Walaloo Ortodoksii
3.45K subscribers
80 photos
7 links
“Waaqayyo karaa tokko, karaa lamas ni dubbata.” (Iyo.33:14).

Dubbii sagalee Waaqayyoo bifa Walaloon baranna!

Walaloo nuu erguuf: @Sanyiimulaatuu
Download Telegram
Garaakoon dadhabe,imimmaan fuula na dhiqee waa'eekeef
Na marartaa siin mararsiifadhees,naaf duuteen Cubbuukoof
Ba'aa koo naaf eeltee alangeen dirrikee dhanamee gubatee
Rakkoo koof cubbuukoo simalee eenyuree kan naaf hubatee
Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoo Ameen.
...fuullikee dhiiga uffatee...
Yihuudotaan dhiitamaa jireenya badhaafta
Cubbuu isaaniif dhiitamaa hawwiitaafiim Jennata
Fannoorraa otoo jirtuu Abbaakee kadhattaafiim!
Abbaan akka kee danda'aa cubbuukoo hin jiruum!

Fannoo isa jiidhaa uddeellattee Cubbuukoof eeltee
Kaballaan dhaanamtee fuullikee dhiiga uffatee
Cinaacha waraanamtee dhiigakee naaf lolastee
Fannoorraatti duutee jireenya naaf labsite

Waaqa Sadan Sillaasee keessaa tokkoo
Jaalalan Garaa addunyaa kanaa gadii dhufee
Sillaasee Qulqulluu keessaa isaa tokkoo
Waaqayyoon Gabrummaan Seexanaa kufee

Balleessaan koo hedduuf jibbisiisaa
Ati cubbuu jibbitee cubbuuma jaallatte
Cubbuu koof beenyaa gatiikoo baasaa
Teessoo kee dhiiftee biyyaa lafa dhuftee

Addaam garbichaa koo eessaa jirtaa?
Qullaa koo ta'een sii dhokadhe gooftaa
Jedheen Addaam imimmaan lolasaa
Boo'icha jalqabee imimmaan galasaa

Garraamiikoo Gugee mootii Lafaaf Samii
Ilma Waaqayyoo kan Ilma Maariyaamii
Cubbuu jibbitee Cubbumaa kan jaallattu
Ogummaakeen dadhabaa kan gargaartu

Gochaankoo si jibbisiisnaan biyya lafaa dhuftee
Durboo Maariyaamiin haadha godhattee dhalattee
Cubbuukoof jettee ba'aa ulfaataa naaf baatte eeltee
Abbaa garraamii Cubbuukoof jaalalaan naaf duute

Mootii Moototaa Gooftaa Gooftotaa ilma Waaqayyoo
Goota du'a hin sodaanne Ati Goota Qaraaniyoo
Hundeen Amantaa hundeessaan lubbuu keenyaa
Harka namaatti duutee nuuf kaffalte beenyaa

Ati badhaasa kooti sin jaalladha akka lubbuukoo
Jireenyi koo simalee hin bareedu waaqa koo
Abdii lubbuu koo badhaadhummaa lubbuukoo
Iyyesuus iddoo boqonnaa Dawwaa lubbuukoo

Kennaa Qaraaniyoo Qulqulluu fooniif dhiiga kee
Anis nyaadhee dhuguuf hawweera jireenyakee
Si waliin jiraachuuf deebi'eera gara manakee
Atis nan dhiifne na waamteetta gara jireenyakee

Abbaa Abbaa caalu mootiif goota lubbuukoo
Lafarra hin qabu qabeenyaa sin malee waaqakoo
Ati lafaaf samiirratti naaf taatee beenyaaf hirkoo
Ani yoon cubbamaa ta’es ati yoomiyyuu abdiikoo

Mootii Addunyaa maraa si qofaatu na mararaa
Ati gargaaraaf jajjabeessaa dadhabaa nama maraa
Hiyyeessaaf cubbamaa gargaaraa Namoota hundaa
Ati hundumaa caaltaa aangoonkee baay’ee guddaa

..................................itti fufa........................................
@yaaqulqulleettiinuufkadhadhu
Walaleessaan Walaloo Dn/ Sanyii Mulaatuu
Finfinnee,Oromiyaa⚫️🔴⚪️
Yihuudotaan dhiitamaa jireenya badhaafta
Cubbuu isaaniif dhiitamaa hawwiitaafiim Jennata
Fannoorraa otoo jirtuu Abbaakee kadhattaafiim!
Abbaan akka kee danda'aa cubbuukoo hin jiruum!
Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqayyoo Tokkoon Ameen
...Anii sooma soomuu hin dandeenyeen...😭🤲🤲🤲
Qulqullummaa qabaadheef miti yeroon kana dubbadhu
Jireenya lafa kanarraa yeroon taa’ee iyyaafadhu
Gaariin tokkollee hin jiru gaafan dhaggeeffadhu
Mee ka'eetan dubbadha ofii kooti guutuu baadhusii
Akka jecha wangeelaatti baayyisee hirruu ta'uusii
Bara yeroo keenya kanatti yeroon taa'ee ilaalu
Waa'ee namummaa namaa yeroon taa'ee xiinxalu
Madaalee madaaleen barbaadeen nama keessaa dhabe
Isa dhugaan soomutu baroota keenya kanatti dhibe
Mee waan si gaaffa ati Dhuguma soomaa jirtaa?
Moo nyaataaf dhugaatii dhiistee dubbii alanfattaa?
Sooma waan jedhameefi kan ati nyaata dhiistee?
Qaama foonii qofaasaa ijaajjiitti kan gogsiitee?
Yaa namaa maal na dhibdee ofirraa baasuuf soomtaa?
Inni kunoo soomaa jira akka siin jedhaniif lagatta?
Utuumati dubbii jallinaa guyyaati guyyaatti abbuuqqattuu
Garuma bakke keessaa utuu haaloo namaa baaftuu
Nyaata foon gabbisu dhiisnee namuma soomuu fakkaanna
Seenaa cubbuu keenya irraanfannee maaloo of waraanna
Soomaa jirtaa waa'ee lubbuukeetiif akka hin duuneefi
Foon kee dhiphiftee Mootummaa Waaqayyootti galuufi
Jireenyaa kee harra obsitee bor Waaqayyoo waliin jiraachuufi
Lafarratti yoo dhiphattes hagabuun yoo sitti ulfaattes
Soomiin maal naaf godha jettee qoonqookee mararsiifattes
Jireenya afuuraa jibbitee jireenya foonii yoo filattes
Sooromuu filattee jireenyatti ishee galgalaa yoo dhabde
Cubbuu lagachuu dhiistee hojiinkee boollatti yoo si darbe
Maqaaf nyaata lagatta hojiinkeemmoo du'a sitti fide
Waan arraba gabbisummoo bareechitee nyaatta nyaataa
Haala kanaan osoo jirtuu Mee egaati sooma soomaa jirtaa?
Abbootiin keenya kaleessaa barumsaan kan nu barsiisanii
Lallaba isaaniitiin kana hundumaatti himanii hubachiisanii
Dhageesseetta?Ija;arrabniifi gurri qaamni keenya hundii
Tokkoonishee osoo hin hafin sooma soomuu qabdii
Kana osoo hin raawwatin sooma soomna hin jennuunii
Balleessaa qabnu hundumaaf gaabbiif haa qophoofnuunii
Mana Waaqayyoo keessa seeraa isaatiin haa jiraanuunii
Yaadadhaa bara dhufaatii isaatti mirgaasaa haa arganuunii

Yaa Waaqayyoo nutti araaramiin🤲🤲🤲🤲
...............................................itti fufa.........................................
@yaaqulqulleettiinuufkadhadhu
Walaleessaan walaloo Dn Sanyii Mulaatuutin
Finfinnee,Oromiyaa
Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Sadaan Waaqa Tokkoon Ameen
...dadhabdee kuftu...
Kaballaan dhaanama gaafa dadhabdee kuftu
Gindillaa sitti fe’anii namummaan dadhabdee
Waaqummaake amanuu dhiisanii kan si tuffatu
Fuullikee jijjiirame naatoonkee bareeda dhabdee

Ofiikeetii qulqulluu qulqulloota dhiiga qulqulluu
Cubbamaan si reebaa gaafa si balleessaan lubbuu
Tabba qaraaniyoo ol baatee sodaa malee qalamu
Namni dhiisa jedhuu hin jiruu hunduu wal falmuu

Yihuudotaan dhiitamaa jireenya badhaafta
Cubbuu isaaniif dhiitamaa hawwiitaafiim Jennata
Fannoorraa otoo jirtuu Abbaakee kadhattaafiim!
Abbaan akka kee danda'aa cubbuukoo hin jiruum!

Fannoo isa jiidhaa uddeellattee Cubbuukoof eeltee
Kaballaan dhaanamtee fuullikee dhiiga uffatee
Cinaacha waraanamtee dhiigakee naaf lolastee
Fannoorraatti duutee jireenya naaf labsite

Kun siif hin maluu tureen gaafan ilaaluu oolmaakee
Cubbamaa hin jibbitus tasumaa uumama harkakee
Nuuf jechaadha gatii kanaan foonke ciccitee dhumuuni
Dhiigake Qulqulluu addunyaa fayyisuu dhangalaasuuni

Ofiikeeti dhiphattee gidiramaa,jaalalaan naaf du'uukee
Qullaake naaf buuftee anaaf jechaa salphachuunkee
Jecha siif hin Malleen arrabsamaa hancufaa sitti tufaa
Fannoo jiidhaa baachuu dadhabdee gatantaraa kufaa

Oolmaankee gaafa sana na nyaatti keessakoo gubdee
Kaballaan dhaamamee jinfuun rukutamtee dhiphattee
Anaaf of laattee foonkee naaf kukkuttee fannoorrattii
Nu fayyifteettaa nuuf duutee du’a mootee kaateetii

Naatookee bareedaa yeroo dhaanamtuu kaballaani
Sittii ga’isani haa fannifamu jechuun sitti iyyanii
Gaarii namaaf yaadde malee lubbuu fayyisuuni
Akka nama cubbamaa si hadheessani si ajjeesuuni
........................................itti fufa...............................
@yaaqulqulleettiinuufkadhadhu
Walaleessaan Walaloo Dn Sanyii Mulaatuu
Finfinnee,Oromiyaa⚫️🔴⚪️
Ofiikeeti dhiphattee gidiramaa,jaalalaan naaf du'uukee
Qullaake naaf buuftee anaaf jechaa salphachuunkee
Jecha siif hin Malleen arrabsamaa hancufaa sitti tufaa
Fannoo jiidhaa baachuu dadhabdee gatantaraa kufaa
Forwarded from Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa (Misganu Mulatu)
Gaafa as irratti, “‘Miidiyaa Sootiriyaa’ ‘Subscribe,’ ‘Join’ fi ‘Follow’ godhaa!” jedhamu, jechaan waanuma salphaa nutti fakkaata. Dhugaadha, garuu aarsaan kana as nutti fiduudhaaf kaffalame hagam akka ta’ee eenyuutu hubate? 🤔

Kanaaf isin immoo ‘kana gochuun keenya gatii isaanii kana deebisuudhaafidha’ jedhaa yaadaatii waanuma isiniin jedhame, “Miidiyaa Sootiriyaa” : ‘YouTube Channel’ — ‘Subscribe’ ;  ‘Telegram Channel’ —  ‘Join’ ; ‘Facebook Page’ — ‘Follow’ gochuun miseensa taane cina dhaabannee jajjabina taanee, tajaajila mana kiristiyaanaa keenyaas daran akka cimuuf yoo deeggerre mee maal rakkoo qaba?🤔

Kanaafuu:

1. ‘YouTube Channel’ - ‘Subscribe

2. ‘Telegram Channel’ - ‘Join

3. ‘Facebook Page’ - ‘Follow’ taasisaa!🙏
Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon Ameen
...utuun siin hin qabaannee...
Utuun siin hin qabaannee yoonaa akkamin ta'aa
Bakkeetti gatameen bineensaaf ta'an turee soora
Jaalallikee dhugaan hin jijjiramnee yoomu mi'aa
Ormi jaalala kee wallaalee ciisee ta'eera gororaa

Jaalalakee dhugaa nutti agarsiiftee fannoorratti
Lubbuukee nuuf laattee guddummaakee dagattee
Jaalala abbummaakee tolaa hojiikee baranneeti
Fayyina argannee lubbuun nu gammadee jiraattee

Maaloo yaa amantoota maaliif dagannee olmaasaa
Akkamumaan callisnaa nuuf of kennee dhufuusaa
Jaalalaa mucaa namaaf jedhee ofiin of kennee du'uusaa
Fayyina keenyaaf jedhee reebamee barruun waraanamuusaa

Dhiphinni qaraaniyoo kaballaan gaafa fannoo nuuf jedhee
Hadhooftuu obaafamtee utuu dammaaf Haannaan siif maluu
Atii utuu hundaa gochuu dandeessuu hadhooftuu dhugdee
Hadhaawaa dhugdee ofii,nuun mi'aawa nu obaaftee Abbaakoo

Yakkamaa si godhanii hattoota gidduu fannifamtee salphatte
Kabaji kee mulqamee qullaa kee lafaaf samii gidduu dhaabattee
Cubbuunkoo gatii si kaffalchiisee kan birriin hin shallagamnee
Utuu Waaqummaa kee arganii jal’oonni kan sitti hin amannee

Sittii qoosani Waaqummaake sarbanii, hancufaa sittii tufaa
Wayyoo abbaakoo naaf jettee argitee dhiphuu siif mallee
Kan si ganee harraa itti fakkaatuus bor hin beekuu ni kufaa
Nutoo siif jiraanna taanee garbichakee arras boruu yoomillee

Maaloo nu godhadhuka nuun siif hojjenna taanee garbakee
Egaa adaraa Nurraa fagaatiin nuuf ergii qulqulluu afuurakee
Nutoo hin qabnuu humna siin malee hin bulluu nagaa arganne
Atii afuura sombaa keenyaa,raabsituu dhiiga keenyaa onnee

❝Adaraa Sillaasee naaf dirmadhuu atii na gargaari
Ana cubbamaa kanaa fayyisii jedhaa naaf kadhadhaa
Gubachuu sanaa kan qabnee boqonnaa na gargaarii
Maaloo naaf kottuu Sillaasee adaraa naaf dirmadhaa❞
................................................itti fufa...........................................
@yaaqulqulleettiinuufkadhadhu
Walaleessaan walaloo Dn Sanyii Mulaatuu
Finfinnee,Oromiyaa⚫️🔴⚪️
Jaalalakee dhugaa nutti agarsiiftee fannoorratti
Lubbuukee nuuf laattee guddummaakee dagattee
Jaalala abbummaakee tolaa hojiikee baranneeti
Fayyina argannee lubbuun nu gammadee jiraattee

Garbichaa Tsaadiqin jedhama naaf kadhadha adaraa🤲
Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoo Ameen
... burkutaayee ciccitee...
Fannookee jalattii argannee haadha keenyaa
Kennaa bara baraa lubbuu keenyaaf beenyaa
Badhaasa haadhummaa kennaa jaalalakeetii
Eessaattiyyuu hin argamuu Abbaan akka keetii

Yohaannis jaalalleen Gooftaa isaa walin deemee
Badhaasaf Gooftaa walin garaasitti argame
Ilma ishee tokkicha fannoorratti agartee
Imimmaan loolastee fannoorrattii ilaaltee


Obsuu hin dandeenyee haatii mucaa tokkoo
Isa walin isheen kan agartee hedduu rakkoo
Akkamin haa callistuu durbeen Maariyaami?
Maaloo boo'ichaa isheef jedhii nuttii araaramii

Gammoojjii Gibxii keessa isa walin deemtee
Mucaa isheef jechaa kan walin achitti godantee
Garaa dhala akkamin callistii durbeen haatii isaa?
Itti huursaanii Qaraaniyoo gubbaatti fannisaa!

Akka hoolaa qalmaaf deemtuu ati callistee
Gochawwan isaani hundumaa kan simattee
Gaarii malee hin beektuu dubbachuu hamaa
Hoolaa Faasiikaa dhiigaan faayyiftee nama

Gonfoo qoree gochuun mataatti tolchuuni
Mataa Gooftaa waranaani hedduu dhiigsaanii
Ilmaa waaqayyoo gidirsaa lafarraa harkisaa
Dhiigaasa Qulqulluu lafaatti gadii lolasaa

Anaaf jecha cubbuu koof dhiigaakee dhangalaasaa
Foonkee Qulqulluu anaaf jecha burkutaayee cicciitee
Abbaa gar-lafeessaa ati lubbuukoof badhaasa
Durboon Haatikee rakkookee ilaaltee siif dhiphattee

Fannoo jiidhaa sii bachisaa shimalaan dhaanamtee
Dadhabe kufee akka nama gadii of qabe gooftaani
Jaalalaan nama hundumaa dhiigaa keen kan bittee
Mootii mootota Waaqayyoo hundumaa sidha gooftaani

Maalummaakoo jaallatte kan naaf dhiigdee ati?
Ani maalin siif godhee garafeen sii dhiiksee kalee
Badiinkoo guddaadha naaf dhiiftee gooftaakoo ati
Abbummaa keetin argatte kabaja lubbuunkoo hamilee

Fuulakee gaafan ilaaluu fuulakootu dhiigaa uffataa
Reebicha irraan kan ka'ee lafeenkee bakkeetti mula'ata
Rakkinaa kee argee eenyuutu siif hubatee dirmatee?
Qofaa kee naaf duutee ananimmoo lubbuukoo oolfatte

Kabaja bara baraa siif haa ta’uu cubbaaman arrabnikoo
Galatoomi waaqakoo teessoo keerraatti argadhuu ulfinaa
Naaf galatoomi dhugaa ani siifan jiraadha Abbaakoo
Galanni Abbaaf Ilmaaf Afuura Qulqulluuf dhiifnaa

Deessee kan nuu badhaafteef deessuu waaqayyoof
Irrattii fannifamee kan nu fayyisee fannoo waaqayyoof
Eegumsa isaaniin kan nu eegan ergamoota waaqayyoof
Kadhannaa isaaniin kan nu gargaran qulqulloota waaqayyoof
GALANNI HAA TA'U BARA HAMMA BARAATTI AMEEN❗️❗️❗️

...............................itti fufa.........................
@yaaqulqulleettiinuufkadhadhu
Walaleessaan Walaloo Dn/Sanyii Mulaatuu Ittaanaa
Oromiyaa,Finfinnee
Fuulakee gaafan ilaaluu fuulakootu dhiiga uffataa
Reebicha irraan kan ka'ee lafeenkee bakkeetti mula'ata
Rakkinaa kee argee eenyuutu siif hubatee dirmatee?
Qofaa kee naaf duutee ananimmoo lubbuukoo oolfatte
Nutti Araarami💔
Cubbuu Keenyaaf Dhiifama
Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqayyoo Tokkotti Ni Amanna
Ashamaa akkam jirtuu hundii keessani
Biyya alaaf keessaa martuu bagaa geessanii
Ayyaana waggaa ayyaantuu argaa dhugumaani
Isin ishoo baga geessani hundumtii keessanii
...Duuti Sin Moone!!!...
Waaqa Abbaa keenyaa du'aa mo’ee
Galatan ka'ee inni samiitti ol ba'ee
Ergamootaan marfamee du'aa ka'ee
Aangoo isaatiinis du'aa ka’uu danda'ee

Ilmii Maariyaami cubbuu keenyaaf jedhe
Ulfina isaa dhiisee gadii of deebisee
Guyyaa sadii booda du'aa nan ka’a jedhee
Durbeen nu badhaaftee kunooti deesse

Yihuudonni qaana’uun of wallaalanii
Gooftaan du'aa ka'uu ijaan gaafa arganii
Itti fakkaatee waan ekeraan jiraatee
Innoo foon uffatee du'aa ka'a kanaa kakate

Aangoonkee guddaa ofiin du'aa ka'unkee
Nama aja'ibaa waa'een hojii Waaqummaakee
Waaqni akka keeti hin jiru dinqiidha hojiinkee
Addunyaan hundi argeera aangoof jabinakee

Seexanni Diinni hidhaatti gadi darbatamee
Lubbuu Ijoollee waaqaaf jireenyi labsame
Kan du’aaf yaadamee jireenyaaf akeekaame
Duuti keenya hafee jireenyaaf yaadamee

Abdii dhabnee gaafa yaaddoon miidhamne
Gammachuu dhabnee gaddaan guutamnee
Gooftaa dagachuun Seexanaan garboomne
Afuura xuraa’oo Seexanaan kan ulfoofnee

Danda'an hundumaa gooftaan bara baraa
Waaqni qulqullootaa nuuf ta'eera araraa
Gochaa diina nurraa kaaseera gooftaani
Galatoomi Waaqayyoo nuuf jecha duuteeni

Du'a hin sodaattu simachuuf itti deemtaa
Goota lafaaf samii ati hundumaa mootaa
Cubbuu keenyaaf kan du’ee sumaa gooftaa
Abdiin keenyaa sumaa nun nuu boqochiifta

Guyyaa sadiif garaa lafaa keessa jiraattee
Gaafa ka'umsakee ergamootaan marfamtee
Aangoo yihudoota waan hundaan qaanessite
Du'i keenya hafeera kunoo jireenyaatti jijjiirtee

Galanni kan keetii kaleessas harras ta'uu borii
Ani yoomiyyuu kan keetii dhugaa ilmaakeeti bari
Ani simalees hin qabu ati abbaakoo na gargaari
Du'aa bara baraarra maqaa keetiif jedhii na baraarii

Ililleen Gammada hundumtuu ka'eera du’aa gooftaani
Gammachuun nuuf ta’eera du'aa moo'e ka'uusaatini
Gammadeetan ililchaa anis cubbaama arrabaa kootiini
Galannikeeti samiif lafaa gubbaarrattis ati mootiini
...........................................Itti Fufa.......................................
@yaaqulqulleettiinuufkadhadhu👈Join join taasisaa itti makamaa.
Walaleessaan Walaloon D/n Sanyii Mulaatuu.
BAGA GEESSAN!!!💠
Yihuudonni qaana’uun of wallaalanii
Gooftaan du'aa ka'uu ijaan gaafa arganii
Itti fakkaatee waan ekeraan jiraatee
Innoo foon uffatee du'aa ka'a kanaa kakate
Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Sadaan Waaqa Tokkoon Ameen
Nagaan Waaqayyoo isiniif yaa baayyeetu akkam jirtu yaa maatii Sillaasee nagaa keessani? Anis nagaa kootii galata Sillaasee kootii.
Maal jedheen dhiifama isin gaafadha laata?😭 Maal jedheen fuula keessan dura dhaabbadhaa? Maal jedhee akkan eegaluun dhabee sababnisaas namoonni hedduun keessan walaloo mataa duree hedduu naaf ergaa turtani.Anis deebii isiniif laachuu hin dandeenye kanaaf garaan keessan akka nattii gaddu,nattis gaddee tilmaamuun nan rakkisuu.ta'uus arguus dhaga'uus dhabee miti yeroo sanatti haala rakkisaa keessan turee.keessuma obboleessaako maqaan isaa ❝NUGEEKOO❞ jedhee banatee addattin dhiifama si gaafachuun barbaadaa waadaakee siif milkeessuu dadhabuu kootti dhiifama maqaa sillaaseen siin jechuun barbaada. Obboleessakoo kanaa qofaas miti namoonni muraasni keessan jirtu kanaaf anis rakkoo/qormaata hamaa keessan turee.Qormaatichas haga harraatti hin milkoofnee wal dhaansootti jirra.utuun qorumsa hama kana keessa jiru maatii gruop kanaatin maqaa Sillaaseen warri nattii gadditaan dhiifama*3 Eeyyama isaa ta'ee bor walaloo mataa dureen isaa ❝waanuma naaf hin taanee hin jiru❞ kan jedhuun dhufaan jira.

Adaraa keessan Uumaa keenyaa Qüļqűllëěţţïį Sillaasee akka naaf kadhattan isin gaafadha.GARBICHA TSAADIQ🤲🤲🤲
Dn Sanyii Mulaatuuti.
Nagaa Wajjiin
Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Sadaan Waaqa Tokkoon Ameen
...waanuma naaf hin taanee maal qabda?...
Yoo barbaadde cubbuu koof waadaa galtee
Na fayyisuuf naaf ofitti murtee naa kakattee
Waadaa bannee kan hin jijjiramnee naaf seentee
Lubbuukee wareegdee foonkee naaf burkuteessitee

Yoo barbaadde ergamaakee gara Galiilaatti ergitee
Sagalee gammachuu akkanni itti himuuf abbomtee
Innis deemee gara Galiilaatti kakuu cimaa baatee
Dhaqee gammachiisee qulqulleetti durboo kabajamtee

Yoo barbaadde waadaakee kabajjee biyyaa lafa dhuftee
Garaa durboo keessa bultookee dhugaa kan godhattee
Nuun nu jaallattee nu fayyisuuf ati kan jaallattee
Magaalaa Daawwit keessaatti durboorraa nuuf dhalattee

Dhalachuu keetiin dacheen iftee gammachuun guutamtee
Dukkanni si'ool ifaan hedduu kan guutamtee argamtee
Lubbuun si'ool keessaa akkaan Gammadaa burraaqaa
Waan hin eegiin gaafa argaan waan akka aduu Barraaqaa

Yoo barbaadde dacheerra deemaa dubbiikee barsiiftee
Cubbamoota danuu humnaaf aangoo keen kan fayyiftee
Hunduu raajiikee ilaalaa hojiikee daraan ajaa'ibsiifachaa
Namoota siif bitamaan filtee bartootakee godhachaa

Yoo barbaadde aangoo keetiin isaaniin geggeessaa
Humna afuuraakeen isaaniin daraan jajjabeessaa
Barumsakee dubbii abbaakeef afuura Qulqulluuni
Hundumaa laatteefi isaaniin geeggeessaa jiraachuuni

Aangoonkee jabaa eenyuutu ga’aa hamma kee kanaa
Tasumaa hin jiru hin dhalatuus lamuu deebi'ee jarana
Mootii,Gooftaa,Waaqa Waaqoota hundarratti mootee
Bara baraan atii kan jiraattuu kanaaf nuufis abbaa taatee

Yoo barbaaddes dhugaan nuuf wareegamtee nu fayyiftee
Dadhabe kufee humna kan hin qabnee ol kaastee hirkistee
Akkanni jabaatee siif garboomuuf humna waaqummaan hiitee
Utuu siin qabnuu utuu atii nuuf jirtuu abdiin jiraannaa manakee
...... walaloon kun hin xumuramne kutaan lammaffaa itti fufaa......
@yaaqulqulleettiinuufkadhadhu
Walaleessaan Walaloo Dn Sanyii
Oromiyaa Finfinnee⚫️🔴⚪️
Yoo barbaadde dacheerra deemaa dubbiikee barsiiftee
Cubbamoota danuu humnaaf aangoo keen kan fayyiftee
Hunduu raajiikee ilaalaa hojiikee daraan ajaa'ibsiifachaa
Namoota siif bitamaan filtee bartootakee godhachaa
Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Sadaan Waaqa Tokkoon Ameen

Kutaa 2ffaaf isa xumuraati.
...iji cubbuukoo haguugamaa...
Waa'eenkee hin qoosamuu gaarummaan hojiikee
Danda'aa cubbuu kootii du'aa kaastaa mucaakee
Nutoo siin qabna kanaaf boonna nutii ijoolleenkee
Kan kee kun ajaa'ibsiisaadha gaafa ilaalan hojiinkee

Garaakoon dadhabe,imimmaan fuula na dhiqee waa'eekeef
Na marartaa siin mararsiifadhees,naaf duuteem Cubbuukoof
Ba'aa koo naaf eeltee alangeen dirrikee dhaanamee gubatee
Rakkoo koof cubbuukoo simalee,eenyuree kan naaf hubatee?

Waa'eekee gaafan yaaduu gochaa abbummaakee
Isa naaf dhiphattee wareegama hedduu naaf taatee
Abbaan eebbifamaa gammachiisaan mucaa kee
Kan naaf taatee anaaf atii waan hundumaa gootee

Dhiphinni kee gaaf jimaata kanaaf garaankoo raafama
Gochaan abbummaakeen iji cubbuukoo haguugamaa
Garaa laafessa Abbaa atii danda'a waan hundumaa
Dhiphinnikee hundii na duraa jiraam guyyaa hundumaa

Yoon siif walaleessee faarfadhe,lallabee waaqeffadhu
Garaan diinota akkaan gubate na loluuf isaan ariifatuu
Anii yoomiyyuu sin waaqessaa maqaakee hin galaafadhu
Warraa naan mormaan aangookeen kan narraa ariituu

Kaballaan dhaanamtee,naatookee bareedaatti hanchufa
Reebichaan madoofte qorees mataattii si baachisanii
Waa'ee Waaqummaa keettii qoosaa hanchufa sitti tufaa
Yihuudoonni akkanni fannifamuu akka malee itti wacanii

Hoolaan cidhaa qalmaaf deemuu callisee kan qalamuu
Garraamiin akka gugee Waaqummaasaan kan kabalamuu
Gaarii nuuf yaadeeti kan ofii fuullii dhiigaan diimatee
Balleessaan lubbuu hojiin Seexanaas kanaaf isaan diigamtee

Dhangala'ee dhiignikee Qulqulluun addunyaa kan fayyisee
Mukaa jiidhaarratti fannifamtee lubbuukoo naaf obaastee
Kabaja morma koorraa mallattoo jaalalaan kan na moosisee
Waa'ee mootummaa kees cimsitee kan nuun barsiiftee

Waaqummaakee kan mormanii obboloonni Musiliimaa
Kan Waaqummaakee ganee jiraatuu warrii siin mormanii
Bor baduuf jiruu isaan kan isaanii mannisaani ibiddumaa
Anii siin ganuu sin gannes waaqummaakee hin shakkuunii

Hundaarratti mootee mootii bara baraan mo'ee jiraatuu
Gaddaaf dhiphina rakkinaaf ballinaan nu waliin hirmaateetu
Gaddaa koof jajjabina,rakkinaa koof obsaa naaf laatteetu
Kanaaf garaan koo siif raafame waa'eekeef walaleesseetu
..........................................itti fufa..............................................
@yaaqulqulleettiinuufkadhadhu
Garbicha Sillaasee kanaaf immoo naaf kadhadhaa adaraa keessan❝Garbicha Tsaadiqin jedhama❞
Walaleessaan Walaloo Diyaaqon Sanyii Mulaatuu
Finfinnee Oromiyaa⚫️🔴⚪️
Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon Ameen
Ashamaa akkam jirtu hundi keessani
Amantoonni martinuu baga geessanii
Keessaaf alaan baga geessan martinuu
Ayyaana gaarii baga geessan hundinuu

...Waxabajjii 12 guyyaa bareedduu...🥰
Moo'ichaan galaa kunoo hin beekuu mo'amee
Seexanoota barbadeessaa addunyaarraa naanna'ee
seefii luqqifatee kanaan eenyuutu jalaa dhaabbata
Mikaa'el samiirraa dhufee ijoollee isaaf dirmataa

Seefii mirgaatti madaalli bitaatti qabate
Ijoollee isaaf nii lolaa bara baraan dhaabbate
Mikaa'eli gaafan waamuu seexannii bittinooftee
Of wallaaltee naate kunoo kuftee jonjooftee

Kennaan kee addumaa Mikaa'eli hojiinkee
Ergamoota hogganaa seexanoota injifaachuunkee
Hedduu nama ajaa'ibaa ifti seefiikee
Surraankee adda bareedinni fuulakee

Ergamoota torbaan keessaa eenyuutu qaba madaallii
Ari'aan seexanaa eenyuu kan akka Mikaa'eli
Mikaa'el moo'eraa oftuulaa saaxanaa'eliinii
Ijifannoonnis galeeraa moo'ee saaxanaa'eliinii

Magaalaa ergamootaa Iyyoorirraa qubattee
Achirraa barrisaa dhufta seefiikee qabattee
Nuti sodaannee yaaddofnuus ati nuu qaqqabattee
Ijoolleekoo isiniif jira jettee nuu jajjabeessitee

Addunyaan kan abdattuu Taankiif Misaa'elii
Nuti hin feenu nuuf wayyaa ergamaa Mikaa'elii
Bara dhumaasanatti nuuf dirmadhumee Mikaa'eli
Seexanni dhufee akka sirraa adda nuun baafnetti
Du'uu nuuf wayyaa hin amannu Jawwee bara dhumaatti

Maaloo nuu deebisii garaa Waaqayyoo Uumaatti
Bara dhumaatti lolaaf nii dhuftaa gara dachee kanaatti
Baalleekee jalatti baqannaa ati nuu tiksii derbee zeeyitiirraatti
Mikaa'elidha tikseen addunyaa kanaa seefii qabate
Mikaa'el jedhee sii waammata kan rakkatee

Xalayyaa du'aaf dhufe jireenyaatti jijjiirtee
Iyyerusaalemiif Yihuudaaf akkumaa kadhattee
Itiyoophiyaadhaafis kadhadhuu maalif calliftee
Balleessaan keenyaa guddaa cubbuun keenyas danuu
Adaaraa nuuf dirmadhuu kadhachuu wallaallee boo'uu
Mikaa'el nurraa qabbaneessii abiddaa nurraa boba'u

Cubbuu keenyaaf jennee maqaakee dagannee
Atimmoo gara laafessaa kanaaf nuun jibbinee
Humnaas hin qabnu loluudhaaf Jawwichaa
Ati nuuf kottu Mikaa'el abba moo'ichaa

Ergamaa Mikaa'eli guggubaan Seexana'eli
Seexanaa moo'achuuf waama maqaa Mikaa'eli
Madaalli qabachuunkee addunyaa ijaa tokkoon ilaaltaa
Seefiikeen nuu marsitee nutis dhaallaa Jennata

Ergamaa jaalalaaf qulqulluu eenyuutu sii fakkaataa
Qulqulluu ergamootaa eega warra cubbamootaa
Aangookees guddaa bara bara hundumaa moota
Uffannaan keellee warqee yoomillee ati goota
Seexana siif wayyoo egaa akkam gootaa

Seefiidhaan cittaa hin jiraattuu lafarraa
Harkaa 7 guba seefiinkee Abiddarraa
Diinni inaafee boollatti nuu darbatullee
Mikaa'el hin hafu gonkumaa dafee dhufa malee
Bara xumuraa jala nuuf keesseetta mallattoolee

Daaraagoon dhufuf jira kottuu dursii Mikaa'eli
Ijaa keenyaam ati ergaama Mikaa'eli nuuf qaalii
Fiingee afuufaa dhuftaa ergamoota walinii
Lafa,Bishaannifi Abiddii nii deebiftii imaanaashee walinii

Jalqaba fingee kan walitti qabamu lafeef foonii
Akka waan amma du'e ta'u fingee isaa 2ffaatiini
Xumuraa isaa 3tiin murtiif dhaabbatuu hunduu ka'ani
Gaarii kan dalagee rawwaatee Jennaataa galaa
Hamaaf cubbuu kan rawwaatee Si'oolitti galaa

Mikaa'el jechuun eenyuu kan akka Waaqayyoo
Ergaama Ifaa kan qulqulluu Waaqayyoo
Yaa warraa ergamoota jibbituu siif wayyoo
Atis cituunkee hin oolu seefii Mikaa'eli
Maal egdaa dafi kottu dhifaama gaafadhuni
Kanachii atis lolamuf jirta Seexana walinii

Eegaa lubbuuf foon keenyaa ati keenyumaa
Ari'aan seexanaa ergamaa Mikaa'el sumaa
Gargaraan Dadhaboota Mikaa'el abba hundumaa
Artee haa gubattuu inaaftuuf goomaattuunkoo
Mikaa'el naaf ta'eraa egaaf gargaraakoo
Anisoo naan waammadhaa guutuu barakoo

Waaqayyootuu naaf kennee akka eguuf lubbukoo
Kanaaf jedhe hin dukkanaa'uu ifaa jireenyiikoo
Ani du'ullee jiraadhus kan keeti Waaqakoo
Moo'ichaa naa goonfachiftee mootee diinakoo
Galatan siif kennaa anis cubbamaa Arraabaakoo
.................................itti fufa...................................
@Yaaqulqulleettiinuufkadhadhu
Walaleessaan Walaloo Dn Sanyii Mulaatuu
❝Irra Deebiidha❞
Finfinnee Oromiyaa⚫️🔴⚪️
Moo'ichaan galaa kunoo hin beekuu mo'amee
Seexanoota barbadeessaa addunyaarraa naanna'ee
seefii luqqifatee kanaan eenyuutu jalaa dhaabbata
Mikaa'el samiirraa dhufee ijoollee isaaf dirmataa
Uffeekaa🥰🥰🥰 Bareedduu Qüļqűllëěţţïį Arsemmaa Finfinnee.