𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
9.83K subscribers
550 photos
20 videos
21 files
1.82K links
𝚃𝙰𝙵𝙰𝙺𝙺𝚄𝚁/🌍
قَناةٌ تُعنى بخدمة السنّة المحمّديّة، على صاحبها أفضلُ الصّلاة وأتمُّ السّلام.
Sunnaa Rasuulaa kaddamuuf hundeeffamte (Sallallaahu aleyhi wasallam)
Yaadaaf👇
https://t.me/Ibrahim_92taf
Download Telegram
🫵 Ibsa gabaabaa waa'ee dubartiin qur'aana laguudhaan osoo jirtu harkaan tuquu dandeessi moo hin dandeessu jedhu irratti .

بسم الله الرحمن الرحيم
Assalamualaikum warahmatullaahi wabarakaatuh jechaa....
https://t.me/tafak_or
Jalqabas akkuma isiniin jechaa ture... irra deebiidhaanis baga gammaddan ijoolleen shamarranii jechuu barbaada.
👉 Dubartiin islaamaa takka yeroo xuriin laguu irra jirutti qur'aana tuquun ragaa qur'aanaa fi hadiisarraa qabsiifameen dhoorkaa akka hin taane isiniif ibsuu barbaada. Ragaan mataduree kanaan Wal qabatee haraamummaa ibsu Ragaa laafaa tahuu isiniif hima.
Tafsiirri Aayata xahaaraan malee hin tuqan jettuu...
لا يمسه إلا المطهرون
Tafsiirri inni dhugaa
akkuma Aayata salaatatti hin dhihaatinaa jettuuti...
#1ffaa:.... Qur'aana xahaaraadhaan qara'utu irra filatamaadha waan jedhuun wal qabsiisee...wal dhibdeen takkas hin jirtu... Qur'aana kalaama Rabbiitiinis kan malu xahaaraadhaan dubbisutuu irra bareedaadha...
Akka Rasuula irraa nu dhaqqabetti (Sallallaahu aleyhi wasallam) Rasuulli maqaa Rabbii "Salaam" kan jedhamu xahaaraa malee maqaa dhahuu
didanii jiru....
Rasuulli akkuma fakkeenya qullubbii nyaachuu hin jaalanne, kanas didan... qullubbii nyaachuu diduun isaanii haraamummaaf osoo hin taane.. hafuura saniin Rabbiin maqoo bahuu diddaadhaaf...!!
Kuni Istihbaabaaf... ykn waan jaalatamaa fi filatamaa wahii tahuu isaa ibsa malee waan biraa miti.
#2ffaa: Dubartii laguun jirtuu fi dhiiga dhalaatiin jirtuuf qur'aana harkaan tuquun Haraamaa ?! isa jedhuuf....
#Deebiin...
Haraamaa miti.. qur'aanaa fi hadiisarraa ragaan haraamummaa kennu hin jiru waan ta'eef....
Amma waa'ee qur'aana qara'uu osoo hin taane, harkaan tuquudhaati kan dubbataa jirru...
#3ffaa: Warroota Aayata qur'aanaa
لا يمسه إلا المطهرون
Jettuun ragaa godhatanii, qur'aana heydiidhaan tuquun dhoorkaadha jedhaniin hoo maal jenna.

#Deebiin....
#1) Aayanni jalqabumarraahuu waa'ee qur'aana gidduu keenya jiruu tuquu fi tuquu dhabuu osoo hin taane... kitaabal-maknuun/ Kitaaba dhokfamaa ykn Rabbiin biratti tikfamaa, samii keessa jiruu sana haasahaa jirti..
في كتاب مكنون.....لا يمسه إلا المطهرون
jedhaa jirti....
Kanaafuu aayanni qur'aana Rabbiin bira jiru san irraa haasawaa jirti....
Sahaabaan guddaan Abdallaa binu Abbaasis Kitaaba samii keessa jiru tahuu isaa nuuf hime.
عن ابن عباس : ( لا يمسه إلا المطهرون ) قال : الكتاب الذي في السماء .
#2) Qur'aana keessatti Muxahharuun/مطهرون jechuun warroota wuduu'a qabanii fi hin qabne jechuu osoo hin taane... ummata qulqulluu #Malaa'ikaa jechuudha...
Kanas warroonni gurguddaan Abdallaa binu Abbaas irraa eegalee hiika kanatti hiikanii jiru..Akkuma sana Anas, Mujaahid, Ikrimaa, Sa'iid binu Jubeyri, Dahaak, Jaabir fi Abdurehmaan binu Zeydi binu Aslam fi fakkaattonni isaanii hedduun akkana jedhanii jiru.
عن ابن عباس : ( [ لا يمسه ] إلا المطهرون ) يعني : الملائكة . وكذا قال أنس ، ومجاهد ، وعكرمة ، وسعيد بن جبير ، والضحاك ، وأبو الشعثاء جابر بن زيد ، وأبو نهيك ، والسدي ، وعبد الرحمن بن زيد بن أسلم ، وغيرهم .
Kanaafuu Mushafa Lowhal-mahfuuz keessa jiru san malaa'ikoota keessa warroota Rabbitti dhiheenya qaban qofatu tuqa jechuudha...!!
#3) Aayanni tun Kabariyya/خبرية jedhamti... Rabbiin murtee dabarsaa jira osoo hin taane... qabatama haala yeroo keessa jiran irraa haasahaa jira...
Hin tuqinaa jedhee murtee kennee osoo hin taane, ummata qulqulluu San malee namoonni biroo hin tuqanii bar jedhee nutti himaa jira.
hin tuqinaa jechuu miti... nama hedduu akkas itti fakkaatee dogongora keessa seeneera.
👉 Rabbiin Aayata tanatti ilma namaa hin banne walumaagalatti...
Imaamu maalik akka gabaasanitti aayanni tuni akkasuma fakkeenya Aayata Suuraa #Abasaa keessa jirtuudha jedhan...
كلا إنها تذكرة....فمن شآء ذكره.....بأيدي سفرة...كرام بررة....
Safaraan bakka kanatti malaa'ikoota qulqulluu sana.. warroota Kitaaba San tuqaniidha jedhe...
@Ibroo

Share👇
https://t.me/tafak_or