𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
11.7K subscribers
562 photos
22 videos
24 files
2K links
𝚃𝙰𝙵𝙰𝙺𝙺𝚄𝚁/🌍
قَناةٌ تُعنى بخدمة السنّة المحمّديّة، على صاحبها أفضلُ الصّلاة وأتمُّ السّلام.
Sunnaa Rasuulaa kaddamuuf hundeeffamte (Sallallaahu aleyhi wasallam)
Yaadaaf👇
https://t.me/Ibrahim_92taf
Download Telegram
#Psychologically....
(The greatest evidence of love...)👇

Hariiroo namoota wajjiin qabdu keessatti... namni tokko si jaalatuu isaa ragaan guddaan ati mirkaneeffatuu dandeessu... yeroo wal dhabbii qabdanitti kabaja inni siif muldhisuudha....!
Wal dhaba keessan keessattis hanga hayyamameef bira kutuu dhabuudha ...!
Yeroon Wal dhabbiidhaa.... jaalala keessatti, yeroo qormaata dhugaa ati hiriyyaa kankee/tee ittiin qormaatuu dandeessuudha....!
Namni hunduu yeroo nagaa fi tasgabbiin jiru... haasawa jaalalaa kana ni mimmi'eessa... garuu yeroo wal dhibdeen gidduu isaaniitti argame.. dhibee keessa isaa jiru hargufata.
Jaalala keessaa inni guddaan....(The greatest degree of love is...)
nama jaalattuun hanga feetes walitti buutu.... garuu nageenyii fi tasgabbiin keessa keetitti dhagahamuudha...!

Share👇
https://t.me/tafak_or
#Psychologically....

Wantoota sadi ilmi namaa bu'aa tokko malee yeroo isaa itti ajjeesu isiniif hima. isaanis:
1) Waan dabreef jettee sheenawuu ykn uf ajiifachuu...!
2) Nama biraatiin uf Madaaluu yookiin nama biraatti if fakkeessuu...
3) Nama hunda jaalachiisuuf yaaluudha...!

Hanguma ilmi namaa wantoota armaan olitti dubbadhe kanaaf, yeroodhaa fi humna isaa kennaa deemuun..., jijjiirama tokko malee yaadaa fi dhiphachuudhaan miidhamni isaa bu'aa tokko malee dabalaa dhufa...!!

Share👇
https://t.me/tafak_or