Wabii Sanyii
6.79K subscribers
853 photos
25 videos
55 files
960 links
Namni waan danda'uun nama
gargaaru doqna hin jedhamu
Download Telegram
#Galatoomaa/ThankYou
#Telegiramii t.me/segnigudeta Subscribers 122,000 qabu irratti odeffannoo #beeksisa wayitawaa guyyaa guyyan bahu #maxxansuun namoonni baasii hin tanne osoo hin saaxilamne #bilbila harkaa isiin fayyadamuun #hojii motummaa fi miti motummaa akka #dorgomaan gargaaruu.

Yoo isinitti tole namoota #jaallattaniif #share #add

#Kayyoon koo. Dhaloonni ilaalcha gaarii akkaa qabu barsiisuuf, leenjisuu fi fakkeenya ta'e jiraachuu dha.
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
Dhaamsa Barattoota Eebbifamtoota
bara kanaaf (GC of 2023/2015 EC).

Hunda dursa barattoonni bu'aa ba'ii jireenyaa hunda mootani sadarkaa kana geessan baga firii dadhabbii keessanii agartan, baga gammaddan! Congratulations to you all GC of 2023 (both students of public and private universities)

Warreen #Exit_exam qabxii darbiinsaa fiddanii milkooftan baga gammaddan. Qorumsicha darbuun haga geessu itti agarsiisun gaaridha namatti tola. Ammoo gammachuu akka malee hin barbaachisu. Maal gammadda hiriyootakee sibira qabxicha hin galmeessine hin yaadattuu? Bzw #exit_exam wanta addaas miti barnoota fi qorumsa yoo ta'e barattoota sadarkaa kanaf haaraa miti, waanuma nama ajaa'ibus hinqabu, wantootuma barachaa turte deebite yaadattee deebisuudha. Dandeetti fi gahumsa kee guutu safara jechuu hin dandeenyu. Formaalitif malee waan addaa maal qaba, yoo barnootaa namuu walumaan waggaa 16 ykn 17 baranne! Qorumsicha dabarteef jireenyi hundi milkaa'a jechuu miti, qabxicha dhabdeef immoo kufte jechuu mitis! Failure is inability to be open to learn and change, not scoring under your expectation!

Warreen #Exit_exam qabxii darbiinsaa hin galmeessine qabxii 1 haga 5 qofaaf akka ta'e beeka! Hiriyoota kee biraa gaafa waan xiqqoof gufattu sitti dhagahama, hiriyaa keettis hedduu dhagahama. Kuni garuu kufaati jettee yaadnan sin taajjaba. Deebite qorumsicha fudhattee ni milkoofta. Challenge keessa dabartee as geesse beekta kanaaf kuni si ajaa'ibuu hinqabu. Beektef qofa qorumsicha hin dabartu, wallaaltefis galmeessuu hin dadhabdu beeki. Haalota garaagaraa fi carraatu murteessa. Department baratamu gargari, haalli nuuf mijatu gargari, miirri nuti keessa jirrus gargari. Department salphaatti dubbifamee hubatamu jira, kanneen osoo hagamuu dubbiste siif galeeyyu gaafilee isaa salphaatti hin hojjannes jira. Every entity in this world is not competitive, it is unique in nature! Kanaafu department keerraatti yeroof milkaa'u dadhabde jechuun kufaati miti. t.me/segnigudeta erga isa yoo #jaallattan #share godha. yaada kennaa Viv Lalisaa.B
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
#EEBBIFAMTOOTA HAARAAF
GORSAWWAN BARBAACHISOO

1.Cimina keenya beekuun qormaata barreeffamaa yookiin gaaffii afaaniif dhiyaachuuf baay'ee barbaachisaadha.Ta'us garuu qabxii olaanaa waan qabduuf qofa qacaramuu ni dandeessa jechuu miti.Gaaffii afaanii irratti adda duree ta'uu qabda.Qormaanni barreeffamaas yoo jiraate akka salphaatti akkamitti darbuu dandeenya kan jedhu beekuun murteessadha.Qabxiin jalqabarratti qormaata irratti dhiyaachuuf carraa nuuf kenna.

Carricha fayyadamuun immoo dhimma biraati.Gaaffiin afaanii baay'ee barbaachisaa waan ta'eef namootni baay'een waan hundumaa darbaniit asirratti geggeeffamu.Cimina keenya beekuu jechuun digirii waan qabnuuf qofa yookiin qabxii olaanaa waan qabnuuf jecha akka milkaa'ina guddaatti lakkaa'uu osoo hin taane hanqinoota keenya beekuu fi guutuun baay'ee barbaachisaadha

Qabxii olaanaa yoo qabaanne qormaata barreeffamaa,gaaffii afaanii fi qormaata gochaaf qophaa'uun gaariidha.Qabxiin keenya gadaanaa yoo ta'e immoo xiyyeeffannaan keenya muuxannoo hojii irratti ta'uu qaba.Ji'ootaaf ykn waggootaaf waan eebbifamteen hojii yoo hojjattee fi muuxannoo hojii seera qabeessa yoo qabaatte qacarrii fooyyee qabu
yoo barbaadde, muuxannoo hammam qabda? kan jedhu malee qabxiin yuunivarsiitii ykn kollejjii kee meeqa? jedhanii hin
gaafatan.Kanaafuu,hojii osoo hin tuffatin miindaan hammam iyyuu haa ta'uu hojiin ati hojjattu ogummaa ati ittiin eebbifamteen yoo ta'e akka qacaramtu ni gorfama.Muuxannoo yoo qabaatte gara hojii barbaadduutti dhufuu dandeessa.

2.Namootni hojii dhabdoota ta'an biyya kana keessatti naannoo miliyoona hedduu ta'a ta'u.Kanaafuu,ati warra kaanirraa adda taatee argamuu qabda.Akkamitti? Tolaan hojjachuun guyyaa eebbifamterraa eegalii kanfaltii malee
hojjachuu of barsiisi.Tajaajila tola ooltummaa kennuun muuxannoo fudhachuu fi akkamitti akka hojjatamu baruu dandeessa.Namni kanfalee ni barata.Kanaafuu,hanga qacaramtutti hin taa'in.Namoota dhuunfaa ykn dhaabbata si waliin hojjachuuf fedhii qabu waliin hojjadhu.Leenjiiwwan gaggabaabaa fi qormaata "COC" qoramuun waraqaa
ragaa kan kennan yoo jiraatan fudhadhu.

3.Ogummaa kee malee qarshiif hin bitamin.Qarshiif jettee hojii ogummaa keen wal hin qabanne yoo hojjatte gara hojii ogummaa ittiin eebbifamteetti carraan deebi'uu xiqqaadha.Yeroon erga deemeen booda digiriin kee akka ati homaa ittiin hin hojjanneetti lakkaawwama.Muuxannoon hojii kee 0'n yeroo itti fufu kan barattes ni dagatta.Kanaafuu,kanfaltii irratti osoo hin taane hojiin hojjadhu kun ogummaan baradhe waliin ni deemaa? jedhii of gaafadhu.Muxannoon hojii hammam barbaachisa? Yeroo xiqqoof ogummaa keetiin qarshii xiqqoon yoo hojjatte yeroo muraasa booda barbaadamaa taata.

4.Toorawwan intarneetii beeksisa qacarrii irratti hojjatan,miidiyaalee hawaasaa,telegiraamii,fesbukii
fi gaazexaa garaagaraa irraa beeksisa hojii hordofi.

5.Hojii osoo hin filatin ogummaa ittiin eebbifamteen yoo ta'e kanfaltii gadaanaa yoo ta'e iyyuu waan argatte hojjachaa hojii fooyya'aa barbaaduun barbaachisaadha.

6.Waajjiroota mootummaaf duursa kenni.Kanfaltiin waajjiraalee mootummaa fooyya'aa jira.

Akkasumas tajaajilawwan kanneen akka barnoota,mana,konkolaataa fi carraawwan biroo argachuu
dandeessa.Waajjiroota dhuunfaatti yeroo qacaramtu malee yeroo si baasan hin beektu.Sababniisaa,guyyoota muraasaaf rakkattee yoo hojii irraa hafte yookiin waajjirichi kasaaraa keessa yoo seene sababa funaanee hojiirraa si geggeessuu
danda'a.Carraa hojii dhaabbataa osoo qabduu dhiistee hojii kontiraataa hin hojjatin.

Sababni isaa,hojicha erga fixxeen booda deebitee hojii dhabaa waan taatuuf.

7.Qormaata barreeffamaa fi gaaffii afaaniif wayita waamamte,yoo argatteef namoota kanaan dura
achitti qacaraman ykn toora intarneetii irraa odeeffannoo barbaachisu funaannadhuu dhaqi.Hammamiyyuu ani cimaadha yoo ofiin jette namni odeeffannoo qabu si caala.
Kanaafuu, odeeffannoo qabaannaan luka tokkoon akka seente beeki.

8.Beeksisa hojii ogummaa kee waliin deemu hundumaa yaaluu qabda.Namni inni barbaadu tokkos ta'ee sanaa ol akkasumas miindaan isaa xiqqaas ta'u guddaa yaaluu qabda. @segnigudeta waliif #share
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
Abdii kutuun Diina milkaa’inaati

"Abdii kutannaan karaa kufaatiitti geessu
Isa amansiisaadha!" Genaa Showaalter

Wantonni jireenya dhalaa nama jijjiiruu danda'an hedduun galma hin ga'iin kan hafan abdii kutannaa dhala nama irraa kan ka'edha. Namni mo'u abdii hin kutatu, namni abdii kutatu immoo hin mo'u....!

Naannoon keessatti dhalatan kamuu carraa gaarii kan mataa Isa qaba. Rakkoo naannoon kee qabu irratti xiyyeeffattee abdii kutuu manna, carraa gaarii naannoon kee qabuti fayyadamuu irratti xiyyeeffadhu.

Seen~duubee kee ilaltee abdii hin kutiin, dandeettii qabduun sochii eegali, awwaala dhiibbaa seen duubee kee kan gara fuula duraatti akka hin deemne si daangesse keessaa ba'i.

Waan tokko hojjechuu yaaltee itti milkaa'uudha yoo baattee, sun kufaatii otoo hin taane muuxannoo dha
Muuxannoo san irraa waan guddaa tokko baratta. Jireenya kee keessatti abdii kutannoon diina kee isa guddaadha.

Fayyaa guutuu qabaannaan abdii kutachuuf sababa tokko ille hin qabdu. Jireenya kee keessatti sagalee wacaa naannoo kee jiruuf iddoo hin kennin. Qeeqa namoota sodaachuunis kaayyoo kee irraa gara boodaa hin deebi'in. Hojii kamiyyuu yoo hojjettee gaarii ta'u hamaa namonni si qeeqan yeroo hundaa ni jiru either Negative attitude or Positive attitude.

Jireenya kee raawwattee namoota kanniin hin madaaliin. Eenyuu iyyuu hin dorgomiin. Ga'umsa dhokataa keessa kee jiru gadi baastee ittin hojjechuuf qofa of dorgomi. Milkaa’ina Kees ta'e kufaatii kee kan nama kamiitti iyyuu hin dorgomsiisin.

Namni kan ittin madaalamu madaallii sirriin namummaa isa qofa. Sanan ala madaalliiwwaan
jiran hunduu madaalliiwaan dogoggoraati.
Qoramaanni ati qoramtu kan namni qorame hin beekne miti. Haa guddatu haa xiqqaatus namni kam iyyuu rakkoo mataa isaa qaba. Kanafuu haala keessa jirtu ilaaltee abdii hin kutiin.

Kaayyoo dhaabbata malee rakkoo dhaabbata hin jiru! Namoonni yeroo baay’ee maaliif abdii kutu......? Yoo #jaallattan #like #share #comment godha

Positive mind find opportunity in everything. While negative mind find fault in everything

https://t.me/+s8kdfRdWEjwzNTU0
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
Seenaa koo kanneen yeroon kaasu hiriyoota koof fakkeenya ta'uuf malee of himuuf akka hin taane himuun barbaada. Si'achi jireenya rakkisaa akkasii jiraachuu dhiisuu waanan danda'uuf! #BirqeeGassee

Fb irraa #Share godha
https://www.facebook.com/100070669717820/posts/pfbid0PEJvr6tiAkwrAaNcRn8xHndc9QYt9Vi975AHL1uoVxsczz7BjhGYZn4ihH3Bgc1yl/?app=fbl
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
Maqaan Koo Birqee Gassee jedhama. Kanan dhaladhe Naannoo Oromiyaa, Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, Aanaa Coomman Guduruu, Magaalaa Gabatee 01 keessattidha. Barnoota sadarkaa tokkoffaa bara 2000ttin eegale. Kutaa sadaffaa irraa kaasee hojiiwwan humnaa tokko tokko hojjechuun meeshaalee barnootaaf na barbaachisan guuttachuun barnoota koo itti fufe. Yoo xiqqaate deemsa daqiiqaa 40f isaa ol ta'u aduu saafaa akka ibiddaa boba'u keessa lafoo adeemeen barachaa ture. Kan na guddise eessumni koos haadha manaa waan hin qabneef  isaaf nyaataa  bilcheessaan barnoota koo sadarkaa tokkoffaas itti fufe.  Ta'us rakkoowwan kunneen hunduu kaayyoof mul'ata koo karaatti  hin hambisne, inumaayyuu morodee qara na baase malee. Barnoota koo sadarkaa tokkoffaas kutaa lammaffaa irraa kaasee hanga saddeetiitti sadarkaa duraa qabachuun gaafa ayyaana maatii badhaasa guureen galaa ture. Bara 2008titti immoo gara bakka dhaloota kootti deebi'een barnoota koo sadarkaa lammaffaa eegale. Ergan gara biyyaatti deebi'ee boodas jireenyi daran natti hammaatte. Meeshaalee barnoota kanneen akka uffata dambii mana barnootaa kan mucaan adaadaa koo ittiin baratte fudhee, dabtara muraasa na hir'atee immoo dabtarawwanan duraan ittiin baradhe walitti hodhuun lakkoofsa isaa guuchiseen barnoota koo sadarkaa lammaffaa eegale. Yeroo gannaa guyyaa hojii ijarsaa hojjechaa, halkan immoo hojii ogummaa harkaa ykn hodhaa hodhuun bara barnootaa itti aanuuf meeshaalee barnootaa bitadheen of qopheessa. Haaluma kanaanis barnoota koo sadarkaa lammaffaa xumureen gara qophaa'inaatti darbe. Bara barnootaa kanas hojii Wal fakkaataa guyyaa sanbata xiqqaa fi dilbataa hojii ijaarsaa hojjechuun; bona waqtii midhaan sassabamu immoo guuraa xaafii fi quncisaa boqqolloo hojjechuun waantota humni maatii koo naaf guutuu hin dandeenye guuttachaan barnoota koo barachuu itti fufe. Uffata namaa miicuun, meeshaalee manaa qulqulleessuu fi midhaan namaaf qopheessuun hojiiwwan ani hiriyoota waliin kireeffadhee galu dhoksee hojjechaa turedha. Jireenya wal hin qixxaanne akkasii keessa darbuunis barnoota koo Mana Barumsaa Qophaa'inaa milkaa'ina guddaan xumureen kaadhimamtuu barattuu Yuunivarsiitii Asoosaa ta'e. Maatiin koos Waan qabu gurguree  gara Yuunivarsiitii Asoosaatti na erge. Anis achi akkan gaheen torban tokko booda bakka hojiin guyyaa itti argamu iyyaafachuun eegale. Guyyaa sanbataa fi dilbataas hojii idilee koo taasifachuun hojii ijaarsaa hojjechuun qaawwa jireenyaa tokko tokko guuttachaan  barnoota koo itti fufe. Waqtii gannaas osoon Yuunivarsiitii irraa hin galiin bakka hojii mijeeffaachuun na biratti baratamaadha. Haala kanaanis turtiin barnoota Kaampaasii keessaa qabu milkaa'ina guddaan xumuruun muummee Afaan Ingilizii irraa qabxii 3.94 fiduudhaan Yuunivarsiitii sanarraa gurra cabsaa taa'ee argamuun Geeba bara kanaa injifadheera.  Waanti kaleessa kuunnoo jennee fagootti ilaallu sun kunoo jennee ijaanis argineerra. "Gowwaan of irraa ilaalee bara; gamni garuu nama biraa irraa ilaalee bara," akka jedhu Oromoon, waantoonni ani olitti barreesse kunneen anaaf seenaadha, obboloota baay'ee na duubaan dhufaa jiraniif garuu barnoota, gorsa akkasumas muuxannoo ta'uu danda'a jedhee waanan yaadeefan seenaa jireenyaa koo muraasa isiniif qooduu barbaade.
                
                   ERGAA
Dhalli namaa hundi gaafa dhalatu jireenya addunyaa wal fakkaataatti hin dhalatu. Kanaaf  gaarii haa taatuu hamtuu hunduu hiree hiree isaa jiraachuuf dirqama. Jireenya  mo'atanii milkaa'uun immoo injifannoodha. Kanaaf  ani muuxannoo fi gorsa dhabuu irraan Kan ka'e fayyummaa qaamaa fi xiinsammuun midhamus akkasumas jireenyan dabarsuu qabu osoon hin dabarsiin hafus, obbolootni jireenya akkasii jiraachaa jiran yoo jiraatan barreeffama gababaa armaan olii kanarraa waan hedduu hubachuu danda'u jedheen yaada.

Hojiin xiqqoo hin qabu, hin tuffatamus, fayyummaa nama hanga hin miinettii fi safuu hawaasaa hanga hin cabsinetti kabajadha Waliif #Share
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
Biiroon Haqaa Bulchinsa Magaalaa Finfinnee Abbootii Alangaa 40 (afurtama) muuxannoo kan hin gaafanne, qacaruu waan barbaaduuf ogeeyyiin seeraa ulaagaa armaan gadii guuttan itti dhiyaadhaa ⚖️

1. Eebbifamtoota bara 2014 fi 2015 yemmuu ta'u dhiiraaf GPA 3.5, dhalaaf 3.25 akkasumas qaama miidhamtoota dhiiraaf 3.25, dhalaaf 3.00.
2. Qormaata ba'umsaa (Exit Exam) kan darban eebbifamtoota bara 2014 qabxii 51 fi isaa ol, eebbifamtoota 2015'f ammoo qabxii 64 fi isaa ol.
3. Leenjii hojiin duraa leenji'uuf fedhii kan qabu/qabduu fi leenjicha ga'umsaan xumuruu akkasumas iyyata qacaramuuf fedhii qabaachuu isaa/ishee ibsu kan dhiyeessu/dhiyeessitu.

3. Bakki Galmee:- Kutaa Bulchinsa Magaalaa Lidetaa (Caffee Muudaa) Marfata Meeksikoo (Caffee Aannanii) Gamoo Phillips jedhamee beekamu cinaa Biiroo Haqaa Bulchinsa Magaalaa Finfinnee gamoo 5ffaa Kutaa Bulchinsa Abbootii Alangaatti.

Guyyaa Galmee:-  Guyyoota hojii itti aanan 15 keessatti ta'a.

@segnigudeta Waliif #Share godha
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
Beeksisa Yuunivarsiitii Bulee Horaa
Namoota hedduu barabaada waliif #Share


ጥቅምት 07/2016 ዓ.ም

ክፍት የስራ ቦታ ማስታወቂያ

ቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ ከዚህ በታች የተረዘሩትን መስፈርቶች የሚያሟሉ አመልካቾችን ባሉት ክፍት ስራ ቦታዎች /ለአካዳሚክ መምህርነት/ አወዳድሮ ለመቅጠር ይፈልጋል። ስለሆነም
የሁሉም የስራ መደቦች የቅጥር ሁኔታ በውል ሆኖ በከፍተኛ ትምህርት ተቋም አስራር መሰረት ይሆናል
የደሞዝ ሁኔታ- በክፍተኛ ትምህርት ተቋማት የደሞዝ ስኬል መሰረት
ሴት ተወዳዳሪዎች ይበረታታሉ
ለወንድ MA/MSc (ሁለተኛ ዲግሪ) አመልካቾች CGPA 3.5 እና ከዚያ በላይ ሆኖ የመጀመሪያ ዲግሪ CGPA 3.0 እና ከዚያ በላይ ያለው

ለሴት MA/MSc (ሁለተኛ ዲግሪ) አመልካቾች የMA/MSc CGPA 3.35 እና ከዚያ በላይ ሆኖ የመጀመሪያ ዲግሪ CGPA 2.75 እና ክዚያ በላይ ያላት

ለወንድ የመጀመሪያ ዲግሪ (BA/BSc) አመልካቾች የመጀመሪያ ዲግሪ CGPA 3.25 እና ከዚያ በላይ ያለው

ለሴት የመጀመሪያ ዲግሪ (BA/BSc) አመልካቾች የመጀመሪያ ዲግሪ CGPA 3.0 እና ከዚያ በላይ ያላት

ሁሉም አመልካቾች የትምህርት ማስረጃችሁን ኮፒውን እና CV በመያዝ ይህ ማስታወቂያ በአዲስ ዘመን ጋዜጣ ከወጣበት ቀን (ማለትም ከ07/02/2016 ዓ.ም) ጀምሮ ባሉት ተከታታይ 10 (አስር) የስራ ቀናት በአካል በቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ አስተዳደር ህንፃ በሰው ሃብት ልማት ቢሮ ቁጥር 159 ወይም በፖ.ሳ.ቁ 144፣ቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ በመላክ መመዝገብ ይችላሉ።

የተመረጡ ብቁ ተወዳዳሪዎች ለቃለ መጠይቅ የሚቀርቡ ሲሆን ቀኑንም ለተመረጡ ተወዳዳሪዎች የምናሳውቅ ይሆናል።

ቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ @segnigudeta
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
Meeshaa lolaa guddaan seexanni dhaloota ittiin ajjeesuuf fayyadamu inni jalqabaa fi dhumaa abdii kutachiisuudha!

Abdii hin kutatiin(Don't give up)

'Ani amma achi abdii hin qabu,ani maaliifan addunyaa kanarra jiraadha?

Jiraachuu koo manna osoo du'ee wayya'....yaadni jedhu sammuu keetti dhufee beekaa ykn ammoo nama akkas jechuun dubbatu dhageessee beektaa? Eeyyeen namootni baay'ee yeroo garagaraatti haala garagaraa keessa ta'anii miirri akkasii sammuu isaanii keessatti keessumeessuu danda'u.

Ega ka miirri akkasii kun miira abdii kutannaati.Jireenya keenya keessatti abdii kutachuun ammoo gara fulduraati tarkaanfachuu nu dhoorkuun waan baay'ee nu dhabsiisa. Hundi keenyaa addunyaa kanarra kan jiraannu abdiidhaani. Kanaaf Abdiin bu'ura jireenyaati jechuu ni dandeenya.

Abdii kutachuun bakka yaadne akka hin geenye nu hanqisa. Namootni abdii kutatan yeroo baay'ee carraan bakka yaada isaanii gahanii xiqqaadha. Namni bakka yaada isaa hin gahin hafe ammoo jireenya isaa keessatti gammachuu dhabuun; muka'uu(depressed), dhiphachuu, sodaa, ofitti amantaa dhabuu(lack of self confidence) akkasumas of ceepheessuu fi of cinquun hanga sammuu isaatti yaada of ajjeessu qabachuu mala...bifa kanaan yaalii of ajjeesuu raawwatanii carraadhan kan hafan baay'eedha.....kan yaadni of ajjeesuu isaanii milka'eefi of ajjeesanis jiru.

Maarree, barrafama tana yoon qopheessu namootni miira abdii kutanna keessa jiranii ija isaanii akka saaqatan fi rakkoo isaanii kallatti biraatiin akka ilaalanii fi abdii isaanii haromfachuu akka isaa dandeesisu yaaduuni.

Namni maaf abdii kutata?
"Bu'uura rakkoo beekuun; furmaata rakkoo sanaa walakkaadhaan akka argachuuti" Abdii kutannadhaaf sababawwan gurguddoon:

1.Haala jireenya naannoo itti jiraannu (Environmental factor)

2.Hanqina dandeetti dhuunfa (personal inadequacy factor)
3.Waldhabbii fedhii keenya (conflict of interest) dha #Share godha

https://t.me/+s8kdfRdWEjwzNTU0
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
#GUFUULEE_MILKAA'INAA

1. Ofittummaa
2. Sodaa kufaatii
3. Karoora qabatamaa qabaachuu dhabuu
4. Galmaawwan beekkamoo qabaachuu dhabuu
5. Jijjiirama haala jireenyaa
6. Waan har'a hojjechuu dandeenyu yeroo biraatti dabarsuu
7. Hanqina karoora/qarshii
8. Itti gaafatamummaa maatii
9. Waan tokko irratti xiyyeefachuu dhabuu
10. Faayidaa yeroof jennee mul'ata ykn kaayyoo keenya dagachuu
11. Qofaa keenya hedduu hojjechuu
12. Humna ofii ol yaaduu
13. Kutannoo qabaachuu dhabuu
14. Leenjii barbaachisaa qabaachuu dhabuu
15. Obsa dhabuu
16. Filannoo beekkama ykn qabatamaa dhabuu

Waliif #Share godha Galatoomaa!🙏