Waldaa Daandii Qulqullummaa
11.7K subscribers
338 photos
86 videos
413 files
372 links
Tokkumma Barattoota yuuniversitii O2
20/8/016
Waliin baranna kotta....

Baruu fi Barsiisuun ni danda'aama👏
Download Telegram
Forwarded from PABLO VIP TIPS (F/taa Qananiisaa)
"Wanti ati goote kun maalidha?" Uum. 4÷10

Lallaba Viidiyoodhaan kunoo irraa baradhaa. B/saa F/taa Dn Asheetuu Waaqjiraatiin(Dr) seenaa buufadhaa hiriyoota keessaniifis share godhaa. Jajjabina keenyaaf #like #share #Subscribe gochuun nu gargaaraa.

👇👇👇
https://youtu.be/gUF-MBdrPBc?si=5H4sq_qDLqw_tHWe
K/fkn 30
☝️ Dubbisa ogumma irra hor'aadha

18 Wanti ana dinqan sadiitu jira, isa afuraffaa immoo hubachuu iyyuu hin danda'u;
19 isaanis, karaa joobirri qilleensa keessa balali'u, karaa bofni kattaa irra adeemu, karaa markabni galaana irra adeemuu fi karaa dargaggeessaa fi dargaggeettiin wal jaallatanii dha.
20 Dubartii ejjituun, akka ishee nyaattee afaan ishee haxaa'attee, "Ani homaa hin balleessine" jettuu ti; karaan dubartii ejjituu kan akkasii ti.
21 Wanta sadiitu lafa sochoosa, isa afuraffaa immoo danda'ee iyyuu hin baatu.
22 Isaanis, garbicha mootii ta'e, gowwaa quufe,
23 haftuu abbaa manaa argattee fi xomboree iddoo giiftii isheetii fudhattee dha.
24 Uumamni bifaan xixinnoo ta'anii, baay'ee immoo ogeeyyii ta'an afurtu lafa irra jira;
25 mixiin uumama dadhabduu dha, garuu nyaata ishee bona walitti in qabatti;
26 osoleenis uumama humna hin qabnee dha, garuu kattaa keessatti in galti;
27 hawaannisi mootii hin qabu, garuu wal gurmeessee in adeema.
28 Loccuun barruudhaan looti, garuu keenyan mana moototaa irratti iyyuu in argamti.
29 Wanti adeemsa tolu sadiitu jira, inni afuraffaan immoo simboo ulfina isaatiif ta'u qaba;
30 leenci bineensota hundumaa keessaa jabaa dha, wanta hundumaa irraas hin deebi'u;
31 kormaa indaanqoo fi korbeessii reettii of bokoksee asii fi achi naanna'uu fi mootii macca isaa of naannessee adeemuu dha.
33 Aannan raasuun dhadhaa baasa, jabeessanii furrii baafachuun nama dhiigsa; tuttuqanii nama aarsuun lola in kaasa.
2
Dubbii Ergamoota Waaqayyoo Kallattii Sirrii Ta'een Hubachuu
©Andualem Leta
Barumsa Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tewaahidoo irratti hundaa'e!

Maqaa Abbaa, kan Ilmaa, kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkootti. Ameen.

Namoonni hedduun waa'ee Qulqulloota Ergamootaa yeroo dubbatan, Kitaaba Qulqulluu keessaa caqasa muraasa qofa fudhachuun hiika isaa guutuu osoo hin hubatin yaada kennu. Garuu Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tewaahidoon Kitaaba Qulqulluu, Duudhaa Ergamootaa fi barsiisa Abbootii Qulqullootaa irratti hundaa'uun dhugaa guutuu barsiisti.

Ergamoonni uumamtoota Waaqayyoo ta'an malee Waaqa miti. Hin waaqeffaman; garuu akka tajaajiltoota amanamoo Waaqayyoo fi ergamoota mootummaa samiitti kabajamu. Waaqayyoon qofa waaqeffanna; ergamoota immoo hojii Waaqayyoon isaan hojjetaniif kabajna.

1. Ergamoonni eenyu?

Jechi "Ergamaa" jedhu hiikni isaa "Ergamaa" ykn "Tajaajilaa" jechuudha. Kitaabni Qulqulluun:
"Isaan hundinuu afuurota tajaajiluudhaaf ergaman; warra fayyina dhaaluuf jiraniif tajaajiluudhaaf hin ergamneeyii?" (Ibr. 1:14)

Kana jechuun ergamoonni afuurota qulqulluu ta'anii ajaja Waaqayyootiin tajaajilan malee fedhii isaanii qofaan hojii tokko hin hojjetan.

2. Ergamoonni akkamitti uumaman?

Kitaabni Qulqulluun akka ibsutti:
"Ergamoota isaa qilleensa, tajaajiltoota isaa ibidda boba'u godha." (Far. 104:4)

Kana jechuun qaama foonii akka namaa hin qaban; afuurota ta'anii humna Waaqayyootiin tajaajilu.

Isaan:

Hin fuudhan.

Hin heeruman.

Hin dhalchan.

Hin dullooman.

Hin du'an.

3. Hojiin Ergamootaa maalidha?

Kitaabni Qulqulluun hojii isaanii hedduu ibsa.

Yeroo hunda Waaqayyoon galateeffatu.

Ajaja Waaqayyoo raawwatu.

Ergaa Waaqayyoo namootatti geessu.

Namoota qajeeloo eegu.

Kadhannaa qulqullootaa Waaqayyo duratti dhiyeessu.

Araarsummaa godhu.

Namoota dhiphatan jajjabeessu.

Diina irraa eeguu.

Ajaja Waaqayyootiin adabbii raawwatu.

Kana hundumaa ofumaan osoo hin taane eeyyama fi aangoo Waaqayyootiin raawwatu.

4. Ergamoonni ni fayyisu jechuun maal jechuudha?

Kun bakka namoonni hedduun dogoggoran keessaa isa tokko.

Mana Kiristaanaa Ortodoksii keessatti jechi "fayyisuu" jedhu hiika lama qaba.

#Waaqayyo fayyisaa dha jechuun:

cubbuu dhiisa,lubbuu qulqulleessa,
mootummaa Waaqayyoo nama dhaalchisa.

Kana garuu Waaqayyo qofatu danda'a.

#Ergamoonni fayyisu jechuun immoo:ajaja Waaqayyootiin nama eegu, balaa irraa baraaru,diina irraa tiksu,karaa qajeelaa irratti eegumsa godhu.

Kanaaf Faarsaan:
"Ergamaan Waaqayyoo naannoo warra isa sodaatanii ni qubata; isaanis ni oolcha." (Far. 34:7)

Akkasumas,
"Daandii kee hundumaa irratti akka si eeganiif ergamoota isaa siif ni ajaja." (Far. 91:11)

Kana jechuun Waaqayyo ergamoota isaatiin nu eega malee fayyinni bara baraa Waaqayyo qofa irraa dhufa.

5. Ergamoonni kadhannaa keenya ni geessuu?

Eeyyee.

Kun yaada namaa miti; Kitaabni Qulqulluun ifatti barsiisa.Mul'ata 8:3–4

Ergamaan tokko qodaa ixaanaa qabatee kadhannaa qulqullootaa waliin gara Waaqayyootti ol baase.

Akkasumas,

HDB 10:4

Ergamaan Qornoleewosiin:
"Kadhannaan kee fi kennaan kee akka yaadannoo Waaqayyoo duratti ol ba'eera."jedhe.

Kitaaba Xoobit 12:12-15 irrattis Qulqulluu Rufaa'eel:
"Ani kadhannaa keessan Waaqayyo duratti dhiyeesse."jedha.

Kanaaf ergamoonni kadhannaa keenya Waaqayyo duratti dhiyeessu jechuun Kitaaba Qulqulluu irratti hundaa'a.

6. Ergamoonni nuuf ni kadhatu?

Eeyyee.

Zakariyaas 1:12 irratti ergamaan Waaqayyoo:
"Yaa Waaqayyo! Yerusaalemiif hamma yoomitti hin araaramtu?"
jedhee kadhate.

Kana jechuun ergamoonni araarsummaa fi kadhannaa ilmaan namaatiif dhiyeessu.Ergamoonni ilmani namaa waliin hariiroo qabu.

7. Qulqulluu Mikaa'eel eenyu?

Mikaa'eel jechuun:"Kan akka Waaqayyoo eenyu?"jechuudha.

Inni hangaffa ergamootaa keessaa tokko.

Kitaabni Qulqulluun waa'ee isaa bakka hedduu dubbata.

Daani'eel 10:13
Daani'eel 12:1
Yihudaa 9
Mul'ata 12:7
Mul'ata 12:7 irratti:

Mikaa'eel fi ergamoonni isaa Seexana lolanii moo'atan.
Kunis humna isaanii qofaan osoo hin taane aangoo Waaqayyootiin ta'e.

8. Seexanni maaliif kufe?

Mana Kiristaanaa barsiisti:Seexanni of tuulummaa fi boonuutiin Waaqayyorratti ka'e.
4👍1
Kanaaf mootummaa samiirraa kufe.

Mikaa'eel garuu of gadi qabuu fi amanamummaa isaatiin Waaqayyoo biratti ulfina argate.

Kana irraa barumsi guddaan:

Oftuulummaannama balleessa.

Gad of qabuun ulfina fida.

9. Ergamoota maaliif kabajna?

Kabajni ergamootaaf kennamu waaqeffannaa miti.

Sababni isaas:

Waaqayyo isaan kabaje.

Tajaajiltoota mootummaa isaa godhe.

Nu tiksuu fi nu gargaaruuf isaan erga.

Kadhannaa keenya dhiyeessu.

Ergaa Waaqayyoo nuu fidu.

Kanaaf kabajni isaanii ulfina Waaqayyooti malee bakka Waaqayyoo bu'uu miti.

Walumaagalatti

Ergamoonni afuurota qulqulluu ta'anii Waaqayyoon tajaajilu. Waaqa miti; uumamtoota Waaqayyooti. Hojii isaanii hundumaa ajaja Waaqayyootiin raawwatu. Nu eegu, nu tiksu, nuuf kadhatu, kadhannaa keenya Waaqayyo duratti dhiyeessu, ergaa Waaqayyoo nuu geessu. Garuu fayyina bara baraa kennuun, cubbuu dhiisuun, mootummaa samii nama dhaalchisuun hojii Waaqayyoo qofa.

Kanaaf Kiristaanonni Ortodoksii Tewaahidoo Waaqayyoon qofa waaqeffatu; Qulqulloota Ergamoota immoo akka tajaajiltoota Waaqayyooti kabaju, araarsummaa isaanii kadhatu, hojii Waaqayyoo isaaniin raawwatamuuf galata kennu.

Araarsummaan fi eegumsi Qulqulluu Hangafticha Ergamaa Mikaa'eel, Qulqulluu Gabri'eel, Qulqulluu Rufaa'eel fi Ergamoota Waaqayyoo hundumaa, eeyyama fi araara Waaqayyootiin, nu waliin haa ta'u. Ameen.
1
Guddicha Raamaarra
Ergama gammachuu
Galata waaqayyoof
Karaa kan qajeelchuu

Eega keenya ati
Kan waaqni nuf kenne
Kanaaf si waamanna
Lapheedhan amaanne

Gammachuu himta
Sagalee jireenya
Sin godaane dinni
Mormaan keenya

Fakkaata ilmaa waaqayyoo
Hiikaan maqaa isati
Gabri'eel jedhama
Angafa ergamoota ti

Abjuun ni hiika
Aangoo isa danuudha
Dààni'eel raajichi
Mul'aatan kan argeedha

Qirqoos fi Iyyeeluxaa
Dafee kan birmaate
Dhiphina keessatti
Jabina isanif laate

Jabanne haa dhabbannu
Jechuun ergamoota jabeesse
Lallaba kakuu haaraa fi duraa
Ta'ee dhugàa nu barsiisee

Walaloo code 🔔@Gabr_19 @19
Bagaa geessan
5🥰2
SOOMA FILSETAA
Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu
Waaqa Tokkoon Ameen!
➤ Jechi ‘Filseta’ jedhu jecha Gi’iziin ‘Filset’ jedhu irraa kan dhufeedha. “taa” ta’uun isaa saala dubartiif waan fayyadamuufi. Hiikkan jecha ‘filset’ jedhu kun ammoo “iddoo tokkorraa gara iddoo biraatti fudhatamuu, iddoo biraatti darbu” jechuudha. Kanaaf filsetaa Maariyaamii yoo jennu, Haati keenya dubroo Maariyaam fooniin iddoo biraatti fudhatamuu kan agarsiisu dha.
➤ Soomni kun giiftiin keenya dubroo Maariyaamiin akkuma ilma ishii du’aa kaatee Samii Iyyeruusaalem ishee haaraa seente jennee amanna kanaaf tsoomna. Fakkeenya Iyyeruusaaleem ishee haaraa kan godhannus kanaafi.
➤ Kan soomamus yeroo mara Hagayya 1 hanga Hagayya 15 yoo ta’u Hagayya 16 immoo tsoomichi ni hiikkata. Dubroo Maariyaamiin kan boqotte Amajjii 21 yoo ta’u duuka bu’ootni gara Getesemaani foon ishee awwaaluuf yoo deeman Yihudoonni itti hinaafanii addan bittinsan. Yeroo kana ergamoonni foon Maariyaamii fuudhanii gara balbala Jannataa jala teessisan (Jannata lubbuun malee fooniin hin seenan).
Baatii 8 booda duuka bu’ootni Waaqa kadhatanii “haadha Gooftaa keenya ishee kabajamtuu taatee osoo jirtu nuti akkamitti osoo foon ishii hin awwaalin hafna?” jedhanii bassyyee xii’anii Waaqayyo kadhatan. Yermuus gooftaan kadhaa isaanii dhagahee, foon ishee balbala jannataa (Genet) jala jiru sana kenneefii kabajaanii fi kadhannaan awwaalan.
➤ Sirna awwaala sana irratti duuka bu’oota 12 keessaa Toomaas wangeela lallabuu waan deemeef hin turre. Toomaas Wangeela lallabee yommuun deebi’u, isheen immoo akkuma ilma ishii erga awwaalamtee, guyyaa sadii booda du’aa kaatee yoo of baatu inni immoo wangeela lallabee Biyya Hindirraa gara Yeruusaalemitti duumessa yaabbatee yoo dhufu karaatti walitti dhufan.
Ol ba’uu ishee duuka bu’ootni biroo quba qaba hin turre. Innis yemmuu kana baay’ee gadde, ni na’e, sababni isaas akkuma Wangeela irratti barreeffame dura du’aa ka’uu gooftaa fi akka duuka bu’ootatti muldhate hin agarre, isaanis gooftaa Iyyasuus agarree jedhani itti himnaan, harka isaa sibiilli ure, qaama isaa arguu malee isin hin amanu jedheenii ture (Yoh 20:24).
Innis ammas akkanuma mamiinsa koo sana Waaqayyo natti lakkaa’ee kan du’aa ka’uu haadha isaas natti agarsiisuu dide jedheet ture.
➤ Yeroo kana si malee du’aa ka’uu koo kana namni ange hin jiru jettee tasgabbeessite, hinumaayyuu, wabiif akka ta’uuf immoo kafanii itiin kafanamte kenniteef. Innis yeroo duuka bu’oota bira ga’u dubroo Maariyaamiin akkam taate jedhee isaan gaafannaan “Bar awwaalik” jedhanii itti himani.
➤ Toomaasis lakki anis waanuma keessan dhagahuuf malee du’aa kaatee yeroo of baatu arge jedhee itti hime. Kafanichas itti agarsiise. Waagganti immoo isaanis du’aa ka’uu ishee Toomaas argee nu qofaa hin argin hafne jechudhaan tsooma torbaan lamaa qubatan.
Isaanis heeyyama Waaqaa ta’ee du’aa ka’uu ishee guyyaa 16 irratti, yeroo lammataaf akka haaraatti ni argan, sanarraa kan ka’e hanga ammaatti manni kiristaanaa keenyaa hordoftoonni amantaa Ortodoksii akka sooman ni ajajiin.
Tsooma milkii
kan tasgabbii
kan araaraa
kan dhiifamaa
kan jaalalaa
kan tokkummaa
kan dhibaman itti fayyu
kan hidhaman itti hiikkatu
kan daare itti uffattu
kan rakkataan itti mildhatamu
kan cubbuun itti diigamu
kan kadhannaan keenya itti dhagahamu nuuf haa ta’u. Ameen 🙏
Araarsummaa fi Kaadhannaa
Haadha Keenya Qulqulleetti Dubroo Maariyaam
yeroo hundaa nu waliin haa ta’u! Ameen ❤️
Galannii waaqayyoof!
Haadha isaa durbee maariyaamiif!
Ulfaata fannoo isaf Bara Baraan haa ta’u Ameen!
4
yaada qalbii kootin
Seera keen jirààchu
Sagalee kee sooradhe
Eebbaa kee argachuu
Akka danda'ee,hubadhuuf
Dubbii kee icciitii
Laphee ko naf baani
Na dursii adaara ati

Akka bartoota kee
Duuka bu'aa ta'a
Fkn isan godhen
Afuuran qabsa'aa
Na gargàari ati
Naf ergi ayyaana ke
Simboo ke uffaadhen
Jajadha maqaa ke

.............Eyyee.........
Hayyoo fi harmee kee
Maariyaam durbee
Karaa yohannis
Eebbaa na qaqqabe
Anafis haadha
Ishee inqabne gita
Kanaaf of_ta'ee
Laphee ko jaallata

Duuti haftee isheen
Awwaala inkaane
Isheen foonif malee
Waaquuma haadha taane
Isheen akka keenya
Maluumman nu caalti
Cubbuu dhalan dhufees
Akka keenya qabdi ofiraati
Jedhe yoo odeessee
Kan agartuu jaamee
Gurri itti duude
Lapheesa jibba samee

Luqaas ogeessadham
Kan foon wallaanuu
Fakkii durbee isatu fakkeesse
Kan nuti har'aa itti fayyadamnu
Akka heyyaama waaqatti
Waamame bartuu ta'ee
Wangeelaas barreessee
Sagalicha nu birattin ga'ee 🥰

Dhaloota hundumman
Akka isheen jajamtuu
Ayyaana qabeettis
Akka isheen jedhamtu
Ergamoota samiif
Akka taate obboleetti
Luqaas nuti himeera
Boqonna 1ffaa keessatti
......... ..........
...........Itti fufaa..........
🥰1
SABABA MAALINII
Sababa maalinii an kana si dhiisuu
Jibbiif dhiibbaan diinaa sirraa nan deebisuu
Yoo sirraa na dhiiban dideet natti caalaa
Na oolfatta jedheen barruu  kee ilaalaa
Addunyaan na dhiibnaan koolun sitti gala
 
Rakkoo moo du’aadhaa kan sirraa na foo’uu
Du’een gartuu kee ta’a addunyaaf hin boo’uu
Harka keetu na golgee du’arraa na oolchaa
Si biran jiraadhaa maqaa kee faarfachaa
Gochaa kee kan ibsuu yoon dhabellee jechaa
 
Yommuun si faarfadhuu yoo natti seeqanii
Nyaaranis waltuquun yoo natti qoosanii
Si qapheen leeyya’uu deebi’een si faarsaa
Guddummaa kee gooftaa addunyaafan ibsaa
Jaalala keetirraa maaltu adda na baasaa
 
Maqaa keen bahanii si gananis jarrii
Kan faayidaan qabnee ilaalanii birrii
An garuu yoomumaa goyyoomee sin ganuu
Ta’eetan jiraadhaa kan galma kee banuu
Anoo mallattoo kee dabarsee hin kennuu
 
Faayidaa ilaalee mana ormaan dhaquu
Laphee kan kootirraa oolmaa kee hin haquu
Si faarsaan jiraadhaa waa’ee kee lallabee
Addunyaaf sin labsaa siidaa kan kee dhaabee
Qalama hin badneen waa’ee kee katabee
 
Sababa maalitiini siin kanan jijjiiruu
Kumnillee kitillee tasa nan geeddaruu
Sittin jijjiirramuu ta’ee akka Gaararraa
Maqaa kee dhahachuun nan oola du’arraa
Kanaaf yeroo hundaa jirta laphee koorraa
2
OMS - Patriyaarkiin Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa, Qulqulluu Abunee Maatiyaas Tokkoffaan, waraanni badiisa guddaa geessisaa jiru Itoophiyaa fi addunyaa keessatti akka dhaabbatuuf ummanni hundi garaa qulqulluu fi gad of qabuun Waaqayyoon akka kadhatu waamicha dhiyeessan.

Patriyaarkichi ergaa isaanii kan dabarsan sooma Filsataa Maariyaam bara 2018 A.L.I. kan guyyaa boru, Hagayya 1 irraa eegalu sababeeffachuun hordoftoota amantichaa hundaaf ergaa isaanii keessatti ta’uu ibsame.
Ergaa isaanii keessatti, waraanni uumamaa fi jireenya namaa irratti miidhaa guddaa geessisaa jiru akka dhaabbatuuf mootummaa, hawaasaa fi amantoonni hundi Waaqayyoon garaa qulqulluun kadhachuun barbaachisaa ta’uu isaanii hubachiisan

Patriyaarkichi mootummaa fi ummata gidduutti jaalala, araaraa, walii kabajuu fi tokkummaan akka cimu jechuunis waamicha isaanii keessatti ibsanii, yeroo soomaa fi kadhannaa kana keessatti namoonni hundi nageenyaaf, araaraaf fi tasgabbii biyyaa fi addunyaaf akka kadhatan jechuun dhaaman.
🥰3
Forwarded from Ortodoksii Waloomaa
Telegram members or subscribe 18k guutneera Galatooma 👏

Marree fuula
✓TikTok
✓Facebook
✓Youtube kooti barnoota baay'ee qabu,garuu subscribe inqabu.

Facebook kiyyaa channel kana duraa banamee👈 Basic mode fayyadamtan barnoota argachuuf ammumma
Warrii nu deggeertan follow, subscribe godha.

☝️ Profile Facebook kooti olii kana follow godha.
10K nu galcha.
Warrii follow nu gootan galatooma 👏
🥰2
❝Solomooniin kan Caalu Asi Jira❞ Mat 12:48

🅼/🅼/🅐🅑🅑🅐🅐 🅖🅔🅑🅡🅔 🅜🅔🅓🅔🅗🅔🅝 🅝🅘🅖🅤🅢🅔 (🅠🅞🅞🅜🅞🅢)
M/L/W/Galaa mana maxxansaa tinsaa'ee zegubaa'eetti ogeessa maxxansaa
Hagayya 3/2018
✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️

Torbee jahaaffaan waqtii gannaa jalqabbii sooma filsataa waliin sanbata wal fakkaataa irra bua. Wangeelli guyyaa kanatti dubbisamus w.mat 12:38_dhumaatti kan jiru dha.
Warri farriisotaa fi caaftootaa akka gooftan dinqii fi mallattoolee agarsiisu isa gaafatan.

Akka waaqni nama tahe isaan jidduu jiru utuma inni afaan isaaniitiin itti himuu, isaan garuu dinqii biraa isa gaafatu turan.
Kunis;
#akka_musee;
⨳ Galaana qoodi
⨳ Diina ajjeesi
⨳ Duumessaan golboobi
⨳ mannaa gadi busi jechiudhaan gaafatu.
#Akka_Iyaasuu:
⨳ Cabbii roobsi,
⨳ Biiftuu dhaabi jechiudhaan gaafatu.
#Akka_Geedewon;
⨳ kallee hafii
⨳ tiifuu buusi
#Akka_eeliyaas;
⨳ Samiiwwan ajaji
⨳ Ibidda roobsi
⨳ aarsaa ol baasi
⨳ duaa kaasii nutti agarsiisi isaan jedhu turan.

Kiristoos garuu dhaloonni hamaa fi sagaagilaan mallattoo barbaada, mallattoon garuu yoonaasiif kan kennameen alatti kan biraa hin kennamu jedhee jira. Mat 16:4 luq 11:29 1 qor 1:22
Ergaan isaa inni ijoon garuu sagaagilumma warra yihudotaa itti himuu isaati.

Warra Yihudootaatiin maaliif #Sagaagiltoota isaaniin jedhe? yoo jettan, dubartiin sagaagiltuun qaama tokko qofa osoo qabduu guyyuma guyyaan dhiira haaraa akkuma barbaaddu, israelonnis guyyuma guyyaan mallattoo fi dinqii arguu barbaadu waan taeef sagaagiltoota isaaniin jedhe.

Waee mallattoo yonaasiif kennamee erga itti himeen booda Yoonaasiin kan caalu waaqni yoonaas isaan jidduutti nama tahee akka jiru ifumatti isaanitti hime. Itti aansuudhaanis inni Solomonii ol tahu isaa itti dubbate.

#Solomoon jechuun Nageenya, naga_qabeessa jechuu dha.
Daawit cubbuu isaatiin waaqa mufachiisee erga tureen booda yeroo solomoon dhalate, waaqayyoon itti araarame waan taheef solom jedhe isa moggaase.

Daawit umuriin isaa 70 yoo tahu dulloomee ilmi isaa solomon eeyyama waaqayyootiin mootumma abbaa isaa dhaalee mootii israelotaa gaafa tahee muudamu, daawit ilma isaa mooticha solomoniif cigoo "Yaa Gooftaa murtii kee mootiidhaf kenni" jedhee faarfatee jira.
Guyyaan dua isaa gaafa gahu daawit ni due, Adooniyas garuu gara harmee isaa beersabeh deemee gara solomonitti, intala #Suumamawit (Abiisaa) jedhamte sana akka ani fuudhuuf naa eeyyamsiisi jedhee ishee ergatee ture.

#Yaadannoo= Intalli ykn qarreen kun bara daawit dulloomee hoinssi qaama isaa erga badeen booda akka haadha manaa taatee isaa waliin turtuuf kan dhufte yoo taatu, isheenis hanga guyyaa dua isaatti isa sooraa turte.
iccitiin isaa garuu akka hiikoon kitaabaa jedhutti,Adooniyas yaada isaatiin, intalli #Abiisaa jedhamte kun bara daawitiin sooraa, kunuunsaa turtetti iccitiidii baayyee beekuu dandeessi waan taheef, ani ammoo ishee irraa iccitiin argadhutti fayyadamee solomooniin balleessee bakka isaa muudama jedhee yaadee ture jedha.

Mootichi solomon beekumsaa fi oogummaa waaqni akka isaaf kennu gaafatee, waaqnis abbaa oogummaa guddaa isa taasise jira waan taheef, oogummaa isaa kana dinqisiifachuuf, isas ijaan arguuf namonni fi mootiiwwan baayyeen gara isaa dhufu turan. Isaan keessa tokko mootittii itoophiyaa kan taate ishe tokko dha.

Kanafis mootiin solomon dinqisiifannoo guddaadhan beekama kabajamas, gooftaan keenyas waa`ee solomon erga isaan yaadachiisee booda "Solomoniin kan caalu isin jidduu jira jechiudhan waaqa solomoon tahuu isaa isaanitti hima.

1 mot 11:2 mat 12:42
#Solomoniin_kan_caalu_asi_jira_jechuun_isaa;
Mootiittiin biyya itoophiyaa biyya ishee irraa kaatee hanga israaelitti 2000 K.M geejjiba malee deemtee, solomooniin dinqisiifattee isa irras ulfooftee deebitee jirti.

Warri israaelotaa garuu goofta irraa barnoota barachaa isatti amanuu hin dandeenye waan taeef 'solomooniin kan caalu asi jira isaaniin jedhe'
3
#Seenaa;
Mootiittiin itoophiyaa seenaa fii oogummaa solomoon fidee kan itti himu kodee gaarii kan taeef daldalaa tokkotu jira ture, yeroo biyya israel gahee deebiu yeroo yeroodhaan oogummaa solomoon kan gurraan dhagahee fii kan ijaan arge itti hima ture. isheenis waan dhageesse sanaan boojiamtee deemee hubachuun qaba jechiudhaan, warqee baayyee fii kennaawwan addaa addaa qabattee gara solomoon deemte.

Luka ishee irra wanti akka gaanfa kuruphee ykn kottee harree irra jira ture, daaimnni tokko yeroo ogdii masaraa mootummaa solomon irratti ishee argu, rifatee fiigee ol seene, mootiidhanis yaa mootii bara keetti kan hin dhufne hin jiru dubartiin akkasii gara kee dhufaa jirti jedhee itti hime. Ol seenuf yoo jettu jirmi mukaa jige tokko irra ejjettee yoo dabartu, mudaan luka isheerra ture sun irraa badee jira. Yeroo ishee ol seentu solomon luka ishee ilaale garuu mudaan tokkollee irra hin turre, kanafis ergamaa isaa sana ija hamaadhaan yoo isa ilaalu, ergamichis yaa mootii sobee sitti hin himne waan taef yoo soba tahee ishee irraa adda baafadhuutii na adabii ittiin jedhe.

solomon mootiittii yoo gaafatu dhugaa jiru itti himte, kanaafis isheen Dunbulloo tokko innis dunbulloo tokko muka sana irra buusan, mootonni isa booda kaan 28 isaanis akkasuma taasisuudhaan qarsii 30 tahe, qarshii kanas yihudonni yihudaadhaaf kennanii kiristoosiin dabarsee isaaniif laatee jira.
Mootiittiin, dhibboo baayyee solomooniin gaafattee jirti innis hundumaa isheef deebisee jira.

Akkaataa bulmaata biyya baayyee akka muuxannootti isheef qoodee jira. Kanaan booda, halkan yoo tahu waliin buluuf kaan isheen garuu dhiira waliin buluun naaf hin tau, biyya koo durbummaa kiyyaan amanamee tajaajiluun qaba jette. Yeroo kanatti walii galtee uuman, kunis "qabeenya kiyya kamittuu hin buin anis hin buu" kan jedhu yoo tahu namni kan diige garuu abbaan fedha isaa raawwata kan jedhu dha.

Nyaata bishaan nama dheebossu ishee nyaachisee halkan walakka kaatee yoo bishaan isaa dhugdu, kuni qabeenya kiyya jechiudhan walii galtee keenya digdeetta jedhen, yeroo kanatti isa irra miniilik inni jalqabaa ulfaamee jira.

#Kun_hunduu_fakkeenya_qaba;
👉 Mootiittiin= adunyaa
👉 Solomon= Gooftaa
👉 Warqeen 120 (Giraama)= maatiiwwan 120 kiristos
👉 Meetiin= Amantaa dha.
Inni biraa, kiristoos "Solomooniin kan caalu asi jira" jechuun isaa mat 12:42 Gabaabumatti kanaa gaditti ibshamee jira.

Seenaa 1ffaa moototaa 2:12 fi 3ffaa moototaa 2:12 irratti akkuma barreefamee dubbisnu,
Ilma 'Agiit' kan tahe 'Adooniyaas' mootii biyyaa tahuuf waan barbaadeef haadha isaa beersabeh gara solomonitti tooftaadhaan erge, isheenis gara solomonitti dhiyaattee;
👉 Mootiichi Teessoo isaa irra ol kaee ishee simate.
👉 Ni Dhungateenis
👉 "Teessoo addaa fii Hafaa addaa isheef hafee mirga isaatiin teechise. inni mootii biyyaa tahullee isheen haadha isaati waan taateef!

👉 Haati isaas, yaa ilma koo waan tokkon si kadhadha, na hin leeyyaasisin jettee kadhatte, innis si hin qaanessu na gaafadhu jedheen gaaffii ishees dhiyeeffatte.

⨳ Solomoon mootiichi erga kana taasise, waaqni solomoon ammoo deessu isaa kan taate dubaroo mariyaamiif kabaja akka kamii akka agarsiisu waaqayyoon hunda keenyatti haa agarsiisu. (Aameen)

#Yaa qulqulleettii biyya koo itiyoophiyaa....

🙏#Ijoolleen kee sirraa dhalatan sii haa dhalan.

🙏#ijolleen kee siif haa morman malee siin hin mormin.

🙏#ijolleen kee godaansa irra jiran eebbaan siif haa galan.

🙏#dangaa kee ibidda, jidduu kee jannataa taatee, booqochiistuu adunyaa sii haa taasisu!!!

❝AAMEEN❞

---------------------------
🅼/🅼/🅐🅑🅑🅐🅐 🅖🅔🅑🅡🅔 🅜🅔🅓🅔🅗🅔🅝 🅝🅘🅖🅤🅢🅔 (🅠🅞🅞🅜🅞🅢)
M/L/W/Galaa mana maxxansaa tinsaa'ee zegubaa'eetti ogeessa maxxansaa
--------------------------
Hagayya 3/2018
Finfinnee, Itiyoophiyaa
👏3
WALALOO
DHIIFAMAKEE NUUF BUUSII

Yakka hedduu hojjennee
lakkaawuun nu rakkisaa
yaa waaqayyo nuuf dhiisii
suma harka fallisaa
badiidhaaf dabarsinee
wal laannaa walii hin naanuu
akka kanaan deemnaanoo
si'ooliifii kan taanuu(2)

Abboommiikee diigneerraa
jechakee hunda dagannee
afaaniitiin si waamaa
lapheen qaalluuf sagadnee
hojii gaarii hin qabnuu
fuulakeetti dhiyaachuuf
afaan banee jirawoo
si'ool jawween nu nyaachuuf
Dhiifamaker barbaadnaa
ati nutti araaramii
Haadha si deesseef jedhii
adaraa maariyaamii(2)

Mana xonqaayii deemnee
wagga waggaan gabbarraa
mortuuf moora ilaaltuun
ija walitti qarraa
Nagaa waliif hin qabnuu
wal balleessuuf dhamaanaa
daandii fayyinaa dhiisnee
karaa badiirraa yaanaa
maaloo dhiifama jennee
yakka keenya nuuf dhiisii
lammuu itti hin deebinuu
adaraakee nu kiisii(2)

Akka hojii keenyaa taanaan
fuulakeettuu hin dhiyaannuu
irbaata jallootaatii
yeroo hundaa kan nyaannuu
maqaa qulqullootakee
abboota darbaniinii
dhiifama unuuf godhii
nu maarii nun dhiisiinii(2)

Abaarsi amma dhufee
hojii keenya ni beeknaa
warri akka HIV
vaayireesii koroonaa
damee babal'isatee
har'as nu raasaa jiraa
itti nun laatiin maaloo
nu baraarii adaraa(2)

Badii keenya nuuf dhiisii
hunduu fayyaa haa ta'uu
dheekkamsa kee jalaatii
eenyuyyuu fiigee hin ba'uu
hangam beekamaa ta'ee
ji'arra yoo qubatee
samiirra balali'ee
Addunyaa yoo daawwatee
cubbuusaa hin haquufii
dandeettiin foonummaasaa
kufee kadhatu malee
waaqayyoon dhiifamasaa(2)

Harka keenya bal'isnee
ija keenya ol kaasnee
garakeetti iyyaa jirraa
yaa waaqi nu maari jennee
iyya keenya dhaga'ii
cubbuu keenya nuuf dhiisii
lammuu itti hin deebinuu
maaloo yaa waaqi nu kiisii(2)
Walaloo code 🔔 @Dhifama kee
@Wal_01
👏21🥰1
MAARIYAAM
▬▬🙏▬▬

M= maraarfadheen yaama
maqaakee yeroo hundaa
onnee koo keessatti
ati iddoo guddaa qabdaa
akkumaa maqaakee
hikaan hojiif amalaa
maariyaam jechuunis
dammaa samiif lafarraa
ergamootafu taate jirtaa
jireenya jaalala waaqarraa
laphee hiyyeessa keessa
situu laalisee dararaa


A= arjominnii kee dinqiidha
kan ati namaf taatu
nama miti dhiiphachuunkee
arginee sareef yoo yaadu
tuffachuu beektu yommuu
tuffaatama kaasta
uffata dadhaabootatti
hundaatu sii abdaata

A= amalaa nama hundaa
jaalalan dandeessa
shakkii tokko malees
ati mirgaa gooftaa teessa
barruunkee eebbaa
inni gooftaa baate
buddeena jireenya
sumaatu nuf laate


R= rakkinaa hin argaani
warri sitti iyyuu
maqaakeetu qabam
eebbaaf jaalala guddayyuu
ilmaankee jedhamuu
warrii siif bitamani
ibiddaan gubamuu
kan si tuffaattaanni
tsihoon kaakuu haaraa
fakkeenya biiftuu bahaa
dureessaa, hiyyeesafis
ho'iikee qixxuummaa baha


I= imimmaan dhiiphatoota
si'iin haqamee hunduu
maqaakee faarfannee
galateeffanees hin qufnuu
barabaran si faarsinaa
Ilmaa kee walinnii
atimmoo nu jabeessi
kadhanaa kee sanaani


Y= yommuun si waamu
maqaakee miidhagaa
situu naaf mi'eesse
jireenya koo dhangaga'aa
beeli naan argaatu
yoo tahees dheebu
mannaa samii gubbaatti
kan si'ii dhugee beeku



A=afaan kooti ati
kanaan itti dubbaadhu
maqaakeen dhagaahe
anu gaafan dhalaadhu
maariyaam maariyaam jedhuu
harka sitti baal'isani
dubbaachus yoo walaale
dhagaaherraa yeroo yaamani

A=ani sirraa adda banaan
quulla tahuu kootti
ufatta naaf taate
bara jireenya kooti
ormaa maaltu galchee
waa'eekoo keessa
kan jilbifaatu ana
maaf soba oddeessa?


anu sin leeyyaane
jilbifaadhe kanaan ka'uu
maalirree dhiiphinisaa
kufu koof kan qanaa'uu
maaltu jala badee
maalif mataan dhukkubba
galatan siif laadhutuu
keessa isaa gugubaa


M= maqaakee kabajaan
ammaas yaameen faarsaa
anaf gammaachuu kennee
ormaammoo aarsa
kabajakeef hinaafe
summiisaa danfisaa
booquusaa busee
yaadan of dhiiphisaa
har'aa hin boqattuu
jireenya lafarraatti
osoo iji dhiigummoo
boru abiddaa argaatti
burraaqen si faarsaa
dachii kanaarratti
boqonnaa keenya ati
borus kan ganaatti!
7🔥1
The best cosmetics in life you must use it every time is this
Use it wisely !

- CONFIDENCE for the EYES 👀
- Truth for lips 💋
- CHARITY for the HANDS 🤲
- KINDNESS for the WORDS 🗣️
- SMILE for the FACE 😊
- LOVE for the HEART ❤️
- PATIENCE for the MIND 🧠
- FAITH for the SOUL 🙏
- HONESTY for the CHARACTER 🌿
- RESPECT for OTHERS 🤝
- GRATITUDE for LIFE 🙌
- FORGIVENESS for the PAST 🕊️
- HOPE for the FUTURE 🌅
- COURAGE for CHALLENGES 💪
- WISDOM for DECISIONS 📖
- HUMILITY for SUCCESS 👑
- DISCIPLINE for GROWTH 📈
- PEACE for the MIND ☮️
- COMPASSION for the WEAK ❤️
- SILENCE for UNNECESSARY ARGUMENTS 🤫
- PRAYER for DIFFICULT TIMES 🙏

Use them well and make your life beautiful. ☺️

True beauty doesn't come from what you put on your face;
it comes from what you carry in your heart. ❤️
✔️Baga Geessan✔️

Waaqayyoof Wanti Dadhabamu Jiraaree

(✍️B/saa Misgaanuu Yaadasaa [Dn] tiin)

➠Namoonni tokko tokko erga du'aniillee jiraatoodha. Namoonni tokko tokko immoo utuu hin du'iin du'anii taa'u; waan jiran fakkaatu. “Isin cubbuu keessan irraa kan kae du'oota turtan” akkuma jedhu (Efe 2:1). Namoonni kaan garuu erga du'aniiyyuu ni jiraatu (Yoh 6:54). Waan warri lubbuun jiran fakkaatanis ni beeku (Luq 16:25). Yeroo ammaa kana garuu lafa dhiphisaa kan jiru nama utuu lubbuu fi foon isaa adda hin ba'iin du'ee jirudha. Namni akkasii dhaabiitti du'ee waan jiruuf lubbuu dhiigaa qofaan yaada. Kanaaf falmii baay'isuu irraa kan hafe qoratee fi qoate hubachuu hin dandau. Itti himtus hin galuuf. Arrabnisaa arrabsoodhaan piroofeeseruummaa isaa waan hojjete fakkaata.

➠Mee ilaalaa; erga namni caqasa gaafachuutti ka'ee amantiin laphee namaa keessaa bade. Bara Abrahaam lafa kana irra jiraataa ture kitaabni qulqulluun hin jiru ture. Abrahaam garuu ilmasaa aarsaa dhiyeessuuf caqasa hin gaafanne (Um 22:1-13). Yaaiqoobis yeroo hangafummaa Eesawu irraa fudhate amantii qofaani malee muuxannoo akkasii namarraa fudhate hin qabu; caqasas hin dubbifne (Um 25:31-33.

➠Saaraan waggaa sagaltammaffaa isheetti “Mucaa ni deessi” yemmuu ittiin jedhamu gaaffii hin baayifne, caqasas hin gaafanne(Um 17:16-17). Utuu hara taee Saaraan gaaffii heddu gaafattin sea. Tarii “Eenyufaatu waggaa sagaltamatti dahe;caqasa isaa naaf kenni” jettii laata?

➠Akkuma Saaraan amantiidhaan waggaa sagaltammaaffaa isheetti mucaa argachuudhaan nama jalqabaa taatee(Um 21:2); Qulqulleettin Dubree Maariyaamiinis waggaa kudha shanaffaa isheetti dhiira osoo hin beekin “Ilma Waaqayyoo” Gooftaa Keenya Iyyesuus Kiristoosiin dauudhaan nama jalqabaa fi nama xumuraa taateetti (Luq 1:34; 2:11). Yeroo Ergamichi sagalee gammachuu itti himetti “Akkuma jecha keetii naaf haatau” jettee amantii guutuudhaan waan fudhatteef ulfoofte(Luq 1:38). Kan amaneef hundumtuu ni dandaama(Mar 9:23).

➠Durbee Maariyaamiin nama taatee dhalattee kennaadhaan namarraa adda kan taatedha. Osoo dhiira hin beekin ulfaa'uun ishee kan amantu taanaan, dubrummaadhaan ulfooftee dubrummaadhaan dahuu ishee kan amantu taanaan, nama taatee osoo jirtuu Ilma Waaqayyoo kan deesse ta'uu ishee kan amantu taanaan, wanti isheedhaan raawwatame waan ta'ee hin beeknee fi taatee ajaa'ibaati. Kun hunduu Waaqayyoof waan danda'amuuf Waaqayyo kana isheedhaan raawwate.

➠Waaqni kana isheedhaan raawwate yoo du'aa ishee kaase maaliif gaaffii ta'aa? Waaqayyoof wanti dadhabamu jiraayi? Alaazaariin kan du'aa kaase, Haadhasaa du'aa kaasuu hin danda'uuree? Moo taateen kun Macaafa Qulqulluurratti waan hin caqafamneef amanuun sitti ulfaatee? Maal waa'een dhalachuu isheeyyuu hin caqafamne hoo. Dhalachuun ishee Macaafa Qulqulluu irratti hin barroofne jechuun HIN dhalanne jechuudhaa ree? Qaayel gaafa Abeeliin ajjeese, "Har'aa kaasee joortuun ta'a" jedhe mitii? Namni nama ajjeese joortuu ta'a jedhamee wanti barreeffame tureeraa garuu yerichaa? Waan hundaaf caqasa barbaaddaa taanaan ati utuu jaarraa 15ffaa dura dhalatte ta'ee gara amantiitti hin dhuftu jechuudha. Sababnisaa Macaafni Qulqulluun dhiyeenyuma kana boqonnaa fi lakkoofsaan adda hirame malee duraan akkas hin turre waan ta'eef. Humna Waaqayyootti amanuun garuu guutuu nama taasisa. Dubree Maariyaamiin duaa kaatetti. Isheen Waaqa deesseem. Maal anii fi atuu du'aa ka'uuf jirra hoo .Warri osoo hin argin kan amanan garuu eebbifamootadha(Yoh 20:19).

➠Maarree ati maaliif yeroo “Dubree Maariyaamiin duaa kaatee mirga ilmashee dhaabbattee jirti” jedhan dhiphatta? Waa'ee mataa keetiif hin dhiphattuu? “Anoo mirgasaa nan argadhaa laataa” jettee hin kadhattu?

Sugni haadha keenyaa Duuka Bu`oota irra akkuma bule nurras haa bulu.

Ameen!

Misgaanuu Yaadasaa (Dn)
Finfinnee, 2015 B.A

══•|❀:✧๑♡๑✧❀|: ══╮
            @Kalabhiyahu
            @Kalabhiyahu
╰══•ೋ•✧๑♡๑✧•  ══
Gatiin har'aa geenye
🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱
Callisamee miti jarana
Har'a ga'amuunsaa....!
Guyyaa qofti lakka'ame
Hin dhufne waansaa...!

Akka Warqee sanatti
Ibiddaan waaddamee
Ciigoon sookoo jal'an
Tulluurra furguuggame

Baduu isaa eeguudha
Mataa gad waqaruu...
Kosii sobaa guuranii
Gamoo irratti ijaaru...!

Daddarbaa guddaatu
Ce'eame bira darbame
Akkuma salphaatti miti
Gatiitu_kanfalame.....!
Walaloo code 🔔@wal @000
Ija koon si hin argu
Narra fagoo jirta
Yaadaan na boojitee
mar'immaan koo cirta
Yoomuu si hin dagadhu
guyyaas ta’e halkanii
Maqaan kee mi'aawaa
arrabni kee annani

Otoo akka garaa koo
of bukkeettin si arga
Booka siig budduksee
dhangaammoo siif marqa
Otoon nyaata hin dhabiin
yaada keen huuqqadha
Halkan abjuun ka'ee
suuraa kee dhungadhaa....
Uuuff......
Yaa jireenya kophaa
iddoon kee natti qaawwa
Lookoo morma lawwee
asaasa keen hawwa
Karaan gabaabbatee
tarkaanfadhee hin dhufu
Yaadaaf qalbii buusee
ciisee otoon si suufuu
Onnee burkutooftee
tiruu waraannamte
Maal ta’a amma dhuftee
yoo na yaamte!
🌿🌿🌿🌿🌿
yaada
Walaloo code 🔔@wal @000
Sooraa kakuu haaraa
Ergamaa Gabri'eel
Kan gargarte Ananiyaa
Azaariya Misa'eel
Har'as nuuf kootti
gidduu kan keenyaa
Ati nuuf buusi maaloo
jaalalaf nageenya

Biyyi lafaa dhiphatee
kuno wal dhiphisaa
Sanyiin wal qoodee
hunduu wal faccisaa
Diinni dhaabbatee
Gidduu daba faacasuu
Isa of hammeenyaa ta'ee
jallina barsiisuu
Albee keetin koottu
ati nurraa ifadhuu
Mana keetti jaalalaan
nu waammadhu

Gammachuu baadhuu
gara keenya koottu
Ergamaan nagaa siidha
hunda kan jaalatu
Hunduma keenyaafu
Jaalala kadhadhuu
Kochoo kee jalattii
diinarraa nu tikfadhu
Walaloo code 🔔@19 @Gabr