TIKVAH AFAAN OROMOO
36.3K subscribers
6.75K photos
82 videos
8 files
180 links
Download Telegram
#Gocha_Sukkaneessaa

Shamarree lama irratti gudeeddii gareedhaan raawwatame - Taatee Naqamteetti raawwate

Viidiyoon shamarran lamaa yeroo gareedhaan gudeedamanii mul’isu miidiyaa hawaasummaa irratti qoodameera.

Taateen kun kan raawwate magaala Naqamtetti yoo ta'u, barattoonni kutaa 7 lama umriin isaanii 15 ta'u yeroo dhiirotaan gareedhaan gudeedaman viidiyoon mul'isu miidiyaa hawaasaa irratti qoodameera.

Viidiyoo kanarratti akka mul’atutti shamarran lama walcinaatti dargaggootaan yoo gudeedaman dhiironni kan biraa ammoo viidiyoo waraabaa yoo itti qoosan dhagahama.

Gochi kun gudeeddii gareedhaan raawwatame ta’uu kan akeeku ammoo kanneen dhaabbatanii ilaalan ‘dabareedhaan raawwachuu akka qabanii fi ‘iddoo jijjiiranii fi xiqqoo boqotanii’ gocha kana raawwachuuf yoo dubbatan dhagahamuusaati.

Poolisiin magaalaa Naqamtee akka mirkaneessetti taatee kun ALI, Fulbaana 7, 2017tti raawwatame jedheera.

"Namoonni shakkaman lama barbaadamaa jiru. Namni to'atame hin jiru," jechuun dhimmicha qorataa akka jiran himaniiru.

Viidiyoon gocha al-seerummaa fi safuu hawaasaa cabse kun erga miidiyaa hawaasummaa irratti qoodame booda namoonni hedduun miira dallansuutiin dhimmicharratti barreessaa jiru.

@tikvahethafaanoromoo
Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa walgahii idilee gaggeessaa jira.

Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa har'a bakka Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad argamanitti walga'ii idilee 3ffaa bara hojii 4ffaa waggaa 6ffaa gaggeessaa jira.

Mummichi ministeeraa gaafilee miseensota irraa ka'aniif deebii kennanii jiru.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
TIKVAH AFAAN OROMOO
Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa walgahii idilee gaggeessaa jira. Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa har'a bakka Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad argamanitti walga'ii idilee 3ffaa bara hojii 4ffaa waggaa 6ffaa gaggeessaa jira. Mummichi ministeeraa…
Ministirri Muummee FDRI dokta Abiy Ahimad gaaffiilee miseensoota mana maree bakka bu'ootarra dhihaataniif deebii fi ibsa kennaanii jiru.

Muumichi ministeera Dr. Abiy Ahimad gaafilee gaafatamaniif ibsaa bal'aa fi deebii kennan keessatti maal jedhan:-

▶️ Bara baajataa kana lammiilee kuma 700'f carraa hojii biyya alaa uumuuf karoorfameera.

▶️Bara bajataa 2016 Itoophiyaatti guddinni dinagdee dhibbeentaan 8.1 galmaa'eera. Bara bajataa kana ammoo guddinni dinagdee dhibbeentaan 8.4 akka galmaa'uu ni eeggama.

▶️Baatiiwwan sadan darban galiin birrii biiliyoona 180 walitti qabameera.

▶️ Buufanni Xiyyaaraa haaraan waggaatti namoota miiliyoona 130 imalchiisuu danda’u ijaaruuf qorqnnoon xumuramuusaa himaniiru.

Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa xiyyaarota haaraa 124 bituuf ajajee Afriikaarraa daandii qilleensaa isa guddicha ta’uusaa ittifufsiisuuf dachaan hojjechaa akka jiru ibsaniiru.

▶️Ji'oota sadan darbanitti invastimantiin kallattiin alaa dhufu dhibbeentaa 6.4 guddina galmeessuun danda'ameera.

▶️ Dhiyeessii lafaa, kenniinsa tajaajilaa fi dameewwan birootiin haala mijataa uumuun guddinna invastimantii kallattiin alaa dhufu dabaluun barbaachisaadha jedhaniiru.

▶️Bara bajataa kana pirojeektoonni Indastirii gurguddoon 72  hojii ni jalqabu jechuun Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad ibsaniiru.

@tikvahethafaanoromoo
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
‘Xiyyaarri Itoophiyaa balaliidhaaf qilleensa Eertiraa akka hin fayyadamne hin dhorkamne’ - Daandii Qilleensa Itoophiyaa

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa qilleensa Eertiraa irratti akka hin balaliine dhorkameera jedhamee odeeffannoon tamsa'aa jiru soba ta'uufi ammallee balalii idileef qilleesa Eertiraa fayyadamaa jiraachuu beeksise.

Daandiin qilleensichaa balaliidhaaf qilleensaa Eertiraa akka fayyadamu Abbaa Taayitaa Siviil Aviyeeshinii Eertiraa irraa hayyamni kan laatameef ta’uufi naannoo qilleensaa kana balalii idileef akka fayyadamaa jiru mirkaneesseera.

Haaluma kanaan dhimmicha ilaalchisee odeeffannoon marsaalee hawaasaa irratti naanna’aa jiru dogoggora ta’uu daandiin qilleensichi ibseera. #AS

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
#Koontaa

Guyyaa har'aa balaa sigiga lafaa Koontaatti muudateen lubbuun namoota 6 darbeera.

Naannoo Kibba Lixa Itiyoophiyaa Godina Koontaa Aanaa Amayaa ganda Caaree Dooqqeetti balaa Sigigaa lafaa mudateen lubbuun namoota 6 darbuu Poolisiin naannichaa beeksiseera.

Gandichatti rooba cimaa kaleessa galgala roobe hordofee sigigni lafaa har’a ganama sa’aatii 2:00tti mudachuun ibsameera.

Namoonni lubbuun darban lama maatii tokko keessa, namoonni biroon 4 maatii tokko keessaa ta’uun eerameera.

Hanga ammaatti reeffii nama tokko qofti argamuun ibsameera.

@Tikvahethafaanoromoo
TIKVAH AFAAN OROMOO
#Gocha_Sukkaneessaa Shamarree lama irratti gudeeddii gareedhaan raawwatame - Taatee Naqamteetti raawwate Viidiyoon shamarran lamaa yeroo gareedhaan gudeedamanii mul’isu miidiyaa hawaasummaa irratti qoodameera. Taateen kun kan raawwate magaala Naqamtetti…
#Update

Naqamteetti namoota gudeeddii dubartoota lamaaniin shakkaman jaha to’ataman

Namoota tibbana magaalaa Naqamteetti shamarran lama walcinaatti gareedhaan gudeeduufi yakkicha viidiyoo waraabanii miidiyaa hawaasummaa irratti qooduu keessaa harka qabaachuun shakkaman jaha to’atamaniiru.

Yakka gudeeddii kana kan raawwatan lamaan keessaa tokko Lalisaa Dirribaa kan jedhamuu fi dargaggoonni viidiyoo waraabuun miidiyaa hawaasummaa irratti qoodan shan to’annoo jala ooluu ibsameera.

Waajjira dhimma dubartootaa fi daa’immanii magaala Naqamteetti ogeettii seeraa kan ta’an Aadde Shawaayyee Didhaa BBC’tti akka himanitti, shakkamtoonni kunneen Roobii ganama to’annaa jala oolan.

Haata’u malee, “shakkamaan gudeeddii kana raawwate fi maqaa Gammachuu yookan Maammee jedhamuun beekamu yeroodhaaf miliqee barbaadamaa jira,” jedhan.

Shakkamtoonni yakka kana keessatti qooda qabu jechuun to’ataman jahan Kamisa darbe mana murtiitti dhihaachuun yaanni irraa fuudhamuus himan. #BBC

@Tikvahethafaanoromoo
#Oromiyaa

Naannoo Oromiyaa, Godina Shawaa Kaabaa, aanaa Waacaaleetti haleellaa hidhattootaan raawwatameen namoonni hedduun ajjeefamaniiru.

Haleellaa har'a ganama aanaa Waacaalee keessatti raawwatameen bulchaa aanichaa Obbo Nugusee Kooruu dabalatee namoonni hedduun ajjeefamaniiru.

Bulchaa Aanaa Alaltuu kan turanii fi torbaan lama dura bulchaa Aanaa Waacaalee ta'uun kan muudaman obbo Nugusee Kooruu ajjeefamuun isaanii mirkanaa'ee jira.

Jiraataan aanichaa yaada isaa Raadiyoo Dochee Vilaa'f kenneen "Hogganaa aanaa dabalatee namoonni hedduun du'aniiru. Hammi miidhaa gahee hanga ammaatti beekkame natti hin fakkaatu." Jedhaniiru

Namoonni miidhaman hospitaala seenuu isaanii himameera.

Magaalaan guddoon aanichaa Muka xurii, Finfinnee irraa kiiloo meetira 82 fagaattee argamti.

@tikvahethafaanoromoo
Ardaa Jilaa

Seenaan ummata Oromoo haala ajaa’ibsiisaatiin seeneeffamaa Maaddii Abooliin Chaanaalii 489liin DStv irratti dookumantarii miira nama hawwatu fi boohaarsaa nama bashanansiisu 💪🔥!

Kaffaltii kaffaluuf, paakeejii kessan jijjiruuf, akkasumas tajaajiila DStv kanneen biroo argachuuf;

Linkii My DStv tuqaa!
👇👇
http://bit.ly/3IYTcii

#Hunduukanjirunubira #DStvEthiopia #MaaddiiAbol
Barattoonni musliimaa sababa uffannaa isaaniin ittifaman gara barnoota isaanitti akka deebi’an waliigalame

Magaalaa Finfinnee keessatti barattoota musliimaa shamarranii sababa uffannaa isaaniin torban lamaa oliif barnoota ala ta’an “yeroodhaaf haala duraan barachaa turaniin barnootatti akka deebi’an” waliigalamuu Manni Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamaa Magaalaa Finfinnee ibse.

Dhimmi barattoonni musliimaa shamarranii niqaaba uffatanii mooraa mana barumsaa keessa akka hin seenne dhorkamuu kun dhimma ijoo miidiyaa hawaasaa ta’urra darbee paarlaamaatti gaaffii ta’ee ka’eera.

Miseensa paarlaamaa kan ta’an Ustaaz Kaamil Shamsuu dhimmi uffannaan walqabatee rakkoon uumame kun furmaata akka argatu gaafataniiru. “Barattoonni sababa niqaaba fi hijaaba isaaniin barnoota ala ta’an iddoo tokko tokkotti kumaatamaan lakkaawwamu,” jedhan. AS

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
Mohaa woldaa Aksiyoona Indaastirii dhugaatii lallaafaa 

Mohaa woldaa Aksiyoona Indaastirii dhugaatii lallaafaa maamiltoota isaaf badhaasoota hedduu qopheesse jira.

Isaan keessaa inni jalqabaa carraan  konkolaataa elektrikaa vools waagan ID 4 magaalaa hawaasaatti abbaa carraa qaqqabeera.

Abbaan carraa obbo ermiyaas biraanuu badhaasa isaanii Onkoloolessa 23 bara 2017 magaalaa
hawaasaatti sagantaa badhaasaa addaa qophaa’e irratti fudhataniiru.

Kanaan dura magaalaa Finfinnee naannoo kotobee naannoo ganda 04  badhaasni konkolaataa elektrikaa BYDn abbaa carraaf ba’uun isa ni yaadatama.

Ammaas badhaasoonni heedduun abbaa carraa eegaa jiru.

Oomisha Peepsii dhandhamachaa carraa keenya haa yaallu! haa injifannu! miriindaafi 7-upiin nama gomjaassisuu, ni badhaasisu.
#WalaayittaaSooddoo

Itiyoo Telekoom tajaajila Neetwoorkii dhaloota 5ffaa (5G) Magaalaa Walaayittaa Sooddootti jalqabsiise.

Saganticha jalqabsiisa tajaajilichaarratti Hoji Raawwachiistuu Itiyoo Telekoom Firehiiwot Taammiruun, tajaajilli interneetii dhaloota 5ffaa teeknoolojii olaanaa jabana kanaa ta’uu dubbataniiru.

Tajaajilichi Dijital Itiyoophyaa galmaan ga’uun maddiitti carraa hojii lammiileef akka uumuu ibsaniiru.

Dabalataan, sochii diinagdee hawaasaa kan saffisiisu fi faayidaalee hedduu akka qabu kaasaniiru.

@tikvahethafaanoromoo