Wabii Sanyii
6.72K subscribers
857 photos
26 videos
55 files
962 links
Namni waan danda'uun nama
gargaaru doqna hin jedhamu
Download Telegram
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
Dhaamsa Barattoota Eebbifamtoota
bara kanaaf (GC of 2023/2015 EC).

Hunda dursa barattoonni bu'aa ba'ii jireenyaa hunda mootani sadarkaa kana geessan baga firii dadhabbii keessanii agartan, baga gammaddan! Congratulations to you all GC of 2023 (both students of public and private universities)

Warreen #Exit_exam qabxii darbiinsaa fiddanii milkooftan baga gammaddan. Qorumsicha darbuun haga geessu itti agarsiisun gaaridha namatti tola. Ammoo gammachuu akka malee hin barbaachisu. Maal gammadda hiriyootakee sibira qabxicha hin galmeessine hin yaadattuu? Bzw #exit_exam wanta addaas miti barnoota fi qorumsa yoo ta'e barattoota sadarkaa kanaf haaraa miti, waanuma nama ajaa'ibus hinqabu, wantootuma barachaa turte deebite yaadattee deebisuudha. Dandeetti fi gahumsa kee guutu safara jechuu hin dandeenyu. Formaalitif malee waan addaa maal qaba, yoo barnootaa namuu walumaan waggaa 16 ykn 17 baranne! Qorumsicha dabarteef jireenyi hundi milkaa'a jechuu miti, qabxicha dhabdeef immoo kufte jechuu mitis! Failure is inability to be open to learn and change, not scoring under your expectation!

Warreen #Exit_exam qabxii darbiinsaa hin galmeessine qabxii 1 haga 5 qofaaf akka ta'e beeka! Hiriyoota kee biraa gaafa waan xiqqoof gufattu sitti dhagahama, hiriyaa keettis hedduu dhagahama. Kuni garuu kufaati jettee yaadnan sin taajjaba. Deebite qorumsicha fudhattee ni milkoofta. Challenge keessa dabartee as geesse beekta kanaaf kuni si ajaa'ibuu hinqabu. Beektef qofa qorumsicha hin dabartu, wallaaltefis galmeessuu hin dadhabdu beeki. Haalota garaagaraa fi carraatu murteessa. Department baratamu gargari, haalli nuuf mijatu gargari, miirri nuti keessa jirrus gargari. Department salphaatti dubbifamee hubatamu jira, kanneen osoo hagamuu dubbiste siif galeeyyu gaafilee isaa salphaatti hin hojjannes jira. Every entity in this world is not competitive, it is unique in nature! Kanaafu department keerraatti yeroof milkaa'u dadhabde jechuun kufaati miti. t.me/segnigudeta erga isa yoo #jaallattan #share godha. yaada kennaa Viv Lalisaa.B