Waa islaamaa islamic post
1.13K subscribers
1.61K photos
80 videos
3 files
432 links
#(chanel waa islaama)#
Argama (location ) bale-robe
#KAAYYOO#
1,Odeeffannoo waaltawaa qaqqabsiisu
2, Seenaa gaggabaabaa Wal barsiisuu
3, Beekkumsa walii galaa fi kkf fedhii rabbiitiin isin biraan geenna.
t.me/waislaama1
Download Telegram
Faawundeeshiniin waa islaamaa guyyaa kaleessaa harka qalleeyyii 80 oliif deeggarsaa taasise  deeggarsi kun marsaa 7ffa yammuu ta'uu Faawundeeshiniichi kana duras Waggoota torban dabraan rakkataa naannoo wantootaa garagaraatiin garagaaraa turuun isaa ni beekkama
🔥4
#Gaazaa 🇵🇸

Gazaza keessatti baatii February dabre qofa keessa daa’imman 3000 akka dhalatan galmeeffameera, miidiyaan biyyattii gabaasee jira.
Alhamdulillaah.
Muslimoonni 3000 yoo ajjeefaman, halkanuma san keessa 30000 dhalatee bula, Rabbiin nuuf haa baay’isu.
Ministeera biyyaa kan Gaazaa irraa..!!
FAANA SEENAA KEESSAA MAAL QABNA
--------------------------------------------
🌱Har'as waggaa Kumaatama of duuba si deebise Waa si yaadachiisa .
💎Gaafas Islaamumman Har'a Miseensa Bil. 2f walakkaa ol Horatte tun hagana hin geettu .
💎Humnii fi Guddinni Har'aa Kun Jiru .
💎 Taankii fi Boombii Hiriirsanii Dhukaasuun kun hin jiru .
💎Dandeettii fi Qophiin lolaa Har'aa Kun hin jiru .
♦️Mirgaa bakka fedhan jiraachuu hin jiru .
💎 Jabaan laafaan ukkaamsee jiraachuun isaan biratti waan guddaa miti .
💎 Gabrummaan isaan keessatti Bifa godhatte .
🏮Rakkoo fi Lola sabummaa Wal xaxaa kana keessatti ifaan islaamumma Mul'ate .
♦️Nabi Muhammadiin ergamaa xummuraa Ta'anii ergaman .
🔮Ergaan Islaamummaa Kun dhufnaan ...
♦️Yaadaa fi ilaalchi haaraa ija Nama hedduu Boojite .
📌Kuun yaadaan kuun gochaan simate .
📌Ka waa jedhu jedhee ka waa godhu godhe .
♦️Ka Diinaa Barakaa dhabee Ka Diinii Barakaa Godhate .
♦️Waan dur hin qabne hedduu argate .
📌Kalema Nama tokkoo ka'ee Torbee osoon guutin Nama 7 ta'e .
📍gaafas irraa eegale jabinaan, Ciminaan, Tokkummaan ol ka'e .
🔴Guyyaa guyyatti Mul'achaa , Guddachaa , Ajandaa Yeroo Ta'e .
📍Faanti keyrii fi sharrii hundi gara isii ta'e.
📍Ka danda'an miidhaa , Tumaa, Ari'aa Hidhaan Bakka hunda ga'e .
🏺Kaan sobaa Kaan sodaachisaa , jaarsummaa jedha wanni hedduu ta'e .
🏺Yeroo kana Hunda Islaamumma Guddachuun, Dagaaguun Diinatti yaaddoo ta'e.
🏺Guyyaan As Deemaa Hundi ka Rakkoo fi Tumaa Ta'e .
🏓Guddaan biyyi qabdu islaamumma fudhataa dhufnaan Jabaataa Mul'acha dhufe .
🏓Rasuullis Daaw'aa ol qabnaan Oduun Gabaa hunda ga'e.
🏓Naggaadee shaamiin deemtuuf galtu biraatti Oduu karaa ta'e.
🧶Gaafas Tumamaa seenaa hojjatan .
🧶Gaafas Ari'amaa seenaa hojjatan .
🧶Gaafas Hidhamaa seenaa hojjatan .
🧶Takkaa Taankiin fi Boombiin hin lolle .
🔴Uffatanii Dibatanii raahaa hin goone .
📌Biddeena garbuu nyaatanii hin Quufne .
📌Oo'aaf qorra Jalaa hin boqanne .
📌Kuun fuularraa faana imimmaanii qaba .
📌Kuun duydaa fi Qomarraa faana Miidhamaa qaba .
💎 Dhahaa fi Waraana hedduun Gadaannisa itti ta'e .
⚱️Hundayyuu Qaama isaanii irraa faana Wareegamaattu Mul'ata.
🔴Yeroo Hundaa Wareegama kafaluuf Qophaayaa jiraatan .
🔴Rakkoo keessa taa'aa Seenaa Rakkoo Fure nuun gahan .
📍Beelahaa Beela nu baasan .
⚱️Namummaan Dhugaa isaan biraatti hafte .
🔴Dubartiin takka imaamu Ahmadiin Ani hojiin kiyya Uffata dhahee gurguraa .
♦️Manni Koo Gamoo Mootummaa Bira jiraa
ifaa Halkan Waraanni ibsee naannoo eeguun Shaamaa kiyya dhaamse ifaa isaaniitiin Yoo Hojjadhe Rabbi na gaafataa ... jetteen
🎯Haqa tiisuu isaanii Akkasitti nuu ibsan .
📿waa'ee isaanii Kitaabni Miliyeenni Keessaa bahu hin dandeenne .
💎 Umariin Qofa Ibsuuf Kitaaba Mujallada itti kaayan.
📿Islaamummaa Cuunfanii Xurii keessa fixanii nuu Kennan sana Har'a Dhoqqee goone .
📿Har'a Osoo ka'anii nu laalanii
💎Sila nu booda Nama لا إله الا الله tti Taphatutu dhufee jedhan .
♂️Nama Ifaajee teenna Dhoqqee dibetu dhufee jedhan.
♂️Hin gammadan ni gaddu malee .
♦️Nuun hin boonan nuu booyan malee .
♂️islaamummaa dhiiga itti tufanii nuun gahan
⚱️Bulleessinee Balleessine .
🧵Sahaabaan Tokko Handalaa jedhama ...
⚱️Waan Ittiin fuudhu dhabee usmaan kenneef .
⚱️uffataa fi Waan mahrii Qopheeffadha jedhee Gabaa bahe .
🔮Uffataa Nikaahaa Osoo barbaadu.
🔮Oduu Rasuulli bor Duula Deemuufi Qophaayaa jedhanii lallaban dhagaye .
🔮Handalaan Uffata dhiisee Eboofi Wantee bitatee gale jedhan .
🧶ilaali Mee seenaan sarara 6 qofti akkatti isaan ibsu .
💎Siin hoo maal Jenna .
🧶Seenaa KEESSAA MAAL qabda .
🧶ibaadaan Akkami salaataaf soomni ....
💎Homaa hin Jennu jettaa.
🔮isaan Ramadaanaaf Jiini 6 Yeroo hafu urgaan itti dhaha .
♦️Nu Ramadaana Haguma fixnuuf jarjarra
💎Waan Dhiirtii qabdee 20 deebifne Jenna .
🏮Ji'a 1 booda Hajjitu Dhufaa jira .
🏮warri Hajjii deemu Jecha wahii qaban
Ibsa zakaa fixriitiin wal qabatu, kan gamtaan Ulamaa’a Itoophiyaa baase, ji’a Ramadaanaa bara 1447H / 2026GC.

Wantoota zakaan fixrii irraa bayuu fi hamma nama tokkorraa bayu:

Boqqollaa =2.5KG
Qamadii =2.5KG
Garbuu =2.5KG
Xaafii =2.5KG
Daakuu =2KG
Ruuza =2.6KG
Maashillaa =2.25KG

Yeroon isaa guyyaa Iidaa salaata dura, ykn guyyaa tokkoo fi lama dursanii yoo baasanis rakkoo hin qabu.

Zakaan kun ummata muslimaa hundarratti dirqama, guddaa, xiqqaa, dhiira, shamara, bilisaa fi gabra irraallee ni baya.

Namni kennamuuf ammo namoota gosa 8 suuraa baqaraa aayata 60ffaa irratti dubbatameera.
2
🕌
Masjiidni Al-Aqsaa erga zaalimtootaan cufamee hardhan wajjiin guyyoota 18 guuteera...

Al-Aqsa, iddoo Imala Israa’aa fi Mi’iraaja Nabiyyii keenyaati (SAW), Qibla lamaan keessaa isa jalqabaa, fi bakka kabajaa fi qulqulluu Islaamaa isa sadaffaadha.

Yaa saba biliyoona tokkoo... callisuun kun hanga yoomiitti laata?

Al-Aqsaan hanga yoomiitti cufamee, mooraa isaa xuraa'ee, qulqullummaan isaa sarbama?

Al-Aqsaan oduu darbaa miti, dhimma dagatamuus miti.

Aqiidaa onnee keenya keessaati; amaanaa fi Imaanaa morma keenyarratti kaahamaeedha.

Yaa Allaah ergaa dabarsinee jirra... Yaa Allaah Ragaa naaf ba'i.

Gabroottan kee cunqurfamtootaaf injifannoo, Al-Aqsaaf yeroo dhiyootti birmannaa nuuf kenni.
Imimmaan Dhoksaa 🫵
Imimmaan Dhoksaa

Masjida Al-Haram keessa yoo naannoftu utubaa jalatti namoota akkanaa argitan,warra gumguma namni hin dhageenye,kan garuu aaduun du’aa’ii isaa arshitti dhagahamu!

Imimmaan ija ummataa jalaa dhokatee dhangala’u sun, gadda osoo hin taane, jaalala kophummaa keessatti RAHMAAN waliin qabaniidha. Ati utubaa jala dhokatee kan booyu sitti fakkaata, inni garuu balbala samii rukutaa jira.

Imimmaan iccitii utubaa Masjidaa duubatti lola’u, iyya lafa irratti hin dhaga’amne garuu Arshii biratti deebii qabuudha. Namni uummata keessaa dhokatee Rabbitti booyu, addunyaa of harkaa qaba.

• Qabeenya Hin Mul'anne

Rabbiin gabrootta isaa warra jaallatu uummata keessa dhoksee qaba. Huccuu isaanii irraa utuu hin taane, amala fi gadi-of-qabummaa isaanii irraan isaan beekta. Isaan warra lafa irratti hin beekamne, garuu samii keessatti maqaan isaanii guyyaan dubbatama!

• Yeroo ati namoota jalaa dhokattee Rabbitti waa himattu, ati hiyyeessaa miti; ati hunda caalaa sooreessa. Sababni isaas, ati kan kadhattu sana malee homaa akka hin qabne mirkaneessiteetta. Gaafa kana ati waan hunda qabda!
Dhugumatti, Rabbiin gabroota isaa warra akkasii gidduu keenya facaasee qaba.

• War**aana Dhokatee Dhahu

Namoota ijaan yoo laalan laafaa fakkaatan,yoo harkaan qaban harki isaanii huqqina irraa nama hooqu,kan garuu YAA RABBI yoo jedhan “ Maal feeta !?” Kan RABBIIN jedhutu nu keessa jira,nama isa tuquun jiruun keenya barbadaa’utu jira!

Waraa**na dhokatee dhahu RABBIIN nu keessaa qaba,eenyuun akka nyaatamtu hin beektu of eeggataa wal eeggataa haa jiraannuun dhaamsa Halkan Ramadaana 29ffaati.
Yaa Allaah Ummah keenya nuuf tiksi, gaaddisa kee jalatti nu tokkoomsi, araarama nuuf godhi ❤️ 🩹 🤲🏽
Dogongoroota guyyaa Iidaa keessaa qabxiilee 50 ol inshallaah:

1) Qaama dhiqachuu dhabuu,..🔠
Guyyaa sana qaama dhiqachuun ni jaalatama.✔️
2) Uaffata bareedaa uffachuu dhabuu,…
Rasuulli ( SAW) guyyaa Iidaa uffata bareeda uffatan.
3) Osoo Iidaaf hin baane dura timira nyaachuu dhabuu…
Iidaaf osoon baane osoo timira sadihis taatee afaaniin waa qabuu qaba…garuu Iida Adhaa irratti salaata booda faxxaruu qaba.
4) Karama bahe sanaan demee deebi’uu
Rasuulli (SAW) guyyaa Iidaa karaa wal faallessa✔️
5) Miilaan deemuu dhiisee, uzrii tokko malee yaabbiidhaan deemuu
Guyyaa Iidaa dirree Iidaa miilaan deemuun Sunnaa Rasuulaati…✔️
6) Takbiiraa jechuu dhabuu🔠
Seensa aduu galgala xumura Ramadaanaa irraa hanga salaata Iidaatti Takbiiraa jechuu qabna.
7) Halkan Iidaa sana Ibaadaa addaatiin dabarsuu ykn Halkan Iidaa kabajuu 🔠
Salaanni halkan Iidaa qofa addatti salaatamu ykn Du’aa’iin addatti godhamu hin jiru.
8) Afaaniin caldhiseetuma dirree Iidaa deemuu 🔠
Sagalee kee ol kaastee Rabbiin guddisaa deemuu qabda.
9) Takbiiraa dheeraa takkaa fi Salawaata jechuu..
Fkn : Allaahu akbar Kabira, wal hamdu lillaahi kasirraa, wa subhanallahi bukratan wa asiilaa….laa ilaaha illallaahu wahdah Sadaqa wa’adah; wanasara Abdah….( ) hadiisa keessa hin jiru.
Allaahumma salli Alaa sayyidiinaa Muhammad…wa Alaa azwaaji sayyidinaa Muhammad 😂 hin jiru kunis..
10) Salaanni Iidaa sunnaadha jedhee salaatuu dhiisuu
Salaanni Iidaa dubaraa fi dhiirarrattis waajiba…hayyoonni Islaamaa gurguddoon hunduu karama kanarra jiran.
Salaanni Iidaa waajiba..
11) Salaata Iidaaf azaanee Iqaamuu
Salaanni Iidaa azaanaa fi Iqaamaas hin qabu.
12) Takbiiraan bakka tokko waliin jedhan ykn wal jalaa qaban takka hoo ( Yellem).
Hunduu mataa isaatii Takbiiraa jedha malee kan biraa hin dhageeffatu
13) Iida dura ykn booda salaata sunnaa salaatuu..

Iidni duraa fi duubaanis sunnaa wahiitiun qabu.✔️
14) Hanga Iidni gahuuf 🎤 microphone daqiiqaa muraasaaf qur’aana qara’uu
15) Imaama duubaan namni jiru Takbiraan sagalee ol fuudhee dhageessisuu

Takbiiraa kan ol fuudhee dhageessisu imaama qofa kuun sagalee isaa gadi qabachuu qaba wayta takbiiraa..!
16) Khuxbaa Iidaa akka Khuxbaa Jum’aa lama godhuu…gidduu teessuma boqonnaa taa’ee ka’ee itti xumuruu
Hadiisni akkas jedhu da’iifa.
17) Khuxbaa Iidaa Takbiiraan eegaluun tokkos jira…

Rasuulli (SAW) Khuxbaa isaa hundaa Alhamdulillaah jechuun Khuxbaa isaa bareedduu sanaan eegala…kan Takbiiraa kana keessan jirru.
18) Osoo Khuxbaatti jiru gidduun Ammas Takbiiraa kan Imaamni jedhu sunis hin jiru..!

Hadiisni isaan Ragaaf fayyadaman bututaadha…!!
19ffaa:

Itti fufa Inshallaah
Share godhaa 👇
https://t.me/waislaama1
2
Channel photo updated
Takbiiraa iidaa Ajaa'ibaa ...Affeeramaa
Bagaa ayyaana iidal fixr kan bara 1447 nagaayaan geessaan kabajamtootaa maatiwwan waa islaamaa akkasumas hordoftoota amantaa islaamaa guutuun.
seenaa keessatti yeroo jalqabaatiif guutuu Ameerikaa (United States) tti Muslimoonni kuma 100,000 ol walitti qabamanii yeroo tokkotti salaata Iidaa salaatan.

Kun lakkoofsa qofa osoo hin taane - mallattoo ciminaa fi guddina amantaa Islaamaa mul'isa. Biyyoota Islaamummaan saffisaan keessatti guddachaa jirtu keessaa Ameerikaan ishee tokko dha.

Allahu Akbar ❤️
7