Wabii Sanyii
6.77K subscribers
853 photos
26 videos
55 files
961 links
Namni waan danda'uun nama
gargaaru doqna hin jedhamu
Download Telegram
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
#Congratulations my beloved #Partner. "Your positive attitude and resilience make me proud to have you as my Partner.”

I achieved Costa Toscana Cruise Tour travel achievers Dubai, Moscow, Doha, Abudabi @segnigudeta
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
Gaafa waan haaraa eegaltu..!.

Dhugaan ati beekuu qabdu, yeroo ati waan haaraa eegaltu, namni si deeggaru muraasa yookiin dhabamuu danda'a. Wanti kun hin fayyaduu, ni ulfaataa, miidhaa qaba, karaan kun sirrii miti, siif hin milkaa'u jedhanii sitti iyyu. Sababni isaa ofiif sammuu waan ati hojjechuuf kaate hojiitti hiikuu miti yaada isaayyuu hin qabani. Inumaayyuu akka ofiitti waan si ilaalaniif waan isaaniif hin danda'amneef atillee waan hin dandeenye isaanitti fakkaata.

Inni kan biraan namni hedduun duubakee ilaalee, kufaatii kaleessa si muudate, qabeenyaafi fira kee ilaalee waan si tuffatuuf akka ati homaa hin dandeenyetti si tilmaamu. Gaafa waan haaraa eegaltu kun sin muudatu taanaan, wanti ati eegalte haaraa miti jechuudha.

Wanti haaraan gaafa eegalamu, namoonni muraasni si hubatu, hedduun si jalaa callisu. Warri biroon immoo si qeequ, abdii si kutachiisuuf watwaatu.

Maarree sammuun kee gabrummaa jala jira taanaan hin dandeessu yoo jedhee dhibaa'aan mogolee si buusu harka marattee teessa yoo ta'e eessaan waan haaraa hojjettee milkooftaa? Kara kamiinis gulantaafi ejjennaa isa gara mul'ata kaayyatteetti si geessuu deemtaa? Akkamiin kaayyoo kee galman geessee seenaa kee galmeeffatta?

Lafa kanarratti waan ofiikee yaadde gaarii fi qajeelaa taanaan namni ni dandeessaafi hin dandeessu jedheef osoo hin taane, waan ofiif nan danda'a jette hojjedhu. Waa'ee keef ragaan si caalu hin jiru. Waan hojjechuu dandeessu kan beeku oollaakee osoo hin taane si mataa keeti. Eeyyee ati galma gahuuf murtee kee malee wacni nama biraa homaa si hin fayyadu.
Kanaafuu harka namaa ilaaltee raafamuu irra kutannoon gara yaaddetti imaluu siif wayya.

Warri gaafa waa eegaltu si tuffataniifi si jalaa callisan warra si deeggaran caalaa si hordofu. Yoo kufte sitti qoosuuf afaan bananii si eegu. Gaafa ati waan yaadde milkiin raawwatte, warri callises, warri hin dandeessu jedhes, warri jaaadhu ni dandeessa jedhes, hunduu harka siif reeba.

Gaaf sana naannoonkee jajuun marfama. Weedduun gara dhaba. Si qofaatu addunyaaf jira siin jedhu. "Hayyuu, beekaa, goota..... "jedhee namni hundi si waliin dhaabbachuuf kaata. Kun hunduu soba, fakkeessaadha, goyyoomsaafi raffisaadha.

Gaafa dura mogolee si buusuuf deemanis ofin jibbin, gaafa yaa'iin ba'ee si weeddisus sittin hoo'in. Hojiikee hojjedhu. Hin raafamin. Waan xiqqootti quuftee hin rafinis.

https://www.facebook.com/100070669717820/posts/376062158092772/?mibextid=eimWu5Utm3dJgHwj
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
#Jireenya ofii keessatti yeroo hedduu addaa addummaa kan uumu #carraa argatanitti fayyadamuu fi fayyadamuu dhiisuudha. Carraan aduu miti naanna'ee dhufuu dhiisuu danda'a jijjiirama jireenya dinagdee keessatti wanti hundumtuu xiqqaa irraa jalqaba. Kanafuu xiqqoo irraa ka'uun hin sodaatamus hin saalfatamus Dr. Gutu Tesso

Namoonni baay'ee gaafa carraa waliin hojjanna kennituuf osoo Sookoo fi soorgoo itti baasan carraa jaala darba, guyyaa ati milkaa’uu eegaltu moo........!


Gaafa waan haaraa eegaltu..!.

Dhugaan ati beekuu qabdu, yeroo ati waan haaraa eegaltu, namni si deeggaru muraasa yookiin dhabamuu danda'a. Wanti kun hin fayyaduu, ni ulfaataa, miidhaa qaba, karaan kun sirrii miti, siif hin milkaa'u jedhanii sitti iyyu. Sababni isaa ofiif sammuu waan ati hojjechuuf kaate hojiitti hiikuu miti yaada isaayyuu hin qabani.

Inumaayyuu akka ofiitti waan si ilaalaniif waan isaaniif hin danda'amneef atillee waan hin dandeenye isaanitti fakkaata.
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
Beeksisa Qaxarrii

Biiroon Barnoota Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee qaxarriifi jijjiirraan Barsiisota 475 dorgomsiisee qaxaruu barbaada.

Waliif qooduu hin dagatiinaa!
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
#GUFUULEE_MILKAA'INAA

1. Ofittummaa
2. Sodaa kufaatii
3. Karoora qabatamaa qabaachuu dhabuu
4. Galmaawwan beekkamoo qabaachuu dhabuu
5. Jijjiirama haala jireenyaa
6. Waan har'a hojjechuu dandeenyu yeroo biraatti dabarsuu
7. Hanqina karoora/qarshii
8. Itti gaafatamummaa maatii
9. Waan tokko irratti xiyyeefachuu dhabuu
10. Faayidaa yeroof jennee mul'ata ykn kaayyoo keenya dagachuu
11. Qofaa keenya hedduu hojjechuu
12. Humna ofii ol yaaduu
13. Kutannoo qabaachuu dhabuu
14. Leenjii barbaachisaa qabaachuu dhabuu
15. Obsa dhabuu
16. Filannoo beekkama ykn qabatamaa dhabuu

Waliif #Share godha Galatoomaa!🙏
Audio
#Namni kamiyyuu Share gochuun ijoolleen keenya waan akkasii irraa of eeggannoo akka godhanni aadara. Hattuun tooftaalee adda addaa fayyadamuu namoota irraa qarshii gurraa jirruu.

Walii dubbii.

Wiixtata ganama sa'a 2:30 Irratti Boolee Airport irraa siif bilbila meeshalee biyyaa ala dhufe jirra akka fuudhatu, Eessaa akkamitti eenyuu erge gaafii koo ture.

UK irraa siif ergaame qarshii ittiin Delivers ta'ee qarshii 20,000 dursaa kanfaltee fuudhachuu dandeessa jette. Aja'ibaa kootuu nyaata jedhe abbaa laataa...?

Odeeffannoo guutuu bilbila, Account, teessoo isaanii qamaa #Seeraa dabrsee keene jirraa namonni akkasii irratti tarkaanfii seeraa fuudhatamuu qaba.
Audio
#Namni kamiyyuu Share gochuun ijoolleen keenya waan akkasii irraa of eeggannoo akka godhanni aadara. Hattuun tooftaalee adda addaa fayyadamuu namoota irraa qarshii gurraa jirruu.

Walii dubbii.

Wiixtata ganama sa'a 2:30 Irratti Boolee Airport irraa siif bilbila meeshalee biyyaa ala dhufe jirra akka fuudhatu, Eessaa akkamitti eenyuu erge gaafii koo ture.

UK irraa siif ergaame qarshii ittiin Delivers ta'ee qarshii 20,000 dursaa kanfaltee fuudhachuu dandeessa jette. Aja'ibaa kootuu nyaata jedhe abbaa laataa...?

Odeeffannoo guutuu bilbila, Account, teessoo isaanii qamaa #Seeraa dabrsee keene jirraa namonni akkasii irratti tarkaanfii seeraa fuudhatamuu qaba.
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
#Formal education will make you a #living; #Self-education will make you a #fortune.” Jim Rohn #PersonalDevelopment

Telegiramii irratti #Live dha
Participants: Lecturer and Above
"Abdii hin kutatiin" Jack Maa"

Nan milkaa’a jedhee yaadee hin beeku!
Sooressa beekamaa biyya Chaayinaatti 1ffaa Jack Ma“ Ani maatii homaa hin qabne, hiyyeessa; harka qalleessa irraan dhaladhe.
Carraan gaarii na mudatee hin beeku
 Qormaata biyyoolessaa sadarkaa 1ffaa (primary School) si’a 2n kufe.
 Qormaata biyyoolessaa sadarkaa 2ffaa (High School) si’a 3n kufe.
 Qormaata biyyoolessaa qophaa’inaa (Preparatory School) si’a 2n kufe.
 Harvard Yuunivarsiitii seenuu barbaade qormaata seensaa si’a 10n kufe.
Hojiifis ulaagaa guutee hin beeku
 Hojii humnaas ta’e dhaabbata hojjechuuf wanta ani hin yaaliin hin jiru.
 Induustirii garagaraa 30 ol ta’an keessatti qacaramuuf dorgomeera, hundi isaanii iyyuu ulaagaa hin guuttu jedhanii na deebisu. Keessa ba’anii kan na arrabsan, natti dheekkamaniifi na tuffatanis jiru.
 Kaan dhiisaati Pooliisii biyyaa ta’u barbaade dorgomeera, garuu naaf hin taanee. Yeroo tokko nama shaniif baasanii jennaan shan taanee dorgomne, nama afur fudhatanii anan ulaagaa hin guuttu jedhanii na hambisan.
Walumaagala anaan namni dhuunfaas ta’ee gareen, dhaabbanni mootummaas ta’e miti mootummaa kan ani keessatti fudhatame hin jiru. "Dorgommiin tokko nama 24 barbaada yoo ta’e; 23 fudhatanii anaan kuffisu.
• Dorgommiin tokko nama 10 barbaada yoo ta’e; 9 fudhatanii anaan kuffisu
Kana irraa kan ka’e:
o Ani nama carra dhabeessa
o Nama abdii hin qabne
o Nama ulaagaa hin guunne
o Nama tuffatamaaf gatamaa
o Nama milkaa’inaaf hin uumamnedha jedheen of yaada ture. "Garuu akkas miti: "Har’a yeroon taa’ee yaaduu kufaatiin koo yeroo sanaa milkaa’ina koo har’af sababa ta’eera!. "Ulaagaa guutuu dhabuun koo, tuffatamuuf salphachuun koo gaafasii har’a kabajaan na ga’eera!."Milkaa’inni harki caalu kufaatii keessa darba! Ani har’a: Sooressa beekamaa (1ffaa) Biyya Chaayinaati.
"Kaleessa dhaabbata namaa keessa hojjechuuf jedhee carraan dhabe, har’a geggeessaa Kaampaanii Alibaba.com ti. Jack Ma.

Seenaa kan irraa maal baranna..
Yaada keessan nu barreessaa

Badhaasa Kaardii Abbaa 100 namoota 5f. Uulaagalee liinkii armaan gadii kara fuula barruu/Fb/ koo irratti Walaloo Abdii hin kutatiin jedhu barreessuun Comment irratti, hiryoota keessan mention itti godha. Namoonni like baay'ee argaate 1ffaa hangaa 5ffaa Kaardii argattu hangaa galgalaa sa'aa 24:00 qofaf tura. Carraa gaarii
https://www.facebook.com/100070669717820/posts/378758197823168/?mibextid=eimWu5Utm3dJgHwj
Badhaasa Kaardii Abbaa 100 namoota 5f. Uulaagalee liinkii armaan gadii kara fuula barruu/Fb/ koo irratti Walaloo Abdii hin kutatiin jedhu barreessuun Comment irratti, hiryoota keessan mention itti godha. Namoonni like baay'ee argaate 1ffaa hangaa 5ffaa Kaardii argattu hangaa galgalaa sa'aa 24:00 qofaf tura. Carraa gaarii
https://www.facebook.com/100070669717820/posts/378758197823168/?mibextid=eimWu5Utm3dJgHwj
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
Mucaa jabaa barreessaa Kitaaba Xiin-sammuu ICCIITII KEESSOO Balaay Mootummaa. Waliin Finfinneet.

Kitaaba Xiin-sammuu kan kennaa waan naf kenniteef hedduu sii dinqisiifadhaa. Anaaf kennaan kennaa caalu kitaaba keessattuu kitaabaan Mul'ata, abjuu, kayyoo fi karoora koo keessatti of ilaaluu waan ta'eef guddaa galatoomi.

Mucaa kana ilaaleen, Situ barreessee? jedheen gaafadhe. ''Eeyyee!'' nan jedhe. tole jedheen kitaabasaa fudhee gale. kitaaba sana dubbiseen hedduu raajeffadhe! waantonni kitaabicha keessa jiran dhugumaa dhoksaa 'Keessoo' keenyaati!

1. Yaadotni lamatu jiru. Isaanis: yaada dhaabbataa fi yaada guddinaati. Yaada dhaabbataa keessatti namoonni dandeettii fi kennaan isaanii dhaabbataa akka ta'eetti amanu. Qaroomina, kennaa fi kalaqa hamma murtaa’e qabatanii akka dhalatan, sana jijjiiruuf wanti isaan gochuu danda’an akka hin jirreetti amanu. Yaada guddinaa keessatti namoonni kennaa fi dandeettiin isaanii guddachuu akka danda’utti amanu. Ciminaan hojjachuu fi carraaqqii gochuun caalaatti qaroo, kennaa kan qabanii fi kalaqa kan qaban akka ta'uu danda’anitti amanu.

2. Yaadni dhaabbataan yaada daanga'aadha. Dandeettii namootaa daangeessa akkasumas galma isaanii akka galmaan hin geenye dhorka. Namoonni yaada dhaabbataa qaban qormaata ni sodaatu, sababiin isaas kufaatii waan sodaataniif. Qeeqas ni sodaatu, sababni isaas akka gaarii hin taaneetti itti murtaa'uu waan sodaataniif.

3. Yaadni guddinaa yaada dandeessisuudha. Namoonni dandeettii isaanii guutuu bira akka ga'an taasisa. Namoonni yaada guddinaa qaban qormaata hin sodaatan, sababiin isaas qormaata akka carraa barachuu fi guddachuutti ilaalu. Qeeqas hin sodaatan, sababni isaas qeeqa akka yaada fooyya’iinsaaf isaan gargaaruutti ilaalu.

4. Yaadni guddinaa yaada dhaabbataa caalaa kan madaquudha. Addunyaa yeroo hunda jijjiiramaa jiru keessatti dandeettiin barachuu fi madaquu milkaa’inaaf barbaachisaadha. Namoonni yaada guddinaa qaban jijjiiramatti caalaatti madaqu, sababiin isaas qormaata haaraa hin sodaatan.

5. Yaadni guddinaa hariiroof caalaatti faayidaa qaba. Namoonni yaada guddinaa qaban namoota biroo deggeruu fi jajjabeessuuf carraan isaanii guddaadha. Akkasumas yaada kennuudhaaf banaa ta’u akkasumas dogoggora isaanii irraa barachuu danda’u.

6. Yaadni guddinaa fayyaa fi nageenyaaf caalaatti faayidaa qaba. Namoonni yaada guddinaa qaban, bu’aa ba’ii mudatu keessatti dandamachuu danda’u. Akkasumas fayyaa qaamaa fi sammuu isaanii kunuunsuuf carraan isaanii guddaadha.

7. Yaada guddinaa barachuun ni danda’ama. Yaada kee dhaabbataa irraa gara guddinaatti jijjiiruuf yeroon isaa hin darbine.

8. Yaadni guddinaa furtuu milkaa’inaati. Kaayyoo kee galmaan gahuu fi jireenya gammachiisaa jiraachuu yoo barbaadde yaada guddinaa horachuu qabda. Kallattii jireenyaa hundaan milkaa’inaaf furtuudha.

9. Yaadni guddinaa namoota dhuunfaa qofaaf miti. Dhaabbilee irrattis hojiirra oolchuun ni danda’ama. Dhaabbileen yaada guddinaa qaban carraa kalaqaa fi milkaa’inaa guddaa qabu.

10. Yaadni guddinaa egereedha. Addunyaa yeroo hunda jijjiiramaa jirtu keessatti dandeettiin barachuu fi madaquu milkaa’inaaf barbaachisaadha. Yaadni guddinaa jaarraa 21ffaa keessatti furtuu milkaa’inaati.

Kitaaba kun imala milkaa'inaa keetiif akka si gargaaru abdiin qaba. Dhugumayyuu mucaan kun nama abdii boruuti kitaaba kana dubbisaa itti jijjiiramaa! Mucaa qaxalee kanas jajjabeessaa! Bilbila 0993487583
#Congratulations

Deemsi itti fufa🏃🏻‍♂️🏃🏻‍♂️🏃🏻‍♂️

Telegiramii t.me/segnigudeta Odeeffannoo beeksisa guyyaa guyyaan bahuu argachuuf hiryoota keessan afferraa galatoomaa
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
DUUDHAALEE JIREENYAA
Principles of Life
የህይወት መርሆች •

1. Of Fudhachuu (simachuu)
 👉 Self Acceptance
       ራስን መቀበል
2. Kaayyoo jireenyaaf jiraachuu
 👉 Living for life purpose
ለህይወት አላማ መኖር
3. Dorgommii irraa fagaachuu
 👉 Avoiding competition
ከዉድድር መራቅ
4. Yaada qajeelaa(Gaarii) yaaduu
 👉 Positive Thinking
ቀና ማሰብ
5. Barachuuf fedhii qabaachuu
👉 Being willing to learn
ለመማር ፍቃደኛ መሆን
6. Ogummaadhaan deddeebi'uu
👉 Walking with wisdom
በጥበብ መመላለስ
7. Gamna (qaxalee) Ta'uu
 👉 Being Intelligent
     ብልህ መሆን
8. Salphaatti mufachuu dhiisuu
👉 Taking no offence easily
   በቀላሉ አለመቀየም
9. Jireenya ofii galateeffachuun gaggeessuu
 👉 Leading a life with gratitude
      የምስጋና ህይወት መኖር
10. Waan gaariidhaaf (Fooyya'aadhaaf) deemuu
 👉 Going for the best
     ምርጡን  መፈለግ
11. Yeroo hubachuu
 👉 Understand the timing
     ግዜውን ማወቅ
12. Waan jijjiiruu hin dandeenye fudhachuu 
👉 Accept what you can't change
መለወጥ የማይችሉትን መቀበል
13. Waraana kee filadhu
 👉 Chose your Wars
የሚዋጉትን ጦርነት መምረጥ
14. Hundaaf dhiifama gochuu fi haaloo bahuu irraa fagaachuu
👉 Forgiving all and avoiding vengeance
ሁሉን ይቅር ማለትና በቀልን መተው
15. Gidiraa keessatti cimanii dhaabbachuu
👉 Preserve in suffering
በመከራ ዉስጥ መፅናት
16. Gammachuu fi boqonnaa qulqulluu qabaachuu
 👉 Pure joy and rest
ንፁህ ደስታና እረፍት
17. Bareedina keessaaf iddoo guddaa kennuu
 👉 Value inner beauty
ለዉስጥ ዉበት ዋጋ መስጠት
18. Gad ofqabuu fi nama tuffachuu dhiisuu
 👉 Being humble and not despising others
ትሁት መሆንና ሌሎችን አለመናቅ
19. Jireenya keessatti naamusa qabaachuu
 👉 Being disciplined in life
በስነ ስርአት መኖር
20. Kennuu fi fudhachuu baruu
👉 Giving and receiving
መስጠትና መቀበል
21. Onnee kee hordofi!
👉 Follow your heart (Instinct)
ልብን መከተል
22. Kabajni kan maluuf kabaja kennuu!
 👉 Give due honor
ክብር ለሚገባው ክብር መስጠት
23. Cimanii kadhachuun!
👉 Pray seriously
ተግቶ መፀለይ
24. Seenaa hojjechuu! yaadannoo (ashaaraa) kaa'anii darbuu
👉 Make history, leave legacy
ታሪክ መስራት አሻራ መተው viv Getu
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
#Jireenya ofii keessatti yeroo hedduu addaa addummaa kan uumu #carraa argatanitti fayyadamuu fi fayyadamuu dhiisuudha. Carraan aduu miti naanna'ee dhufuu dhiisuu danda'a jijjiirama jireenya dinagdee keessatti wanti hundumtuu xiqqaa irraa jalqaba. Kanafuu xiqqoo irraa ka'uun hin sodaatamus hin saalfatamus Dr. Gutu Tesso

Namoonni baay'ee gaafa carraa waliin hojjanna kennituuf osoo Sookoo fi soorgoo itti baasan carraa jaala darba, guyyaa ati milkaa’uu eegaltu moo........!


Gaafa waan haaraa eegaltu..!.

Inumaayyuu akka ofiitti waan si ilaalaniif waan isaaniif hin danda'amneef atillee waan hin dandeenye isaanitti fakkaata.
#Sammuun Akka Iddoo #Biqiltuuti 🪴|

❍ Mul'ata kee namoota Ijaarama sammuu guddataa/#GrowthMindset fi qajeelaa qabaniif qoodi malee namoota sammuu Ego fi ijaarama sammuu dhaabbataa/#FixedMindset qabaniif hin qoodin!

» Yoo akka gaariitti misoomsite daraaraan miidhagaa, namatti kan tolu ija godhachuuf kan daraaru ta'a. Garuu yoo tuffatte margi hin barbaachifnee fi qoraattiin bakka isaa biqiluu danda'a.

» Yaadni kee akka  sanyii ati facaaftu ti. Yaada gaarii yoo facaafte bu’aa gaarii argatta. Garuu yaada gadhee yoo facaafte, waan hamaa qofa haammatta. Filannoon kan keeti.

» Gammachuun waan ari’amu yookiin horachuu danda’an miti. Duraan si keessa jira.

» Milkaa’inni dhugaa, qabeenya yookiin aangoo kuufachuu osoo hin taane, jireenya hiika qabu kan ofis, namoota biroos fayyadu jiraachuudha.

» Of beekuun guddina dhuunfaa fi jijjiirama dhuunfaaf furtuudha. Yaada, miiraa fi amala keenya caalaatti yommuu hubannu, jireenya keenya irratti jijjiirama gaarii gochuu jalqabuu dandeenya.