ICCIITII MILKAA'INAA( የስኬት ምስጢር )
3.59K subscribers
39 photos
1 video
1 file
108 links
Download Telegram
#HARKA HIN KENNIN!
#Kutannoo Qabaadhu namni ejjennoo mataa isaa hin qabne bishaan #Gabateerraatii garuma hundatti raafamaa!
#Kaayyoo Qabaadhu namni kaayyoo hin qabne #Simbirroo Baallee(koochoo) hin qabne wajjin tokkuma. Bakkuma itti kufee gangalata malee lafa dhaqu hin qabu. Inumaayyuu bakkuma kufe sanatti inni kaayyoof fiigu irra ejjetee ajjeesa, Kanaaf #Kaayyoo mataa kee qabaadhu!
#Galma(Goal) Qabaadhu!
Namni galma hin qabne Farda luugama hin qabneen tokkuma, garuma argatetti gulufa. Namni galma qabu galma isaa hin hanqatu. Jireenya Tasumaa hin jiraatiniitii eessa akka deemtu beeki!
Gaafa sana ni Milkoofta namootaafis Fakkeenya guddaa taata Jabaadhu #Harka hin Kennin!
#Join👇👇👇👇👇👇
https://t.me/Bedadina
https://t.me/Saayikoloojii
👉#Abjuu kee #Du'a Irraa Eegi!

#Abjuu kee du'a irraa eeguu qabda. Wantoonni abjuu dhaloota ajjeesan baay'eedha.
Isaan keessaa muraasni:-
#Abdii kutannaa
#Gabaabsanii yaaduu
#Sirna addunyaa fi imala karaa addunyaa adda baafachuu dhabuu.
#Of gowwoomsuu
#Jijjiiramaaaf qaama biroo eeguu.
#Yeroo ofii seeraan fayyadamuu dhabuu
#Of tuffachuu
#Hiyyummaa Kunuunsuu
#Itti Gaafatamummaa sirriitti hubachuu dhabuu
#Mul'ata dhabuu
👉Mul'anni hin bitamu. Mul'anni bifa hin filatu #Kutannoo fi #Obsaan galma gahuu gaafata malee!!!

#Walgeenyi Tulluu Milkaa'inaa Irratti!!
Galatoomaa🙏🙏🙏
https://t.me/Bedadina
Forwarded from GAGGEESSUMMAA (Getu Abera✟)
#Kutannoo 9ffaa
✧ "Nama GARGAARTU adda baafadhu!"
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
#Kutannoo

#Injifachuuf utuu hin kutatiin waraanaatti seenuun balaa fida.

#Dharraa yookiin hawwiin waa hojjechuu keessa keenya jiru motoorii makiinaa wajjin wal fakkaata. Kutannoon immoo ibidda garaa keessaa dharraaf humna kennuudha. Humni humna irra caalu addunyaa kana irra jiru dhiibbaa tokko malee waa hojjechuf fedhii ati (will power) qabduudha. #Bakka kutannoon jiru mo'ichi/injifannoon mirkanaa'aadha.

#Jireenya keessatti kan argannu waan hawwinu utuu hin ta'in argachuuf kutannee waan hojjenneedha. #Hundumti keenya hawwii qabna. Hawwiin keenya lakkoofsi isaa hanga hin qabu. Garuu waan hawwine kana argachuuf kutannoodhaan kan hojjetu yookiin kan carraaqu nama meeqaa? Dhugaa isaa dubbachuuf lakkoofsi keenya xiqqoodha. Kaan keenya waan hawwine sana argachuuf ifaajjii isaa yaaddofnee hamleen keenya bushaa'ee jira. Kutannoo jechuun gonkumaa harka kennuu dhabuudha. Kutannoo jechuun ifaajjii kiyya addaan hin kutu jechuudha.

#Hubadhu: Sangaan coomaa waan ta'ef isa qallicha hin mo'u. Humna isaan qabantu murteessa. Waan tokko xinnoodhuma tuttuqxee seenaa hojjechuu hin dandeessu.

#Waan hundumaa keessatti milkaa'inni aarsaa qabatamaan namni tokko baasuuf kutate irratti hundaa'a. Fedhii qabduf aarsaa baasuuf qophaa'aa miti taanaan kan si'eeggatu kufaatiidha. #Akka kompaasii kallattii agarsiiftuu kutataa ta'i. Ati kallattii feeteetti marfattus fixeen kompaasiittii garuma kaabaa agarsiiftu. #Waanti fedhee isa danqullee akkuma kompaasii kallattii agarsiiftu kana namni kutataan galma isaa ga'uf carraaqqii isaa addaan hin kutu.

#Kutannoo qabda taanaan bakka hawwite ooltee bultee ni geessa!

#Atis Injifachuu ni dandeessa!(#Damma #Daamuu)
#Galattoomaa 🙏🙏🙏

#Join and #Share

👉@Saayikoloojii.👉 @Bedadina