𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
10.2K subscribers
551 photos
21 videos
21 files
1.85K links
𝚃𝙰𝙵𝙰𝙺𝙺𝚄𝚁/🌍
قَناةٌ تُعنى بخدمة السنّة المحمّديّة، على صاحبها أفضلُ الصّلاة وأتمُّ السّلام.
Sunnaa Rasuulaa kaddamuuf hundeeffamte (Sallallaahu aleyhi wasallam)
Yaadaaf👇
https://t.me/Ibrahim_92taf
Download Telegram
𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
Dubartiin laguun jirtu qur'aana qara'uu dandeessii_____?
Dubartiin laguudhaan jirtu qur'aana qara'uu dandeessi___?

Deebiin A)...
Garuu gaafii kana keessatti ulmaa'iin bakka lamatti wal qoodan. innis ;

#1ffaa) Warra laguudhaan qara'uu hin dandeessu jedhaniidha... (Mazhabni gurguddaan 3 karaa kanarra jira... Abuu Haniifaa; Shaafi'ii fi Ahmed)
Raggaan isaanii maali___?👇

A) Hadiisa Ibnu Umar kan dubartiin heeydii qabduu fi namni Janaabaa qabus qur'aana hin qara'u jedhuudha...garuu hadiisni kun laafaadha/ضعيف.
B) Janaabaa fi heydiin akkuma tokko jedhan... erga Janaabaadhaan qur'aana qara'uu hin dandeenye heydiin inumaa San caala jabaata jedhu.

#2ffaa) Warra hin dandeessi jedhuudha... (Mazhaba Maalikii fi Sheykul Islaab IbnuTeymiyaa fi Ibnu Baazis karaa kanarra jiru..)
Ragaan isaanii maali____?
👇
A) Ragaan qabatamaan hadiisaa fi qur'aanaa irraa, dubartiin laguu qabdu qur'aana hin qaraatu ykn zikrii hin gootu jedhu hin jiru... beekkamaadha dubartiin gadaa Rasuulaas inuma heydofti.
B) Yeroon heydiidhaa akka malee dheeratee qur'aana dagachuunis ni sodaataman.. kanaafuu qara'uu qabdi jedhu.
C) Aa'ishaan Radiyallaahu anhaa bakka hajjidhaaf harramattetti heydiin itti dhufnaan ergamaan Aalamaa akkana jedhaniin...
"Beeytii hin xawaafin malee waan warri hajjii dalagu hundaa dalagi...." hujjaajni qur'aanas ni qara'a....!
D) Hadiisni warra jalqabaas laafaa tahuu fi Janaabaa fi heydii walitti fakkeessuunis, waan fudhatama hin qabne....
Janaabaa yeroo barbaaddetti dhiqachuu dandeessa... heydiin ammoo yeroo dheeraa sirraa fudhaachuu danda'a.

kanaafuu deebiin A).
Share👇
https://t.me/tafak_or
🌺 Simannaaa Ramaadaanaa ilaalchisee, qoqqoodamiinsa ilma namaa....:

💫 Namoonni gariin gabayaadhaan simatu.
👉 Baatiin Ramadaanaa yoo dhihaatte, namoonni waa bitan heddummachuu irraa gabayaan gabayaa Ramadaanaati jedhamti..
👉 Gosoota nyaataa hedduu bituudhaa fi nyaata hedduu Ramadaana keessa qopheessuuf baajanni isaan baasan gar malee guddaadha...
Bira dabree Irra hedduun isaanii Akka waan baatii nyaataa fi dhugaatii simataa jiraniitti, nyaataa fi dhugaatii mana keessatti qopheessuu irratti wal dorgoman....
👉 Heddumminna nama waa bituu irraa hanga meeshaan rakasaas, miskiinota waan qabne irratti qaalahu takka, gabaan seensa Ramadaanaa qaaliidha...
👉 Kanaafuu Ramadaana keessa namoota hedduu biratti nyaanni bifa addaatiin ka qophaahu garta... garuu gosoota nyaataa San hunda keessaa wanti irraa nyaatamu xiqqoodha... kan hafe Israafa...
#2ffaa: Namoota yeroo Ramadaanni seensaaf kalaahe, Meeshaa taphaa fi yeroo Ramadaanaa qaalii sana ittiin guban qopheeffatantu jira.
Ramadaana keessa dadhabbii fi beelli akka nutti hin dhagahamne jedhanii... Meeshaa taphaa kan yeroo ittiin guban, osoo Ramadaanni hin seenne dursanii qopheeffatu..!

3ffaa(#itti_fufa).... Share👇
https://t.me/tafak_or
Irra milkaawaan namaa Ramadaana keessa nama waa 7n armaan gadii walitti qabateedha. Isaanis:

#1ffaa: Ramadaanni kaayyoo guddaadhaaf dhufe... kaayyoon Ramadaanni dhufeef tuni Rabbiin biratti waa hunda caalaa gatii qabdi... namni Ramadaana keessa kaayyoo tanatti gahe dhugaa milkaahee jira... kaayyoon tunis #Iklaasa jedhamti..
Ati Rabbiif jecha guyyoota 29/30 ni soomanta... Ramadaanni gochaa fi jecha kee keessattis akka uf madaaltu si godhà...!
Yoo dubbattu Rabbiif jecha dubbatta; yoo dalagdu Rabbiif jecha dalagda..
Ati gabricha Rabbiiti.. hanga yoomii lubbuu kankee sossobda...!, maaliif waan dalagdu isaaf qofa hin qulqulleessine...?
Ramadaanni akkamitti akka lubbuu kankee sirreesaituu fi uf leenjistu si barsiisa... hanga yoomii kijibaan; munaafiqummaan; gantummaa fi jireenya sobaa keessa jiraatta...?
Ramadaanni akkamitti akka Rabbiif qofa hojjattu.. akka fedhii nama tokkoo guutuuf jecha ati hin deemne si barsiisa...!

Namoonni Ramadaana iccitii guddaa kanaan banattan baga gammaddan... innis Rabbiin eeggachuudha.
لعلكم تتقون......
#2ffaa....
Share👇
https://t.me/tafak_or
#Faatihaa_fi_Arkaana_islaamaa
Faatihaa keessa Maqaan Rabbii keenyaa (Subhaanahu wata'ala) 5 jira. Shananuu Arkaana Islaamaatti qajeelcha.
1) Alhamdulillaah... (lillaahiin) mallattoo laa ilaaha Illallaah uf keessaa qaba...
2) Rabbil Aalmiin ..... (Rabbi) Salaataaf ...
3) Arrahmaan Zakaadhaaf..
4) Arrahiim Soomaaf...
5) Maaliki yoomiddiin.... Hajjiidhaaf....
Maqoonni Rabbii kunneen hunduu Arkaana islaamaatiin wal gala...

Mee koottaa baldhinnaan haa ilaalluu...!
#1ffaa: Allaah....
👉 Fakkeenyaaf namni islaamummaa seenuu barbaadu tokko... osoo laa ilaaha illa____? A) Rahmaan; B) Maalik, C) Rabb; D) Allaah... bakka duwwaa sana yoo qubee D guute malee islaamummaa seenuu hin danda'u...
Kanaafuu Alhamdulillaah jechi jalqabaa Laa ilaaha Illallaahu tahuu nuu ibsuuf dhufte...!
#2ffaa:Rabbil Aalmiin...
Hunduu Rabbiif salaata... Rabbiin qulqulleessa... ( Dhakaa fi mukni, namaa fi Jinniin... hanga malaa'ikaan baatuttuu...)
ولِله يسجد من في السماوات والأرض...
Rabbiin iddoo biraatti Salaataan Tasbiiha jedhee moggaasee jira.... kanaafuu Salaanni (Rabbil Aalmiin) Wal gala.

#3ffaa...(#itti_fufa)👇
https://t.me/tafak_or
Du'aa'ii qur'aana keessaa tartiibaan.
#2ffaa
- ﺭﺑﻨﺎ ﻣﺎ ﺧﻠﻘﺖ ﻫﺬﺍ ﺑﺎﻃﻼ ﺳﺒﺤﺎﻧﻚ ﻓﻘﻨﺎ ﻋﺬﺍﺏ ﺍﻟﻨﺎﺭ.
- ﺭﺑﻨﺎ ﺇﻧﻚ ﻣﻦ ﺗﺪﺧﻞ ﺍﻟﻨﺎﺭ ﻓﻘﺪ ﺃﺧﺰﻳﺘﻪ ﻭﻣﺎ ﻟﻠﻈﺎﻟﻤﻴﻦ ﻣﻦ ﺃﻧﺼﺎﺭ.
- ﺭﺑﻨﺎ ﺇﻧﻨﺎ ﺳﻤﻌﻨﺎ ﻣﻨﺎﺩﻳﺎ ﻳﻨﺎﺩﻱ ﻟﻺﻳﻤﺎﻥ ﺃﻥ ﺍﻣﻨﻮﺍ ﺑﺮﺑﻜﻢ ﻓﺂﻣﻨﺎ، ﺭﺑﻨﺎ ﻓﺎﻏﻔﺮ ﻟﻨﺎ ﺫﻧﻮﺑﻨﺎ ﻭﻛﻔﺮ ﻋﻨﺎ ﺳﻴﺌﺎﺗﻨﺎ ﻭﺗﻮﻓﻨﺎ ﻣﻊ ﺍﻷﺑﺮﺍﺭ.

- ﺭﺑﻨﺎ ﻭﺍﺗﻨﺎ ﻣﺎ ﻭﻋﺪﺗﻨﺎ ﻋﻠﻰ ﺭﺳﻠﻚ ﻭﻻ ﺗﺨﺰﻧﺎ ﻳﻮﻡ ﺍﻟﻘﻴﺎﻣﺔ ﺇﻧﻚ ﻻ ﺗﺨﻠﻒ ﺍﻟﻤﻴﻌﺎﺩ.

- ﺭﺑﻨﺎ ﺃﺧﺮﺟﻨﺎ ﻣﻦ ﻫﺬﻩ ﺍﻟﻘﺮﻳﺔ ﺍﻟﻈﺎﻟﻢ ﺃﻫﻠﻬﺎ ﻭﺍﺟﻌﻞ ﻟﻨﺎ ﻣﻦ ﻟﺪﻧﻚ ﻭﻟﻴﺎ ﻭﺍﺟﻌﻞ ﻟﻨﺎ ﻣﻦ ﻟﺪﻧﻚ ﻧﺼﻴﺮﺍ.

- ﺭﺑﻨﺎ ﻇﻠﻤﻨﺎ ﺃﻧﻔﺴﻨﺎ ﻭﺍﻥ ﻟﻢ ﺗﻐﻔﺮ ﻟﻨﺎ ﻭﺗﺮﺣﻤﻨﺎ ﻟﻨﻜﻮﻧﻦ ﻣﻦ ﺍﻟﺨﺎﺳﺮﻳﻦ

- ﺭﺑﻨﺎ ﺍﻓﺘﺢ ﺑﻴﻨﻨﺎ ﻭﺑﻴﻦ ﻗﻮﻣﻨﺎ ﺑﺎﻟﺤﻖ ﻭﺃﻧﺖ ﺧﻴﺮ ﺍﻟﻔﺎﺗﺤﻴﻦ.
- ﺭﺑﻨﺎ ﺍﻓﺮﻍ ﻋﻠﻴﻨﺎ ﺻﺒﺮﺍ ﻭﺗﻮﻓﻨﺎ ﻣﺴﻠﻤﻴﻦ، ﺃﻧﺖ ﻭﻟﻴﻨﺎ ﻓﺎﻏﻔﺮ ﻟﻨﺎ ﻭﺍﺭﺣﻤﻨﺎ ﻭﺃﻧﺖ ﺧﻴﺮ ﺍﻟﻐﺎﻓﺮﻳﻦ.

- ﺭﺑﻨﺎ ﻻ ﺗﺠﻌﻠﻨﺎ ﻓﺘﻨﺔ ﻟﻠﻘﻮﻡ ﺍﻟﻈﺎﻟﻤﻴﻦ ﻭﻧﺠﻨﺎ ﺑﺮﺣﻤﺘﻚ ﻣﻦ ﺍﻟﻘﻮﻡ ﺍﻟﻜﺎﻓﺮﻳﻦ.

- ﺭﺏ ﺇﻧﻲ ﺃﻋﻮﺫ ﺑﻚ ﺃﻥ ﺃﺳﺎﻟﻚ ﻣﺎ ﻟﻴﺲ ﻟﻲ ﺑﻪ ﻋﻠﻢ ﻭﺇﻻ ﺗﻐﻔﺮ ﻟﻲ ﻭﺗﺮﺣﻤﻨﻲ ﺃﻛﻦ ﻣﻦ ﺍﻟﺨﺎﺳﺮﻳﻦ.
Share👇
https://t.me/tafak_or
𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
Namtichatu haadha warraa isaa dhaane. Si himadha jettee boohaa biraa baate... 👳‍♂ Abbaa manaa: Yoo karaa mana kanaa ittiin gadi baatu argatte kaa.. kan na himattu.. 🧕 Haadha warraa: Waan na dhoorkitee dandeettu sitti fakkaataa...!! 🧕 Abbaa manaa dinqisiifate…
@Seenaadha...

#2ffaa....
👳 Abbaan manaas ishee dhiisee, gara teessuma isaatti deebi'uun, afaaniin caldhisee, taa'ee yaaduu eegale...
🧕 isheenis salaatatti seente... sujuuda ishee garmalee dheeressite... yoo isiin salaata geessitee.. harka ishee lamaan gara Rabbiitti ol kaastu... 🤲,
👳 Abbaan manaa ishee lafaa utaalee, harka ishee erga qabee booda akkana jedheen:
" Ka sujuuda keessatti natti kadhatte siif xiqqaatee... ammas natti kadhachuuf moo.. mee sanumatti geeffadhu....
Yeroodhaaf aarii tasaati... yaadee osoon taane tasa na mudate.... jedheen.
🧕 Haati manaas akkana jetteen:
" Kanaafii bar anuu hanga ammaa hunda du'aa'ii siif godhaa jiru kan xumuruu dadhabeef.... "
Ani bar kan kadhataa ture sheeyxaana walitti nu buusetti malee...
Ani gowwaadhaa kan Abbaa manaa koo; gammachuu jireenya kootii irratti du'aa'ii kadhadhuuf....!!
👳‍♂ Abbaan manaas imimmaan dhangalaasaa... harka ishee lamaan dhungatee akkana jedheen:
" Hardha booda si dhaanuu mitii, akka sin aarsine waadaa siif gala...! "
Seenaa kanarraa akka barnoota argattan Abdii qaba... obboleetti too, abbaan manaa kankee ati gabrittii taanaaniif innis gabra dhugaa siif taha...!
Dubartiin amaanaadha ...

Share👇
https://t.me/tafak_or
بِّسْمِ اللَّهِ الرَّحْمَنِ الرَّحِيمِ

Hiikkaa #Suuratul_Qadrii...

إِنَّا أَنزَلْنَاهُ فِي لَيْلَةِ الْقَدْرِ
1) Nuti buufnee jirra qur'aana kana, halkan leeylatulqadrii keessa
.

Halkan tuni maaliif leeylatulqadri/ليلة القدر jedhamte___?
Mooggasa kana keessa ulmaa'iin sababni adda addaa akka jiru nuuf himanii jiru. innis:
#1ffaa: leeylatulqadri jechuun halkan guddinnaa jechuudha...
qadriin sadarkaa ykn guddinna.
kanaafuu Rabbiin qur'aana keessatti akkana jedha:
وما قدروا الله حق قدره...
"Rabbiin guddinna isaan malu guddisuu hin dandeenye..."
#2ffaa: Dhiphinna jechuudha...
Heddumminna Malaa'ikoota halkan sana keessa gara dachee gadi duudan irraa kan ka'e dacheen ni dhiphatti jechuudha.
👉 Halkan isa keessa dacheen gabroottan isaatiin dhiphattu.
Ragaan kanaa qur'aana irraa👇
ومن قدر عليه رزقه...
"Nama Rizqiin isaa itti dhiphatte...."
#3ffaa: Qadrii jechuun murtii jechuudha..
halkan isa keessa murteen dabartuudha...
#4ffaa: Namni hiree hin qabne guyyaa sana keessa abbaa hiree ykn carraa taha.
#5ffaa: Halkan isa keessa qur'aanni kabajaa qabu buufame; Rahmanni kabajaa qabduu fi Malaa'ikoonni kabajaa qaban bu'an jechuudha...
#6ffaa: Halkan barakaa jechuus ni taha...
إنا أنزلناه في ليلة مباركة .....

#itti_fufa....
Share👇
https://t.me/tafak_or
Haa'iyyaa Kutaa #2ffaa




sa'aatii 2 booda nu eegaa...
3:00-3:45
𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
#Zul-Hijjaa keessa keeyrii armaan gadii saamachuu dandeessu. Keeyrii 50 ol dalagachu ni dandeessa:👇 1) Salaata fardii irratti jajjabaachuu, 2) Soomana Sunnaa fi gaafa guyyaa Arafaa soomuu, 3) Laa ilaaha illalllaah, Subhaanallaah, walhamdulillaah, Wallaahu…
Keeyrii Zul-Hijjaa keessaa Kutaa #2ffaa ..

26) Salaata towbaa salaatuu,
27) Raka'aa lamaan wuduu'a booda salaatuu,
28)Nasihaa ykn dhaamsa gaggaarii waliif dabarsuu...
29) Wallaalaa waa barsiisuu,
30) Gaarittii Wal ajajuu hamtuu irraa wal seeruuf,
31) Miidhamaadhaaf tumsuu,
32) ija gadi qabachuu,
33) Obboleewwan Rabbiif jecha wwal jaalattuun ziyaaruu,
34) Salaata Janaazaa deemuu,
35) Dhibamaa gaafachuu,
36) Yaamicha siif godhame awwaachuu,
37) Nama yaada keessa jiru tokko booharsuun,
38) Salaatarraa baatee... hanga salaanni gahuuf teessee eeggachuu,
39) Masjida deemtee halaqaata Ilmiidhaa dhageeffachuu,
40) Ulmaa'ii kabajuun,
42) Islaamummaa keessatti namoota waan islaamummaa nama shakkisiisaa fidan irratti deebii gahaa laachuu....
43) Sunnaa Rasuulaa facaasuu,
44) Kennaa adda addaa waliif kennuun Wal gammachiisuu
45) Fuula Rabbiitiif jecha obboleessa muslimaa tokko deemtee harka fuudhuu...
46)Manguddoo kabajuun...
47) Deyni ykn Idaa namarraa kafaluu...
48) Mallaqa nama haajaa qabuuf, namaaf liqeessuun...,
49) Nama mallaqa liqeessiteefii siif kafaluu dadhabee yeroo kennitee eeggachuun,
50) Idaa nama irraa qabdu tokko, dhiisuufiis baattu hamma wahii qarqaaruu....
🖋@Ibroo

51
..#Itti_fufa.... Share godhaa👇
https://t.me/tafak_or
Udhiyyaan wal qabatee ergaa ariifachiisaa tana share naaf godhaa....!

#1fffaa: Bakka namoonni hedduun walgahanitti gatii Udhiyyaa irraa haasahuun; hiriyyoota kee biratti baasii Udhiyyaadhaan bittee fi qaalayiinsa hoolaa irraa haasahuun jaalatamaa miti ..
Ilaa....Ati kan qalaa jirtu Rabbittiin kalaahuuf malee, chirchaaroo gueguruuf miti...!

Haasaa Kee sana Rabbiin ni dhagaha immoo...!, hifachuu fi rifachuun maleetti qalbii qulqulluudhaan Rabbiif dhiheessuu qabda...!
Osoo hoolaa takka keessummaa sitti dhufeef qaluudhaaf bittee, garuu sihii gatii hoolaa Sanaa tasa dhaadhessitu si dhagahee... miira akkamii fi deebii akkamii keessumicha sanarraa argita ?!
ولله المثل الأعلى......
#2ffaa: Yeroon Udhiyyaadhaa kalaahuudhaan wal qabatee .. dargaggeesaa fi dargaggeettii islaamaa... walumaagalatti obboleewwan islaamaa gorfachuun barbaada....
Social media gubbatti.... waan Udhiyyaadhaan wal qabatu... wantoota cooraa fakkaatan suuraa fi barreeffama qoosaadhaa... copy godhuus tahee, barreessuu; ykn comment kennuu irraa uf haa qusannuu isiniin jechuu barbaada.
Yeroo hedduu hoolaa huqqattuudhaan qoosuu fi kkf hedduun waan post godhamuuf...!
Rabbiin qur'aana isaa keessatti akkana nuun jedha:

{ ذَلِكَ وَمَنْ يُعَظِّمْ شَعَائِرَ اللَّهِ فَإِنَّهَا مِنْ تَقْوَى الْقُلُوب } .

Share👇
https://t.me/tafak_or
🫵 Ibsa gabaabaa waa'ee dubartiin qur'aana laguudhaan osoo jirtu harkaan tuquu dandeessi moo hin dandeessu jedhu irratti .

بسم الله الرحمن الرحيم
Assalamualaikum warahmatullaahi wabarakaatuh jechaa....
https://t.me/tafak_or
Jalqabas akkuma isiniin jechaa ture... irra deebiidhaanis baga gammaddan ijoolleen shamarranii jechuu barbaada.
👉 Dubartiin islaamaa takka yeroo xuriin laguu irra jirutti qur'aana tuquun ragaa qur'aanaa fi hadiisarraa qabsiifameen dhoorkaa akka hin taane isiniif ibsuu barbaada. Ragaan mataduree kanaan Wal qabatee haraamummaa ibsu Ragaa laafaa tahuu isiniif hima.
Tafsiirri Aayata xahaaraan malee hin tuqan jettuu...
لا يمسه إلا المطهرون
Tafsiirri inni dhugaa
akkuma Aayata salaatatti hin dhihaatinaa jettuuti...
#1ffaa:.... Qur'aana xahaaraadhaan qara'utu irra filatamaadha waan jedhuun wal qabsiisee...wal dhibdeen takkas hin jirtu... Qur'aana kalaama Rabbiitiinis kan malu xahaaraadhaan dubbisutuu irra bareedaadha...
Akka Rasuula irraa nu dhaqqabetti (Sallallaahu aleyhi wasallam) Rasuulli maqaa Rabbii "Salaam" kan jedhamu xahaaraa malee maqaa dhahuu
didanii jiru....
Rasuulli akkuma fakkeenya qullubbii nyaachuu hin jaalanne, kanas didan... qullubbii nyaachuu diduun isaanii haraamummaaf osoo hin taane.. hafuura saniin Rabbiin maqoo bahuu diddaadhaaf...!!
Kuni Istihbaabaaf... ykn waan jaalatamaa fi filatamaa wahii tahuu isaa ibsa malee waan biraa miti.
#2ffaa: Dubartii laguun jirtuu fi dhiiga dhalaatiin jirtuuf qur'aana harkaan tuquun Haraamaa ?! isa jedhuuf....
#Deebiin...
Haraamaa miti.. qur'aanaa fi hadiisarraa ragaan haraamummaa kennu hin jiru waan ta'eef....
Amma waa'ee qur'aana qara'uu osoo hin taane, harkaan tuquudhaati kan dubbataa jirru...
#3ffaa: Warroota Aayata qur'aanaa
لا يمسه إلا المطهرون
Jettuun ragaa godhatanii, qur'aana heydiidhaan tuquun dhoorkaadha jedhaniin hoo maal jenna.

#Deebiin....
#1) Aayanni jalqabumarraahuu waa'ee qur'aana gidduu keenya jiruu tuquu fi tuquu dhabuu osoo hin taane... kitaabal-maknuun/ Kitaaba dhokfamaa ykn Rabbiin biratti tikfamaa, samii keessa jiruu sana haasahaa jirti..
في كتاب مكنون.....لا يمسه إلا المطهرون
jedhaa jirti....
Kanaafuu aayanni qur'aana Rabbiin bira jiru san irraa haasawaa jirti....
Sahaabaan guddaan Abdallaa binu Abbaasis Kitaaba samii keessa jiru tahuu isaa nuuf hime.
عن ابن عباس : ( لا يمسه إلا المطهرون ) قال : الكتاب الذي في السماء .
#2) Qur'aana keessatti Muxahharuun/مطهرون jechuun warroota wuduu'a qabanii fi hin qabne jechuu osoo hin taane... ummata qulqulluu #Malaa'ikaa jechuudha...
Kanas warroonni gurguddaan Abdallaa binu Abbaas irraa eegalee hiika kanatti hiikanii jiru..Akkuma sana Anas, Mujaahid, Ikrimaa, Sa'iid binu Jubeyri, Dahaak, Jaabir fi Abdurehmaan binu Zeydi binu Aslam fi fakkaattonni isaanii hedduun akkana jedhanii jiru.
عن ابن عباس : ( [ لا يمسه ] إلا المطهرون ) يعني : الملائكة . وكذا قال أنس ، ومجاهد ، وعكرمة ، وسعيد بن جبير ، والضحاك ، وأبو الشعثاء جابر بن زيد ، وأبو نهيك ، والسدي ، وعبد الرحمن بن زيد بن أسلم ، وغيرهم .
Kanaafuu Mushafa Lowhal-mahfuuz keessa jiru san malaa'ikoota keessa warroota Rabbitti dhiheenya qaban qofatu tuqa jechuudha...!!
#3) Aayanni tun Kabariyya/خبرية jedhamti... Rabbiin murtee dabarsaa jira osoo hin taane... qabatama haala yeroo keessa jiran irraa haasahaa jira...
Hin tuqinaa jedhee murtee kennee osoo hin taane, ummata qulqulluu San malee namoonni biroo hin tuqanii bar jedhee nutti himaa jira.
hin tuqinaa jechuu miti... nama hedduu akkas itti fakkaatee dogongora keessa seeneera.
👉 Rabbiin Aayata tanatti ilma namaa hin banne walumaagalatti...
Imaamu maalik akka gabaasanitti aayanni tuni akkasuma fakkeenya Aayata Suuraa #Abasaa keessa jirtuudha jedhan...
كلا إنها تذكرة....فمن شآء ذكره.....بأيدي سفرة...كرام بررة....
Safaraan bakka kanatti malaa'ikoota qulqulluu sana.. warroota Kitaaba San tuqaniidha jedhe...
@Ibroo

Share👇
https://t.me/tafak_or