#Jaallan_koof....!
✍ Ilmi namaa jireenya isaa keessatti jaalallee isa barbaachisa....
Jaalallee karaa wajjiin imalu, jaalallee yoo inni mucucaate harka isa qabu,
yoo inni imimmaan dhangalaase isarraa haqu,
Jaalallee qoree miilaa siif baasu, kan yaada siif qabbaneessu si barbaachisa.
✍ Jaalallee wayta si bira jiru boohartiidhaan akka waan addunyaan guutuun si bira jirtuutti si guutu...!
Yoo si wajjiin imala bahe, qalbii kankee jaalalaan guutu.....
Bakka inni si wajjiin jirutti, sodaa wanti jedhamu kan onnee keessatti bakka hin qabne; kan yaadni yeroo Hun qabne.
Hiriyyaa wayta wantoonni hedduun harkaa si bahuu gahanitti, qabee harka kee keessatti si deebisu..... hiriyyaa yeroo ati karaa keetirraa maqxe, karatti si qaceelchu si barbaachisa....!
✍ Jaalallee wayta ati Abdii muratte Aayata qur'aanaa tan Abdii sitti hortu sitti dubbisu, wayta ati milkooftu Nashiidaa milkaahinnaa siif barreessu..!
Kan wayta karaan sitti dhiphatee, rakkoon sitti heddummaatte.... Jannataa fi qananii Jannataa irraa sitti haasahu...., kan wayta sheeyxanni dirree tantee seene, cabsee sirraa baasu....! jaalallee akkanaa si barbaachisa....!
✍ Jaalallee yoo ati Abdii fi yaada gaarii kennituuf, inni jaalala siif kennu....!
Yoo ati tasgabbii fi nageenya keessa isaatiif ergitu.... inni jaalala dhuma hin qabne baasee siif kenna....!
Waadaan gidduu keessan jiru, dawaa rakkoo gidduu teessan jirtu furu malee, dhakaa laphee teessan irratti ulfaatu kan hin taane wahii....!
Wadaadhaan wanti hunduu namaaf salphataa deema...!, adaduma kuftuun waadaa waliif seentan yaadachaa.... humnaa fi Abdii guddaa onnee kee keessatti horataa dhufta...!
✍ Lubbuun teessan gaggaariin, waadaa waliif galtee, walitti boohartee, akka dhiiga tokkootti wal keessa danbalaatee.... akka waan waadaan keessan haada gidduu keessan walitti hidheetti...
Niyyaa toluun waan baay'ee bareeda.... hiriyyoota akkanaa argachuun immoo waan sana hunda irra caalu....
Hiriyyaa gaarii Rabbiin isiniif haa hiru....
🖋 @Ibro....
Share👇
https://t.me/tafak_or

Telegram
𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
𝚃𝙰𝙵𝙰𝙺𝙺𝚄𝚁/🌍
قَناةٌ تُعنى بخدمة السنّة المحمّديّة، على صاحبها أفضلُ الصّلاة وأتمُّ السّلام.
Sunnaa Rasuulaa kaddamuuf hundeeffamte (Sallallaahu aleyhi wasallam)
Yaadaaf👇
https://t.me/Ibrahim_92taf