ICCIITII MILKAA'INAA( የስኬት ምስጢር )
3.66K subscribers
39 photos
1 video
1 file
108 links
Download Telegram
#Ammuma Eegali/Jalqabi!

Barreessaan guddaan tokko akkana jedhe, "Akkamitti kitaaba ajaa'ibaa akkasii barreessite'' jedhamee gaafatamnaan "Yeroo tokkotti jecha tokko barreessaa ture " jedhe barreessaan kun osoo hin shakkiin. #Imalli dheeraan tarkaanfii tokko tokkoon jalqaba.

#Jireenya kee keessatti hawwii guddaa akka qabduu fi yaada waan hedduu jijjiiruu akka qabdu mirkanaa'adha. Garuu yaaduun qofti gahaa miti. #Ka'ii waan yaadde hojjechuu jalqabi. Wanti fedhe galma gahuu kan danda'u yoo murteeffatte fi jalqabde qofaadha!

#Guyyaa Gaariin isiniif hawwa!!!🙏🙏🙏
https://t.me/Bedadina
#Ammuma jalqabi!

#Rakkoon (yaaddoon) keenya irra caalaan isaa kan maddu wanti nuti hojjechuuf kaane ulfaataa ykn garmalee waan ta'eef osoo hin taane, waan salphaa jalqabne waan hin xumurreefidha.

#Maaltu harka kee  keessa jira?  Kanaaf ka'ii ammuma sirreessi!  Waan jalqabde dafii xumuri, sana booda isa itti aanuuf karaa bana!!!
👇👇👇👇                         👇👇👇👇
👉@Saayikoloojii                 👉@Bedadina
#Ammuma


#Guyyaa tokko barabaraaf ni callista
Guyyaa tokko barabaraaf ni deemta
Guyyaa tokko tasumaa dagatamtee yaadannoo taata
Guyyaa tokko tasuma carraa hin argattu
Har'uma nama yaaddeef bilbilii dubbisii akka jaalattus itti himi
#Nama si miidheefi itti mufatte ykn miite dhiifama gaafadhu dhiifamas godhiif Ammuma
@Bedadina @Saayikoloojii