𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
11.2K subscribers
559 photos
21 videos
23 files
1.95K links
𝚃𝙰𝙵𝙰𝙺𝙺𝚄𝚁/🌍
قَناةٌ تُعنى بخدمة السنّة المحمّديّة، على صاحبها أفضلُ الصّلاة وأتمُّ السّلام.
Sunnaa Rasuulaa kaddamuuf hundeeffamte (Sallallaahu aleyhi wasallam)
Yaadaaf👇
https://t.me/Ibrahim_92taf
Download Telegram
🌷 Assalamualaikum obboleewwan koo hunduu.... ergaa tana qalbirraa waan barreesseef dubbisaa...!

Dhiifama nama gaafachuun mallattoo qaroominnaa fi guddinnaa hanguma taheen... garuu bakka hunda dhiifamni balleessaa namaaf hin sirreessu...!
👉 Dhiifama kan siif godhu, osoo hin beekin tasa miila koo irra yoo ijjatte malee, gaafa Onnee kootirra miilaan deemtee miti....!
👉 Dhiifamni kan godhamu gaafa ati burcuqqoo bishaanii ykn qalama ani jaaladhu na jalaa cabsite malee....gaafa hamilee kiyya cabsitee miti....!!
👉 Gaafa ati Kitaaba akkaan jaaladhu siif ergise, qola Kitaaba kootii irraa cirtee naaf galchite malee....gaafa ati kabajaa fi ulfinna ani qabu, kan itti si amane sana na jalaa madeessitee miti....!!
Obbolaaa....
Yeroo tokko tokko dogoggoroota "#dhiifama" jechuun namaaf hin sirreeasinetu jira...!
Altokko tokko madaan madoofte suni,dhiifama caalaa gadi fageenya qaba...
waraansi ati waraannamte.... jecha dhiifama jettu sana caala keessi isaa qilata...!,
Cabiinsi ati cabde... qurciinsi/ sukkuummiin addunyaa tanaa guutuun walitti osoo qabamee, siif qurcuu dhabuu danda'a...!

Asumaanuu dogongorri irra hin dabramnes jira....
👉 Bakka madaa kootii akka na dhukkubu osoo beektu miila keetiin narra deemtee, dhiifama jechuun baay'ee ulfaataadha...!,
👉 Iccitii ufiiyyuuu lubbuu tiyya dhokfadhu wahii sitti himadhee, iccitii sana baasuuf jettee na sodaachisaa.... booda dhiifama na gaafachuun baay'ee ulfaataadha...!
👉 Hiriyyummaa ishee daangaa hin qabne takka sitti hiriyyoomee, ati jibbaa fiddee na keessa facaastee.... irra naaf dabri jechuun baay'ee natti ulfaataa beeki....!
#Obboleessa_koo....!,
Iddoo tokko tokko goonkumaa airreessuun baay'ee namatti jabaata...!,
Bishaan yeroo hunda bakka yaa'a isaatti hin deebi'uu beeki..., deebi'us bishaan ciisaa tahee hafa, bishaan gaafa ciise ni ajaawa... bishaan ajaan isaa ufitti sin kaleessine osoo dheebuun si laaffistee jiraattellee, dhuguun sitti jabaataa beeki...
👉 Osoo Albee ati ittiin na waraante irraa dhiigni hin gogin dhuftee dhiifama naan hin jedhin...!, Afaaniin ustee na biraa deemutu naaf bareedaa na amani...!
👉 Qalbii kiyya keessatti qaawwa jechamni addunyaa tanaa guutuun osoo walitti qabamee, guutuu hin dandeenye, na keessatti hanbiftee dhiifama nan gaafatin....
👉 Obboleessa/ttii koo erga harka kee turee... harkaa na baafattee... deebitee harka koo hin qabin...
🖋 @Ibroo keessan....
Nagaan naaf turi.....!

Share👇
https://t.me/tafak_or