𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
9.41K subscribers
547 photos
20 videos
20 files
1.78K links
𝚃𝙰𝙵𝙰𝙺𝙺𝚄𝚁/🌍
قَناةٌ تُعنى بخدمة السنّة المحمّديّة، على صاحبها أفضلُ الصّلاة وأتمُّ السّلام.
Sunnaa Rasuulaa kaddamuuf hundeeffamte (Sallallaahu aleyhi wasallam)
Yaadaaf👇
https://t.me/Ibrahim_92taf
Download Telegram
#Ramadaana_booda_hoo?

Ramadaanni keessaa bahee guyyaa muraasa lakkoofsisee jira. haala keenya kan Ramadaana keessaatiin Wal bira qabnee yoo ilaallu... mee Ramadaana booda akkam jirra ?

Aaah lubbuu koo...! guyyaa ajaa'ibaa keessa turte; salaata, dhaabbata, qaraatii qur'aanaa, sooma, zikrii, du'aa'ii, sadaqaa, tola ooltummaa fi firoottan koo jajjabeessuudhaan ibaadaa gaarii dabarsaa ture...!
Mi'aa Iimaanaa dhandhamnee, maalummaa soomaa hubannee, mi'aan imimmaanii nutti muldhatee, obboroo yeroo suhuuraa Rabbitti warwaachuun aadaa keenya tahee ture.
Salaanni keenya salaata nama gammachuun isaa fi jireenyi isaa hundi salaata keessa jirtuu fakkaata ture. Soomni keenya sooma nama gatii isaa beekee fi mi'aa isaa dhandhamee baree fakkaata. yeroo sadaqannu sadaqaa nama hiyyummaa hin sodaannee kennataa turre.... akkas turree... akkas turree....Ramadaana keessa akka hedduu turre.
akkasitti balbala keeyrii hunda keessa gangalachaa turre... hanga hedduun keenya... osoo duuti keenya Ramadaana booda taatee hoo jennee hawwinu takka ture.... 😢
Ramadaanni nurraa fe'atee jira... erga Ramadaanni nurraa fe'atee guyyaa xiqqoodha... baatii takkaahuu hin guunne... garuu namni qara hin salaanne kan Ramadaana keessa salaataa ture.. kan bakka durii sanatti deebi'ee meeqa...!
kan dhala nyaachaa ture, yeroof uf qusate amma dhala eegale meeqa...!, kan Haraama laaluu aadeffate, kan Ramadaanaaf irraa cite, amma eegale meeqa.. kan sigaaraa aarsuuf dhiise, Ramadaanni baanaan aarsaa jiru meeqa kam...!
Nuti akkuma yeroo Ramadaanaa turtan San, Ramadaana boodas addaan hin citinaa jechuu baannus... garuu yoo xiqqaate dalagaa gaggaarii tana: Sooma, dhaabbata halkanii, sadaqaa fii keeyrii dalagannu sana osoo itti jabaannee jechuu barbaade...

Join👇
https://t.me/tafak_or