Turullee Dhugatu Mo'ata
12.1K subscribers
546 photos
182 videos
120 files
472 links
Sobni miseensa guddaa qabaatuun yeroo dheerefatun ni malaa, garuu dhugaa hinjifatuu ammoo gonkumaa hin danda'u.
Download Telegram
Guyyaa Iidaallee #nama_sagalii tola Rabbiitiin arganne. Alhamdulillah

Godina #Gujii_Bahaa, #Aanaa_Gooroo_Doolaa, magaalaa #Harqalloo tola Rabbiitiin #nama_sagal (9) gara Amantii dhalootaatti (#Islaamummaa) deebi'uu argannee, hawaasa buqqaatota achi jiran dubbisnee, amaanaa Ustaaz Qamar Huseen irraa arganne biraan qaqqabsiifnee, Zuhurii irraatti magaalaa Waadaraa fi Asraa irraatti ammoo Adoolaa ziyyaarree dhaamsa gaggabaabaa hawaasa dabarsinee, hiree Rabbiin nu badhaaseen Alhamdulillah jennee, gara biyya keennaa nagahaan galle.

Ka nu taajjabullee jiraachuu ima beeknaa, garuu hawaasa nu jaalate nu barbaadu filannee, hojii Rabbiin ittiin nama milkeessu waan hin beekneef haga hireen jirtu toltuu  carraaquu woyyaan jennee deemnee, eddoo Rabbiin nuuf fedhe oollee Alhamdulillah. Hireen ganda duniyaa isiinuu gabaabdu, osoo Rabbiin fixattee bahi hin jenne bahuu woyyaa wol taajjabu dhiifnee woliin haa diiniif hojjannuu koottaa isiniin jedhaa. Hunda keennaa Rabbiin nu haa milkeessu. Amin

https://t.me/Xaaliburidallah
#Magaalaa_Guruuraa
Hawaasa jaalala diinii eddoo ta'uu dhabe jedhee hin galle, kan dhaabbate nama hordofu galanni keessan Firdoosiin haa ta'u.

#Godina_Shawaa_Kibba_Lixaa
#Aanaa_Gooroo, #Magaalaa_Guruuraa
#Guyyaa 30/06/2024 or 23/10/2016tti ganama sa'aa 3:30 irraa eegalee hanga Salaata Zuhriitti Leenjii #Islaamummaa_Addunyaaf jedhu kennuun, leenjii guddaa kana dachaa warroota Amantii biroollee ofi keessatti ammatu qopheessuuf waadaan galamuun imala marsaa kanaa haala bareedaan goolabnee gara biyyaatti nagahaan deebinee jirraa Alhamdulillaah.
#Barsiisaa_Galaanii fi #Maatii isaanii kan guyyaa ani Godina san seene irraa kidmaa koo wojjiin dhama'aa turaniif akkasumas Majlisaa Godinaatii fi Magaalaa Wolisoo kan sagantaa kana irraatti hirmaatan hamilee natti godhan Rabbiin duniyaa fi Aakeratillee isaan naa haa milkeessu jechuu barbaada.

https://t.me/Xaaliburidallah