Wabii Sanyii
6.79K subscribers
853 photos
25 videos
55 files
960 links
Namni waan danda'uun nama
gargaaru doqna hin jedhamu
Download Telegram
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
Gabaa Kappitaalaa (Capital Market)

Gabaa Kappitaalaa jechuun gabaa keessatti qoodni (share), boondii fi dookumentiiwwaann gatii fi fudhatama qaban keessatti gurguramuudha.

Gabaa keess qabeenya lamatu jira. Kan jalqabaa Real Asset (qabeenya dhugaa fi oomishaaf barbaachisu arfan: Humna namaa, Lafa, Kappitaala(maashineriifi) interpirinershiip) yoo tahu kan lammataa ammoo qabeenya faayinansii (financial asset) kanneen gabaa kappitaalaa. Moggaafamni gabaa kanaa gar gari. Biyya tokko tokkotti Capital market (gabaa Kappitaalaa), gara biraatti ammoo gabaa aksiyoonaa (stock market) ykn Security market jedhuun. Tahullee gabuma Kappitalaa kana keessatti sheerii (aaksiyoona), boondiifi dokumentiiwwaan faayinansii gurguruun ni dandahama.

Gabaa Kana keessatti wanti barbaachisu gurguddoon waan lama

1. Amantummaa (Integrity): Keessahuu namootni waajjira gabaa Kaappitalaa keessa hojjetan amanamoo tahuu qabu. Sobni fi odeeffannoo maamilaa baasuun yoo jiraate gabichi ni kufa.

2. Odeeffannoo yeroo yeroon haala walirraa hin citneen hawaasan gahuu. Odeeffannoon gabaa kappitalaa maallaqa. Murtee gaggeessuf, bituuf ykn gurguruuf wanti barbaachisu odeeffannoodha. Sanuu odeeffannoo qaacca’e.

Faayidaan gabaa kanaa Maali?

A. Guddina diinagdeef faayidaa olaanaa qaba. Namni sheerii bitatee akka duroomu, Dhaabbileen sheerii gurguruun akka investimentii baballisan taasisa. Keessattuu ammoo dhaabileen yeroo gabaabaf maallaqa of harkaa dhaban (liquidity problem) isaan qunname haala salphaan maallaqa argatanii hojii isaanii hojjechuu dandahu

B. Sirna faayinansii biyya tokkoo ni ammayyeessa. Galii dabalatallee akka rgataniif ni gargaara. Kana baayy’ee hin barreessu

C. Qala’iinsa jireenyaa yeroo dheeraa keessatti hirdhisuuf ni gargaara. Dhaabbileen Aksiyoona gurguran waan ummata baldhaa fayyadu irratti akka invest godhan waan haala mijeessuf inflation illee hirdhisuu dandaha. Dhaabbileen fayya, barnoota, ijaarsaa fi qonna irratti invest godhan waan sheeriin isaanii baldhinaan bitamuufuu qalaa’insi jireenya akka fooyyahu, sirni barnootaa, fayyaa fi qonnaa akka jabaatu ni taasisa yoo haalaan qabame

D. Hoji dhabdummaa hirdhisuuf ni gargaara: Tokkoffaa gabaan kun nama qacarata. Kan alammataa ammoo gabaan kun gabaa investimetiiti. Haga investimentiin jiru ammoo hojiin jira. Kanarraa kahuun hojii hidhisuuf biyyoota hedduu akka gargaare qorannooleen ni agarsiisu

E. Sirni neetworkii, Elektiriikii, Interneeti, Seekuriitii akka cimu taasisa.

Wanti namni kamuu jala muree beekuu qabu gabaan kun investerootaafi namoota itti hirmaatanif bu’aa danuu qaba. Biizinesii haaraafis tahee biizinesii kanaan dura tureef baayyee barbaachisa. Investimentii si’eessuu, dhaabbilee namoota dhuunfaa harka jiran harka ummataa galchuu, Aksiyoona ofii yeroo barbaadanitti gurguruu dabalatee faayidaa garaagaraa biroos qaba!

Hundeeffama gabaa kanaan wal qabatee yoo xiqqaate hojiilee gara 8 tahanirratti heyyama baafattanii dalaguu dandeessu. San gochuuf garuu gaba kana beekuu barbaachisa.

Hojiilee muraasa keessaa
1. Investment advisor
2. Custodian
3. Investment bank
4. Robo advisor
5. Security broker
6. Security dealer
7. Credit rating…

Kanaafuu itti haa yaadnu! Nuti quba qabaachuu dhiisneef waan hundeeffama hafuu miti. Bor gaafa ormi maallaqa keenyan investera tahan ilaaluudhaa ol har’a waahee gabaa kanaa haasofnee, mariyannee, barannee, leenjinee wal yaa qopheessinu🙏 via #MeridTullu