Sirna Gadaa Oromoo keessatti Jaarmiyaalee ykn Dhaabbilee jiran keessaa tokko kan tahe Guddifachaadha.
Sirni Gadaa bu'aa qaroomina Saba Oromooti. Ibsituu ammayummaa, yaada bulchiinsa dimookiraasii, ragaa seenaa jiruufi jireenya Oromooti.
Kana malees, Gadaan uumaafi uummama hundaaf seera qabaachuusaafi akkasumas baroota kuma hedduuf bubbulee har'a gahuusaafi bu'uura yaadrimee dimookiraasii ammayyaa ta'us akka hin oolle hayyoota heddudhaan baldhinaan qoratame xiinxalameera, leellifameeras.
Gadaan seerota duudhaa dimookiraasii jabeessaniin kan guutameefi tokkummaa, waljaalala, gootummaa, walabummaa dhala namaa,qaroominaafi Badhaadhina kan leellisu mallattoo qaroomina Saba Oromooti.
Jaarmiyaalee Sirni Gadaa ittiin ijaarame keessaa kanniin ijoon: Guddifachaa, Moggaasa, Sirnoota Araaraafi Irreechati.
Guddifachaan seera rakkoo hawaasummaa furuu yoo tahu,seera hariiroo hawaasummaa Itiyoophiyaa irratti maqaa kanaan galmaa’eera.
Guutu isaa dubbisaa:- https://telegra.ph/Guddifachaa-04-07
@tikvahethafaanoromoo

Waan nurraa hafeef osoo hin taane waan qabnu waliif Qooduun duudhaa keenya kan ganaamaati
Aadaa hawaasa keenyaa keessatti baratamaa fi aadeffatamaa kan ta’ee wal gargaarsi lammiin lammii bira dhaabbachuu kan yeroo kamuu jajjaqbeeffamuudha.
Duudhaa ganamaa kan ta’e sona wal gargaarsaa kan dhugoomsuuf Biiroon Dhimma Dubartoota fi Daa'imman Oromiyaa dhaadannoo guyyaa tokkoofs ta'u Daa'immanii fi Haadhoolii harka qalleeyyii daanditti bahaaniif isinis qomoo keenya nuti isiniif jirra jedhu qabachuun Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatti Haadhoolii fi Daa'imman walumaagalatti namoota 600f deeggarsa taasiseera.
Buu'uuruma kanaan Biiroon Dhimma Dubartoota fi Daa'imman Oromiya sagaantaa keenna tajaajjila lammumma bati tokkof turu taasisuuf dhaadannoo "Osoo ani jiru Haati fi Daa'immani koo hin rakkatan" jedhun karoora baase hojiitti kan gale yoo ta'u sagaantaa kanaanis Daa'immanii 500,000 qaqqabuuf kan hojjetamaa jiraachuun ibsameera.

#Update
Balalli ganama har’a taasifameen daa’imman 101 gara biyyaa deebi’uusaanii Ministeerri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa beeksiseera.
Mootummaan lammiilee gara biyyaa deebisuutin deeggarsoota garagaraa akka argatan taasisaa jiraachuu isaa ibseera.
Kanaanis hanga ammaatti lammiilee 4,900 gara biyyaa deebi’aniiru jedhame.

#Rusia
Raashiyaan miseensummaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Mana Maree Mirgoota Namoomaa keessaa of baasuu Ministeerri Dhimma Alaa biyyattii beeksise.
Biyyattiin murtoo kana kan fudhatte Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii yaa’ii waliigalaa guyyaa kaleessaa gaggeesseen Raashiyaan Miseensummaa Mana Maree Mirgoota Namoomaa keessaa akka ittifamtu murtoo dabarse hordofee ta’uu ibsameera.
Murtoo dhaabbatichi dabarse biyyattii adabuuf yaadamee ta’uu fi kaayyoo siyaasaa kan qabudha.
Raashiyaan ammas taanaan mirgi namoomaa akka kabajamuuf ga’ee isheerraa eegamu kan ba’attu ta’uu ministeerichi beeksiseera.
Murtoon dhaabbatichaan Raashiyaarratti darbe murtoo doorsisaa fi seera maleessa jechuun dhaabbatichatti Ittaanaan ergamaa dhaabbii Raashiyaa Geenaadii Kuuzmiin ibsaniiru.
Murtoo dhaabbatichaan fudhatame biyyoonni 93 yoo deeggaran 24 mormuun biyyoonni 58 yaada hin kenniin hafaniiru.

Magaalaa Jimmaatti buufataa fi terminaalli haaraan ijaaruuf ta’uu ibsame
Dhaabbanni Tajaajila Geejjiba Galaanarraa fi Loojistikii Ityoophiyaa magaalaa Jimmaatti buufataa fi terminaala haaraa ijaarsisuuf ta’uu ibsameera.
Buufanni fi terminaalichi fayyadamtoota lixa biyyattiitti argamaniif dhiyeenyatti tajaajila kennuun daldala al-ergii fi alaa galan saffisiisuu kan dandeessisu ta’uu ibsameera.
Oomishaaleen qonnaa naannichaa tajaajila loojistikii si’ataa argatanii yeroon gabaa alaaf akka qaqqabaniif ga’ee olaanaa kan taphatu ta’uu eerameera.
Ijaarsa buufatichaaf lafti hektaarri 20 filatamuu fi dhaabbatichi adeemsa kaffaltii beenyaa fi haalduree tokko tokko guutaa jiraachuu fi walharkaa fuudhiinsi lafaa yeroo gabaabaa keessatti kan taasifamu ta’uu ibsameera.

Manneen barnootaa magaala Finfinnee tokko tokko keessatti salaataan walqabatee tibbana waldiddaan uumameera.
Walitti qabaa Ittaanaan Boordii Mana Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa magaalaa Finfinnee Ustaaz Mahaammad Abaata, rakkinichi manneen barnootaa 40 ta'an keessatti uumamuu BBCtti himaniiru.
Maddi waldhibdee ammoo salaata sa'aa laaqanaatti salaatamu (salaata Zuhuraa) akka ta'e dubbatan.
Barattoonni musliimaa "salaata sana (mana barumsaa) keessatti salaatuuf gaafii yemmuu dhiyeessan ni dhorkamu. 'Alatti iddoo dhiyootti salaatnee yaa deebinu' yeroo jedhamuttis akkasuma manneen barnootaa tokko tokko keessatti dhorkaan jira," jedhan.
Kanaan walqabatees magaala Finfinnee kutaa magaalaa Lammii Kuraa mana barnootaa 'Idigat Corraa' jedhamu keessatti waldhibdeen uumamuu himu.
Kanaanis barattoonni lakkoofsaan 30 hanga 50 ta'an hidhamanii akka turanfii boodarra gadhiifamuus dubbatu.

#OduuAmme
Ministeerri Maallaqaa Shaqaxaaleen bu’uuraa eeyyama Sharafa alaa malee kallattiin akka galan murteessuu beeksiseera.
Shaqaxaaleen bu’uuraa kanneen akka Zayita nyaataa, Qamadii, Sukkaarri, Aannan Daa’immanii fi Ruuziin eeyyama sharafa alaa malee kallattiin karaa Komishinii Gumrukaan akka galan murtaa’uu Ministeerri Maallaqaa beeksiseera.
Ministeerri Maallaqaa akkaataa Xaalayaa gaafa guyyaa 22 /3/2013 lakkoofsa MA. 30 /7/ 51 barreesseen dhimmi kun akka raawwaatu, raawwii isaa ilaalchisee qaamolee dhimmi ilaallatu waliin hordoffii fi to’annoo cimaan akka taasiifamu murtaa'ee jira.
Maddi :- Ministeera Maallaqa

Aadaan Walgargaarsaa Lammiilee Cimee Itti Fufuu Qaba – Obbo Zhaanxiraar Abbay
Bulchiinsi Kutaa Magaalaa Boolee mata duree “gaarummaan obbolummaa waaraaf ” jedhuun lammiilee harka qalleeyyii 200 oliif deeggarsa taasiiseera.
Sagantaa deeggarsaa laachuu kanarratti kan argaman Itti aanaan Kantiibaa Magaalaa Finfinnee obbo Zhaanxiraar Abbay, walgargaaruun aadaa ummattoota Itoophiyaa ta’uu , duudhaa walgargaarsaa biyyattiin qabdu cimsanii ittifufsiisuun akka barbaachisu himaniiru.
Deeggarsa Abbootiin qabeenyaa fi dhaabbilee deeggartootaa taasisan galateeffataniiru.
Hojii Raawwachistuun kutaa Magaalichaa Aadde Alamtsahaay Shifarraaw gama isaaniin kutaan magaalichaa qaamolee hawaasaa fi dhaabbilee garaagaraa hirmaachisuun lammiilee harka qalleeyyii gargaaruuf xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuu eeraniiru.
Sagantaa guyyaa har’aa gaggeeffameen lammiilee harka qalleeyyii 220f midhaan nyaataa kannamuu himaniiru. (OBN)

Ebla 01, 2014- Arsii Lixaatti, balaa konkolaataa dhaqqabeen lubbuu namoota 17 galaafate.
Godina Arsii Lixaa Aanaa Adaabbaa iddoo marfata Washaatti ganama kana naannoo sa'aati 4:30 irratti konkolaataan Abbaa Duulaa jedhamuun beekkamu lakk. gabatee OR 59279 ta'e Magaalaa Roobeerraa imaltoota fe'atee gara Magaalaa Shaashamannee osoo imalaa jiruu, balaa tasaa mudateen konkolaachisaafi gargaaraa isaa dabalatee lubbuun namoota 17 darbeera.
Itti gaafatamaan Waajjira Poolisii Aanaa Adaabbaa Komaandar Abdurashiid Woyyoo, konkolaataan kun imaltoota 17 fe'ee gara Shaashamannee osoo imalaa jiruu qilee maramaa Washaa keessa seenuun balaa sukkaneessaa dhaqqabeen lubbuun namoota 14 battalumatti yoo darbu, namoonni 3 yaalaaf erga gara buufata fayyaa Adaabbatti fudhatamanii booda akka lubbuun isaanii darbe himan.
Ka'uumsi balaa kanaa saffisaan konkolaachisuu akka ta'e himaniiru.
konkolaachistonni of-eeggannoo gochuun suuta konkolaachisuun lubbuu namaa hanbisuu