Ameerikaan Maal jette?
➡️Faannoon gara kaayyoo qabatamaa fi nageenya waaraa qabatee haa dhufu
➡️Waraanni Bilisummaa Oromoo (OLA) walitti bu’iinsa oromiyaa keessa jiru dhaabuuf marii eegale itti haa fufu
➡️Mootummaan Federaala haleella diroonii uummata isaa irrattti taasisu hatattamaan haa dhaabu
Ameerikaan guyyaa har’aa Karaa imbaasi ishee Finfinnee jiruun hidhattootaa fi mootummaa federaalatif erga dabarsitee jirti.
Itoophiyaatti Ambaasaaddara Ameerikaa kan ta’an Ervin Maasingaa erga har’a dabarsaniin guutuu itoophiyaatti namoonni lakkofsi isaani miliyoonaan laakkawaman walitti bu’iinsa rakkoo hedduuf isaan saaxileef furmaanni nagaa fi sirrii ta’e akka isaaniif barbaadamuuf ergaa dabarsaniiru.
Ambaasaddarichis, humnoota hidhattootaa fi mootummaa Federaalaaf hawaasaaf dursa kennuu akka qaban waamicha dhiyeesseera.
“Waraana dhaabuun, lammiilee buqqa’an gara qe’ee isaaniitti akka deebi’an gargaaruu, daa’imman gara mana barumsaatti akka deebi’anii fi dhaabbileen fayyaa tajaajila akka kennan gochuuf murteessa dha”. Jechuun hubachiisaniiru.
Ambaasaaddarichis erga isaaniitiin Faannoon gara kaayyoo qabatamaa fi nageenya waaraa akka deemu qabu , Waraanni Bilisummaa Oromoo (OLA) walitti bu’iinsa oromiyaa keessa jiru dhaabuuf marii eegale akka itti fufuu fi Mootummaan Federaala haleella diroonii uummata isaa irrattti taasisu hatattamaan akka dhaabu waamicha dhiyeessaniiru.
@tikvahethafaanoromoo

Itiyoophiyaan Sudaan kibbaaf deggersa barbaachisu akka kennitu mirkaneessite
Nagaa fi tasgabbiin Sudaan Kibbaa bu’aa biyyaalessaa Itiyoophiyaan waliqabataa waan ta’eef deggersa barbaachisu akka kennitu Itiyoophiyaan beeksisteetti.
Daarikteerri Waliigalaa Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyaalessaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen fi Gorsaan Dhimmoota Baha Afrikaa Ministira Muummee Geetaachoo Raddaa Pirezidaantii Sudaan Kibbaa Saalvaakiir Maachaar fi Itti aanaa isaanii Beenjaamiin Boolmel waliin mari’ataniiru.
Jilli kun ergaa Ministira Muummee Doktar Abiy Ahimad irraa ergames geesseera.
Wayituma kana maree geggeessaniin nagaa fi tasgabbiin Sudaan Kibbaa bu’aa biyyaalessaa Itiyoophiyaan waan walitti hidhameef, Mootummaan Itiyoophiyaa karaa barbaachisaa ta’e hundaan kan deggeru ta’uu ibsaniiru.
Pirezidaanti Saalvaakir fi itti aanaan isaaniis Itiyoophiuaan durumaa jalqabee deggersa addaan hincinne gochaa jiraachuu kaasuun galateeffataniiru.
Deggersi kun jabaatee itti fufuu akka qabus gaafachuun isaanii gabaafameera.
Jilli kun ergama isaa xumuruun gara biyyaatti deebi’eera. #FBC

Dhukkuba Mpox (Maariyyee Jaldeessaa) biyya keenyatti argamuun isaa mirkanaa'e.
Itoophiyaa keessatti namni dhibee Maariyyee Jaldeessa(M-Pox) qabame argamuu isaa insititiyuutiin fayyaa hawaasa beeksiseera.
Naannoo Oromiyaa Magaala Mooyyaleetti daa'ima guyyaa 21 qabu irratti dhibeen M-Pox kun argamuu mirkanaa'eera.
Abbaan daa'ima kanaas gara biyya ollaa deemuun isaa kan beekame yoo ta'u, nannawa deemetti namoota isatti dhiyoo turan fi tuttuqqii qaban sochiin adda baasu eegalamuu isaa ibsameera.

Itoophiyaan laaboraatoorii mirkaneessa qulqullina damma hundeessiteef beekamtii akka kennamuuf gaafatte
Itoophiyaan biyyoonni oomisha ishee bitatan laaboraatoorii mirkaneessa qulqullina damma hundeessiteef beekamtiin akka kennaniif gaafachuu Ministeerri Qonnaa beeksise.
Deetaan Ministira Qonnaa obbo Fiqruu Ragaasaa (Dr.); Itoophiyaan oomisha damma fi Gagaatiin Afrikaa keessatti adda duree taatuus sharafa alaa damee kanarraa argachuu qabdu argachaa akka hin jirre dubbataniiru.
Dabaluudhaan Itoophiyaatti laaboraatooriin qulqullina damma mirkaneessu dhabamuu isaatiin oomisha damma irraa sharafa alaa hanga argachuu qabu akka hin arganneef sababa guddaa ta’uu DhPI’tti himaniiru.
Qulqullina damma Itiyoophiyaan al-ergii ergitu mirkaneessuuf saamuda gara Jarmanitti ergamee qulqullinni isaa erga mirkanaa'ee booda gara gabaa Awuroopaatiif akka dhiyaata akka ture yaadachiisaniiru.
Amma garuu Ityoophiyaan ganda keessaatti laaboraatoorii qulqullina omisha damma mirkaneessu akka hundeessite eeruun, biyyoonni oomisha damma ishee bitan beekamtii akka kennaniif jechuun gaafatteera jedhe.
Itoophiyaan horsiisa Kanniisaatiif haala mijataa akka qabdu, akkasumas waggaatti giddu galeessaan damma toonii kuma 500, Gagaa toonii kuma 50, fi Haphee damma toonii 500 oomishuuf dandeettii akka qabdu ibsaniiru.
@Tikvahethafaanoromoo

Kiniiniin Postpill ( Ulfa ittisuu) irra deddeebiin yoo fudhatame ulfi gadameessaa ala ta'e uumamuu akka danda'u himamee.
Namoonni hedduun qoricha Postpill yeero Walqunnamtii sala tasa rawwatan Booda guyyaa guyyaan fudhachaa akka jiran himamaa.
Ityoophiyaa keessatti dargaggoonni hedduun yeroo ammaa kana qoricha ulfa ittisuu hatattamaatiif oolu kan ganama boodaa mala hin malle fayyadamaa akka jiran gabaafameera.
Kiniiniin kun ulfa ittisuu hatattamaatiif kan oolu ta’us, lakkoofsi dargaggoota yeroo yeroon fi wal irraa hin cinne fudhatan xiqqaa waan hin taaneef miidhaa cimaa fiduu akka danda’u Pilaan Intarnaashinaal Itiyoophiyaa Itti Gaafatamaan Komunikeeshinii Dr. Saakeer Geetaahuun himaniiru.
Qorichi kun irra deddeebiin yoo fudhatame ulfa gadameessaan alaa fiduu akka danda'u ibsuun, walitti dhufeenya yeroo dheeraa keessatti fayyadama kondomii dhaabuunis ulfa malee dhukkuboota adda addaatiif akka saaxilamtu taasisa jedhameera.

Daa’imman miiliyoona 7 ol talaallii dhibee gifiraa fudhatan!
Naannoo Oromiyaatti daa’imman miiliyoonni 7 fi kumni 300 fi kumni 36 ol talaallii dhibee gifiraa fudhachuu Biiroon Fayyaa Oromiyaa beeksise.
Caamsaa 6, 2017 irraa eegalee duulli talaallii qindaa’aan dhibee Gifaraa guutuu Oromiyaatti kennamaa turuun kan yaadatamudha.
Duula Kanaan daa’imman umrii waggaa 1-5 miiliyoonni 7 fi kumni 300 fi kumni 36 fi 131 talaallii fudhachuu Biirichatti Daayrektarri Daayrektoreetii Fayyaa Haadholii, Daa’immaniifi Dargaggootaa obbo Abbabaa Baqqalaan ibsaniiru.
Duula Kanaan daa’imman waggoottan shanan darban sababoota weerara vaayirasii Koronaafi nageenyaan talaallicha osoo hin fudhatiin hafan taalaalchifamuus eeraniiru.
Talaallii farra dhibee Gifiraa dabalataan daa’imman umrii waggaa 5 gadii hanqina sirna nyaataafi dhibee qaban adda baafamuu, Vaayitaamin A fi farri raammoo garaa keessaa kennamuu himaniiru.
Dubartoota wayita da’umsaa qaama hormaataa isaanii miidhaman 497 adda baafamuufi dubartoonni 20 wal’aansa argachuu ibsaniiru.
Duula talaallii kanaan daa’imman dhukkubsatan kumni 16 fi 296 adda baafamuu, kanneen keessaa kumni 15 fi 571 yaalamuu himaniiru. #FD

Itoophiyaatti namoota dhibeewwan Koleeraa, Busaa, fi Gifiraan qabaman dabaluu gabaasni Kilaastara Fayyaa Itoophiyaa akeeke
Baatii Amajjii hanga Ebla bara 2025 gidduutti Itoophiyaa keess [keessattuu naannolee Amaaraa fi Gaambeellaa] aanaalee 32 fi kaampiiwwan baqattoota shan keessatti:-
Koleeraa:-
👉Namoota 4,056 qabaman
👉 Namoota 42 du'aniiru.
Busaa:-
👉 Namoota miliyoona 1.97 qabaman
👉 Namoota 77 du'aniiru.
Gifiraa:-
👉Namoota 3908 qabaman
👉 Namoota 22 du'aniiru.
Ji’a Ebla keessa qofa aanaalee 1,147 keessatti dhibee busaa kan mul'ate yoo ta’u, Gaambeellaan baay’ina namoota 100,000 keessaa 462 dhibee busaan qabamuun tatamsa’ina olaanaa agarsiiseera.
Dhibeen Gifiraa naannoo Amaaraa, Oromiyaa, fi Tigraay dabalatee naannolee saddeet keessatti tamsa'eera.
Dhuma baatii Ebla keessa naannoo Oromiyaa aanaa Dadar keessatti namoonni haaraan 96 dhibee gifiraan qabamaniiru. #AS

Ayyaanni Iid Al-Adhaa( Arafaa) Yoomi?
Ayyaanni Iid Al-Adhaa 1446ffaa guyyaa Jimaataa Caamsaa 29, 2017 ayyaaneffatama.
Guyyaa har'aa baatiin ji'a Zulhijjaa mul'attee jirti. Guyyaa boruu Roobii guyyaa jalqabaa ji'a Zulhijjaa ti.
#Haramain
#Muslim #EidAlAdha #IidAlAdhaa #Arafaa

Godina Goondar Kibbaatti balaa tiraafikaa mudateen lubbun namoota 7 darbe
Balichi Konkolaataan deddeebisaa uummataa Minibaasii namoota 18 fe’ee Goondar irraa gara Baahirdaaritti imalaa ture konkolaataa fe’uumsaa buufata Yifaag jedhamu dhaabbatee jiru waliin walitti bu’uun kan uumamedha.
Balichaan lubbuun namoota 7 yoo darbu, namoota biroorra miidhaan qaamaa cimaa fi salphaa qaqqabeera.
Namoonni miidhaan irra qaqqabe Hospitaala Addis Zamanitti wal’aanamaa jiru.
Ka’umsi balichaa qoratamaa jira.

Lammiileen Itoophiyaa 700 Miyanmaar keessatti rakkoo hamaa keessa turan gara biyyaatti deebi'an
Ministeerri Dhimma Alaa lammiileen Itiyoophiyaa Miyanmaar keessatti rakkoo hamaa keessa turan dhibba 7 gara biyyaatti deebi’uu beeksise.
Dubbi himaan Ministeerichaa Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo ibsa har'a laataniin lammiilee gara biyya isaaniitti deebisuuf ammallee karaa Imbaasii Ityoophiyaa Niiw Deelii jiruun tattaaffiin taasifamaa jiraachuu beeksisaniiru.
Dabalataaniis namoonni dhuunfaa fi dhaabbileen sobaa Ministeera irraa bakka bu’ummaa qabna jedhanii fi biyya alaatti carraa hojii fi barnootaa dhiyeessan jedhan akka jiran ibsaniiru.
Namoonni dhuunfaa fi dhaabbilee sobaa kunneenis dhaabbilee dhimmi ilaallatuun hordoffiin taasifamaa akka jiran akeekkaniiru. #AS

Hoteelonni Finfinnee sadarkaa urjii shan qaban 11 ga’an
Ministeerri Tuurizimii bu’a madaallii sadarka hoteelota kaleessaa Caamsaa 29,2025 ifoomseen bara 2025tti magaalaa guddoo biyyattii Finfinnee keessatti lakkoofsi hoteelota urjii shan qabanii kudha tokko gahuu beeksise.
Finfinnee keessatti lakkoofsi hoteelota urjii shanii saddeet kan ture ta’uu kan agarsiise ministeerichi, hoteelonni dabalataa sadii sadarkaa urjii shanii argachuu isaanii ibse.
Akka madaallii kanaan hoteelota ulaagaa keessaa dhibbeentaan 90 ol guutan sadarkaa urjii shanii akka kennameef kan eeree ministeerichi, hoteelonni ulaagaa hanga dhibbeentaa 30 guutan sadarkaa urjii keessatti akka hammataman beeksiseera.