Waldaa Daandii Qulqullummaa
11.7K subscribers
338 photos
86 videos
413 files
372 links
Tokkumma Barattoota yuuniversitii O2
20/8/016
Waliin baranna kotta....

โœ…Baruu fi Barsiisuun ni danda'aama๐Ÿ‘
Download Telegram
Forwarded from Ortodoksii Waloomaa
Telegram members or subscribe 18k guutneera Galatooma ๐Ÿ‘

Marree fuula
โœ“TikTok
โœ“Facebook
โœ“Youtube kooti barnoota baay'ee qabu,garuu subscribe inqabu.

Facebook kiyyaa channel kana duraa banamee๐Ÿ‘ˆ Basic mode fayyadamtan barnoota argachuuf ammumma
Warrii nu deggeertan follow, subscribe godha.

โ˜๏ธ Profile Facebook kooti olii kana follow godha.
10K nu galcha.
Warrii follow nu gootan galatooma ๐Ÿ‘
๐Ÿฅฐ2
โSolomooniin kan Caalu Asi Jiraโž Mat 12:48

๐Ÿ…ผ/๐Ÿ…ผ/๐Ÿ…๐Ÿ…‘๐Ÿ…‘๐Ÿ…๐Ÿ… ๐Ÿ…–๐Ÿ…”๐Ÿ…‘๐Ÿ…ก๐Ÿ…” ๐Ÿ…œ๐Ÿ…”๐Ÿ…“๐Ÿ…”๐Ÿ…—๐Ÿ…”๐Ÿ… ๐Ÿ…๐Ÿ…˜๐Ÿ…–๐Ÿ…ค๐Ÿ…ข๐Ÿ…” (๐Ÿ… ๐Ÿ…ž๐Ÿ…ž๐Ÿ…œ๐Ÿ…ž๐Ÿ…ข)
M/L/W/Galaa mana maxxansaa tinsaa'ee zegubaa'eetti ogeessa maxxansaa
Hagayya 3/2018
โœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธ

Torbee jahaaffaan waqtii gannaa jalqabbii sooma filsataa waliin sanbata wal fakkaataa irra bua. Wangeelli guyyaa kanatti dubbisamus w.mat 12:38_dhumaatti kan jiru dha.
Warri farriisotaa fi caaftootaa akka gooftan dinqii fi mallattoolee agarsiisu isa gaafatan.

Akka waaqni nama tahe isaan jidduu jiru utuma inni afaan isaaniitiin itti himuu, isaan garuu dinqii biraa isa gaafatu turan.
Kunis;
#akka_musee;
โจณ Galaana qoodi
โจณ Diina ajjeesi
โจณ Duumessaan golboobi
โจณ mannaa gadi busi jechiudhaan gaafatu.
#Akka_Iyaasuu:
โจณ Cabbii roobsi,
โจณ Biiftuu dhaabi jechiudhaan gaafatu.
#Akka_Geedewon;
โจณ kallee hafii
โจณ tiifuu buusi
#Akka_eeliyaas;
โจณ Samiiwwan ajaji
โจณ Ibidda roobsi
โจณ aarsaa ol baasi
โจณ duaa kaasii nutti agarsiisi isaan jedhu turan.

Kiristoos garuu dhaloonni hamaa fi sagaagilaan mallattoo barbaada, mallattoon garuu yoonaasiif kan kennameen alatti kan biraa hin kennamu jedhee jira. Mat 16:4 luq 11:29 1 qor 1:22
Ergaan isaa inni ijoon garuu sagaagilumma warra yihudotaa itti himuu isaati.

Warra Yihudootaatiin maaliif #Sagaagiltoota isaaniin jedhe? yoo jettan, dubartiin sagaagiltuun qaama tokko qofa osoo qabduu guyyuma guyyaan dhiira haaraa akkuma barbaaddu, israelonnis guyyuma guyyaan mallattoo fi dinqii arguu barbaadu waan taeef sagaagiltoota isaaniin jedhe.

Waee mallattoo yonaasiif kennamee erga itti himeen booda Yoonaasiin kan caalu waaqni yoonaas isaan jidduutti nama tahee akka jiru ifumatti isaanitti hime. Itti aansuudhaanis inni Solomonii ol tahu isaa itti dubbate.

#Solomoon jechuun Nageenya, naga_qabeessa jechuu dha.
Daawit cubbuu isaatiin waaqa mufachiisee erga tureen booda yeroo solomoon dhalate, waaqayyoon itti araarame waan taheef solom jedhe isa moggaase.

Daawit umuriin isaa 70 yoo tahu dulloomee ilmi isaa solomon eeyyama waaqayyootiin mootumma abbaa isaa dhaalee mootii israelotaa gaafa tahee muudamu, daawit ilma isaa mooticha solomoniif cigoo "Yaa Gooftaa murtii kee mootiidhaf kenni" jedhee faarfatee jira.
Guyyaan dua isaa gaafa gahu daawit ni due, Adooniyas garuu gara harmee isaa beersabeh deemee gara solomonitti, intala #Suumamawit (Abiisaa) jedhamte sana akka ani fuudhuuf naa eeyyamsiisi jedhee ishee ergatee ture.

#Yaadannoo= Intalli ykn qarreen kun bara daawit dulloomee hoinssi qaama isaa erga badeen booda akka haadha manaa taatee isaa waliin turtuuf kan dhufte yoo taatu, isheenis hanga guyyaa dua isaatti isa sooraa turte.
iccitiin isaa garuu akka hiikoon kitaabaa jedhutti,Adooniyas yaada isaatiin, intalli #Abiisaa jedhamte kun bara daawitiin sooraa, kunuunsaa turtetti iccitiidii baayyee beekuu dandeessi waan taheef, ani ammoo ishee irraa iccitiin argadhutti fayyadamee solomooniin balleessee bakka isaa muudama jedhee yaadee ture jedha.

Mootichi solomon beekumsaa fi oogummaa waaqni akka isaaf kennu gaafatee, waaqnis abbaa oogummaa guddaa isa taasise jira waan taheef, oogummaa isaa kana dinqisiifachuuf, isas ijaan arguuf namonni fi mootiiwwan baayyeen gara isaa dhufu turan. Isaan keessa tokko mootittii itoophiyaa kan taate ishe tokko dha.

Kanafis mootiin solomon dinqisiifannoo guddaadhan beekama kabajamas, gooftaan keenyas waa`ee solomon erga isaan yaadachiisee booda "Solomoniin kan caalu isin jidduu jira jechiudhan waaqa solomoon tahuu isaa isaanitti hima.

1 mot 11:2 mat 12:42
#Solomoniin_kan_caalu_asi_jira_jechuun_isaa;
Mootiittiin biyya itoophiyaa biyya ishee irraa kaatee hanga israaelitti 2000 K.M geejjiba malee deemtee, solomooniin dinqisiifattee isa irras ulfooftee deebitee jirti.

Warri israaelotaa garuu goofta irraa barnoota barachaa isatti amanuu hin dandeenye waan taeef 'solomooniin kan caalu asi jira isaaniin jedhe'
โค3
#Seenaa;
Mootiittiin itoophiyaa seenaa fii oogummaa solomoon fidee kan itti himu kodee gaarii kan taeef daldalaa tokkotu jira ture, yeroo biyya israel gahee deebiu yeroo yeroodhaan oogummaa solomoon kan gurraan dhagahee fii kan ijaan arge itti hima ture. isheenis waan dhageesse sanaan boojiamtee deemee hubachuun qaba jechiudhaan, warqee baayyee fii kennaawwan addaa addaa qabattee gara solomoon deemte.

Luka ishee irra wanti akka gaanfa kuruphee ykn kottee harree irra jira ture, daaimnni tokko yeroo ogdii masaraa mootummaa solomon irratti ishee argu, rifatee fiigee ol seene, mootiidhanis yaa mootii bara keetti kan hin dhufne hin jiru dubartiin akkasii gara kee dhufaa jirti jedhee itti hime. Ol seenuf yoo jettu jirmi mukaa jige tokko irra ejjettee yoo dabartu, mudaan luka isheerra ture sun irraa badee jira. Yeroo ishee ol seentu solomon luka ishee ilaale garuu mudaan tokkollee irra hin turre, kanafis ergamaa isaa sana ija hamaadhaan yoo isa ilaalu, ergamichis yaa mootii sobee sitti hin himne waan taef yoo soba tahee ishee irraa adda baafadhuutii na adabii ittiin jedhe.

solomon mootiittii yoo gaafatu dhugaa jiru itti himte, kanaafis isheen Dunbulloo tokko innis dunbulloo tokko muka sana irra buusan, mootonni isa booda kaan 28 isaanis akkasuma taasisuudhaan qarsii 30 tahe, qarshii kanas yihudonni yihudaadhaaf kennanii kiristoosiin dabarsee isaaniif laatee jira.
Mootiittiin, dhibboo baayyee solomooniin gaafattee jirti innis hundumaa isheef deebisee jira.

Akkaataa bulmaata biyya baayyee akka muuxannootti isheef qoodee jira. Kanaan booda, halkan yoo tahu waliin buluuf kaan isheen garuu dhiira waliin buluun naaf hin tau, biyya koo durbummaa kiyyaan amanamee tajaajiluun qaba jette. Yeroo kanatti walii galtee uuman, kunis "qabeenya kiyya kamittuu hin buin anis hin buu" kan jedhu yoo tahu namni kan diige garuu abbaan fedha isaa raawwata kan jedhu dha.

Nyaata bishaan nama dheebossu ishee nyaachisee halkan walakka kaatee yoo bishaan isaa dhugdu, kuni qabeenya kiyya jechiudhan walii galtee keenya digdeetta jedhen, yeroo kanatti isa irra miniilik inni jalqabaa ulfaamee jira.

#Kun_hunduu_fakkeenya_qaba;
๐Ÿ‘‰ Mootiittiin= adunyaa
๐Ÿ‘‰ Solomon= Gooftaa
๐Ÿ‘‰ Warqeen 120 (Giraama)= maatiiwwan 120 kiristos
๐Ÿ‘‰ Meetiin= Amantaa dha.
Inni biraa, kiristoos "Solomooniin kan caalu asi jira" jechuun isaa mat 12:42 Gabaabumatti kanaa gaditti ibshamee jira.

Seenaa 1ffaa moototaa 2:12 fi 3ffaa moototaa 2:12 irratti akkuma barreefamee dubbisnu,
Ilma 'Agiit' kan tahe 'Adooniyaas' mootii biyyaa tahuuf waan barbaadeef haadha isaa beersabeh gara solomonitti tooftaadhaan erge, isheenis gara solomonitti dhiyaattee;
๐Ÿ‘‰ Mootiichi Teessoo isaa irra ol kaee ishee simate.
๐Ÿ‘‰ Ni Dhungateenis
๐Ÿ‘‰ "Teessoo addaa fii Hafaa addaa isheef hafee mirga isaatiin teechise. inni mootii biyyaa tahullee isheen haadha isaati waan taateef!

๐Ÿ‘‰ Haati isaas, yaa ilma koo waan tokkon si kadhadha, na hin leeyyaasisin jettee kadhatte, innis si hin qaanessu na gaafadhu jedheen gaaffii ishees dhiyeeffatte.

โจณ Solomoon mootiichi erga kana taasise, waaqni solomoon ammoo deessu isaa kan taate dubaroo mariyaamiif kabaja akka kamii akka agarsiisu waaqayyoon hunda keenyatti haa agarsiisu. (Aameen)

#Yaa qulqulleettii biyya koo itiyoophiyaa....

๐Ÿ™#Ijoolleen kee sirraa dhalatan sii haa dhalan.

๐Ÿ™#ijolleen kee siif haa morman malee siin hin mormin.

๐Ÿ™#ijolleen kee godaansa irra jiran eebbaan siif haa galan.

๐Ÿ™#dangaa kee ibidda, jidduu kee jannataa taatee, booqochiistuu adunyaa sii haa taasisu!!!

โAAMEENโž

---------------------------
๐Ÿ…ผ/๐Ÿ…ผ/๐Ÿ…๐Ÿ…‘๐Ÿ…‘๐Ÿ…๐Ÿ… ๐Ÿ…–๐Ÿ…”๐Ÿ…‘๐Ÿ…ก๐Ÿ…” ๐Ÿ…œ๐Ÿ…”๐Ÿ…“๐Ÿ…”๐Ÿ…—๐Ÿ…”๐Ÿ… ๐Ÿ…๐Ÿ…˜๐Ÿ…–๐Ÿ…ค๐Ÿ…ข๐Ÿ…” (๐Ÿ… ๐Ÿ…ž๐Ÿ…ž๐Ÿ…œ๐Ÿ…ž๐Ÿ…ข)
M/L/W/Galaa mana maxxansaa tinsaa'ee zegubaa'eetti ogeessa maxxansaa
--------------------------
Hagayya 3/2018
Finfinnee, Itiyoophiyaa
๐Ÿ‘3
WALALOO
DHIIFAMAKEE NUUF BUUSII

Yakka hedduu hojjennee
lakkaawuun nu rakkisaa
yaa waaqayyo nuuf dhiisii
suma harka fallisaa
badiidhaaf dabarsinee
wal laannaa walii hin naanuu
akka kanaan deemnaanoo
si'ooliifii kan taanuu(2)

Abboommiikee diigneerraa
jechakee hunda dagannee
afaaniitiin si waamaa
lapheen qaalluuf sagadnee
hojii gaarii hin qabnuu
fuulakeetti dhiyaachuuf
afaan banee jirawoo
si'ool jawween nu nyaachuuf
Dhiifamaker barbaadnaa
ati nutti araaramii
Haadha si deesseef jedhii
adaraa maariyaamii(2)

Mana xonqaayii deemnee
wagga waggaan gabbarraa
mortuuf moora ilaaltuun
ija walitti qarraa
Nagaa waliif hin qabnuu
wal balleessuuf dhamaanaa
daandii fayyinaa dhiisnee
karaa badiirraa yaanaa
maaloo dhiifama jennee
yakka keenya nuuf dhiisii
lammuu itti hin deebinuu
adaraakee nu kiisii(2)

Akka hojii keenyaa taanaan
fuulakeettuu hin dhiyaannuu
irbaata jallootaatii
yeroo hundaa kan nyaannuu
maqaa qulqullootakee
abboota darbaniinii
dhiifama unuuf godhii
nu maarii nun dhiisiinii(2)

Abaarsi amma dhufee
hojii keenya ni beeknaa
warri akka HIV
vaayireesii koroonaa
damee babal'isatee
har'as nu raasaa jiraa
itti nun laatiin maaloo
nu baraarii adaraa(2)

Badii keenya nuuf dhiisii
hunduu fayyaa haa ta'uu
dheekkamsa kee jalaatii
eenyuyyuu fiigee hin ba'uu
hangam beekamaa ta'ee
ji'arra yoo qubatee
samiirra balali'ee
Addunyaa yoo daawwatee
cubbuusaa hin haquufii
dandeettiin foonummaasaa
kufee kadhatu malee
waaqayyoon dhiifamasaa(2)

Harka keenya bal'isnee
ija keenya ol kaasnee
garakeetti iyyaa jirraa
yaa waaqi nu maari jennee
iyya keenya dhaga'ii
cubbuu keenya nuuf dhiisii
lammuu itti hin deebinuu
maaloo yaa waaqi nu kiisii(2)
Walaloo code ๐Ÿ”” @Dhifama kee
@Wal_01
๐Ÿ‘2โค1๐Ÿฅฐ1
MAARIYAAM
โ–ฌโ–ฌ๐Ÿ™โ–ฌโ–ฌ

M= maraarfadheen yaama
maqaakee yeroo hundaa
onnee koo keessatti
ati iddoo guddaa qabdaa
akkumaa maqaakee
hikaan hojiif amalaa
maariyaam jechuunis
dammaa samiif lafarraa
ergamootafu taate jirtaa
jireenya jaalala waaqarraa
laphee hiyyeessa keessa
situu laalisee dararaa


A= arjominnii kee dinqiidha
kan ati namaf taatu
nama miti dhiiphachuunkee
arginee sareef yoo yaadu
tuffachuu beektu yommuu
tuffaatama kaasta
uffata dadhaabootatti
hundaatu sii abdaata

A= amalaa nama hundaa
jaalalan dandeessa
shakkii tokko malees
ati mirgaa gooftaa teessa
barruunkee eebbaa
inni gooftaa baate
buddeena jireenya
sumaatu nuf laate


R= rakkinaa hin argaani
warri sitti iyyuu
maqaakeetu qabam
eebbaaf jaalala guddayyuu
ilmaankee jedhamuu
warrii siif bitamani
ibiddaan gubamuu
kan si tuffaattaanni
tsihoon kaakuu haaraa
fakkeenya biiftuu bahaa
dureessaa, hiyyeesafis
ho'iikee qixxuummaa baha


I= imimmaan dhiiphatoota
si'iin haqamee hunduu
maqaakee faarfannee
galateeffanees hin qufnuu
barabaran si faarsinaa
Ilmaa kee walinnii
atimmoo nu jabeessi
kadhanaa kee sanaani


Y= yommuun si waamu
maqaakee miidhagaa
situu naaf mi'eesse
jireenya koo dhangaga'aa
beeli naan argaatu
yoo tahees dheebu
mannaa samii gubbaatti
kan si'ii dhugee beeku



A=afaan kooti ati
kanaan itti dubbaadhu
maqaakeen dhagaahe
anu gaafan dhalaadhu
maariyaam maariyaam jedhuu
harka sitti baal'isani
dubbaachus yoo walaale
dhagaaherraa yeroo yaamani

A=ani sirraa adda banaan
quulla tahuu kootti
ufatta naaf taate
bara jireenya kooti
ormaa maaltu galchee
waa'eekoo keessa
kan jilbifaatu ana
maaf soba oddeessa?


anu sin leeyyaane
jilbifaadhe kanaan ka'uu
maalirree dhiiphinisaa
kufu koof kan qanaa'uu
maaltu jala badee
maalif mataan dhukkubba
galatan siif laadhutuu
keessa isaa gugubaa


M= maqaakee kabajaan
ammaas yaameen faarsaa
anaf gammaachuu kennee
ormaammoo aarsa
kabajakeef hinaafe
summiisaa danfisaa
booquusaa busee
yaadan of dhiiphisaa
har'aa hin boqattuu
jireenya lafarraatti
osoo iji dhiigummoo
boru abiddaa argaatti
burraaqen si faarsaa
dachii kanaarratti
boqonnaa keenya ati
borus kan ganaatti!
โค7๐Ÿ”ฅ1
The best cosmetics in life you must use it every time is this
Use it wisely !

- CONFIDENCE for the EYES ๐Ÿ‘€
- Truth for lips ๐Ÿ’‹
- CHARITY for the HANDS ๐Ÿคฒ
- KINDNESS for the WORDS ๐Ÿ—ฃ๏ธ
- SMILE for the FACE ๐Ÿ˜Š
- LOVE for the HEART โค๏ธ
- PATIENCE for the MIND ๐Ÿง 
- FAITH for the SOUL ๐Ÿ™
- HONESTY for the CHARACTER ๐ŸŒฟ
- RESPECT for OTHERS ๐Ÿค
- GRATITUDE for LIFE ๐Ÿ™Œ
- FORGIVENESS for the PAST ๐Ÿ•Š๏ธ
- HOPE for the FUTURE ๐ŸŒ…
- COURAGE for CHALLENGES ๐Ÿ’ช
- WISDOM for DECISIONS ๐Ÿ“–
- HUMILITY for SUCCESS ๐Ÿ‘‘
- DISCIPLINE for GROWTH ๐Ÿ“ˆ
- PEACE for the MIND โ˜ฎ๏ธ
- COMPASSION for the WEAK โค๏ธ
- SILENCE for UNNECESSARY ARGUMENTS ๐Ÿคซ
- PRAYER for DIFFICULT TIMES ๐Ÿ™

Use them well and make your life beautiful. โ˜บ๏ธโœจ

True beauty doesn't come from what you put on your face;
it comes from what you carry in your heart. โค๏ธ
โœ”๏ธBaga Geessanโœ”๏ธ

โ“Waaqayyoof Wanti Dadhabamu Jiraareeโ“

(โœ๏ธB/saa Misgaanuu Yaadasaa [Dn] tiin)

โž Namoonni tokko tokko erga du'aniillee jiraatoodha. Namoonni tokko tokko immoo utuu hin du'iin du'anii taa'u; waan jiran fakkaatu. โ€œIsin cubbuu keessan irraa kan kae du'oota turtanโ€ akkuma jedhu (Efe 2:1). Namoonni kaan garuu erga du'aniiyyuu ni jiraatu (Yoh 6:54). Waan warri lubbuun jiran fakkaatanis ni beeku (Luq 16:25). Yeroo ammaa kana garuu lafa dhiphisaa kan jiru nama utuu lubbuu fi foon isaa adda hin ba'iin du'ee jirudha. Namni akkasii dhaabiitti du'ee waan jiruuf lubbuu dhiigaa qofaan yaada. Kanaaf falmii baay'isuu irraa kan hafe qoratee fi qoate hubachuu hin dandau. Itti himtus hin galuuf. Arrabnisaa arrabsoodhaan piroofeeseruummaa isaa waan hojjete fakkaata.

โž Mee ilaalaa; erga namni caqasa gaafachuutti ka'ee amantiin laphee namaa keessaa bade. Bara Abrahaam lafa kana irra jiraataa ture kitaabni qulqulluun hin jiru ture. Abrahaam garuu ilmasaa aarsaa dhiyeessuuf caqasa hin gaafanne (Um 22:1-13). Yaaiqoobis yeroo hangafummaa Eesawu irraa fudhate amantii qofaani malee muuxannoo akkasii namarraa fudhate hin qabu; caqasas hin dubbifne (Um 25:31-33.

โž Saaraan waggaa sagaltammaffaa isheetti โ€œMucaa ni deessiโ€ yemmuu ittiin jedhamu gaaffii hin baayifne, caqasas hin gaafanne(Um 17:16-17). Utuu hara taee Saaraan gaaffii heddu gaafattin sea. Tarii โ€œEenyufaatu waggaa sagaltamatti dahe;caqasa isaa naaf kenniโ€ jettii laata?

โž Akkuma Saaraan amantiidhaan waggaa sagaltammaaffaa isheetti mucaa argachuudhaan nama jalqabaa taatee(Um 21:2); Qulqulleettin Dubree Maariyaamiinis waggaa kudha shanaffaa isheetti dhiira osoo hin beekin โ€œIlma Waaqayyooโ€ Gooftaa Keenya Iyyesuus Kiristoosiin dauudhaan nama jalqabaa fi nama xumuraa taateetti (Luq 1:34; 2:11). Yeroo Ergamichi sagalee gammachuu itti himetti โ€œAkkuma jecha keetii naaf haatauโ€ jettee amantii guutuudhaan waan fudhatteef ulfoofte(Luq 1:38). Kan amaneef hundumtuu ni dandaama(Mar 9:23).

โž Durbee Maariyaamiin nama taatee dhalattee kennaadhaan namarraa adda kan taatedha. Osoo dhiira hin beekin ulfaa'uun ishee kan amantu taanaan, dubrummaadhaan ulfooftee dubrummaadhaan dahuu ishee kan amantu taanaan, nama taatee osoo jirtuu Ilma Waaqayyoo kan deesse ta'uu ishee kan amantu taanaan, wanti isheedhaan raawwatame waan ta'ee hin beeknee fi taatee ajaa'ibaati. Kun hunduu Waaqayyoof waan danda'amuuf Waaqayyo kana isheedhaan raawwate.

โž Waaqni kana isheedhaan raawwate yoo du'aa ishee kaase maaliif gaaffii ta'aa? Waaqayyoof wanti dadhabamu jiraayi? Alaazaariin kan du'aa kaase, Haadhasaa du'aa kaasuu hin danda'uuree? Moo taateen kun Macaafa Qulqulluurratti waan hin caqafamneef amanuun sitti ulfaatee? Maal waa'een dhalachuu isheeyyuu hin caqafamne hoo. Dhalachuun ishee Macaafa Qulqulluu irratti hin barroofne jechuun HIN dhalanne jechuudhaa ree? Qaayel gaafa Abeeliin ajjeese, "Har'aa kaasee joortuun ta'a" jedhe mitii? Namni nama ajjeese joortuu ta'a jedhamee wanti barreeffame tureeraa garuu yerichaa? Waan hundaaf caqasa barbaaddaa taanaan ati utuu jaarraa 15ffaa dura dhalatte ta'ee gara amantiitti hin dhuftu jechuudha. Sababnisaa Macaafni Qulqulluun dhiyeenyuma kana boqonnaa fi lakkoofsaan adda hirame malee duraan akkas hin turre waan ta'eef. Humna Waaqayyootti amanuun garuu guutuu nama taasisa. Dubree Maariyaamiin duaa kaatetti. Isheen Waaqa deesseem. Maal anii fi atuu du'aa ka'uuf jirra hoo .Warri osoo hin argin kan amanan garuu eebbifamootadha(Yoh 20:19).

โž Maarree ati maaliif yeroo โ€œDubree Maariyaamiin duaa kaatee mirga ilmashee dhaabbattee jirtiโ€ jedhan dhiphatta? Waa'ee mataa keetiif hin dhiphattuu? โ€œAnoo mirgasaa nan argadhaa laataaโ€ jettee hin kadhattu?

Sugni haadha keenyaa Duuka Bu`oota irra akkuma bule nurras haa bulu.

Ameen!

Misgaanuu Yaadasaa (Dn)
Finfinnee, 2015 B.A

โ•โ•โ€ข|โ€:โœงเน‘โ™กเน‘โœงโ€|: โ•โ•โ•ฎ
            @Kalabhiyahu
            @Kalabhiyahu
โ•ฐโ•โ•โ€ขเณ‹โ€ขโœงเน‘โ™กเน‘โœงโ€ข  โ•โ•
Gatiin har'aa geenye
๐ŸŒฑ๐ŸŒฑ๐ŸŒฑ๐ŸŒฑ๐ŸŒฑ๐ŸŒฑ๐ŸŒฑ๐ŸŒฑ
Callisamee miti jarana
Har'a ga'amuunsaa....!
Guyyaa qofti lakka'ame
Hin dhufne waansaa...!

Akka Warqee sanatti
Ibiddaan waaddamee
Ciigoon sookoo jal'an
Tulluurra furguuggame

Baduu isaa eeguudha
Mataa gad waqaruu...
Kosii sobaa guuranii
Gamoo irratti ijaaru...!

Daddarbaa guddaatu
Ce'eame bira darbame
Akkuma salphaatti miti
Gatiitu_kanfalame.....!
Walaloo code ๐Ÿ””@wal @000
Ija koon si hin argu
Narra fagoo jirta
Yaadaan na boojitee
mar'immaan koo cirta
Yoomuu si hin dagadhu
guyyaas taโ€™e halkanii
Maqaan kee mi'aawaa
arrabni kee annani

Otoo akka garaa koo
of bukkeettin si arga
Booka siig budduksee
dhangaammoo siif marqa
Otoon nyaata hin dhabiin
yaada keen huuqqadha
Halkan abjuun ka'ee
suuraa kee dhungadhaa....
Uuuff......
Yaa jireenya kophaa
iddoon kee natti qaawwa
Lookoo morma lawwee
asaasa keen hawwa
Karaan gabaabbatee
tarkaanfadhee hin dhufu
Yaadaaf qalbii buusee
ciisee otoon si suufuu
Onnee burkutooftee
tiruu waraannamte
Maal taโ€™a amma dhuftee
yoo na yaamte!
๐ŸŒฟ๐ŸŒฟ๐ŸŒฟ๐ŸŒฟ๐ŸŒฟ
yaada
Walaloo code ๐Ÿ””@wal @000
Sooraa kakuu haaraa
Ergamaa Gabri'eel
Kan gargarte Ananiyaa
Azaariya Misa'eel
Har'as nuuf kootti
gidduu kan keenyaa
Ati nuuf buusi maaloo
jaalalaf nageenya

Biyyi lafaa dhiphatee
kuno wal dhiphisaa
Sanyiin wal qoodee
hunduu wal faccisaa
Diinni dhaabbatee
Gidduu daba faacasuu
Isa of hammeenyaa ta'ee
jallina barsiisuu
Albee keetin koottu
ati nurraa ifadhuu
Mana keetti jaalalaan
nu waammadhu

Gammachuu baadhuu
gara keenya koottu
Ergamaan nagaa siidha
hunda kan jaalatu
Hunduma keenyaafu
Jaalala kadhadhuu
Kochoo kee jalattii
diinarraa nu tikfadhu
Walaloo code ๐Ÿ””@19 @Gabr