𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
12K subscribers
585 photos
23 videos
32 files
2.07K links
𝚃𝙰𝙵𝙰𝙺𝙺𝚄𝚁/🌍
قَناةٌ تُعنى بخدمة السنّة المحمّديّة، على صاحبها أفضلُ الصّلاة وأتمُّ السّلام.
Sunnaa Rasuulaa kaddamuuf hundeeffamte (Sallallaahu aleyhi wasallam)
Yaadaaf👇
https://t.me/Ibrahim_92taf
Download Telegram
#Juhaa(ShekNasraddiin)

Warri hin beekne warra beekutti haa himuu....😁

Juhaan gaafa tokko gorsaaf ummata duratti bahee ture.
👳‍♂#Juhaa: Anba teenna maal akka isin gorsuu hedu beektuu___?
👥#Ummata : "Waan isin yaaddan akkamitti beekuu dandeenya sila.." jedhaniin.
👳‍♂#Juhaa: "ka isin hin beekne bu'aa maal qaba ree haasofni koo.."/jedhee bahee deema.
Ammas turee guyyaa biraa carraan isaaniin walitti deebisa.
👳‍♂#Juhaa : Gaafima jalqabaa sana gaafataan...
👥#Ummata : " Ee...ni beekna " jedhe ummannis...
👳‍♂#Juhaa : " Ajaa'iba waan an dubbachuu hedu erga ka dura beektanii...maaf isinitti iyyaa oola ree..." Jedhee hardhas dhiitee baha.
👥Hawaasnis bitaa itti galee amma walgahanii marii eegalan. Amma booda sheekni gaafii akkanaa nu gaafata taanaan, walakkaan " ee...ni beekna" walakkaan keenya immoo "lakkaa hin beeknu.." Jennaan jedhanii waliigalan.
Ammas guyyaa #3ffaa itti deebi'ee gaafii kana gaafataan ( waan isin gorsuu hedu beektuu?)
👥#Ummata : Sagaleen ummataa wal dhabuu eegala. Muraasni " ee...ni beekna", muraasni ammoo "lakkaa hin beeknuu" jedhan.
👳‍♂#Juhaa : Wow baay'ee bareeda...baay'ee bareeda. Amma akki gootan dhageeffadhaa :
"Warri hin beekna jettan suni warra hin beeknu jedhe sana barsiisaa..."😂 jedheen jedhama.
@Ibroo

Share👇
https://t.me/tafak_or