UNITY IS POWER 🔋
147 subscribers
32 photos
3 links
If you join this channel
You get life change opportunity that is
: Personal Development
: Asset Building Business (NWM)

@guta6418
Download Telegram
Channel name was changed to «UNITY IS POWER 🔋»
Great message!!
1
Ati waan ofii keerratti dubbatte taata!!
Channel photo updated
Poor mentality VS Rich mentality!!
👍3
Goonkumaa Abdii hin kutin!!
👍1
Success need your comment!!
No one is Busey
It's miss management of time

Master you time!!
Fixed mindset vs Growth mindset 👌
No one is free!!!
👍1
⚖️Kutaalee Sammuu (Levels of Mind)
1.Sammuu Si’aawaa (Conscious mind): Kutaa sammuu kan waa yaaduu, yaadachuu fi miira fi hawwii keenya kan itti yaadachuu dandeenyu of keessaa qabuudha. Waan osoo hin beekinis ta’ee beeknee goonu, dubbannu fi hojjennu kan itti yaadachuu dandeenyudha
2.Sammuu si’aawaa hin taane (unconscious mind): kutaan sammuu kun kuufama miiraa, yaadaa, kaka'umsaa fi yaadannoo sammuu si’aawaa (conscious mind) keenyaatiin ala ta'e of keessaa qaba. Kutaan kun Wantoota miira keenyatti hin tolle kan akka miira dhukkubbii, yaaddoo ykn waldhabdee of keessaa qaba.
Kutaan sammuu inni s’aawaa hin taane kun kutaa sammuu isa si’aawaa caalaa guddaa yoo ta’u, wantoota fedhii fi miira keenyan ala ta’an yookin too’annoo keenyan ala ta’an raawwachaa oola.
➽Kanaafuu namootatti hin qabaminaa😂
👍1
Build your confidence for your success!!
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
Si Caalatti Kan siif Yaadu
Hin Jiru.
Sumatu ofiif Jira.

Sirra kan sitti aanu hin jiru.
Yeroo baay'ee maatiin keenya, namni nuyi baay'ee jaallannu nu irra nuuf wanta yaadan nutti fakkaata; garuu miti; si irra kan siif yaadu, eenyumtillee hin jiru yoo Uumaa kee ta'e malee. So, yeroo fudhuu ofii kee jijjiiruuf yaali! Ammayyuu ni dandeessa. Zeeroo fuutee tokko gochuu. Jabaadhu, Waaqni si waliin haa ta'u!

Yeroo tokko tokko hunda caalaa of jaalachuun maalif barbaachise beektaa?

Sababni isaa:
Ati yoo of hin kakaafne homtuu garagalee si hin ilaalu! Kan siif jiruu fi jiraatu suma! Akka ati of qabdutti eenyullee si qabuu hin danda'u!

Maarree maaliif of hin kakaaftu, maaliif of hin dadammaqsitu? Dammaqaa ta'uun hojii tokko dandeettii guutuu ta'een hojjechuuf si gargaara. Humnaa fi ayyaana uumamaan siif kennametti fayyadamuuf cimina siif laata. Dadammaqinni sababa uumamuu yookiin kalaqa waan tokkootiif ka'uumsa dha. Namni dammaqe rakkina isaa irratti dhiibbaa uumuuf qophiidha.

QAJEELFAMOOTA DADAMMAQIINSA JIREENYA ILMA NAMAATIIN WALQABATAN:

➊. Kaayyoo ofiitiif bitamuu!
➋. Xiyyeeffannoo qabaachuu!
➌. Galma ofii beekuu!
➍. Ejjennoo qabaachuu!
➎. Jalqaba haaraan eegaluu
➏. Karaa salphaa adeemuu
➐. Mul'ata qabaachuu
➑. Waan addaa uumuu
➒. Beekumsa ofiitti fayyadamuu
➓. Ofitti amanamummaa qabaachuu

Ati yoo of hin kakaafne
homtuu si hin kakaasu!


#Lafa kanarratti waan ofii kee yaadde #gaarii fi #qajeelaa taanaan #namni ni dandeessaafi hin dandeessu jedheef osoo hin taane, waan ofiif nan danda'a jette hojjedhu.

Waa'ee keef #ragaan si caalu hin jiru. Waan #hojjechuu dandeessu kan beeku #oollaa kee osoo hin taane si #mataa_keeti. Akka nama biraatti osoo hin taane akka #dhuunfaa keetti #jiraachuuf_uumamte.

@segnigudeta @WABIISG
1
GAGGEESSUMMAA FI LUKKUU HAADHOO

Yaada ijoo- Aarsa Abjuuf Kaffalamuu!
GAGGEESSITOONNIS IRRAA BARADHAA!

Qabxiillee Jajjaboo Kudha Tokko(11) Lukkuu Haadhoo irraa Barataman

1. Osoo hin haammatin dura jalqaba hanqaaquu gahaa buufti
☞KAROORA QINDAA'AA

2.Yeroo hanqaaquu ishee irra taa'uu jalqabdu ykn haammattu sochii ni xiqqeessiti
☞NAAMUSA

3.Sababa hanqaaquu ishee hammattuuf nyaatas waan hir'istuuf, ulfaatinni qaamaa ishee ni hir'ata
☞WAREEGAMAA FI OF KENNUU

4.Hanqaaquu lukkuu birootiif irra taa'uu ni dandeessi
☞AL-LOOGUMMAA FI ARJUMMAA

5.Guyyaa digdamii tokko (21) hanqaaquu ishee irra teessee obsaan eeggatti, yoo jalaa shamtellee deebitee hanqaaquu biroo buufti
☞AMANTAA, ABDII FI ABDII KUTANNAA DHIISUU

6.Hanqaaquu cuucii hin qabne adda baafattee kophaa baafti
☞XIINXALAA FI HUBANNOO

7.Hanqaaquu manca'e dhiistee tokko qofa yoo ta'ellee ilmoolee kan qabdu kunuunsuu eegalti
☞OGUMMAA, DAMMAQINAA FI DHUGAA

8. Cuucii ishee homtuu hin tuqu
☞KUNUUNSAA FI JAALALA

9. Cuucii ishee hunda walitti qabdi
☞TOKKUMMAA FI KAAYYOO

10.Ilmooleen ishee osoo of hin danda'in kophaa hin dhiistu
☞ITTI GAAFATAMUMMAA

11.Yeroo hunda ilmoolee ishee fuuldura deemti
☞HOGGANSAA FI FAKKEENYUMMAA
👍63