Walitti gaarrifannaan Ameerikaa fi Iraan jiddutti hammaataa dhufe baha jiddu galaa keessatti sodaa guddaa uumee jira
Odeeyfannoo #Nuuralhudaa
January 4, 2020
Ameerikaan Jum’aa kaleessaa ajajaa ol’aanaa waraanaa Iiraan Jeneraal Qaasim Suleeymani Baagdaad keessatti eega ajjeeftee booda, baha jiddu galaa keessatti sodaan hamaan kan uumame tahuu odeeyfannoon ni addeessa. Keessumattuu Iiraan ajjeechaa komaandara waraana isii irratti raawwatame haaloo kan baatu tahuu akkuma ibsiteen, Ameerikaanis waraana isii naannichatti argamu cimsuuf loltoota 3000 dabalataan gara baha jiddu galaatti ergitee jirti. Dabalataanis lammiileen isiitis Iiraaq keessa akka bahan akeekkachiste.
Haaluma wal fakkaatuun, sodaa lolaa naannichatti hammaataa dhufe hordofuun dhaabbilee fi biyyoonni tokko tokko lammiilee isaanii baha jiddu galaatti argaman akeekkachiisaa jiran. Haaluma kanaan Bahreeyin fi Urduun lammiileen isaanii gara Iraan fi Iraaq akka hin imalle, akkasumas kanneen kanaan dura biyyoota lamaan keessa jiranis hatattamaan gara biyyaatti akka deebi’an akeekkachiisan. Briteen, Faransaay, Jerman dabalatee biyyoonni heddu lammiileen isaanii baha jiddu galaa keessa jiran of eggannoo cimaa akka godhan akeekkachiisaa jiran.
Qondaaltonni Israa’el gama isaaniitiin Iraan karaa hidhattoota Hizbolaah fi kanneen birootiin Israa’el irratti haloo bahuu malti soda jedhuun, waraanni biyyatti of eeggannoo cimaa irra akka turu ajajanii jiran.
Bulchiinsi Dhaabbata Aviyeeshiinii Fedraala Ameerikaa ammoo Daandiiwwan Xiyyaarota biyyattii sochii baha jiddu galaa keessatti geggeessan ilaalchisee, of eeggannoo dabalataa akka godhan yoo akeekkachiisu, dhaabbanni Exxon Mobil jedhamu ammoo hojjattota biyyoota alaa dirree oomishaa boba’aa Iraaq keessatti bobbaasee ture biyyattii baasee jira.
#Iiraan #Ameerikaa

Iraan haleellaan ganama har’aa buufataalee waraana Ameerikaa irratti raawwatte gahaa miti jette
Odeeyfannoo #Nuuralhudaa
January 8, 2020
Iiraan haleellaa ganama har’aa buufataalee waraana Ameerikaa lama irratti raawwattee ilaalchisee ibsa kenniteen, tarkaanfiin haaloo bahuu kun gahaa miti jette. Hogganaan ol’aanaan biyyatti Ayatollah Ali Khomini ibsa gama Televizhiinaatiin kenneen, “haleellaa ganama har’aa buufata waranaa Ameerikaa iraaq keessatti argamu irratti fudhatameen, Ameerikaa fuula keessa kaballee jirra” jedhe. Ali Khomini tarkaanfiin kun gahaa akka hin tahin ibsuun, hanga waraanni Ameerikaa baha jiddu galeessaa keessaa bahutti humni waraana Iraan tarkaanfii kana irra cimaa ni fudhata jechuun dhaadate.
Haaluma wal fakkaatuun Waraanni Eeggumsa Rippaalikii Iraan IRG jedhamu ibsa baaseen, Ameerikaan haleellaa ganama kanaa haaloo bahuuf yoo kan yaaltu tahe, magaalota biyyoota michuu Ameerikaa naannichatti argaman kan rukutu tahuu akeekkachiise. Akeekkachiisni gama Ejensii Odeeyfannoo Iiraan IRNA jedhamuutiin bahe kun, “biyyoonni michuu Ameerikaa naannichatti argamtan Iiraan akka rukutamtu buufataalee biyya keessanii yoo kan hayyamtan tahe, adabbii cimaatu isin eeggata” jedhe. Dabalataanis waraanni Iiraan magaalaa Emreets, Dubaayi fi magaalaa Israa’el Haifa jedhamtu kan rukutuu malu tahuu akeekkachiise.
Gama biraatiin ammoo waajjirri Ittisa Ameerikaa Iiraan buufataalee waraana isii Misaa’ila Baalastikiin haleeluu kan mirkaneesse yoo tahu, midhaa dhaqqabe ilaalchisee hanga ammaatti wanti ibsame hin jiru. Prezdaant Traamp dhimmicha irratti Arba’aa har’aa ibsa ni kenna jedhamee eeggama.
Odeeyfannoo birootiin ammoo Xiyyarri Yukreen tokko ganama har’aa qarqara magaalaa guddoo Iraan keessatti kufuun lubbuun nama 176 kan dabre tahuun beekamee jira. Iiraan xiyyaarichi buufata magaalaa Tehraan irraa eega ka’ee booda rakkoo teeknikaatiin kufuu ibsite. Yukreen gama isitiin sababni balaa kanaa gadi fageenyaan kan qoratamu tahuu beeksiste.

Ameerikaa fi Xaalibaan raawwii walii galtee dhukaasa dhaabuu jalqabuu beeksisan
Odeeyfannoo #Nuuralhudaa
February 21, 2020
Ameerikaa fi Xaalibaan ibsa baasaniin akka jedhanitti, Gamtaan Waraana NATO Ameerikaan durfamu, gareen Xaalibaan fi humni waraana Afgaanistaan, raawwii dhukaasa dhaabuu guuyyoota torbaaf turu har’a irraa kan jalqaban tahuu beeksisan. Ministeerri haajaa alaa Ameerikaa Maayik Pompiyoo Jum’aa har’aa ibsa kenneen, “walii galteen dhukaasa dhaabuu kun yoo kan milkaayu tahe, Ameerikaa fi Xaalibaan marii nageenyaa kanaan dura geggeessaa turan goolabuuf, February 29/2020 sanadii walii galtee xumuraa ni mallatteessan” jedhe.
Dubbi himaan Xaalibaan Zabihullaah Mujaahid gama isaatiin, raawwiin dhukaasa dhaabuu kun har’a jalqabamuu mirkaneessuun, sanadii walii galtee xumuraa malleetteessuf gama lamaan irraa qondaaltonni ol’aanoon affeeramuu beeksise. Gareen Xaalibaan kanaan dura mootummaa Afgaanistaan bulchaa jiru waliin gonkuma mariif kan hin teenne tahuu ibsaa ture. Haata’u malee ibsa guyyaa har’aa kanaan, waliigalteen xumura Ameerikaa waliin eega mallatteeffamee booda, qaamota siyaasaa Afgaanistaan hunda waliinuu mari’achuuf qophii tahuus beeksise.
Akkaataa yaadameen raawwiin dhukaasa dhaabuu fi sirni mallattoo waliigaltee xumuraa yoo kan milkaahu tahe, loltoonni Ameerikaa 14,000 fi loltoonni biyyoota miseensa NATO 17,000 Afgaanistaan keessaa kan bahan yoo tahu, gareen Xaalibaan gama isaatiin hidhattoonni biyyoota biroo biyyatti dawoo akka hin godhanne itti gaafatamummaa kan fudhatu tahuu ibsame.
Lola Ameerikaa fi michuuwwan isii mootummaa Afgaanistaan waliin tahuun, Xaalibaan irratti waggoota 18 ol geggeessaa turaniin, lamiileen Afgaanistaan 34,000 ol ajjeeffamuu fi 100,000 ol ammoo madaayuu gabaasni UN ni addeessa.
#Afgaanistaan #Xaalibaan #Ameerikaa

Breaking News: Ameerikaa fi Xaalibaan sanadii wali galtee marii nageenyaa kan xumuraa mallatteessan
Odeeyfannoo #Nuuralhudaa
February 29, 2020
Xaalibaan fi Ameerikaa marii nageenyaa yeroo dheeraaf Qaxar magaalaa Dohaa keessatti geggeessaa kan turan yoo tahu, har’a February 29, 2020 lola Afgaanistaan keessatti waggaa 18 oliif geggeeffamaa jiru dhaabuf walii galtee mallatteessan. Sirna mallattoo magaalaa Dohaa keessaatti har’a geggeeffame kana irratti Ministeera haajaa alaa Ameerikaa fi Garee Xaalibaan irraa qondaaltonni olaanoon irrati hirmaatanii jiru. Haaluma wal fakkaatuun qondaaltota mootummaa Afgaanistaan dabalatee bakkaa buutonni biyyoota hedduu, akkasumas UN dabalatee hoggantoonni dhaabbilee idil addunyaa sirna mallattoo walii galtee seena qabeessa jedhame kana irratti argamanii jiran.
Gareen Xaalibaan kanaan dura mootummaa Afgaanistaan bulchaa jiru waliin gonkuma mariif kan hin teenne tahuu ibsaa ture. Haata’u malee torbee dabre waliigalteen xumuraa Ameerikaa waliin eega mallatteeffamee booda, qaamota siyaasaa Afgaanistaan hunda waliinuu mari’achuuf qophii tahuus beeksise. Haaluma kanaan mootummaa fi xaalibaan jiddutti wal amantaa uumuudhaaf jalqaba hidhamtoota dabarsanii walii kennuu irratti mari’achuuf gamanumaa sochiin kan jalqabame tahuu odeeyfannoon ni addeessa.
Gama biraatiin ammoo dhimmi ijoon sanadii walii galtee Ameerikaa fi Xaalibaan mallatteessan kana keessatti hammatame, loltoonni Ameerikaa 14,000 fi loltoonni biyyoota miseensa NATO 17,000 Afgaanistaan keessaa kan bahan yoo tahu, gareen Xaalibaan gama isaatiin hidhattoonni biyyoota biroo biyyatti dawoo akka hin godhanne itti gaafatamummaa kan fudhatu tahuu ibsame.
Lola Ameerikaa fi michuuwwan isii mootummaa Afgaanistaan waliin tahuun, Xaalibaan irratti waggoota 18 ol geggeessaa turaniin, lamiileen Afgaanistaan 34,000 ol ajjeeffamuu fi 100,000 ol ammoo madaayuu gabaasni UN ni addeessa.
#Afgaanistaan #Xaalibaan #Ameerikaa
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
@waislaama1join

#AMEERIKAA COVID-19 Ameerikaatti guyyaatti lakkoofsi namoota dhibee Covid-19n du'aanii galmee addunyaa cabse.
Odeeffannoo #waaislaama1 April 8/2020
Guyyaa tokko qofa keessatti lakkoofsi namoota Ameerikaatti koroonaavaayirasiin du'aanii 1,736 qaqqabe. Waliigalatti namoonni du'an 12,722tti ol guddate jedha ragaan Yunvarsiitii Hopkiins irraa argame.
Ameerikaatti namoonni 240,000 weerara vaayirasichaan lubbuu dhabuu jedhamee akka tilmaamamu koree addaa Pirezedant Tiraamp hundeessan kan himeera.
Maddi odeeffannoo BBC.
👇👇👇👇👇
@waislaama1