Ŵåļāļőő Ŏŕŧŏđŏķŝĭĭ
4.08K subscribers
93 photos
9 links
“Waaqayyo karaa tokko, karaa lamas ni dubbata.” (Iyo.33:14).

Dubbii sagalee Waaqayyoo bifa Walaloon baranna!

Walaloo nuu erguuf: @Sanyiimulaatuu
Download Telegram
Bara Seexanni ana gooftaan keessan jedhe ergamootaanii
Qulqulluun Gabri'eel tole jedhee hin fudhanne ni mormeenii
Bakka jirtanitti dhaabbadhaa hamma Waaqni dhufutti
Jedhee dubbate ergamoota hundumaa yeroo abboometti

Baga geessan.

Walaloon kun hin xumuramnee yoo Sillaaseen jedhee ji'a dhufutti xumureen isiniif gadhiisa.

Ayyaana gaarii🥰🥰🥰
GABRI'EEL ABBAAKOO🤲🤲🤲
Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon Ameen.
..Oolmaa kee akkamiinan callisaa?...
Soortuu lubbuu kootii manakoo galgalaa
Daandiikoo dhugaa fayyiftuu lubbuu nama
Dacheerra dhaabadhee si keessattin of ilaalaa

Ati daawwitii kooti agartuu mootummaa Sillaasee
Olmaakeetu na tuttuqaa akkamiinan darba callisee
Jireenyakootu badee ifa biyya lafaatti dukkanaa'ee
Anoo sin abdadhaa akkuma koo duriittin si abda'ee

Anoo sirraa fagaadhus oolmaakee hin dagadhuu
Oolmaankee na dirqisiisa jaalalli ati naaf qabduu
Maaluma gootee laata maaf sitti ga'isani jarrii
Onnee kootu na dhiigee garaakootu boo'aa barrii

Hundumaa sirraa baradhee sii keessatti of argee
Jaalala keef jedhee dhugaa siif nan wareegama
Ati miidhamtee rakkatte gaafa akkas gadditee
Cubbuunkee na qaba yoon sirraa callisee amma

Jechan dhabee oolmaakee ibsuuf jedhee gumaake
Yaa Gihoorgisii maaf Calliftee dhiiftee godookee
Muuziyeemii keenya barsiiftuu Jennataa mannikee
Egaa atii hin ariifattuu lafa hin buusiin gumaa manakee
Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Sadaan Waaqa Tokkoon Ameen.
...Maaloo nuuf dirmadhaa...
Akkuma mataa duree irratti ibsuu yaaletti dhimma gargarsaaf akka nuuf dirmattan maqaa sillaaseen isin gaafanna.Godina Wallaggaa Lixaa Magaalaa Gimbii Gandaa Cuuttaa Giyoorgisii Guyyaa kaleessa jechuun Waxabajjii 18 halkan manni amantaa Cuuttaa Giyoorgisii qaama maalummaan isaa hin beekamneen saamichi isa mudateera.Manni qulqullummaa kun akka Wallaggaa Lixaatti Bataskaana isa lammafaati Gimbii Sillaaseetti aansee.Manni qulqullummaa kun bara durii irraa eegalee ummata biyyaa sanaaf waanin hin goonees hin taanees hin qabuun.warraa daaraan ni uffisa,kan beela'e ni quufaa,kan dheebotee dheebuu ba'eetu Galateeffata galaa turee uummati.Amma garuu Amma garuu yaa sabakoo nan daaree nan dhabee.Kunoo karaa ijoolloota kooti akka na gargaartaniif isin duraa dhaabbadheera.

Eega yaa amantoota waan hin yaadmneetu nu mudatee bataskaanni kun dabirii kootii.Adaraa keessan akka nu cina dhaabbattan maqaa waaqayyootin isin gaafanneerra.Birri tokkollee hin tuffannu karaa isiniif mijaatuun nu gargaaraa.mee mana waaqayyoo kana haa deebifnu.yoo nu gargaaruuf fedhii qabaattan karaa keessa na dubbisaa.
Mana qulqullummaa Cuuttaa Giyoorgisii😭😭😭
An Dn Sanyii Mulaatuuti/Ayyalee/
Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Sadan Waaqa Tokkoon Ameen
...kan haadha hin beeknetu...
Haadha jibbanii ari'aa ilmaashee waaqessaa
Isaanoo tokkoo maaf addaan baastuu dhiisaa
Yoomuu addaan hin ba'an haadhaaf ilmaa isaanii
Haadha isaa jibbaa ilmaasheemmoo waaqessinaani

Nutii kan waaqessinu ilmaa durbee Maariyaamiidhaa
Jaalala haadhummaa isheef kabajaafi ilillee laadhaa
Gooftaa guddaa mootii dacheef samii kan guddistee
Akka mucaa namaatti harma ishee isa hoosiftee

Aangoo Waaqummaasaan waan barbaadee gochuu
Innis kana osoo beekuu kunoo haatiif ilmii michuu
Michuu bara baraan jiraatuu kan barrii hin daangessine
Durbee atii haadha isaatii nuuf kadhadhu balleessinee

Maaltuu isin rakkisee amma yoo maariyaamin kabajnee?
Maaf isin gubee isin hooksisaa akka injiraan mataa keessaa
Maaf isiniif hin fayyuu waa'ee durbee akka madaa qubaa
Ammaaf qabbana fakkaata wanni hunduu turee isin gubaa

Maaf nutti taatanii isin dhukkubaa isa copxoo hin fayyinee
Kan barumsa barattanii deebitanii taataan hin barannee
Gadhe jecha kee adabadhuu sin galchuu waa'een keenyaa
Durbeen nuuf haadha keenyaa baadhaasaa uumaa keenyaa

Nutii durbeen hin waaqessine ni kabajnee malee nuuni
Kabajatu malaaf haadha gooftaa waantaateefi isheeni
Haadhakee ishee fooni kan hin kabajne durbeen hin kabajju
Waa'een durbee kun sitti maaf ta'ee bitaa waan akka abjuu

Atoo utuu deemtuu fayyaatti duutee laashoftee kan fajajjuuni
Waa'eeshee gaafa leellisnuu maaf isin gubaa akka abiddaatti
Ofii keeyyuu jibbitee maaloo maaluma si gootee Durbeen kunii
Garaa sin nyaattuu hin arginee imimmaanshee yeroo Gibxiitti

Ilmasheef jettee kan of gootee aarsaa baraan hin jijiiramne
Haadha akkanatti ilmashee jaallattu ati maaf hin kabajnee?
Uffee Tokkittii lubbuukoo siif nan kenna dabarsee ilma keefi
Garaa maaliinin si gana mirgii ilma keetii na ha ganu kanaafi
..................................................itti fufa.............................................
@yaaqulqulleettiinuufkadhadhu
Walaleessaan Walaloo Dn /Sanyii Mulaatuu
Finfinnee Oromiyaa⚫️🔴⚪️
Haadha jibbanii ari'aa ilmaashee waaqessaa
Isaanoo tokkoo maaf addaan baastuu dhiisaa
Yoomuu addaan hin ba'an haadhaaf ilmaa isaanii
Haadha isaa jibbaa ilmaasheemmoo waaqessinaani

BAGA GEESSAN🥰
Mee waan qabdaniin na bira dhaabbadha jechaa jirtiin obboleettin keenya kun...🤲🤲🤲
Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Sadan
Waaqa Tokkotti In Amanna Ameem
...Jaalallikee naa ajaa'iba...
Eenyuutu na jaallatemee kunoo akka keettii
Naaf reebamtee wayyoo kabalamee fuullikee
Hadhooftuu si obaasanii atis dhugde ofitti
Naatookee bareedaa itti tufan jarri gorora

Abbaakoomoo harmee kootii kan na jaallate
Hiriyaa kootimoo obboloota kooti kan na filatee
Qulqullummaa qabaadheef miti addaa kansaa
Sooressas miti isa hundaa bituu an iyyeessa

Ati qabeenya hin ilaaltuu laphee Qulqulluu malee
Harras boriis guyyaas halkanis na walin jirta kalee
Danda'aa cubbuukooti fayyisaa lubbuu ilmaan nama
Anoo egaa waaqa biraas hin barbaadu ati amanama

Jechakee tokkoon addunyaa kana kan fayyiftuu
Maaltu si rakkisee ati kan naaf jettee of dhiphiftuu
Jaalala naaf qabdu ibsuuf jettee abbummaakee
Kunoo sittin boonaa siinin abdadhaa ani mucaankee

Jaalallikee naa ajaa'iba gaafan taa'ee itti yaadee ilaaluu
Naaf jettee reebamtee naaf jettee du'uuke hin haaluu
Dhiigakeen addunyaa kan dhiqxee naaf laattee anaafisi
Maqaan kun naaf kan moo'ichaati kan jedhu IYYESUUSI

Jecha nama hin ilaaluu dubbii Addaggee isa sobaa sanaa
Waaqummaakee gadii buusanii isaan si godhanis kadhata
Naaf kadhatta miti naaf kadhatamta malee maal jarana
Waaqayyoon kadhataa gootee jiraatti duutee maaf maraattaa?
...............................................itti fufa...............................................
@yaaqulqulleettiinuufkadhadhu
Walaleessaan Walaloo Dn Sanyii Mulaatuu
Finfinnee Oromiyaa⚫️🔴⚪️
Jaalallikee naa ajaa'iba gaafan taa'ee itti yaadee ilaaluu
Naaf jettee reebamtee naaf jettee du'uuke hin haaluu
Dhiigakeen addunyaa kan dhiqxee naaf laattee anaafisi
Maqaan kun naaf kan moo'ichaati kan jedhu IYYESUUSI
Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Sadan Waaqa Tokkoon Ameen
...maaliifan qaana'a?...
Maariyaam jedhee gaafan waamu maqaakee
Maaliifan qaana'a ani haadhakoo jechuu shakkee
Kan naaf kennee badhaasa fannoon mucaakee
Addunyaan qaana’ee maariyaam waamuu maqaakee

Utuu beekanii haadhummaa kee kan shakkani isaanii
Ati hin shakkamtuu turteem haadhummaankee kunii
Ormii jecha atii hin qabneen si arrabsee yoo sijibbee
Atoo naaf haadhakootii warra si jibban maaltu dhibee

Bara baraan kan jiraattuu kennaa haadhummaa keetiini
Utuu atii hin jiraannee eenyuree wabiin lubbuu kootii
Atoo ilmakee naaf kadhattee naaf kennisiifta dhiifamaani
Namni ija malee deemuu yoomuu ni kufa hallayyaatti

Ijakoo na tuttuqaa madaakoo horfanii kan na jibbanii
Waanuman si jaalladhee si godhadheef anoo haadhakoo
Isaaniin hin dhageessuu gurrikoo ani siif nan wareegamaanii
Ani qulqullummaa qabaadheef miti situ naaf ta'eeka hirkoo

Addunyaan sii balaleefatuu akka waan jaraa miiteetti
Ijoolleen Tewaahidoo siin abdanna mootummaa ilmakeefi
Atoo abdii keenya kanaaf si waammannee jennee qulqulleettii
Maqaankee Damma lafaaf samiirratti waa'ee lubbuu keenyaafi

Gammoojjii Gibxii gaafan yaaduu imimmaan kee gaafasii
Ilmakee faana godaantee jaalalaa nu barsiiftee nuunisii
Imimmaan haadhummaakee jira fuula ilma keetii duraa
Yoomuu nuuf fiddaa araaraaf dhiifama ilmaakee biraa

Warrii sin jaallanne egaa hin qaban dhiifamaaf araaraa
Abidda si'ool keessaa isaan kan jiraataan dhiphuuf dararaa
Gaafa sana baruu mi'aa haadhummaakee jaalalaa haadhaa
Yoomuu sin buusuu lapheekoorraa ani kanaaf sin baadhaa

Kee gaarummaan barreeffamees miti dubbatamee hin dhumu
Waan ati nuuf taatee hin beektuu gadheen ofiin bultee yaatuu
Fayyaatti du'ee jiraatti raata'ee ijaajjiitti kan mugaa deemuu
Godoo taatee keessaa iyyaa ooluu isaan akkuma maraatuu

Kankee dubbatamee hin dhumuu arraba koo cubbamtuu kanaani
Dhaloonni martuu na galateeffatu kunoo galanni siif haa ta'uuni
Ani cubbamaa yoon ta'ees siin qaba maalin yaada’aa giiftiikoo
Adaraa nuuf kadhadhu nun dhiisin nun cubbamaadha haadhakoo
................................................itti fufa...............................................
@yaaqulqulleettiinuufkadhadhu
Walaleessaan Walaloo Dn Sanyii Mulaatuu
Finfinnee Oromiyaa⚫️⚪️
Ijakoo na tuttuqaa madaakoo horfanii kan na jibbanii
Waanuman si jaalladhee si godhadheef anoo haadhakoo
Isaaniin hin dhageessuu gurrikoo ani siif nan wareegamaanii
Ani qulqullummaa qabaadheef miti situ naaf ta'eeka hirkoo
Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Sadaan Waqaa Tokkootti Nii Amannaa Ameen.
... jechuun ofiishee laattee...
Dhala hin qaban turanii haatiif abbaanshee
Fuula Waaqayyootti deddeebi'ee imimmaanshee
Lamaanuu amantaan cimoo sodaatu Waaqayyoonisi
Dhalaaf jechaa imimmaan lolaasuu laphee cabaanisi

Atii lapheekee guutuu amanii waaqayyoonkee
Innoo siif raawwata yaadaaf karooraakee
Lapheekee Qulqulluun kadhadhu uumaakee
Waan kadhatte argachuuf siif awwaataa waaqnikee

Maaloo daa'ima nuuf kennii kan tajaajiltuu siinii
Dhiiras ta'u dubaraa nuuf kennii keetii isaanii
Kan siif jilbeenfatu,siif bitamee buluu sodaanii
Akkas Jechuun kadhatanii Sillaasee uumaasaani

Kadhannaa nama dhaga'uuf kan hin cufannee gurra
Gubboos hin barbaaduu innoo raawwatee gibira
Laphee Qulqulluu qofaa barbaadaa innoo ijisaa
Boo'anii kadhachuun nii raawwataa hojiisaa

Qulqulleettiin Arseemaa yaadamteetta Sillaaseeni
Wareegaan dhalattee waaqayyoof hojjachuuni
Amantiin jaallatamaa uumaakee galateeffachuuni
Waaqayyoof hojjechaa amantaatti jabaachuunii

Wareegaman waan argamteef hin turree mana maatiikee
Atiis deemtee jiraachuuf gara gadaamii mana uumaakee
Kanumaaf filatamtee sillaaseef hojjechuuf kadhimamtee
Filatamtuu dubaraa haadha bareedinaan kan badhaafamtee

Mootiitu turee mootii gidiramaa kan waaqa harkee waaqessu
Wanna tokkoo yaadee seexanaan oofamee kan odeessuu
Hojjetoota isaa waamee dirqiin akka deemaniif ergaa tokkoo
Dubartii bareedduu fidaati kottaa kan taatuu cidha kankoo

Nama ogummaa fakkii kaasuu ergee isaan waliin dirqamsiisee
Isaanis eegalanika barbaachaaf ka'anii biyyaa hundaa deemsisee
Utuu deemanii argaan nama jedhamtuu qulqulleettii Arseemaani
Suuraa kaastuun kaastee ergiteef mootiif akka ilaaluuf isheeni

Jedhe mootiin qabaa fidaa isheen naaf taatii kun naaf gaarii
Anii jireenya dachee hin barbaaduu naaf wayyaa uumaakoo
Dirqamsiisaa qabaati fida kottaa ittiin jedhee isaaniin aariini
Diddus dirqama ajajaatiin fidanii lafarra harkisaa aariini

Dhuftee dhaabbattee fuula Dirxaadisii itti dubbattee
Anii waaqa harkee keetiifis hin sagaduu kan jettee
Waaqayyoon qabattee dhaabbattee cimtee fulduratti
Akka malee aaree mootichii ishee amansiisuu jedhutti

Namoonni qulqulloonni jiruu ishee fanaa kan qabamanii
Isaaniin hidhanii darbatanis boollaa bineensaa keessatti
Akka ilaaltee amantuu Dirxaadisii jedhe ilaalchisaanii
Bineensoonni hin nyaanne warraa darbatamaan keessatti

Isheenis agartee gammaddee galateeffattee Sillaaseeni
Ammas hin dhiifnee mootichii dabaan sunii hin amanneeni
Abiddaa qopheesse kan ilaaluuf ulfaatuu ijaan namatti
Achii keessa buusaa haa gubattuu jechuun yaadeeti

Utuu itti hin bu'iin seentee deemtee walakkaa abiddaa
Waaqayyoo godheeraa abiddaa bishaani taasiseera
Hin gubannee nagumaan baatee keessaa gaddaa
Mootii kana ilaalee hin amanneef nama jechisiiseera

Amma wannii gochaan hin jiruu itti heeruma diddeetti
Waaqa keef hin sagaduu jettee raajiin barsiifteetti
Sillaasee amanii innoo mootii lafaaf samii baraani
Akka jettee Jechuun lallabdee dhaabbattee jabinaani

Amma garaa mana adabaaf reebichaa gidiraaf dhiphina
Alangeen garafamaa waaqayyoon waaqessaa jiraatuu
Hiriyyoonni ishees walumaan gidirfamaa kan obsanii
Isaan martinuu wareegamanii haftee qofaatti isheeni

Ishee baasanii kutuuf irraa mormaashee ajaja fudhatanii
Tole jettee eeyyamteef akka mormaashee irraa kutanii
Garuu hin dandeenyekaa ifaa irraa jiruuf qulqullinaa ishee
Eeyyama gaafatanii irraa kutuuf jedhanii mormaashee

Agarteettikaa gonfoo warqee kan qophaa'eef samiirraa
Sodaa tokkoo malee dhaabbattee albeef diinaa fulduraa
Fuulakee nuuf aguugii malee sii ajjeesuu hin dandeenyuuni
Jechuun gaafatanii humnaan gaafa gochuu dadhabanii

Kadhannaa ishee xumurtee hamma uumaashee argitutti
Obsaan kadhatte waaqayyoon imimmaan ishee lolaastee
Kadhannaa ishee dhaga'eeraa innoo simachuuf jennaatatti
Amma raawwachuu dandeessuu jechuun ofiishe laattee
Mormishee citus ittumaa fufeera raajii dalaguuttii
Dammaaf aannan roobee akkuma rooba gannaattii
Sa'aatii sadii oliif hojjeteera rajii ulfina sillaaseedha
Ergamootasaan marfamee ol ba'ee garaa boqonnaadha
...............................................itti fufa.............................................
@yaaqulqulleettiinuufkadhadhu
❝Yaa Qüļqűllëěţţïį Arseemaa Uumaakee nuuf kadhadhu adaraakee❞
Walaleessaan Walaloo Dn Sanyii Mulaatuu
Finfinnee,Oromiyaa⚫️🔴⚪️
Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkotti Ni Amanna Ameen.
.....................Uumaa Lubbuu Keenyaa..............................

Abbaan ilmaa Afuura Qulqulluu isaan sadan waaquma Qulqulluu
Luboonni samiirratti ittiin jedhuun Qulqulluu Qulqulluu Qulqulluu
Addunyaa kana barruukeerratti kan baattee aangookeetiin kan bulluu
Si malee hin waaqessinu ati yoomiyyuu sadan Waaqayyoo qulqulluu

Abbaa Ilmi afuurri Qulqulluun isaan Waaqayyoodha
Waaqa lafaaf samii uumee Qüļqűllëěţţïį Sillaaseedha
Jireenya isaaniin arganne mootummaa Waaqa Sillaasee
Ilma tokkicha ergee akka addunyaa qulqulleessee

Abbaa ilmaa afuura Qulqulluu itti amannee warrii ittin bullu
Nutis jennee akka qulqulloota Qulqulluu Qulqulluu Qulqulluu
Jennee isa galateeffanna Qüļqűllëěţţïį Waaqa sillaaseedha
Afuura jireenyaa kan itti jiraannu isaaniin nuuf kennamedha

Addunyaan maalif jibbe waa'ee keessan odeessuu qaana’ee ?
Si wallaaltu namni ati uumaa lubbuu ta'uukee jalaa dukkanaa'ee
Addunyaan gaarii akka hin taane dursitee ati kan dubbatte
Aangoo keen addunyaa dura ati Waaqummaan kan dhoksitee

Falaasamaan teessookee qorachuuf kan yaadan baayyeeni
Si salphisuuf yaadanii waa'ee Waaqummaa keen warrii shakkanii
Atoo uumaa waan hundumaa jireenyii lubbuu harka keetii
Jiraachisuuf Ajjeesuun aangoof Waaqummaan martuu fedhii keetii

Tikseen Addunyaa kana Qüļqűllëěţţïį sillaaseedha dhugumaanii
Hedduun namootaa jaalala keef jecha abiddaatti gatamaani
Siif jiraachuu isaaniif akka qoraanii abiddaatti nammanii gubatanii
Mootummaa kees abdatanii keessas kanaaf gonfoofi qooda argatanii


Ati uumama lafarraaf Samiirraa yoomiyyuu kan dursituu
Aangoo mataakeen Addunyaa kana dagugdee kan balleessituu
Mootummaankees ballaa jireenyaaf iddoon wal hin hankaakuu
Shakkiituun sitti qoostee waa’eekee soba sobuun mammaakuu

Mootii hoggantoota Addunyaa maraa si qofaatu na mararaa
Jireenyaa dhugaaf gargaaraa jajjabeessaa dadhabaa nama maraa
Abbaa Hiyyeessaaf cubbamaa gargaaraa Namoota hundaa
Waaqa sillaasee Ati hundumaa caalta aangoonkee baay’ee guddaa

Qulqulluu sillaasee qofaaf ta'a yoomiyyuu sagadi Waaqummaa
Ati balleessuuf hin ariifattu dhiifama laattaaf malee gonkumaa
Nyaatiif dhugaatiin manakee wal hin hankaakuu wal gaha hundumaa
Jaalalaan nama boojitee gargaarta qomoo addaan hin footuu addumaa

.................................itti fufa..................................
@yaaqulqulleettiinuufkadhadhu
Walaleessaan walaloo D/n Sanyii Mulaatuu
Finfinnee,Oromiyaa⚫️⚪️
Baga Ayyaana Uumaa Keenyaa Qüļqűllëěţţïį Sillaaseen Isin Gahe🥰
Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Aduura Qulqulluu Sadan Waaqa Tokkoon Ameen
...maddi dhiiga keenyaa sidha...
Dhiiga keerraan taanee kunoo nutis nama
Maddi dhiiga keenyaas sidha jireenyi nama
Sillaaseen uumaan keenya ofitti nu fakkeessee
Jaalala nuuf qabuun jireenyaan kan nuun eebbisee

Tokkos Sadiis jennee kunoo nuti waaqessinee
Waaqa biraas hin qabnuu isa qofa uumaan nama
Nama qofaa;kanaachi hundumaa ta'iin kan tolche
Sillaaseen uumaan lubbuu keenyaa nuuf Waaqumaa

Kan hin qaanofne waaqummaakee kan shakkanii
Uumaa Ardiilee ta'uukee duraa kan dhokatee isaanii
Akkati uumtee baruu kan hindandeenye gadheenii
Atoo Waaqumaa Hin shakkamtuu ati sillaaseenii

Gooftaa fudhadhu jechuun nu dagachiisuuf yaaluu
Nuyi yoomiyyuu hin dagannu Sillaaseetti kan bulluu
40f80tti kan fudhannee mucummaa sillaaseeni nuti
Bara baraan nuyi mucaama sillaaseeti galanni kansaati

Si galateeffanna maqaakee waaqessinaa nuyi ijoolleenkee
Jaalalakeen booji'amneeti nuyi siif taanee garbichakee
Jaalalli abbumaakee kan nu bitee nutii hunduu hojjetaakee
Waaqummaakee itti amanne baraan baraatti jiraanna manakee

Uffee maaloo maal ofiin jennaa kan siin qabnuu nuyi garboonnikee
Jaalala Sabakeef jettee ilmakee kan nuuf ergite gara dachee kanaatti
Nutoo balleessee jaalalakees dagannee cabsinees abboommiikee
Iji abbummaakees kan nu argee gaafa sana nutti araramuukee

Jaalalaan nu boojiite gatii jijjiirraa hin qabneen kan kee nu taassiftee
Ati nuuf qaalii keenyaa uumaa lubbuuf foon keenyaa kan nu fayyiftee
Nutii waaqa biraas hin qabnu kan waaqessinu siin alattiis hin jiruuni
Waaqummaankee hin qoratamuu haalliif jireenyikee kan ulfaatuuni

Waaqa Waaqotaa,Mootii Mootota,Gooftaa Gooftoota akkas maqaankee
Ati qeenxeen hin waamamtuu yoomillee maqaa kabajaas qabdaa nurr-kaa
Tiksee gaarii geggeessaa Hoolotaa,Abbaa Amanamaa adda jaalallikee
Namni siif jiraatee si waaqessuu kunoo eebbikee isaaf samiirra burqaa
.........................................................itti fufa............................................
@yaaqulqulleettiinuufkadhadhu 👈join gochuun itti makamaa.
Walaleessaan Walaloo Dn Ayyalee Mulaatuu/Sanyii/
(Waldaa Ijoollee Cuuttaa Giyoorgisii)
Finfinnee Oromiyaa⚫️🔴⚪️
SILLAASEE WAAQEFFANNA UUMAA LUBBUU KEENYAA
​Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuuraa Qulqulluu Waaqa Tokkoo Ameen!
..garaan gubate mootii...
Misiraachoonkee hin dhumu
danuudha jechikee
Ergamaa ifa
balleessaa jinnootaadha hojiinkee
Dadhabaa gargaaruuf
ni kadhattaaf uumaakee
Garaa sitti hin jabaatuu waaqni
ni dhaga'aa kankee

Angafa ergamootaa
keessaa tokkoo Gabri'eelidha
Fuula Waaqaa duras
dhaabbachuuf mudameedha
Akkas jechuun kadhata
cubbamootaaf cubbuusaaniifi
Qulqulluu Gabri'eel kennaasaatiin
dhugumaa dhiisisaafi

Bara Seexanni ana gooftaan
keessan jedhe ergamootaanii
Qulqulluun Gabri'eel tole jedhee
hin fudhanne ni mormeenii
Bakka jirtanitti  dhaabbadhaa
hamma Waaqni dhufutti
Jedhee dubbate ergamoota
hundumaa yeroo abboometti

Aangoon kee guddaa
Gabri'eel himaa misiraachoo nagaati
Waaqayyoos ergee Galiilaatti
garaa durboo maariyaamiitti
Itti hime ergaa Waaqayyoo
hundumaa baatee akka dhufeetti
Isheenis jettee akka jecha keetii
jettee  fudhattee misiraachootti

Gabri'eel samiirraa dhufee
ijoollee isaaf dirmata ariifatee
Diinnis hin dhaabbattu jala
ofiin baqattee naasuun  rifatee
Ifa fannoosaatiin of wallaalee
daaraa barbaada taatee
Maal kana qofaree Seexanni
gootummaa isaa arge baqatee

Eegaa cubbamootaa hundumaaf
kadhachuuf jaalalaaf  nagaa
Gabri'eeltu  fide Waaqayyoon
biraa itti nuuf erge nagaa
Magaalaa ergamootaarra
kan jiraattu ati raamaa irraa
Achirraa barrisaa dhuftee
dhaabbattaa mataa diinaarra

Gabri'eel Abbaa ijoollootaa
kan iyyeeluxaaf qirqoosii
Misaa'eel, Anaaniyaafi Azaariyaa 
ati kan gargaartesii
Diinni inaafee akka inni du'uuf
gadi darbe Daani'eelii
Inni duukaa jira yoomiyyuu
hafee hin beeku Gabri'eeli

Boolla Leencaa seenee
afaan qabee akkanni hin nyaanneefi
Daani'eel ni gammadee 
Innis ifa cimaa yemmuu ergeefi
Afaan Leencaa cufameera
humna waaqayyootiinii kuni
Jabaadhuu dhaabbadhu
Inni nun gatu nuti itti amanaani

Naabukadanaatsoor darbatee
abiddaa walakkaatti
Ijoolleen sadan darbatamaniiru
abidda keessatti
Waaqayyootti amanaanii
seenaanii utuu hin shakkini
Waaqayyoos ni ergeef
Qulqulluu ergamaa Gabri'eelini

Naabukadanaatsoor ni gammade
itti fakkaate waan gubatanii
Jaroonni sun yoom humna waaqayyoo
ilaalanii hubatanii
Itti fakkaatus har'aaf aangoof
dhiirummaan kan isaanii
Kun Waaqayyoof salphaa
isaaniin balleessuuf ni jira inni

Iyyeeluxaaf Qirqoos Waaqa tolfamatti
hin amannu jechuun isaanii
Garaan gubatee mootiin yeroo dhaga'u
waa'ee mucaa xiqqaa sanii
Dhaqaa fidaa mucaaf haadhasaa
ani nan amansiisaa jedhe mootiinii
Iyyeeluxaan shakkituus
Qirqoos hin shakkin jedhee haadhasaatiinii

Waaqni Anaaniyaa, Azaariyaafi misaa'eel
nuu gargaara nuunisii
Iyyeeluxaan ni gammadde
dubbii  Qirqoosiin akkuma dhageesseenii
Humnishee jabaatee isheenis abdattee
ergamaa Gabri'eeli abdiidhaanii
Mootiin waan tokko murteesse
akkasaan bulluqaan dhumanii

Bulluqii bulluqee asii ol samiitti aaree
dirrisiisaa sodaachisuuf jedhee
Mucaan waggaa sadii hin shakkine 
abdiin keenya Gabri'eel jedhee
Erga akkas ta’ee geessaa gataa
abiddatti haa dhumaani isaanii
Ni duutu Jechuun bulluqa keessatti
gatee darbate isaaniinii

Ergamaan Gabri'eel hamma libsuu ijaatti
argamee isaan biraatti
Iyyeeluxaaf Qirqoos
bishaanicha daakuu eegalan akka qurxummiittii
Mootiin ergee ergamoota isaa
akka deemaanii  ilaalaniif bishaanichaa
Isaan naasuun mootii biratti deebi'anii
waan ta'e hundumaa raajeffachaa

Sadii ta'aanii dhaabbatu bishaan walakkaa
tokkoo fannoo baatee
Mootiinis dhaqee ilaalee
garaasaanii waan hundumtuu abjuu fakkaatee
Innis amaneera Waaqa Gabri'eelitti
balleessaa isaaf dhiifama jechuunii
Galanni siif haa ta'u yaa ergamaa Gabri'eel
bara baraan jechuun ani!!!

..............itti fufa ..............
Join: @yaaqulqulleettiinuufkadhadhu
Walaleessaan Walaloo Dn Ayyalee Mulaatuu
Finfinnee Oromiyaa⚫️🔴⚪️
BAGA GEESSAN 70KOO🤲🤲🤲