𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
9.51K subscribers
547 photos
20 videos
20 files
1.79K links
𝚃𝙰𝙵𝙰𝙺𝙺𝚄𝚁/🌍
قَناةٌ تُعنى بخدمة السنّة المحمّديّة، على صاحبها أفضلُ الصّلاة وأتمُّ السّلام.
Sunnaa Rasuulaa kaddamuuf hundeeffamte (Sallallaahu aleyhi wasallam)
Yaadaaf👇
https://t.me/Ibrahim_92taf
Download Telegram
📮 #حقيقة

Dhiirtis intala yeroo inni laafe isa hin kaddamtu; yaala isaatiif tan hirriba dhabdu; hanga gaafa inni fayyee lafaa ol jedhutti, akka haadha isaatti tan isa kunuunsitu yoo hin fuunee... maal fuudhe jedhamaree....!

Dubartiinis nama yeroo isheen dhibamte rifatuuf; yaala isheetiif ganamaaf galgala nama yaadu; hamma danda'uun akkuma haati finna ufii kunuunsitu nama ishee kunuunsu yoo hin argannee... heerumte hin jedhamtu...!

Yeroo hundaa Rahmata Rabbiin gidduu keessan kaahe yaadadhaa... waliif Rahmata oolaa....
‏ "وجَعلَ بينَكُم مودَّةً ورحمَة".

Share👇
https://t.me/tafak_or
Rabbiin Subhaanahu wata'ala Maqoota 99 qaba... Mee amma kamtu sammuu kee keessa dursee si dhufe....?!

Comment jalatti barreessi ajrii warra dubbisee argattaa.... 👇
👉 Waa hojjachuu qofaa miti, waan hojjatan sana bareechanii hojjachutu akka dhiiroo.....!

Nama hedduu biratti beekkamtii argachuuf jecha waan hin danda'amne wahii dalaguun sirraa hin eeggamu.... homa jaalattu tokko bifa addaatiin bareechitee yoo dalagde, osoo nama tokko qofallee taatee namni si beeku yoomuu sin dagatu....

Share👇
https://t.me/tafak_or
Baatii Ramadaanaattu caala moo.... kurnyan Zul-Hijjaa tanatu caala...?!




waan amanuun isinitti ulfaatu tokko isinitti himuu Mee ?!
Ani waan arge hunda hin barreessu... garuu waanan beeku sana bifa addaatiin akka barreessu uf beeka.... uf jajuu kootii miti..... waan Rabbiin naaf kenne himadhe Alhamdulillaah...




waan ajaa'iba takka isiniif himuuf deema inshallah.... waan na ajaa'ibeef.....
#Kana_beektuu_laata...!

1) Rabbiin Ramadana qur'aana keessatti yeroo takka qofa dubbate, garuu kurnyan Zul-Hijjaa tana yeroo afurii ol dubbate....
A) Suuraa fajrii jalqabarratti,
B) Suuraa A'araaf... keeyyata 142,
C) Suuraa Hajjii keeyyata 28,
D) Suuraa Buruuj....
2) Rabbiin waa'ee Ramadaanaa irraa osoo hin dubbatin dura waggaa 13/14n dursee waa'ee kurnyan Zul-Hijjaa dubbateera.
Aayanni waa'ee kurnyan Zul-Hijjaa haasoftu aayatoota yeroo jalqabaa buufaman keessaa tokko.
Rabbiin sahaabaa Rasuulaa osoo Randaanaan hin laanjisin kurnyan Zul-Hijjaa tanaan leenjise....!
3) Kurnyan Zul-Hijjaa jechuun guyyoota ka'abaan 🕋 keessa ijaaramte....
4) kurnyan Zul-Hijjaa Guyyoota Rabbiin Nabiyyallaahi Ismaa'iliin lubbuu isaa keessa baraare....
5) Guyyoota Rabbiin lowhii Nabiyyallaahi Muusaadhaaf keessa barreesse...!
6) Guyyoonni kunneen guyyoota Rabbiin Nabiyyallaahi Muusaa keessa dubbiseen....!
7) Guyyoonni kunneen guyyoota Nabiyyallaahi Muusaan Aleyhissalaam Nyaataa fi dhugaati tokko malee halkaniif guyyaa walitti dhaabee ibaadaa keessa dalagaa tureedha.
8) Guyyaa Aayanni Islaamummaan guuttamuu ilaalchisee dubbattu keessa buufamteedha...
اليوم أكملت لكم دينكم........!
9) Inumaa Hadiisa garii keessatti akka dubbatametti guyyoonni kunneen guyyoota Rabbiin Nabiyyallaahi Daawudiif Aleyhissalaam keessa araaramedha....
فغفرنا له......!

Guyyoota salphaa nutti fakkaata... Irra hedduun keenya hanga yeroo Ramadaanaa zahmaa goonu guyyoota kana quba hin qabnu..
akkamitti Irra caaltuu guyyoota addunyaa tanaa taate jettee uf gaafattee beektaa... !?

Dhugaa hin fakkaatu mitii... !!
https://t.me/tafak_or
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
Tafakkur jechuun ana... ana jechuun Tafakkur....

Maatii jaalalaa... warra hanga hardhaa Mucaa qaldhaa kana hin beekneef.... 🙏
Zul-Hijjaa guyyaan hardhaa guyyaa 8ffaati... Guyyaa #Tarwiyaa jedhama.... guyyaa Hujjaajonni Rabbii Ibaadaa keessa eegalan...
Guyyaan boruu ammoo guyyaa 9ffaati.... guyyaa Arafaa.... guyyaa guddaadha....

Rabbiin guyyoota kanarraa warra milkaahu nu haa taasisu... 🤲
Hoo'a kanaan Wal qabatee dargaggeessi qunxaadhaan🩳 salaattan uf eeggadhaa... mogolee teessan dhoksaa.... Mogoleen owraa irraahi....!

https://t.me/tafak_or
#Arafaa.....

Rabbii koo badiin koo guddaadha... garuu Rahmanni kee badii kankoo caala guddata....
Irra naaf tari...... 🤲
Hardhi guyyaan Arafa...
اليوم يوم عرفة..

Waa'ee guyyaa kana soomuu ilaalchisee Rasuulli ( Sallallaahu aleyhi wasallam) akkana jedhan:
“ Badii waggaa darbitee fi waggaa dhuftuus akka nurraa harcaasu Rabbiin irratti hirreegadha...”

Guyyaa Arafaa caala, guyyaan Rabbiin gabroottan isaa ibiddarraa baraaru hin jiru, Rabbiin keenna guyyaa Arafaa gadi kalaahee, malaa'ikoota isaatti ittiin uf dhaada jedhan Rasuulli Sallallaahu aleyhi wasallam.
وقال ﷺ: (ما مِن يوم أكثر من أن يعتق الله فيه عبداً من النار من يوم عرفة وإنه ليدنو ثم يباهي بهم الملائكة)

Ergamaan Aalmaa (Sallallaahu aleyhi wasallam) akkana jedhan Irra caaltuun du'aa'ii du'aa'ii
guyyaa arafaati. Irra caalaan jechaa kan anii fi Nabiyyoonni anaan duraa fayyadamaa turanis jecha tana:
“ Laa ilaaha illalllaahu wahdahuu laa shariika lah, lahul mulku, walahul hamdu, wahuwa alaa kulli shey'in qadiir....”
وقال ﷺ:(خير الدعاء دعاء يوم عرفة، وخير ما قلت أنا والنبيّون من قبلي:لا إله إلا الله وحده لا شريك له، له الملك، وله الحمد، وهو على كل شيء قدير )🤍

Uf hin dagatinaa... nullee hin dagatinaa....!!
https://t.me/tafak_or
Du'aa'ii guyyaa Arafaa...

- "رَبَّنَا تَقَبَّلْ مِنَّا إِنَّكَ أَنْتَ السَّمِيعُ الْعَلِيمُ"

- "رَبَّنَا لَا تُزِغْ قُلُوبَنَا بَعْدَ إِذْ هَدَيْتَنَا وَهَبْ لَنَا مِن لَّدُنكَ رَحْمَةً ۚ"

- "رَبَّنَا آتِنَا مِن لَّدُنكَ رَحْمَةً وَهَيِّئْ لَنَا مِنْ أَمْرِنَا رَشَدًا"

- "رَبِّ اجْعَلْنِي مُقِيمَ الصَّلَاةِ وَمِن ذُرِّيَّتِي ۚ رَبَّنَا وَتَقَبَّلْ دُعَاءِ"

- "قَالَ رَبِّ اشْرَحْ لِي صَدْرِي*وَيَسِّرْ لِي أَمْرِي"

- "رَّبِّ زِدْنِي عِلْمًا"

- "لَّا إِلَٰهَ إِلَّا أَنتَ سُبْحَانَكَ إِنِّي كُنتُ مِنَ الظَّالِمِينَ"

- "رَّبِّ أَنزِلْنِي مُنزَلًا مُّبَارَكًا وَأَنتَ خَيْرُ الْمُنزِلِينَ"

- "ربنا هَبْ لِي حُكْمًا وَأَلْحِقْنِي بِالصَّالِحِينَ"

- "رَبَّنَا هَبْ لَنَا مِنْ أَزْوَاجِنَا وَذُرِّيَّاتِنَا قُرَّةَ أَعْيُنٍ وَاجْعَلْنَا لِلْمُتَّقِينَ إِمَامًا"

https://t.me/tafak_or
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
#Arafaa....

Namoota hedduu kan haajaa jajjaba Rabbiin gaafachuu didee, guyyaa Arafaa Rabbiin gaafadha jedhee... guyyaa kanaaf ol kaahate Rabbiin na garsiise... 🤲

“ Arafaa liman arafah” kanaaf jedhama adaa.... Arafaan nama itti beekee qofaaf..... kan akka kiyyaaf keetii osoma rafnu nu jala tara.....

Rabbiin nu haa milkeessu....

https://t.me/tafak_or
Udhiyyaan wal qabatee ergaa ariifachiisaa tana share naaf godhaa....!

#1fffaa: Bakka namoonni hedduun walgahanitti gatii Udhiyyaa irraa haasahuun; hiriyyoota kee biratti baasii Udhiyyaadhaan bittee fi qaalayiinsa hoolaa irraa haasahuun jaalatamaa miti ..
Ilaa....Ati kan qalaa jirtu Rabbittiin kalaahuuf malee, chirchaaroo gueguruuf miti...!

Haasaa Kee sana Rabbiin ni dhagaha immoo...!, hifachuu fi rifachuun maleetti qalbii qulqulluudhaan Rabbiif dhiheessuu qabda...!
Osoo hoolaa takka keessummaa sitti dhufeef qaluudhaaf bittee, garuu sihii gatii hoolaa Sanaa tasa dhaadhessitu si dhagahee... miira akkamii fi deebii akkamii keessumicha sanarraa argita ?!
ولله المثل الأعلى......
#2ffaa: Yeroon Udhiyyaadhaa kalaahuudhaan wal qabatee .. dargaggeesaa fi dargaggeettii islaamaa... walumaagalatti obboleewwan islaamaa gorfachuun barbaada....
Social media gubbatti.... waan Udhiyyaadhaan wal qabatu... wantoota cooraa fakkaatan suuraa fi barreeffama qoosaadhaa... copy godhuus tahee, barreessuu; ykn comment kennuu irraa uf haa qusannuu isiniin jechuu barbaada.
Yeroo hedduu hoolaa huqqattuudhaan qoosuu fi kkf hedduun waan post godhamuuf...!
Rabbiin qur'aana isaa keessatti akkana nuun jedha:

{ ذَلِكَ وَمَنْ يُعَظِّمْ شَعَائِرَ اللَّهِ فَإِنَّهَا مِنْ تَقْوَى الْقُلُوب } .

Share👇
https://t.me/tafak_or
Oolmaa guyyaa hardhaatiin Wal qabatee daqiiqaa muraasa booda na eegaa isiniif katabaa
Innaa lillaahi WA innaa ileyhi Raaji'uun
..
Sh/ Xaariq jedhaman.... nama yeroo baay'ee Gaazaadhaaf dubbataa ture... akkasuma du'aa'ii godhaa tureedha.
Guyyaa hardhaa tana, bakka ulfaattuu tanatti, guyyaa ulfaataa fi sa'aatii ulfaattu tana keessa gaara Arafaa gubbatti osoo du'aa'ii godhatu gara Rahmata Rabbii godaaneera.
Namoonni isa wajjiin turan akka irraa haasahanitti, sheekni Kun dirree Arafaatti imimmaan buusee, hirqifatee warra Gaazaatiif du'aa'ii godhaa tureera... osoo imimmaan suni ija isaarraa hin qoorin gara Rahmata Rabbii godaane.

Mashallaah Rabbiin isa milkeessee jira.... carraa kana hunda keenyatu hawwaa ture.... katmiin namaa toluun haala kanaan...
Rabbiin isaafis haa araaramu... nullee katmii nu haa tolchu... warra Gaazaafis haa birmatu....

https://t.me/tafak_or