keenya hawwii qabna. Hawwiin keenya lakkoofsi isaa hanga hin qabu. Garuu waan hawwine kana argachuuf kutannoodhaan kan hojjetu yookiin kan carraaqu nama meeqaa? Dhugaa isaa dubbachuuf lakkoofsi keenya xiqqoodha. Kaan keenya waan hawwine sana argachuuf ifaajjii isaa yaaddofnee hamleen keenya bushaa'ee jira. Kutannoo jechuun gonkumaa harka kennuu dhabuudha. Kutannoo jechuun ifaajjii kiyya addaan hin kutu jechuudha.

#Hubadhu: Sangaan coomaa waan ta'ef isa qallicha hin mo'u. Humna isaan qabantu murteessa. Waan tokko xinnoodhuma tuttuqxee seenaa hojjechuu hin dandeessu.

#Waan hundumaa keessatti milkaa'inni aarsaa qabatamaan namni tokko baasuuf kutate irratti hundaa'a. Fedhii qabduf aarsaa baasuuf qophaa'aa miti taanaan kan si'eeggatu kufaatiidha. #Akka kompaasii kallattii agarsiiftuu kutataa ta'i. Ati kallattii feeteetti marfattus fixeen kompaasiittii garuma kaabaa agarsiiftu. #Waanti fedhee isa danqullee akkuma kompaasii kallattii agarsiiftu kana namni kutataan galma isaa ga'uf carraaqqii isaa addaan hin kutu.

#Kutannoo qabda taanaan bakka hawwite ooltee bultee ni geessa!

#Atis Injifachuu ni dandeessa!(#Damma #Daamuu)
#Galattoomaa 🙏🙏🙏

#Join and #Share

👉@Saayikoloojii.👉 @Bedadina
Forwarded from Kitaabota Saayikoloojii Irraa (Harka hin Kennu Never Give Up)
👉#Namni nan jibbu jettee yaadda taanaan dogoggorteetta!

#Sababnisaa:-

💙Yoo dhugaa dubbatte sobdoonni si jibbu
Ni obsita yoo ta'e sodaataa siin jedhu
💟Arjaa yoo taate warreen doqni fi ofittoon si jibbu
💞Dureessa yoo taate Inaaftota sitti ajaja
Yoo gad of qabde oftuultotatu si jibba
🧡Gara laafessa yoo taate hamoonni tasuma si jibbu
💕Yoo calliste warreen odeessitoonni garaan isaa hin argamu siin jedhu
💓Beekaa yoo taate wallaaltonni si jibbu
💚Tasgabbaa'aa yoo taate oftuula siin jedhu
Hedduun kan si jibbaniif kan ati qabdu isaan waan hin qabneef
💞Kan ati gochuu dandeessu isaan wan hin dandeenyeef
🙏Yeroo ati galateeffamtu inaaffaa Fi jibbinsi waan isaan irra buluuf akka ta'e dagachuu hin qabdu
💖Ta'us badii Fi hammeenya Akka hin qabne qabatamaan agarsiisi malee ati nama kamuu hin jibbin!

              👉 #Hubadhu!
#Namoota jaalattuuf qoodda taanaan ati dhuguma nama hin jibbitu garuu ofii kee qofaaf dubbistee dhiifta taanaan atis ofittoo taata kanaafuu #Share godhi
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
https://t.me/+VN_ccHy2Fj50kaT_