Wabii Sanyii
6.74K subscribers
854 photos
26 videos
55 files
961 links
Namni waan danda'uun nama
gargaaru doqna hin jedhamu
Download Telegram
Ministeera Barnootaa; Qormaata #online_exit qormaata yunivarsiitiiwwan ji'a July keessa gaggeeffamuuf kompiitaroonni 30,000 qophaa'uu isaanii beeksiseera.

Ministirri kun; Qophiin qormaata seensaa barattoota digirii jalqabaa dhaabbilee barnoota olaanoo kuma 240 ol xumuramuu ibsaniiru.

Barattoonni qormaata seensaa yuunivarsiitii hin darbine digriin waan hin badhaafamneef, barattoonni qormaata kanaaf akka hin qophoofne gorsina.

Qormaanni ji'a July keessa gaggeeffamu dura dhuma baatii Caamsaa irratti qormaanni fakkeessaa akka kennamu ibsameera.

Ministirri kun; Qormaata kana toora interneetii irratti kennuunis gowwoomsaa ittisuuf, baasii waraqaa fi ergaa hir'isuuf akka gargaaru himaniiru.

Ministirri kun tokkoon tokkoon damee qo'annootiin koorsii 15 ol qormaata kanaaf qophaa'uu ibsuun, "Bu'aan qormaataa toora interneetii irratti kan ifoomu yoo ta'u, iccitiin isaas ni eegama" jedhan.

Barattoonni qormaata kana hin dabarre irra deddeebiin daangaa malee qormaata fudhachuuf carraa akka argatan Ministeerri Barnootaa yaadachiiseera.

Dhaabbileen barnoota olaanoo hundi wiirtuu qormaataa akka ta’an beeksifameera.

#IBCO tu gabaase

Odeeffanno bal'aa akkuma arganneen kan isin biraan geennu ta'a. #Follow gochuun nu hordofaa

βœ…Telegiraamii βž²πŸ‘‡πŸ‘‡ https://t.me/+b6AsjQ-8WLRiM2E8

Fb page πŸ‘‡πŸ‘‡https://www.facebook.com/100011115710032/posts/1918534115193760/