Wabii Sanyii
6.55K subscribers
872 photos
26 videos
56 files
965 links
Namni waan danda'uun nama
gargaaru doqna hin jedhamu
Download Telegram
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
Waldaa Aksiiyoonaa Afriikaa Hooldiingi Aksiiyoonaa hundeessitootaaf namonni barbaadan na dubbisaa Build Your Home by Your Company

https://youtu.be/Erl2pDl6q-c
Namoota #Website beeksisa hojii qabdn
telegram hordoftoota 122,000 active member qabu irraatti #admin fuudhachuun hojjechuu barbaadn keessan na dubbisaa #Galatoomaa/Thankyou.
💗💓Kaayyoo Fi Milkaa'ina:

➡️Kaayyoo kee galmaan gahuuf wantoota 5 kana godhi!
💗
1. Ogummaa keetii fi cimina kee namatti himuu osoo hin ta'in hojjachuun agarsiisi.
💗
2. Kaayyoo qabaachuu kee malee kaayyoo kee maal akka ta'e namatti hin himin.Maaliif yoo jette? Namni kaayyoo kee yoo itti himte karaa itti kuftu siif mijeessa waan ta'eef.
💗
3. Jechoota namaa "Maal naan jedhan" sammuu kee ol otuu hin ta'in miila kee jala kaa'i.
💗
4. Rakkina amma keessa jirtuu fi cinqii sitti jirtu kana kaleessa kee yaadachuun,fuul-dura kee abdachuun bira kuti.
💗
5. Taatee argamuu,(Ofitti amantummaan hojjachuu).

➡️Amaloota Namoota Milkaa’oo:
___
Namoonni ogummaa adda addaa fi sadarkaa jireenya isaanii adda addaa irratti argaman milkaa’ina haala adda addaatiin madaaluu kan danda’an ta’us, warri yeroo hunda milkaa’an garuu amala armaan gadii qooddatu. Yoo yeroo hunda milkaa’uu barbaadde, amala sana of keessaa horachuun gaariidha.Isaan keessaa kanneen barbaachisoo ta’an:

💓1️⃣. Fedhii Fooyya'uu:-

  Namoonni milkaa’an akka waan mudaa hin qabnetti of hin ilaalan.  Dandeettii isaanii irratti amantaa guddaa yoo qabaatanillee,ammas fooyya’iinsa gochuuf hojjetu,bakka hanqina qaban adda baasuun of cimsuuf waan gochuu qaban raawwatu.

💓2️⃣. Barachuuf Kutannoo Qabu:-

Nama milkaa’ina olaanaa qabu waliin yoo haasofte wanti hubattu tokko yeroo baay’ee beekumsa bal’aa ajaa’ibaa damee isaanii irratti qabu.  Baay'een isaaniis dameewwan biroo irrattis beekumsa ajaa'ibaa qabu.  Sababni isaas milkaa’ina keessaa kutaan gaariin waan hojjechuuf yaaltu keessaa fi alaa hubachuudha,akkasumas addunyaa akka waliigalaatti hubachuudha.

💓3️⃣. Onnattoottaadha!:-

  Galma kee bira gahuu yoo barbaadde, waan hojjettu baay’ee dhimmamuun si gargaara.Fedhiin humna namaa kan kennu siʼa taʼu,yeroowwan rakkisoo taʼan keessa si dhiibuuf si gargaaruu dandaʼa.Garuu,fedhiin fakkeessuun hin danda’amu.

💓4️⃣. Abdii Gaarii Qabu:-

  Milkaa’inni guddaan yeroo baay’ee galma ajaa’ibaa ta’ee jalqaba.Miira abdii gaarii fi ofitti amanuu osoo hin qabaatin warri waan baay’ee galmaan ga’uuf carraaqan homaa hin argatan.

💓5️⃣. Cichoomina Qabu:-

  Namni milkaa’e hundi kufaatii keessummeesseera.Yeroo kufaatiin isaan haguugullee akka biiftuun garaa samii dhoostee baatuutti kufaatii keessa darbaniiru.

➡️Qajeeltoowwan milkaa’inaa hundi beekuu qabu:-
****
💗1.Galmoota ifa ta’an kaa’i(Set clear goals):- jireenya kee keessatti maal galmaan gahuu akka barbaaddu adda baasuun karoora galmoota sana irraa gahuuf gargaaru uumi.
****
💗2.Tarkaanfii fudhadhu(take action):- Carraan gara koo dhufaa jette hin eegin,dammaqinaan waan isaan barbaadu fi galma kee galmaan ga’uuf tarkaanfii fudhadhu.
****
💗3.Xiyyeeffannoo qabaadhaa(stay focus): Qormaanni ykn duubatti deebi’uu yoo isin mudatellee,yaada keessan irraa fagaachuun,kaayyoo keessan irratti xiyyeeffachuun jiraadhaa.
****
💗4.Kufaatii hammachuu(Embrace failure): Kufaatiin adeemsa barumsaa keessatti qaama uumamaati.Akka carraa guddinaa fi fooyya’iinsaatti hammachuu qabdu...abdii kutannaa kufaatiin dhufu irraa fagaachuu.
****
💗5.Dandeettii dandamachuu guddisuu(Develop Relience):- duubatti deebi’uu irraa deebi’ee dandamachuu, barachuu fi haala jijjiiramaa wajjiin walsimsiisuu.
****
💗6.Yaada guddinaa guddisuu(Cultivate a growth mindset):- Hojii cimaaf of kennuudhaan dandeettii kee guddisuu akka dandeessu amantaa guutuun hojjechuu.
****
💗7.Hariiroo cimaa ijaaruu(Build strong Relationship):-Milkaa’inni yeroo baay’ee deeggarsaa fi tumsa namoota biroo irratti hundaa’a.
Maatii,hiriyyootaa fi namoota waliin hojjettan waliin hariiroo cimaa ijaaruu irratti invasti godhuu.

Hiriyyoota kee #add gochuu hin dagatin!

Positive mind find opportunity in everything.

https://t.me/+s8kdfRdWEjwzNTU0
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
Please add More*

Yoo isinitti tole namoota #jaallattaniif #add

Positive mind find opportunity in everything.

https://t.me/+s8kdfRdWEjwzNTU0

#5 BENEFITS OF PERSONAL DEVELOPMENT.

1. Self-Awareness and Emotional Intelligence: Personal development encourages self-reflection and introspection, enabling individuals to gain a deeper understanding of themselves. By exploring their strengths, weaknesses, values, and beliefs, people can develop greater self-awareness. This enhanced self-awareness also fosters emotional intelligence, allowing individuals to recognize and manage their own emotions effectively, as well as understand and empathize with others.

2. Continuous Learning and Growth: Engaging in personal development means actively seeking new knowledge, skills, and experiences. It encourages a mindset of lifelong learning, promoting personal growth and development in various areas of life. By acquiring new knowledge and honing existing skills, individuals can expand their capabilities, boost their confidence, and open doors to new opportunities.

3. Goal Setting and Achievement: Personal development involves setting specific, measurable, achievable, relevant, and time-bound (SMART) goals. By setting clear goals, individuals gain direction and focus in their lives. They can break down their goals into smaller, actionable steps, which helps them make progress and achieve their desired outcomes. Regularly setting and accomplishing goals boosts motivation, increases productivity, and enhances self-discipline.

4. Improved Relationships and Communication: Personal development encompasses interpersonal skills, such as effective communication, active listening, conflict resolution, and empathy. Developing these skills allows individuals to build stronger and healthier relationships with others, whether in personal or professional settings. Effective communication and empathy foster better understanding, collaboration, and harmony, leading to more fulfilling relationships and improved teamwork.

5. Increased Confidence and Resilience: Personal development helps individuals build confidence and resilience. As they gain new knowledge, skills, and experiences, they become more capable and competent, which boosts their self-confidence. Additionally, personal development encourages individuals to face challenges, embrace failures as opportunities for growth, and develop resilience in the face of setbacks. Increased confidence and resilience empower individuals to overcome obstacles, take risks, and pursue their goals with greater determination.
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
Title
Personal Development Trainers (Freelancer)

Description:
Breakthrough Trading S.C. is looking for experienced Free Lancer Personal Development Trainers of Package Trainings for our Addis Ababa and  Adama Branch Office.

Language requirement:
Those who are speaking Amharic, English, Tigrigna and Afaan Oromo will be eligible.

Duty station: 
Addis Ababa and
Adama Branch Office

Employment Type: Freelancer

Qualifications and Experience Required: 
BA/B.Sc, MA/M.Sc and PhD, preferably in psychology, sociology, management or related field from recognized University or College.
- At least two years of relevant experience in providing personal development training and different incorporate trainings.
-  Previous experiences in providing trainings at Breakthrough Trading S.C. and Successful Accomplishment of Alpha Package trainings/powerful process, habit building, mind programming and leadership and team building training/ is an added advantage.
- Excellent communication & interpersonal skill.

How to Apply:
Interested and qualified candidates are required to submit CV and supporting documents (copy of credentials and testimonials) via mail address training@alphagenuine.com until July  10, 2023 11:00 Local Time.

Female applicants are highly encouraged
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
"#Addunyaa kan irratti wanti nama gaddisiisuu  jireenya #kaayyoo hin qabneedha!"

"Kaayyoo hin qabdu taanaan mul'ata hin qabdu, mul'ata hin qabdu taanaan karoora hin qabdu, karoora hin qabdu taanaan yeroo kee hin to'attu, yeroo kee hin to'attu taanaan jireenya jiraachaa hin jirtuu, jireenya jiraachaa hin jirtuu taanaan,jooraa jirta jeechudha. Arguun hojii ijaati, mul'anni kan lapheetii. Dr. Maayelsi Munroo

Mul'anni waan amma qabatamaatti hin jirre tokko qor~qalbii of keessatti arguu danda'uu jeechudha. #Jijjiiramaaf si caalaa namni sirrii, hin jiru.

"#Sammuu ittin rakkina uumneen rakkinicha furuu hin daandeenyu!" .
Namoonni baay'een mul'ata akka qaban dubbatu, mul'ata isaaniif kunuunsa waan hin taasisneef garuu mul'anni isaanii hawwii qofa ta'e hafa.

Mul'ata kee kunuunsuu banuun ogummaa gudda jireenya si gaafattudha. Mul'ata gudda qabaattee sammuu mo'ichaa qabaachuu yoo baattee hin milkooftu.Mul'anni humna ittin kaayyoo Jireenya kee raawwattudha.
Please add More*


https://t.me/+s8kdfRdWEjwzNTU0
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Please add More*

Yoo isinitti tole namoota #jaallattaniif #add

Positive mind find opportunity in everything.

https://t.me/+s8kdfRdWEjwzNTU0
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
Ashama akkam jirtu? #Kabajamtootaaf #Jaalatamtoota hordoftoota toora miidiyaa hawwasaakoo hundaaf.

Namni kamiyyuu maqaa nama dhuunfaa/Individual person/ akkasumas maqaa dhaabbata motummaa irraa eeyyamaa/License/ fudhate /Artificial Person/ sobaan maqaa gaarii/Image/ miidhuuf yaaduun akkanaa hojjeteera, waan akkasii rawwateera jeechuun garee sadaffatti kan beeksise maqaa balleessuun yakkaa nama kan gaafachiisu ta'uu seera yakkaa keewwata 613 fi seera hariiroo hawaasaa keewwata 2044 jalatti yaaka maqaa balleessuun ni adabsiisa of eeggannoo sirba aadara keessan.


kanafuu Namonni telegram adda addaa maqaa fi suuraa koon fayyadamuun odeeffannoo dogogoraa maxxansaa jirtaan akka of sirreesitan kabaja isiin gafaadha.
#Galatoomaa/ThankYou
#Telegiramii t.me/segnigudeta Subscribers 122,000 qabu irratti odeffannoo #beeksisa wayitawaa guyyaa guyyan bahu #maxxansuun namoonni baasii hin tanne osoo hin saaxilamne #bilbila harkaa isiin fayyadamuun #hojii motummaa fi miti motummaa akka #dorgomaan gargaaruu.

Yoo isinitti tole namoota #jaallattaniif #share #add

#Kayyoon koo. Dhaloonni ilaalcha gaarii akkaa qabu barsiisuuf, leenjisuu fi fakkeenya ta'e jiraachuu dha.
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
Sammuu ofiirratti xiyyeeffachuun keessumaa nu dhaloota haaraa kanaaf barbaachisa. Biyyoonni guddatan hedduun isaanii  ijoollee  umuriin isaanii waggaa 8-12 sammuu isaaniirratti hojjetu. Umuriin ganamaa kun umuriiwwan kudha 16 booda dhufan irratti baay’ee sirreeffamaaf sammuu karooraan guute, sammuu toora galeef, hin'raafamne qopheessa. Sammuun isaanii ganama kallattii sirrii qabekaa!

Nutihoo? Isa jedhuuf baay'een keenya waan irratti xiyyeeffachuu qabnu adda baafnee beekuu dhabuurraa kan ka'e burjaajiif raafama jeeqama keessatti gaadi'amnee jiraanna. Kan kallatti sammuu isaatiin jireenya isaarratti murteessu nu keessaa baay’ee dhibbeentaa xiqqoodha.

Ofirratti xiyyeeffachuuf, sammuu ofiitti hojii manaa laachuun jalqabarratti boru yaaduu gaafata. Boru maal ta'uuf maal irratti argamuu akka qabnu adda baafannee beekuudha gaafata. Yoo boru hin'yaadin har'a waanuma har'a fakkaatu keessatti laaqamaa hafna.

Har'a yeroon, yaadni horiin, fayyaan keenya maal irra oolaa jira? Maal irratti qisaasa'aa jira? Maal irratti argamaa jira?  Gaaffiin kun deebii sirrii argachuu qaba. Yaadni keenya har'aa maal irrati burjaaja'aa jira? Maalitti dhiphachaa jira? Maalitti of gaadi'aa jira?  Kunis deebii saalfachiisaa fi bu'aa hinqabne taanaan  bakka amma jirruutti  of gannee of dagannee jirra jechuudha.

Kanaaf boruu keenya yaaduun har'a karaa sirrii, gocha sirriif, amala sirrii akka qabaannuuf sababa ta'a.  Boruu keenyarratti maal qopheessaa jirra? Karoorsaa jirra? Boruu keenya maliif qopheessaa jirrahoo?  Gaaffii aniif ati of gaafachuu qabnudha.

Har'a maaltu dursuu qaba? Adda baafadhu. Waan dursuu qaburratti sammuukee too'adhu. Waan karoora keef yaada galmee keerra hin'jirre waliin burjaaja'uu dhiisi. Karoora baafatterratti of hoggani.  Waan dursi kennamuuf sirreessaa deemi.Ofii keef; barnootakeef, maatiikeef; hojiikeef. Waan qabdu, adda baafadhu. Afuura kee tasgabbeessi. Atiif afuurri kee walii galuuf, waliin tasgabbaa'uun dirqama.

Yeroo keerratti ati of murteessi. Achirraa ajandaan, dhimmi, wacni asaasni kamuu akka si buqqisuun dandeenye haalaan hubadhu. Yeroo qofarratti osoon taane, eenyummaa keef dhimmootan kana dura kaase hundatti  ati nama of hogganu; ajandaa mataa ofii keessa jiraatu, nama yaada sammuu isaatti dhimma bahu,  Nama karooraaf, ejjeennoo isaa keessatti cimee dhaabatu ta'uutu si barbaachisa.

Sammuun kee, fedhiin kee, yaadniif hawwiin kee too'annoo kee jala jira taanaan, bakka itti argamuu qabduuf, waan sirraa dhaga'amuuf hubatamuu qabu situ adda baasee filata. Waan si fakkaatuun argamta. Waan sifakkaatu waliin mul'atta.

Sammuu ofii kana too'achuun, kunuunsuun, dhaggeeffachuuf hojii itti kennuun gahee keenya.

"Sammuu keenya kun tilmaamaan qaamota xixiqqoo bil 80tti tilmaamaman irratti kan ijaaramedha" jedhama. Kennaa uumamaan nuuf kenname keessaas isa guddaadha. Garuu waanuma kaleessaaf dheengadda irra deddeebiin yaaduudhaan kan itti fayyadamu nuyi. Kunimmoo sammuun keenya yaada haaraaf gochawwan haaraa akka horatuuf  dhama'uu dhiisuu keenyarraa madda.

Silaa haguma nama haaraa arginu, yaadni dubbannu nurkaa dhumee waanuma barame irra deddeebinee hin'haasofnu. Osoo sammuu keenyatti guyyuu waan haaraa fiduu amaleeffannee waanuma waggaa  ji'aaf torban dura ture irratti yeroo keenya gubaan hafnu.

Kanaaf sammuu keenya kaleessa irraa adda gochuuf har'a waan haaraa itti barbaaduu, hoji haaraa itti kennuu, kunuunsuuf, sooruutu barbaachisa.


1. Sammuun harka dhibba keessaa jaatama (60%) ol kan ta'u "cooma" irraa hojjetane.

2. Sammuun dhala namaa kiloogiraa 1.4 qofa ulfaata, kunis ulfaatina guutummaa qaama keessaa dhiibbeentaa 2 (2%) qofa.

3. Annisaa nuti guyyaatti arganny keessaa harka 20 (20%) sammuu keenyatu fayyadama.

4. Sammuun namaa Oksiijiiniin irraa citee daqiiqaa 5 qofa jiraachuu danda'a sana booda ni du'a.

5. Sammuun halkan yoo rafnee abjoonnu isa guyyaa caalaa muddamee hojjata.

6. Sammuun keenya yeroo sirriitti hojjatu humna ibsaa Waattii 10 (10W) maddisiisuu danda'a, kunis ampuulii ibsaa xiqqoo ishee ibsuu danda'a.

Please add More*

Yoo isinitti tole namoota #add

https://t.me/+s8kdfRdWEjwzNTU0
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
#Waggaa_Meeqatti?
   
• Platon waggaa 20tti barataa Socrates ta'e.
• Mozart waggaa 8tti muuziqaa isaa isa jalqabaa barreesse.
• Charles Dickens waggaa 12tti barnoota isaa addaan kutee warshaatti qacaramee hojii eegale. Abbaan isaa liqii kaffaluu dadhabuun waan jalaa hidhameef.
• Anne Frank waggaa 13tti kitaaba ishee yaadannoo guyyuu barreessuu jalqabde.
• Ralph Waldo Emerson waggaa 14tti Harvard seene.
• Bill Gates waggaa 19tti Microsoft hundeesse (namoota waliin). Waggaa 31tti immoo biliyeenera ta'e.
• Walliam Shakespear waggaa 31tti 'Romeo and Juliet' barreesse.
• Thomas Jefferson waggaa 33tti 'Declaration of Independence' barreesse.
• Mother Teresa waggaa 40tti 'Missionaries of Charity' hundeessite.
• Pablo Picasso waggaa 55tti fakkii 'Guernica' kaase.
• Winston Churchill waggaa 65tti muummee ministeeraa Biriteen ta'e.
• Nelson Mandela waggaa 75tti pirezidaantii Afrikaa Kibbaa ta'e.
• Frank Lloyd Wright waggaa 91tti hojii godambaa Guggenheim xumure.
• Ichijirou Araya waggaa 100tti gaara Fuji yaabbate.

Ijoollees ta'i jaarsa, dargaggeessas ta'i maanguddoo, umurii kam irrayyuu jiraadhu abjuu kee milkeessuu inuma dandeessa.

Namoonni baay'een, "Kana booda eessan ga'a?" jedhanii hojii dhiisu. Kaan immoo, "Anoo ijoolleedhaa akkamittan danda'a?" jedhanii ijoollummaatti qabatu. Dhugaan jiru garuu wanti guddaan umurii otoo hin taane abjuu ofii raawwachuuf kutannoo qabaachuudha. Abdii kutuuf sababni hin jiru, yoo uumte malee! Viv Ebisa

Please add More*

Positive mind find opportunity in everything.

https://t.me/+s8kdfRdWEjwzNTU0
HUMNA ARRABAA┃ Power Of Tongue!


❏ Ampoolii fi Generetara har'a nuti itti fayyadamnu kana beekan uume Tomas Alva Edsen jedhama. Hayyuun kun ijoollummaa isaatti rakkina harkifata sammuu (autism) qaba ture.

■ Guyyaa tokko dura taa'an mana baruumsa isaa xalayaa barreessee "haadha keetti kenni!" jedhee itti kenne. Barreessuu fi dubbisuu kan hin dandeenye Edsen ergicha haadha isaa biraan ga'e. Haati isaas xalayicha dubbistee teessee yeroo boossu argee "Haadha koo maalif boossa xalayichi maal jedha?" jedhee gaafate.

■ Haati isaa deebistee "Mucaan kee SAMMUUN ISAA BAAY'EE GUDDAA WAAN TA'EEF MANA BARUMSAA KANATTI BARACHUUN ITTI XIQQAATA KANAAF OFII KEEF MANATTI QO'ACHIISI!" jedha jettee itti himte. Toomasis baay'ee gammadee haadha isaatin barachaa qaamanis sammuudhaanis guddachaa dhufe.

■ Sana booda Argannoowwan gurguddoo addunyaa kana jijjiiran 15 addunyaa keenyaf
gumaache. Teknolojiiwwan 1093 ta'anis fooyyessee beekamtii guddaa argateera. Waggaa dheeraa booddee gara mana itti guddatee dhaqee waraqaa garaagaraa utuma ilaaluu waggaa dheeraa dura xalayaa haadha isaatif barreeffame sana argate.

■ Gaafa dubbisu akka haati isaa jetteen utuu hin taane faallaa isaati "MUCAAN KEE SAMMUUN ISAA HARKIFATAA WAAN TA'EEF LAMUU AKKA MANA BARUUMSA KEENYATTI HIN ERGINE." Jedha.

■ Yeroo sana haati isaa ati BEEKA DHA jettee beekaa akka isa goote, ati GUDDAA DHA jettee guddaa akka isa goote hubatee yaadannoo isaa irratti

➲ "Toma's Alva Edsen nama sammuu harkifataa ta'ee dhalate tattaafannaa haadha isaatin garuu BEEKAA GUDDAA jedhame." Jedhee barreesse.

■ Obbolee namichi kun gaafa dhalatu fayyaa isaa dhabee dhalate biyyaan jibbame. Kun baratee nama in ta'u jedhamee ari'ame. Jechi isaan jedhame manatti isa deebisee namaa gadi isa godhee akka inni uumamuu isaayyuu jibbuuf
ture. Garuu kan nama dhibu arrabuma maaddii barumsa isaa irraa ariisisee kichuutti kutee isa hambisuuf hima hadhaa'aa itti darbateetu deebisee ati BEEKA DHA ATI GUDDAA DHA. Jedhee, abdii isaa lalisiisee, eenyummaa isaa isa keessaa itti agarsiisee humna addunyaa jijjiire kana keessa kaa'ee, maqaan isaa seenaa keessatti akka dinqiitti akka haasa'amu isa godhe.

■ Nuti hoo har'a arraba keenyan beekaa biyyaaf ta'u baay'ee isaa cabsinee haamilee isaa, hunkuteessinee, haala isaa har'aa ilaallee ati "nama in taatu" jennee manatti deebisaa, jirra moo hir'ina isaa itti himaa, jabina inni qabuuf immoo
● "Ati cimaa dha,
● Ati nama guddaa dhas,
● Sichis guddaa taata,
● Ati beekaa dha,
● Jabaadhu,
● Haamileen kee in bu'in,
● Si bukkee jirra" jennee abdii isaa borii itti agarsiisaa jirraa?

Akkasuma seenaan kun waldaa kiristiyanaa keenya hundumaa ni ilaallata. Tajaajiltoota keenya
arraba isa kamiin jajjabeessaa jirra laata? Isa kana numaafan dhiisa.

■ Kana qofa miti dargaggeessi baay'een humna biyyaa ta'uuf male, tajaajilaa baay'een
miila wangeela ta'uudhaf male jechoota dhibaa'ummaa arraba isaa keessaa yaa'un ofuma isaatif of cabsee golatti deebi'e baay'eetu jira. Baay'een keenya humna nu keessa jiru utuu hin beekin ofuma keenyaf gatii of dhabsiisna.

■ Yeroo baay'ee jechoonni arraba baay'ee keenya irra yaa'an:
• Ani gatii in qabu,
• Ani abdii in qabu,
• Ani nama gadiidha,
• Ani nama akkasumaanidha,
• Ani baduufan jedha,
• Ani dhukkubsataadha,
• Ani nan du'a fi kkf dha.

➲ Obbolaa koo arrabni humna guddaa qaba. Dhaabbitti ajjeesus, abdii namaa lalisiisee du'aa kaasus ni danda'a.

➲ Lafee hin qabu garuu lafee ribuu hunkuteessa. Arraba gaarii fi abdii dubbatu arraba caba namaa fayyisu Waaqayyoo nuuf haa baay'isu.

➲ Arrabni keenyas akka fayyuuf ayyaanni Waaqayyoo nuuf haa baay'atu!

Please add More*

Positive mind find opportunity in everything.

https://t.me/+s8kdfRdWEjwzNTU0
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
#Sammuun akka iddoo biqiltuuti.

Yoo akka gaariitti misoomsite daraaraa gammachuu fi gammachuutiin ni daraara. Garuu yoo tuffatte margi negaatiivii fi gadadoo bakka isaa ni biqila.

↪️ Yaadni kee akka sanyii ati facaaftu ti. Yaada gaarii yoo facaafte bu’aa gaarii argatta. Garuu yaada gadhee yoo facaafte, waan hamaa qofa haammatta. Filannoon kan keeti.

↪️ Gammachuun waan ari’amuu ykn horachuu danda’u miti. Duraan si keessa jira. Laayiyeroota isa haguugee jiran balleessuu qabda.

↪️ Milkaa’inni dhugaa qabeenya qaama ykn aangoo kuufachuu osoo hin taane jireenya hiika qabu kan namoota biroo fayyadu jiraachuudha.

↪️ Xiinxalli jechuun callisanii taa’uu qofa miti. Innis yaada, miiraa fi miira kee caalaatti hubachuu, fi yeroo sanatti caalaatti argamuun barachuudha.

↪️ Gara laafinni furtuu humna jaalalaa hiikuudha. Haalduree tokko malee warra kaan jaallachuu yommuu barannu, miira gammachuu fi gammachuu dha.
Dhiifama jechuun waan namni sirratti raawwate dagachuu osoo hin taane, dhukkubbii fi aarii miidhaa sana qabachuun fide irraa of hiikuudha.

Gammachuu waaraa argachuuf karaan jiru jireenya kee keessatti waan gaarii fi hamaa hundaaf miira galateeffannaa gadi fagoo horachuu qofa.

↪️ Sodaan fakkeessaa sammuun uume qofa. Sodaa keenya fudhachuu fi mo’uu yommuu barannu, miira bilisummaa fi ofitti amanamummaa haaraa arganne nu mudachuu danda’a.

↪️ Of beekuun guddina dhuunfaa fi jijjiirama dhuunfaaf furtuudha. Yaada, miiraa fi amala keenya caalaatti yommuu hubannu, jireenya keenya irratti jijjiirama gaarii gochuu jalqabuu dandeenya.

Please add More*

Positive mind find opportunity in everything.

https://t.me/+s8kdfRdWEjwzNTU0
Please add More*

Positive mind find opportunity in everything. While negative mind find fault in everything

https://t.me/+s8kdfRdWEjwzNTU0
Forwarded from Sanyii Guddataa
Please add More*

Namoota #jaallattan
10,000 Members loading

Positive mind find opportunity in everything. While negative mind find fault in everything

https://t.me/+s8kdfRdWEjwzNTU0
"Ani maatirikii waanin kufeef yunvarsiitii galuun waggaa saddeet natti fudhate. Otoon obsaan hin dabarsinee bakka har’aa kana hin gahun ture,” jedhan

https://www.facebook.com/100070669717820/posts/pfbid02qM3SSEpD5Hfd1gfogyshq11124pUd8v5fNtVmMLyBzNktjij8FgaaEgSGvXjvXQFl/?app=fbl