Walaloo jaalalaa
438 subscribers
21 photos
8 links
Yoo xiqqaate nama 10f isaa oliif share naaf godhaa
Download Telegram
Kan ati beekuu qabdu
Seeraan gad fageessitee
Na bituus hin dandeessu
Gurguruus na geessitee
~
Qarshiidhaan nan madaaltu
An yoomiyyuu qaaliidhaa
Fedhiin kee meeshaa taanaan
Adeemuun kee gaariidhaa
~
Silas..
Qarshiif yoo garaa hirte
Har'aa karaa kee qabda
Utuu qodaan hin dhumin
Barbaacha kee jalqabda
~
Malee yaa nama koo
.
.
.
Galma gabaan fakkaadha
Anaan gaafa na laaltu
Yeroo feete ol seentee
Yeroo feete kan baatu
Abdi
πŸ‘3❀2⚑1
Jireenya ammatu ta'ee
Daawitii garagalaa
Ilkaaniin ittii seeqeen
boowaa keessatti of laala
~
rifeensa koo bareechuuf
Isan harkaan qaqqabe
Daawwitiin jireenyaa koo
Miilla miiccuu jalqabee
~
tarii faallaa naaf ta'aa
Jedheemmoo gaafan boo'u
Kolfa jedhee barreessuun
Jalqabe dubbii foo'uu
~
Qarshii koo lakkaawachaa
Yogguun laalu keessatti
Innimoo baasiin qabuu
Naaf fida tartiibatti
~
kana rakkadheen jedhee
.
Jireenya ammaatu ta'e
Daawitii garagalaa
Ilkaaniin itti seeqeen
Boo'icha koo ilaala
❀5πŸ‘2πŸ’―2
Uumaamnaan akka kee
Argachuun akka koo
Abba fedhe caalaa
Sin jaalla haadha koo
πŸ‘3
An gaafan dubbadhu
Jechatti nan yaada
Situ utuun hubatin
Haasaa keessa fiigee
Dubbachuu barbaada 😑
⚑2
Tiktok koos galtanii follow gochuu dandeessu
❀2
Channel photo updated
Logo bareedaa kana obboleessa koo an baay'ee jaalladhu fetene dereje tu naaf hojjate asumaan chaanalii isaa miiltoo koo ishee dhugaa jedhu subscribe godhaa fii namoonni logo hojjachiifachuu barbaaddanis achuma irratti argachuu dandeessuun
❀3πŸ‘1
Atinaaf...
...
Iddootti qalbiin koo
Boqonnaa argattu
Teessuma lubbuun koo
Aara itti galfattu
~
soora qalbii kootii....
~
burqituu nageenyaa
Dheebuu kan na baastu
Jabaa onnee kootii
Jaalalaan kan raastu
~
bakkee magariisaa
halluu diimaan make
Yaadaan na geejjibnaan
Si barbaachan dhaqe
~
guyyaaman si arge
Lubbuun koo lalise
Daandii jaalalaa irra
Fedhaan balaliise
~
silaas maalan jedha
Jedhus maalan godha
Hangan lubbuun jiru
Baay'een si jaalladha
.
πŸ‘‰1w1L1(10w2L1)2)2w2L7(1w1L6)2)1w2L5 β€πŸ‘ˆ
By abdi
❀6πŸ‘1
https://t.me/quizearnbot/quiz?startapp=22069964453522551
πŸ’ Mother’s Day is coming β€” it’s time to surprise Mom with a thoughtful cash gift!
🎁 Sign up now and get a $10 bonus!
✨ No skills needed · Instant withdrawal
πŸ‘‰ Start now and make this Mother’s Day unforgettable!


Join naa godhaame
Ittiin hin abboomamin
bor sirraa baduuf malaa
akka keessummaa fagoo
biftis si dhiisee galaa
~
akka fixeensa barii
turee sirraa harca'a
biftikee lalisaan sun
guyyaa tokkon manca'a
~
atis ittiin hin quufin...
bifa kee qofa mitii
ofii keeyyuun dhabamtaa
boca kee ittiin of jajjus
wajjiniin awwaalamta
~
garuu.....
gadhees gaariis hojjadhu
amallii kee yoomiyyuu
biyyoodhaa ol jiraataa
yeroo ati biyyoo nyaattus
taa'ee si durii nyaataa
✍✍✍ ABDI
❀2
guyyaa keessaa guyyaani.....

gaafa firri kee hundi
ilkaan sitti qaratu
gaafa roobni midhamaa
mataa keetti haratu
@
gaafa namni haammatte
maddii kee si ciniinu
jira gaafa hiriyaan kee
kolfuu keetti finiinu
@
jiaam gaafa haadhoon kee
gadduu keetti gammadee
gammaduu keetti gaddu
jira gaafa utuun ifin
aduun kee guyyaan baddu
@
guyyaa keessaa guyyaani
jirti guyyaan yartuunii
utuuma garaa laaftuu
sitti yaati hamtuunii
@
tarii bor gaarii baatee
bari'a jettee yaadda
namaa wajjin kolfitee
dhibee galtee aadda
@
madaa kee quba kaa'ee
ilaalaa of dhiiksita
mana galtee qofaa kee
madaa kee kunuunsitaa
@
utuuma sitti ulfaatuu
kokkolfaa wajjin teessa
rakkina kee qofaa kee
ciniinfatteema deessa
@
gaafa sanakaa guyyaan
guyyaa keessaa yarattuu
ofiikee keessa teessee
ofiikee kan baqattuu
@
qofaakee teessee boo'aa
ofiin of jabeessitaa
hir'ina kee dagachuuf
abdiin of jabeessitaa
@
si yaa namaa yaa lafaa
utuu garaa koo laaltee
situ kaasee na baataa
waa'ee koo wal'aaluun kee
bulee garaa si nyaataa
✍✍✍ ABDI
❀3
si jaallannaan hanga dhumaa
jibbinaan funyaanin qabadhaa
atillee cidiidhaa
qaanqee baadheen beekaa si baqadhaa
✍abdi
❀5
namni 15 qofti start naaf godhaa please πŸ™πŸ™πŸ™ ofiis itti fayyadamaa taatuu
addunyaan kun tokkoof faallaa
tokkoof qajeellataa
kaan qamadii facaasee
cirracha haammata
@
kaan kolfa si affeeree
awwaara gurshita
tokkotti gadditee
kaan dhagaan gugsita
jaallattee miti qocaan
dhagaa duudaa kan baattu
si dagachuun salphaadha
hagas maran ulfaattuu
❀4
galuuf yoo murteessite
saaqxee onnee koo keessaa
amman du'ee baduttii
adabatteetu teessa
-
deemuuf yoo garaa hirtes
har'a karaa kee qabda
utuu laftin fagaatin
imala kee jalqabdaa
-
malee
-
galma gabaan fakkaadhaa
teessee gaafa na laaltu
yeroo feete ol seentee
yeroo feete kan baatu

✍abdi
❀7