𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
10.7K subscribers
556 photos
21 videos
22 files
1.89K links
𝚃𝙰𝙵𝙰𝙺𝙺𝚄𝚁/🌍
قَناةٌ تُعنى بخدمة السنّة المحمّديّة، على صاحبها أفضلُ الصّلاة وأتمُّ السّلام.
Sunnaa Rasuulaa kaddamuuf hundeeffamte (Sallallaahu aleyhi wasallam)
Yaadaaf👇
https://t.me/Ibrahim_92taf
Download Telegram
#Seenaadhaaf....

Intala jireenya ishee keessatti namoota 7 qofa jaalatte, garuu 7ffaan baay'ee garaa nama raasa.
Namoota akkanaa kanneen qaama qalbitu kabajaa isaaniitiif ka'ee nama dhaabbata. amma waan isheen jette isiniif haa dubbisuu mee...
Jireenya koo keessatti namoota 7 kan itti hin saalfanneen walbare. Isaan sunneen dhugamatti namoota ulaagaa dhiirummaa guuttataniidha. namoota jaalalli isaanii onnee koo keessaa yoomuu hin banneedha.
Hunduu Seenaa mataa isaanii kan dubbatamee hin dhumnee fi kan dhageeffattee hin hifanne qaban.👇

#1ffaa : Inni jalqabaa Kuni nama yeroo jalqabaa akka ija koo banadheen isa argeedha, nama harka isaatii nyaadhee guddadheedha; guyyaa Ani dhaladhee addunyaa haarawa arge irraa kaasee, Isa na baadhatu; na hammatuu fi na dhungatu qofa arge.
Chocolate 🍫 fi buskutii adda addaa akka ani gammaduuf jecha naaf bita. waan barbaade yoo gaafadhe takkaa isarraa dhabee hin beeku.
inni anaaf fakkeenya koo guddaadha. innis abbaa koo kan na wajjiin dhama'eedha. Inni anaaf bar jaalallee jalqabaati, ani isa dura nama tokkoo hin jaalanne....!
#2ffaa); Inni itti aanu nama ani Isa wajjiin daa'imaa guddadhe; wajjiin taphanna; wajjumaan gangalanna; gaddaa fi gadadoos wajjiin dabarsina.
Garaa tokkoo baane; algaa tokkotu nu horataa ture; mana tokko, teessoo tokko irra nama wajjiin jiraataa turreedha. Yeroo keenya guutuu wajjumaan dabarsina. yoo ani boohe, innis imimmaan koo laalee na wajjiin booha. Akka malee qashaanee wajjiin kofalla, nyaata arganne adda kutannee walumaan nyaanna ture.
Inni sun bar ilma haadhaa fi Abbaa kiyyaati. Inni sun bar anaaf obbolaa kootii... hiriyyaa jireenya kootii yoo jetteen ni dandeessa.
#3ffaa; Sadaffaan immoo asuma dhihoo kana dhufee, giifti duree mana isaa na godhate. kabajaa fi ulfinni inni naaf qabu jechaan hin ibsamu. Yaabbattuu fi goota, hamilee fi Abjuu koo guddaa nama tureedha.
Yaabbii isaa irra na kaahatee bakka yaade hunda naan deema ture. Isa bar jaalalaa fi Rahmata waliif qabnutu iddoo tokkotti walitti nu qabe. jaalalli nuti waliif qabnu nu bira kutee... naannoo keenyaaf gaaddisa tahee jiraata.
inni sun bar Abbaa manaa koo; Abbaa ijoollee koo kan ta'e; nama bakka isaa kan biraa buufachuu hin dandeenyee fi bakka jaalala isaa jaalala biraa buufachuu hin dandeenyeedha.

#4ffaa)Eennu_laata_?
Itti_fufa.... 👇
https://t.me/tafak_or
#Seenaadhaaf...
( Haadha manaa si jaalattu manaa qabaannaan warqii addunyaa tanarraa Irra qaalii tahe manaa qabda jechuudha.)

Zamana Imaamu maalik keessa haadha manaa fi Abbaa manaattu afaan keessa Wal dhabee ture. yeroo Wal dhaban sana haati manaa kortoo/maslaalii manaa gubbaa dhaabataa turte.
Achumaa abbaan manaa akka malee itti aaree jennaan akkana jedheen:
"Dhageettaa intaloo!, yoon ati kortoo tanarraa gadi buute sin xalaaqa; yoo ol baates sin xalaaqa; yoo achi gubbatti dhaabattee haftes sin xalaaqa.. " jedheen.
Haati manaas Akka gootu dhabdee cinqamnaan... xalaaqamuu irra jettee gubbama sanii isarratti uf gadi lakkiste.. inni lafatti kufee; isheen isarratti kuftee... mataan abbaa manaa buruqee ture...
achumaa erga dandamatanii booda lafaa ol qabee akkana jedheen :
"Fidaaki Abii wa Ummii... osoo Imaamu Maalikis hin jirree ulama'oota Madiinaa guutuu walitti qabee fatwaa goosisa malee, atummaan narraa hin deemtu..." jedheen jedhama.

Hin_gooteef😁
Share
https://t.me/tafak_or