Wabii Sanyii
6.84K subscribers
852 photos
24 videos
55 files
959 links
Namni waan danda'uun nama
gargaaru doqna hin jedhamu
Download Telegram
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
Abdii kutuun Diina milkaa’inaati

"Abdii kutannaan karaa kufaatiitti geessu
Isa amansiisaadha!" Genaa Showaalter

Wantonni jireenya dhalaa nama jijjiiruu danda'an hedduun galma hin ga'iin kan hafan abdii kutannaa dhala nama irraa kan ka'edha. Namni mo'u abdii hin kutatu, namni abdii kutatu immoo hin mo'u....!

Naannoon keessatti dhalatan kamuu carraa gaarii kan mataa Isa qaba. Rakkoo naannoon kee qabu irratti xiyyeeffattee abdii kutuu manna, carraa gaarii naannoon kee qabuti fayyadamuu irratti xiyyeeffadhu.

Seen~duubee kee ilaltee abdii hin kutiin, dandeettii qabduun sochii eegali, awwaala dhiibbaa seen duubee kee kan gara fuula duraatti akka hin deemne si daangesse keessaa ba'i.

Waan tokko hojjechuu yaaltee itti milkaa'uudha yoo baattee, sun kufaatii otoo hin taane muuxannoo dha
Muuxannoo san irraa waan guddaa tokko baratta. Jireenya kee keessatti abdii kutannoon diina kee isa guddaadha.

Fayyaa guutuu qabaannaan abdii kutachuuf sababa tokko ille hin qabdu. Jireenya kee keessatti sagalee wacaa naannoo kee jiruuf iddoo hin kennin. Qeeqa namoota sodaachuunis kaayyoo kee irraa gara boodaa hin deebi'in. Hojii kamiyyuu yoo hojjettee gaarii ta'u hamaa namonni si qeeqan yeroo hundaa ni jiru either Negative attitude or Positive attitude.

Jireenya kee raawwattee namoota kanniin hin madaaliin. Eenyuu iyyuu hin dorgomiin. Ga'umsa dhokataa keessa kee jiru gadi baastee ittin hojjechuuf qofa of dorgomi. Milkaa’ina Kees ta'e kufaatii kee kan nama kamiitti iyyuu hin dorgomsiisin.

Namni kan ittin madaalamu madaallii sirriin namummaa isa qofa. Sanan ala madaalliiwwaan
jiran hunduu madaalliiwaan dogoggoraati.
Qoramaanni ati qoramtu kan namni qorame hin beekne miti. Haa guddatu haa xiqqaatus namni kam iyyuu rakkoo mataa isaa qaba. Kanafuu haala keessa jirtu ilaaltee abdii hin kutiin.

Kaayyoo dhaabbata malee rakkoo dhaabbata hin jiru! Namoonni yeroo baay’ee maaliif abdii kutu......? Yoo #jaallattan #like #share #comment godha

Positive mind find opportunity in everything. While negative mind find fault in everything

https://t.me/+s8kdfRdWEjwzNTU0
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
#Comment kana #like gochuun na moosisaa. #UnlimitedData kan waggaa tokkoo Isinis subscribe, follow godhaatii, SG Entertainment Media jajjabeessaa.Galatoomaa! Isiniin jaaladha

Liinkii kan irratti
https://www.facebook.com/61556966493634/posts/pfbid02edEAbd9gsXqZhX2BeytueduxWWwf6RRXcuZ1akuYQfV8eXF9sJhr7iJvwcgZS5Xil/?app=fbl