🚀Techno teaching program🔑
84 subscribers
61 photos
5 videos
6 files
68 links
comedy,teaching,film,news and poem all in one
For more information contact admin @JWMATT
We drive the world!!!
website:https://tamirat-kebede.jimdosite.com/
Download Telegram
SIN DHIISU! =========================
Umurii ganamaa
Jaalala Ijoollummaa
Mi'ooftuu akka Dammaa
Hiriyyee ganamaa
Jaalallee haga ammaa

Dhiigakee durbummaa
Simboo Miidhagummaa
Maddii dargaggummaa
Natti yaadatama
Ijoollummaa kiyyaan
Onneef yaada kiyyaan
Takkaa si argadhee
Ofitti si fudhee
Gaafan si jaalladhe
Anaaf hayyamamtee
Atis na jaallattee
Onneekee naaf laatte
Walumaaf dhalannee
Dhandhama jaalalaa
Waliin dhamdhamannee
Walumaan tapannee
"Qoda-qodaa" jennee
Waliin dabarsine

Ayii Fira dhabnus maatii
Waaqa qabna mootii
Gatamnus karaatti
#An_sin_dhiisu_hootii
Ati yoomuu kootii

Egaa Atis yoo dulloomte
Anis yoon dulloome
Guyyaan du'aas geesse
Adda bahuun geesse
Fuula Rabbi keenyaa walumaan imalla
Gaafa obbaafannu waliin nu awwaalaa!!
Galatoomaa ============ #like.
@NASAtechnotechIngprogram