๐—ง๐—”๐—™๐—”๐—ž๐—ž๐—จ๐—ฅ /ุชููƒุฑ
12.2K subscribers
613 photos
25 videos
32 files
2.11K links
๐šƒ๐™ฐ๐™ต๐™ฐ๐™บ๐™บ๐š„๐š/๐ŸŒ
ู‚ูŽู†ุงุฉูŒ ุชูุนู†ู‰ ุจุฎุฏู…ุฉ ุงู„ุณู†ู‘ุฉ ุงู„ู…ุญู…ู‘ุฏูŠู‘ุฉุŒ ุนู„ู‰ ุตุงุญุจู‡ุง ุฃูุถู„ู ุงู„ุตู‘ู„ุงุฉ ูˆุฃุชู…ู‘ู ุงู„ุณู‘ู„ุงู….
Sunnaa Rasuulaa kaddamuuf hundeeffamte (Sallallaahu aleyhi wasallam)
Yaadaaf๐Ÿ‘‡
https://t.me/Ibrahim_92taf
Download Telegram
โœ Ilmi namaa mucucaa fi dogoggora kee sirraa eega.. Rabbiin towbaa kankeetii fi qajeelluma kee sirraa eegaa...

Argitee garaagarumma....!! @tafak_or
โœGaloo/lolaa wallaalaa...., hidhaa/giddibii beekkumsaa qofatu nurraa dhaaba...


#Haa_barannuu... ๐Ÿ‘‡
@tafak_or
โœ Hanga wallaalaan biyya balleessu, waraanni biyya hin balleessu....

@Ibro
#Akkana_turre

โœ Kaalid binu Waliid xalayaa kisraatti (Moggaasa mootummoota Persia/Furs) hundaafakkana jedhee barreesse:
โ€œ Islaamummaa qabadhu nagaan jiraattaa, yoo didde garuu dhiira akka isin jiraachuu jaalattan du'uu jaalattu qabadhee sitti duulaa... โ€
Kisraan xalayaa erga dubbisee booda... deeggarsaa fi birmaannaa barbaacha mootummaa biyya chaayinaatti xalayaa barreeffate...
Mootummaan chaayinaas akkana jedhee deebii deebiseef:

โ€œ Yaa kisraa koo...!, Ani ummata osoo Gaara buqqisuu barbaadanii buqqisuu danda'an afoo dhaabachuuf humna itti hin qabu... โ€

#Eessa_jirra_amma๐Ÿ‘‡
https://t.me/tafak_or
โœ Ani ballaas miti... maraattuus miti... garuu gaafuma gatiin nyaataa rakasee, gatiin ilma namaa dabalu arguuf hawwee dadhabe.... !
#Ramadaana_booda_hoo?

โœ Ramadaanni keessaa bahee guyyaa muraasa lakkoofsisee jira. haala keenya kan Ramadaana keessaatiin Wal bira qabnee yoo ilaallu... mee Ramadaana booda akkam jirra ?

Aaah lubbuu koo...! guyyaa ajaa'ibaa keessa turte; salaata, dhaabbata, qaraatii qur'aanaa, sooma, zikrii, du'aa'ii, sadaqaa, tola ooltummaa fi firoottan koo jajjabeessuudhaan ibaadaa gaarii dabarsaa ture...!
โœ Mi'aa Iimaanaa dhandhamnee, maalummaa soomaa hubannee, mi'aan imimmaanii nutti muldhatee, obboroo yeroo suhuuraa Rabbitti warwaachuun aadaa keenya tahee ture.
โœ Salaanni keenya salaata nama gammachuun isaa fi jireenyi isaa hundi salaata keessa jirtuu fakkaata ture. Soomni keenya sooma nama gatii isaa beekee fi mi'aa isaa dhandhamee baree fakkaata. yeroo sadaqannu sadaqaa nama hiyyummaa hin sodaannee kennataa turre.... akkas turree... akkas turree....Ramadaana keessa akka hedduu turre.
akkasitti balbala keeyrii hunda keessa gangalachaa turre... hanga hedduun keenya... osoo duuti keenya Ramadaana booda taatee hoo jennee hawwinu takka ture.... ๐Ÿ˜ข
โœ Ramadaanni nurraa fe'atee jira... erga Ramadaanni nurraa fe'atee guyyaa xiqqoodha... baatii takkaahuu hin guunne... garuu namni qara hin salaanne kan Ramadaana keessa salaataa ture.. kan bakka durii sanatti deebi'ee meeqa...!
kan dhala nyaachaa ture, yeroof uf qusate amma dhala eegale meeqa...!, kan Haraama laaluu aadeffate, kan Ramadaanaaf irraa cite, amma eegale meeqa.. kan sigaaraa aarsuuf dhiise, Ramadaanni baanaan aarsaa jiru meeqa kam...!
โœ Nuti akkuma yeroo Ramadaanaa turtan San, Ramadaana boodas addaan hin citinaa jechuu baannus... garuu yoo xiqqaate dalagaa gaggaarii tana: Sooma, dhaabbata halkanii, sadaqaa fii keeyrii dalagannu sana osoo itti jabaannee jechuu barbaade...

Join๐Ÿ‘‡
https://t.me/tafak_or
โœ๏ธ Salaata keessatti dubartiin miila ufii muldhisuun taha moo hin tahu___?
Anonymous Poll
23%
A) Hin taha
79%
B) Hin tahu
โœ Namoonni kufaatii hedduu booda lafaa ka'an hunduu, miila ufii jijjiiranii osoo hin taane sammuu isaanii jijjiiraniiti....!

@tafak_or
#Simaaf.....

โœ Obboleetti islaamaa... hanguma uffanni kee dhiphataa dhufuun, qabriin teetis dhiphataa dhufti...
Rabbii kee sodaadhu... duuti tee guyyaa takkaa....

@tafak_or
#Yaadachiisa:

โœ Akka tasaa kaleessa osoo garee Tafakkur jalatti nama seensisu... nama maqaan isaa "Allah is my best friend" jedhu arge.
Amma garuu keessaan dubbisa jedhee barbaadee dhabe.
inshallah asumaanuu isaafis namoota biraatiifis gorsa haa tahuufan barreesse. jechoota akkanaa hedduu kan nuti dogoggora tahuu isaa hin beekne, moggaafataa oollu fi itti fayyadamaa oollu heddutu jira.

#Cuunfaan_dubbii: jechoota akka
" Hiriyyaan muslimtootaa Rabbiin qofa, Rabbii koo malee hiriyyaa fi jaalalleehis hin qabu; Rabbii keetitti waahiloomi ykn hiriyyoomi... " jechoonni jedhaman dogongora guddaadha....
wanti Aqiidaan wal qabata waan taheef uf haa eeggannuu isiniin jedha.

Galatoomaa๐Ÿ‘‡
https://t.me/tafak_or
โœ Muhaadaraan keenya ykn barnoonni Sanbata dhufuu... #laamiyaa Kutaa 6ffaan Wal qabatee:

1) Aqiidaa Howditti amanuu,
2) Baldhinna Howdii Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wasallam) ilaalchisee,
Bifaa fi hafuura bishaan kanaa ?
3) Baay'inna Makarajii/jookii fi kubbaayyaa Howdii Rasuulaa.
4) Howdiin iddoo itti argamu,
5) Nama yeroo jalqabaa Howdii irraa dhugu,
6) Nabiyyoonni hunduu Howdii mataa isaanii qaban moo Nabi Muhammad (Sallallaahu aleyhi wasallam) qofatu qaba ?
7) Namoota Howdii Rasuulaa dhuguu hin dandeenye ykn isaan irratti haraamaa,
8) Warroonni Howdii Rasuulaa irraa hammaaratan eennuun fa'a.
9) Aqiidaan Ahlussunnaa Wal jamaa'aa miizaana keessatti maal jetti ?
10) Howdiin Kuni waan amma jiraati moo hin jiru ?
11) Howdiin hin jiru warri jedhu eennu fa'i ?
12) Miizaanni guyyaa qiyaamaa jiraachuu Ragaan qur'aanaa fi Hadiisarraa maali ?
13) Miizaanni Gurraa fi arraba qabaan dhugaadhaa ?
14) Miizaana tokko qofa moo heddutu jira guyyaa sana ?
15) Guyyaa sana maaltu mazzanama ?
Abbaa dalagaati moo, dalagaa isaati moo, galmee dalagaa isaati ?
16) Kan mazzanamu ulfaatinna keeti moo, ulfaatinna kiiloo keetiiti ?
Ragaa qabdaa ?
17) Dalagaan Kuffaaraa mazzanamtii ?
18) Warri Miizaanni qiyaamaa hin jiru jedhu eennu ? maaf akkasitti mormo ?
19) Warra miizaanaan Wal qabatee si morman akkamitti keessummeessuu dandeessa ?

Kun hunduu ๐Ÿ‘‡
ูˆุฃู‚ุฑ ุจุงู„ู…ูŠุฒุงู† ูˆุงู„ุญูˆุถ ุงู„ุฐูŠ
ุฃุฑุฌูˆุง ุจุฃู†ูŠ ู…ู†ู‡ ุฑูŠุง ุฃู†ู‡ู„.....
20) Waa'ee Siraaxaa irraa...

๐Ÿ‘‰#Deebiif....Wal argaan keenya Sanabata dhufu galgala sa'aatii 3:00 irratti #Live haa tahu.

Share๐Ÿ‘‡
https://t.me/tafak_or