Wabii Sanyii
6.74K subscribers
854 photos
26 videos
55 files
961 links
Namni waan danda'uun nama
gargaaru doqna hin jedhamu
Download Telegram
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
#Jireenya filatamaa jiraachuu dura
jireenya filachutuu dursa!

✓jireenyi seenaa keessattis ta'ee har'as nama filatee hin jiraatu. Namatu jireenya filatee jiraata malee, kanaaf siif galee jira yoo ta'e jireenya kee ofii dhuma keetii filadhu!.

✓"Teessoon ati yeroo jaarsummaa/dullomtu irra teessu yeroo dargaggummaa kee eessa  dhaabbattee akka turte murteessa" jedhu kanaafuu waa'een filannoo keenyaa akkuma kafana jijjirtu kan jijjiirrattuu miti. Fageessanii yaaduu gaafata!.

✓namoota addunyaa kana ajaa'ibsiisaniif jireenyi isaanii yeroo baayyee dirree filannoo fi dirree lolaa kan kaayyoon isaanii itti dhugoomte ture. Kanaaf hin sodaatin, akkasumas filannoo laga si hin ceesifnetti harka hin kennin!.

Yoo isinitti tole namoota #jaallattaniif #add

Positive mind find opportunity in everything.

https://t.me/+s8kdfRdWEjwzNTU0
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
Dhaabbata Ubuntu school of life
Pirofeesarummaa Iwunatuu Haayiluu hundeefamee Leenjii yeroo gabaabaa matadureewwaan armaan gadii irratti ogeessota muuxannoo amansiisaa fi ogummaa guguddaa qabaniin qophaa'eera isiin eegaa jirra.

Pirofeesarummaa Iwunatuu Haayiluu
Muuxannoo #jireenya hojjataa humnaa guyyaa fi #Waardiyyaa Irraa  barsiisaa, qorataa, leenjisaa fi gorsaa dhalootatti karaa agarsiisu hangaa  Haayiluu (PhD)  nama gahanii dha.

“Namni kaleessa waardiyyaa waajjira gandaa ture sun amma barsiisaa, qorataa fi nama dhalootatti karaa agarsiisu ta’eera.

#Galmeen
Qamaan Finfinneeti
Bilbilaan ykn Imeelii jalatti ibsameen ni danda'ama
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
#Jireenya ofii keessatti yeroo hedduu addaa addummaa kan uumu #carraa argatanitti fayyadamuu fi fayyadamuu dhiisuudha. Carraan aduu miti naanna'ee dhufuu dhiisuu danda'a jijjiirama jireenya dinagdee keessatti wanti hundumtuu xiqqaa irraa jalqaba. Kanafuu xiqqoo irraa ka'uun hin sodaatamus hin saalfatamus Dr. Gutu Tesso

Namoonni baay'ee gaafa carraa waliin hojjanna kennituuf osoo Sookoo fi soorgoo itti baasan carraa jaala darba, guyyaa ati milkaa’uu eegaltu moo........!


Gaafa waan haaraa eegaltu..!.

Dhugaan ati beekuu qabdu, yeroo ati waan haaraa eegaltu, namni si deeggaru muraasa yookiin dhabamuu danda'a. Wanti kun hin fayyaduu, ni ulfaataa, miidhaa qaba, karaan kun sirrii miti, siif hin milkaa'u jedhanii sitti iyyu. Sababni isaa ofiif sammuu waan ati hojjechuuf kaate hojiitti hiikuu miti yaada isaayyuu hin qabani.

Inumaayyuu akka ofiitti waan si ilaalaniif waan isaaniif hin danda'amneef atillee waan hin dandeenye isaanitti fakkaata.
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
#Jireenya ofii keessatti yeroo hedduu addaa addummaa kan uumu #carraa argatanitti fayyadamuu fi fayyadamuu dhiisuudha. Carraan aduu miti naanna'ee dhufuu dhiisuu danda'a jijjiirama jireenya dinagdee keessatti wanti hundumtuu xiqqaa irraa jalqaba. Kanafuu xiqqoo irraa ka'uun hin sodaatamus hin saalfatamus Dr. Gutu Tesso

Namoonni baay'ee gaafa carraa waliin hojjanna kennituuf osoo Sookoo fi soorgoo itti baasan carraa jaala darba, guyyaa ati milkaa’uu eegaltu moo........!


Gaafa waan haaraa eegaltu..!.

Inumaayyuu akka ofiitti waan si ilaalaniif waan isaaniif hin danda'amneef atillee waan hin dandeenye isaanitti fakkaata.
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
#Jireenya_Keef_Itti_Gaafatamummaa_Guutuu_Fudhadhu!

“Dandeettiin raawwii gaarii kan eegalu wantota jireenya keef akkasumas jireenya kee irratti ta’an hundaaf itti gaafatamummaa fudhachuudhaani.” Brian Tracy

“Baay’een keenya bilisummaa hin barbaadnu, sababni isaas bilisummaan itti gaafatamummaa fudhachuu gaafata; baay’een keenya immoo itti gaafatamummaa fudhachuu ni sodaanna.”  Sigmund Freud

Jireenya keef itti gaafatamummaa kan fudhatu nama tokko qofa, namni sunis si’uma mataa keeti! Hoogganaa kee miti, hiriyyaa gaa’elaa kee miti, warra kee miti, hiriyyoota kee miti, maamiltoota kee miti, dinagdee miti, haala qilleensaas miti. Si mataa keeti! Wantota jireenya keenya keessatti ta’an hundaaf namoota biroo komachuu yoo dhaabnu waan hunduu jijjiiramuu eegala! Jireenya keef itti gaafatamummaa fudhachuu jechuun jireenya kee ofii kee hoogganuu fi taatoo adda duree jireenya keetii ta’uu jechuudha. Wantotaan miidhamuu mannaa humna ittiin wantota mataa keetii uumtu argatta yokaan immoo yoo xiqqaate waldhaansoowwan jireenya keetii akkamitti akka injifattu humna ittin murteessitu argatta. Jireenya kee keessatti maalti iyyuu yoo si mudate wanti murteessaan ilaalcha ati wantichaaf qabdudha. Ilaalchi ati qabaattu immoo filannoo mataa keeti!

Hir’ina jireenya keetiif namoota kaan kan komattu yoo taate, jireenya kee fooyyessuuf maaltu ta’uu qaba? Isaan kaan hunduu jijjiiramuu qabu jechuudha. Michuu koo sittan hima, kun immoo waan ta’uu danda’u miti. Jireenya kee irratti taatoo adda dureen si’i yoo ta’e, humna ittiin wanta jireenya kee keessatti hin barbaadne jijjiirtu ni qabaatta! Yaadota, gochaawwanii fi miirawwan kee kan to’atu si mataa keeti. Jechoota kee, wantota TV irraa ilaaltu, namoota yeroo kee waliin dabarsuu barbaaddus kan murteessu si’i. Bu’aawwan jireenya kee keessatti argatte jaallachuu yoo baatte galteewwan kee jijjiiri—yaadota, miirawwanii fi hawwiilee kee. Warra kaan waliin falmuu dhiisiitii deebii gaarii kennuu jalqabi. Falmiin otoo hin beekiin kan raawwattu yoo ta’u, deebii kennuun garuu deebii kee hubannoodhaan filachuu jechuudha.

#Jireenya_kee_harka_dhuunfaa_kee_keessa_yoo_taasistu_maaltu_taha? … #Nama_komattu_hin_qabaattu! (Erica Jong).  Namni xiin-sammuu miidhamaa qabu akkana jedha, “Tokkoo tokkoo rakkoo jireenya koo mudateef sababni namoota birooti!” Haa ta’u malee, qaama rakkinichaa ta’uudhaa yoo baatte qaama furmaataas ta’uu hin dandeessu yookaan jecha biroon ibsuuf, rakkinichi kan uumame qaama alaan yoo ta’e, furmaanni isaas qaama alaa irratti kan hundaa’e ta’a. Gara hojii yoo deemtu kan barfattu sababa karaan cufatuuf yoo ta’e, yeroodhaan bakka hojii kee ga’uuf maaltu ta’uu qaba? Ajaa’iba ta’e tokkoon karaan cufate sun banamuu qaba jechuudhaa? Sababni isaa yeroo karaan cufatu mara ati ni barfatta waan ta’eef. Ta’uu baannaan garuu akka taatoo adda duree tokkootti dursitee manaa ba’uu qabda. Amma murteessaan si ta’e jechuudha.

Kanaaf amma illee addunyaan alaa wantota to’achuu hin dandeenye akka waldhaansoo qabdu si taasisu illee, eenyummaa ittiin haalicha dura dhaabattu filachuuf bilisummaa qabda.

Namni xiin-sammuu miidhamaa qabu yeroo hundaa falmii hin barbaachisne jaallata, yeroo hundaa akka waan balleessaa hin qabneetti of yaada, kanaaf rakkinoota isa mudatan hundaaf namoota biroo komachaa jiraata. Namni akkanaa yeroo isaa isa darbe miidhamuu isaaf komachaa gara fuula duraatti rakkoowwan isaaf furmaatonni ajaa’ibsiisoon akka uumaman yookaan namoonni rakkinicha uuman haala ajaa’ibaan akka jijjiiraman abdiidhaan eeggata.

Nama akkanaaf yeroo inni darbe barumsa barbaachisaa kan irraa argatu, yeroon ammaa tasgabbiidhaan kan itti jiraatuu fi carraawwan jijjiiramaa addaan hin cinne kan itti argatu akkasumas galmawwan isaa gara fuula duraa murteessuudhaan gara hojiitti kan itti seenudha. Gaaffii inni guddaan,“Jireenyi haalawwan kana yeroo siif dhi’eessitu hojii keen eenyu ta’uu barbaadda?” isa jedhudha. Via Ebisa Bayissa

https://t.me/sooratasammuuargaachuuf
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
#Jireenya
Namoonni carraa qabanitti fayyadamuu dadhaban, yaa anaa jedhanii ofii isanii of komatu. Namoonni carraa itti fayyadaman dhaban immoo yaa carraa koo jeechuun carraa isaanii komatu!.

Egaa atis bor yaa anaa jettee akka ofi komachaa jin jiraaneef carraa qabdutti fayyadamuun bakka gahuun qaba jette yaaddu gahi argami

#Jireenya ofii keessatti yeroo hedduu addaa addummaa kan uumu #carraa argatanitti fayyadamuu fi fayyadamuu dhiisuudha. Carraan aduu miti naanna'ee dhufuu dhiisuu danda'a.

#Yeroodhiyooti/Coming Soon